Ashamaa ilmaan aayyaa…baga ofkaltan. Baga cidha Biqiltuu Abbichuurraa haftan. Misirroon keenya, Abbichuunis baga gammadde yaa ilma Abbaa Gadaa…
“Gammannee gammadii
Doktora Jaalalaa
Abiyyii Ahmadii…”
siin jedhe wellisaa Fandisheen. Dhugaadha! abbaa cidhaa caalaa eenyutu gammada? Torbee darbe waa’eedhuma cidha kanaarratti waa walin jennee barii cidhaa gammachuudhaan akka walitti deebinu abdannee hundi keenyayyuu akka daboo kanarraa hinhafne adaraa waliin jennee addaan bahuun keenya ni yaadanna.
Cidha akkanaa namni hundi hamileedhaan guutamee xiqqaa guddaan, beekaa wallaalaan dhiiraa dhalaan, Islaamaa Kiristaanaan, abbaa araddaafi keessummaan, Faranjiifi Habashaa, deessuufi hoosiftuun, dhukkubsataafi fayyaan, okkolaafi bargaafataan, misirroon tokkoyyuu osoo hinhafin…nama waamame dhiisii sareen hinwaamaminillee kan irratti argamte cidha guddaa saba addunyaa afaan qabsiise umrii kootti argees dhagahees hinbeeku.
Anumti masluufni kun gaafas jajjabaadheen of arge, Raajiidha. Otoo marii koo har’aatti hingalin dura Waaqayyoo qananii kanaan nu gahe hunda caalaa galateeffachuun barbaada. Inni badhaasa akkanaa kana nurratti haa irraanfatu; kan biraas dabalee nuuf haa kennu. Waaqni Oromtichaa ulfina bara baraa kana ammalle nutti haa uwwisu; waaroo salphinaa nurraa haa dhabamsiisu.
Barii ashaaraa kaane sana naannawa sa’aatii waareetti bilbilli koo kan harkaa sagalee wahii dhageessifte; sagalee ergaan na qaqqabuu akeeku. Eenyuu laatammoo ergaa jarattii naa gamsiisan sanii jedheen of gaafachaa harka koo golgaa kofoo kootiitti naqee bilbila koo gadi baase.
Warra lakkoofsa gaggabaabaa tokkoon ‘SMS’ ammaa amma namatti erganii nama nuffisiisan tokko isin hin mudannee laata? Kan narraa dhaabii hinqabne; kan abbaa itti himatan hinbeekne; kan jaraa hinlakkaa’u fakkaata bilbilli akkuma bishaan lagaa waan barbaadan waraabanii ganamaa galgala namatti bulgaafatan.
Isaan keessaa inni tokko Afaan Oromoo beeka fakkaata waanuma jaalalaa ykn tiisisni ija meeqa akka qabdu quba qabaachuu keenya nu barsiisuuf waanuma hallee nutti xebena…kamiifuu bilbila koo bane ennaan ilaalu jara miti gara biraati.
Ergaa nama guddaati. Isaan faarsuuf otoo hintaane barreeffama jecha tokkoon naa ergantu battala na mirqaansee lafaa ol na bute…maal inni jettee na gaafatte haati manaa koo na cinaa teessee seequufi gammachuu koo argite. Kunoo jedheen bilbila dura qabeen itti mul’ise.
Mataduree koo isa torbee kanaa kanuman godha jedheen. Ishiis gammachuun cidha kaleessaa keessa jira waan ta’eef eeyyee sirritti jirra jedhiiniiti barreessi jettee naaf mirkaneessite. Obbo Charinnat Hundeessaa turan ergaa kana kan naa barreessan.
Gulaalaa Olaanaa Gaazexaa Bariisaati. “Jirtuu?” jedha ergaan ‘SMS’n isaan naa ergan…jecha tokko kan hiiknisaa kumaati. Akkam jedhee akka deebisu dhibaadha. Nutis maatii ‘Bariisaa’ taaneerraa waan ta’eef nagaadhuma nu gaafachuuf ta’a kan isaan jireenya keenya nu gaafataniif jedhe qalbii takkaan haati warraa koos guyyaan har’aa maal inni jettee na gaafatte gaafa Sanbatni dhihaatu akka bilbilan waan beektuuf.
Maatii Bariisaati, akkuman isiniin jedhe takka takka networkiin keenyas waan dhibaa’uuf bilbilli koo yemmuu isaan rakkisu kan haadha warraa kootiin waan naa bilbilaniif maatii ta’uun keenya barreeffama qofaaf walii bilbiluurra darbee kan firaati. Nagaa ho’aadhaan walgaafanna. Ergaa furdaa jecha tokkoon na bira gahe kana garuu akkuma ‘ashamaa’ fa’atti bira darbuu hinbarbaanne; ergaansaa ‘xiillaa’dha. Gadi fagoo jechuu kooti.
Kanaaf erga isaan “Jirtuu” siin jedhanii atis jabeessii sagalee ol fuudhiiti “Jirra” jedhiini jiraachuu keenya itti nuuf himi naan jette haati warraakoos saanduqa yaadaati isheen anaaf. Waa’ee ishee yeroo biroo waanan isinii qoodu qaba. Otoo jennuu ministirii kan saddeetii fudhattee amma saglaffaa keessa jirti; da’uuf jetti isiniin jedha.
