Akkamiif attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Meeqa keessantu guyyaa ashaaraa ilaalchisee biqiltuu dhaabe? Biqiltuu dhaabuu jechuun bar akkuma ilmoo haaraa argachuu nama gammachiisaa.
Bona darbe kana gara Oromiyaa Kibbaa, godinoota Gujii lamaanii hojiif deemeen ture. Bonan jedhe nadhageessanii? Eeyyee bona darbe keessa gara godinoota Gujiifi Gujii lixaa deemeen ture. Ajab yaa Gujii! Ajab yaa magariisa! Ajab yaa kabajaa namni biqiltuudhaaf qabu!
Kanumarraa kan ka’e aniifi warri na wajjin hojiif imale hundi ajaa’ibamnee bakkewwan deemne hundatti suuraa ka’aa turre. Ani yeroo tokko tokko akka waan ijjiikoofi filaashiin kaameeraarraa ifu bosona miidhagaa san nujalaa nyaatuttin sassataan ilaala ture. Waanuma ijjikoo duguugee lafarraa fixu natti fakkaate.
Egaa imaluma keenya keessatti gara Qanxichaa buunee gaara Qanxichaa daaw’anne. Gaarri kun halaalaa yommuu ilaalamu waan manguddoon tokko kootii boora uffatee taa’ee caama ganamaa qaqqaammatu fakkaata. Ani kanuma taajjabeen manguddoota jiraattota naannawaa sanii wajjin haasaa jalqabe. Osuma haasaa keenya isa miidhagaa haasofnuu jaarsi arrabni isaanii damma roobsu tokko “Dhagayi yaa ilma kiyya,..” naan jedhan harka mirgaatiin areeda isaani filataa.
“Gaarri Qanxichaa kan amma akkanatti daalachaayee akkuma atuu jette maanguddoo kootii boora uffate fakkaata jette kun dur bar gaara maanguddoo gaabii adii uffatee jalaan kobbortaa magariisa uffatee dhaabbatee Waaqaaf galata galchu fakkaata ture” naan jedhanii ijasaanii gadi cabsanii muka xiqqoo harka bitaatiin qabatanii turaniin lafa xuxxuquu eegalan.
Miirrisaanii miira gaabbii haata’uu miira gaddaa addaan baasuuf nama rakkisa ture. Yaada kaasaa turan akka naaf xumuraniif jecha oljedhee gara gaara Qanxichaa ilaalee deebisee garasaanii ilaalee maanguddoo gaabii uffatee jalaan immoo kobbortaa magariisa uffatee dhaabbatee Waaqaaf galata galchaa jirun maanguddoo kootii boora uffatee taa’ee caama ganamaa qaqqaammatu kanaan walbira qabee qalbii kiyya keessatti deddeebisee yaaduu jalqabe. Manguddoo isa jalqabaa santu sammuu koo keessatti chaappeffamee hafe. Maanguddoo gaabii adiifi kobbortaa magariisa uffatee dhaabbatee Waaqaaf galata galchu san…
Akka waan akka hirribarraa dammaqaa jiraniitti quqummaadaa “ Dur abbootiin keenya maal akka jechaa turan sitti himuu?…”
“Maal jechaa turan laata?”
“Gaara Qanxicharraa hurriin funyaan daa’imarraa hindhabamu jedhu ture” naan jennaan dafee kan sammuutti nadhufe maangudduma sani. Gaara Qanxichaarraa hurriin akka hidhabane…hurriinis gaabii maanguddichi uffatan ta’uun hubadhe.
Maanguddichi deebisanii… “Kan si ajaa’ibu gannaa bona gaara Qanxichaarraa hurriin hindhabamu ture. Sanirraan bosona gaara qanxichaa borofatu keessaa utaala ture.” Yoona kana kobbortichi maal akka ta’en hubadhe. Bosona magariisa. “Qanxichi gubbaan hurriinsaa jalaan bosonnisaa waan ilaalamee hinquufamne ture” naan jedhan.
Dargaggeessi haasaaf dabaree eeggachaa jiru tokkommoo “Anumtuu hamma ta’e itti qaqqabeen ture. Qanxichi gubbaan bosona jallimmoo sookoofi taantaalamii qaba. Gaarri badhaadhaan akka Qanxichaa argamaa dhiiroo? jedhee hiriyootasaa gaafate.” Innillee Qanxicha jedhe malee Gujiin guutummaansaa qabeenya uumamaatiin badhaadhaa ta’uusaa anuu ragaadha.