Dubartiin yeroo ulfaa qaamaafi sammuudhaan wayita dhiphattutti giiftiin koo cidha Abbichuutiin gammachuun gammadde irraa hingalle waan ta’eef kanas mirqaana san keessa taateeti kan ishiin “JIRRA” jedhii deebisiif naan jette.
Yaa jarattii koo mee Waaqa naa kadhadhaaf akka nagaadhaan ishii naa oofkalchu. Maaloo yookaa qeerroo yookiin ammoo qarree takka gumaachuuf jennaa saba guddaa Oromoo kan bara hunda akkuma isa kaleessaa cidha Abbichuu irratti raajii hojjate hoggayyuu raajii hojjetaa jiraatu kanaaf adaraa naa eebbisaa…Waaqayyo dhala fardaa haa godhuuf naa jedhaanii… Ammayyuu waanuma kanan yaadaa isiniif barreessaa jira, tarii yoo yaanni koo isin harkaa ciccite sababiinsaa isuma. Waaqayyoo dubartii deessuu hunda nagaadhaan haa ofkalchu! Wayyoo yaa cinqiisaa…kan isaan balbala du’aa gahanii deebi’an haa hafuutii kanumti nuti warri dhiiraa kan adeemsa ulfeessisuu keessatti ittigaafatamummaa guddaa fudhannuyyuu lafa lixnu dhabna, cinqamuurraa kan ka’e…Inni kun “hat trick” kooti yoo Rabbi jedhe. Isa sadaffaa koo jechuudha. Isheedhaaf ammoo afraffaa. Akkamittii? Guyyaa biraa itti deebina.
Kabajamtoota lammii koo kan ashaaraa haaraa kaa’attan JIRTUU? Wayyoo farda yaadaatiin ofii koos badee isinis fudheen bade mitii? “Jirra” naan hinjettanii ree? Kan armaan olitti diinqa koo fudhee akkan isiniin lixu na taasise sababii filannoo mataduree barreeffama koo isa har’aa waan ta’eefan isinitti munaage.
Hammeenya hinqabu, otuma rakkoon biraas na mudatee godoo koo seentanii ciisa koof kan maatii kootii daaw’achuu keessani. Yoon rakkadhes isinumatu naa qaqqaba…lammiitu lammiif gaachana hinjenneeree Lammaan bara buqqaatii sana? Kanaafuu deebiin ergaa ‘SMS’ Obbo Charinnatiif barreesse Jirra akka ta’un murteesse.
Jirtuu? Jirraa!
Jirtuu? Jirraa!
Qabsoo keenyaan ni moona!
Adoolessi 22 bara 2011 addunyaadhaaf guyyaa haaraadha. Afrikaafi Itoophiyaaf guyyaa addaati. Oromoodhaaf ammoo guyyaa lammaffaa itti dhalateedha. Misirrootu Abbichuudha malee kan faayame Oromoo kooti. Yaa Itoophiyaanana Waaqayyo inuma si eebbise kan harka Oromoo si buuse.
Ji’oota muraasa dura waa’ee biqiltuu dhaabuu kana ilaalchisee haasaa ministirri muummeen walgahii mana maree bakka bu’oota ummataarratti dhiheesse yemmuu dhageenyu baay’een keenya ‘namichi maal ta’e, maal biqiltuu dhaabuu waan guddaa godhee haasa’aa, ajandaa meeqa otoo jiruu’ jennee harkatti tuffachaa turre. Amma dhuguma hojii biqiltuu isa nuti baadiyyaatti tuffannee gannee bira dabarre waan raajii godhee orma duraanuu bineensa bosonaa godhee nu ilaalu nutti kofalchiisaa jedhaa turre.
Sammuun nu dhuufeera jechuu dha. Inni sirriidhuma jira. Kunoo addunyaa harka kennachiise kaa. Miidiyaan addunyaa lafarra deemu hundi guyyaa kana waanuma biyya keenyaa alanfataa oole. Addunyaa waraanaafi qoccolloo siyaasaatiin waxalamte, Awurooppaa sababa faalama qilleensaatiin ho’aan waxalamaa ibiddaan gubamaa jirtu; Eeshiyaa galaanaafi rooba hamaadhaan raafamaa jirtu; walwaraansa baha giddugaleessaafi kanneen biroo qofa hafarsaa ooltu guyyaa tokkoofis tahu haara galfachiise wanti Wixata darbe biyya keenyatti ta’e.
Hundi keenyayyuu kun ni ta’a jennee hin yaadne. Waan tokko garuu nu hunduu irratti waliif galla. Bishaan laga xiiqii cuqqaallatanii dhugu jedhama. Xiiqiin Oromoo hunda keessa jiru tokko nu godha. Sababiinsaas kabjani gootummaa kanaan dhufu kabaja ilmaan abbaa Gadaa kan mataa biyyaa ta’aniidha. Ulfina Oromtichaati.
Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011
3 Comments to “Ashaaraa Haaraa”