Ana kan ajaa’iba natti ta’ee hamma yoonaatti sammuu keessaa nabaduu didee yeroo hunda yaadatti nadhufu haala itti bosonni akka hinmancaane itti eeggatan. Waggaa sadii duran wayita abbootiin Gadaa baallii walharkaa fuudhanin hojiif gara Gujii yeroo jalqabaaf imale ture.
Maarreekaa yeroo kana sirni Gadaa adeemsifamuu cinaattimmoo barnoonni adda addaa ni taasifamu ture. Osoo haala naannawa san jirutti gammannee dinqisiifachaa jirruu akka tasaa ijji keenya gara hiriira addaa tokkorra buute.
Yoona kana amalli gaazexeessaa silaa maalummaa waan tokkoo gaafachuudhaa maaliif akka namootni hiriiran gaafannaan dubartiin tokko gara sanduuqa guddaa warra hiriiran dura jiruu tokko natti argisiiste. Yoona kana maal akka ta’e baruufan hawwe. Calliseeman kaameeraakoo rarraafadhee gara saanduuqichaa deeme?
Ummanni maal ilaalaa jira jedheen nama daawwachiisaa jiru tokko gaafadhe. Namtichis natti dheekkamee “Deemii hiriira qabii akka nama kamittuu ilaali naan jedhe.” Osoon kadheeyis akka tole naaf hinjenne beekeen calliseetuma gara duubaa deemee hiriirakoo qabadhee dhaabadhee wanta saanduuqicha keessaa ilaalamaa jiru ilaaluuf of qopheesse.
Namoonni ana fuuldura jiran lakkoofsaan beekuu baadhullee tilmaamaan garuu dhibba lamaa ol inuma ta’u. Kan ana fuuldura jiran dinqisiifadheen of duuba ilaale. Sekondii muraasa keessatti namoonni hedduun ana duubaan hiriira qabatanii tura. Ofirra gaggaragalee ilaaleen akkuma nama ofiikoo waajjin haasa’uutti sagaleekoo gadi qabadhee “Garuu maaliif hiriirree….? Maal daawwachuufii ? jennaan dubartiin ana duuba jirtu tokko gaaffii kiyyaaf haata’uu haala gaaffii kiyyaaf hiriirichaaf haata’uu maaliif akka akkasitti qasaate osoo nutti hinhimin kolfa furdaa guyyaa ayyaana waggaa qofaa kolfamu tokko kolfite.
Xiqqoo aarus garuu aariinkoo akka narraa hinbeekamneef jedheen gara namticha ana fuuldura jiruu tokko ilaale. Yoona kana namtichis keessakoo naaf hubatee “Bineensa addaa bosona fixu tokko ilaaluuf hiriirree jirra” naan jedhe. Bineensa addaa bosona fixu… bineensa addaa…bineensa saanduuqa keessatti ilaalamu.
Bineensa utaalee nama hin nyaanne. Bineensa namni kamuu ilaalee taajjabbiidhaan afaansaa qabatee duubatti deebi’u. Bineensi kun maali? Hiriirri keenya bifuma naamusa qabuun gara fuulduraatti adeemaa jira. Namni shan yommuu nahafu intalli durbaa takka akkuma saanduqa keessatti bineensicha ilaaltee iyyitee daftee naannawaa sanii baqatte.
Dhahanni onnee kiyyaa nidabale. Namni ana fuulduraa akkuma ilaaleen kaameeraakoo sisirreeffadhee yommuun gara fuulduraa tarkaanfadhu namtichi saanduqicha daawwachiisu kaameeraadhaan kaasuun akka hindanda’anme nattimee ijumakootiin akkan saanduqicha keessatti bineensicha ilaaluuf naa eeyyamame.
Hargansuu cimaa tokko harganeen sodaachaatuma gara saanduuqichaa deemee keessa isaa ilaaluuf of qopheesse. Yoona sodaachuu kiyya ilaalee natti fakkaata namtichi daawwachiisu “Namni dhukkuba gaggadoofi dhukkuba onnee qabu osoo ilaaluu baatee filatama” naan jennaan ittuun sodaadhe. Garuu murteesseera kufus laammii kaasee dammaaf aannaniin nakunuunsu keessan jira jedheen onnadhee gadi jedhee bineensicha bosana fixu ilaale. Dhugaa hamma sekondii sanaatti bineensi bosona fixu ana ta’uukoo hinshakkinen ture. Eeyye saanduqicha keessatti daawwitii guddaa tokkoon of ilaale. Torban torban hosee nuuf haata’u.
Qalbeessaa Magarsaa
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011
4 Comments to “Imaanaa abbootii qabdii ijoollee”