Reenfiyyuu gaaddisa barbaada

Akkamiifi attamitti jirtu? Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Jirra kunoo oduu hiraa… baalaadaraan bulaa….kkkk. “muu yaa haadhatoo jette!” Haati Dammaa gaafa aannan leencaa quuftu daandiirra teessee. Yaa Haadha Dammaa! Jaartii afaan dammaa! Haasaan ishee kan mi’aawu! Jaartii bareedduu! Haadha Dammaa waggaa meeqa boodan alana arge isinitti fakkaate? Waggaa 23 booda. 

Eessatti naan hin jettanii? Awwaala haadhasaanii irrattin isaan arge. Ahaa isaanoo ofii isaanitiifuu jaartiidha, akkamitti umrii kanaan haadha qabaatan naan jettu ta’ammoo yoona kana. Eeyyee haati Dammaa bara kana akka tilmaama kiyyaatti waggaa 80 inuma darbu.

Akka lakkooofsasaanitti akaakayyuunsaanii waraanarratti wareegamee torban booda guyyaa Jimaataarra dhalatani. Waraanni akaakayyuunsaanii itti hirmaatan waraana kam akka ta’e, bara kam keessa akka ta’e Waaqa malee namni beeku hinjiru. Osoo Gadaa lakkaa’anii barana Gadaa hamma kanaa nyaadheera jedhanii silaa umriisaanii inuma tilmaamna ture.

Kanarratti haati Dammaa balleessaa guddaa balleessan. Maalumaafuu kunoo haati isaanii tilmaamaan jaarraa tokkoo ol jiraatanii dhala dhala dhala isaanii dhaloota shan arganii umriisaanii xobbee kanatti boqataniiru.

Ilma ilmasaanii tokkotu akaakileenkoo duute jennaan fe’adhee deeme. Dhugaa dubbachuuf ani nama jaarraa tokkoo ol jiraatee du’ee dhiisaatii nama jaarraa walakkaa jiraatee du’eefuu yeroo tokko tokko ija nawaraananiyyuu imimmaan naa hinbu’u. Isallee garaan boo’u malee ijji imimmaan hinbuusu.

Egaa haati Dammaa isheen durii… kan Jootee Tulluu faarsitu sun amma dulloomuu baatanillee fuullisaanii qoncooree…funyaansaanii dheeratee… ijjisaanii moqommoqxee… miillisaanii walhidhaa kudhan harganaa yommuu gara awwaalaa deeman sagalee dadhabaadhaan “Haadhakoo…deesseekoo…hiriyaakoo…obboleettiikoo…” jechaa deeman tasa sagaleen beeku tokko natti fakkaatee yommuun ofirra garagalee ilaalu isaanuma. Akkuma Oromoon “Ijji baddu bakkeen ijaa hinbaddu” jedhu jaartiin  kun dulloomanis isaan isaanuma. Har’as akkuma durii simboo qabu. Nibareedu. Ani naasuun natti dhagahame. Nan gammades.

Ijoollummaakoon yaadadhe. Haadha Dammaa…jaartii afaan dammaa. Osuman afaan bane isaan ilaaluu intalli balaafamtuun tokko wacaa dhuftee boolla jaartiidhaaf qophaa’ee keessa buutee dhaabattee boo’ichashee ittifufte. Boo’icha ishee keessatti “Siif hinmalle akkookoo…maaloo bakka kee ani haa awwaalamu. Ani haadu’u!” waan hinjenne hinqabdu.

Namni tokko tokko gaabiidhaanis shaarphiidhaanis kan shaarpiis gaabiis hinqabne maarrabiidhaan afaan saa qabatee nama boowu fakkatee kolfaa ture. Waan goonu wallaalle. Kolfaan ukkaamamne. Animmoo waan tokko kanin afaankoo ittiin dhokfadhee ittiin kolfu hinqabun ture waan ta’eef osoon hinbeekin ukkaammiin hafuurakootii dhoohee sagaleekoo olkaasee kolfee namoota ukkaamamanii turan hunda bilisa base.

Hunduu yoona kana lafa daa’imaa kolfe. Namoonni akka haadha Dammaa aariidhaan nu ilaalaa turan. Intalittiin garuu booyichashee addaan kutuu didde. Booyichillee homaa miti garuu boolla keessaa bahuu diddee “wajjumaan na awwaaltan malee” jette! Warri reenfa awwaaluuf qophaa’an waan godhan wallaalan. Ni kadhatamte. Nididde. Boodarra jaarsi tokko hokkoosaanii mirmirsaa gara iddoo awwaalichaatti yommuu dhufanin arge.

Jootee Tulluu! Ajaab yaa dhiirummaa! Ajab yaa qeenxii! Ajab yaa of jaja jaarsa sanii! Ajaab yaa sagara fardasaa durii san! Kanneen hundatu ija dura nadhufe. “Jootee Tulluu dargaggeessaa, lootee hindhuftuu lafti addeessaa” weedduu haadha Dammaa sanin yaadadhe. Har’as akkuma durii san shilingii naaf kennaa laata.

Har’as akkuma durii san mana haadha Dammaatti na ergee namni jiraafi hijiruu addaan baasee akkan ittihimuuf nakadhataa laata? Har’as lo’ee dhufee haadha Dammaatti maramee dhungataa laata? Kana hundan yaade. Osoo shilingattii san naa kennee deemee shankoorakoo bitadhee ciffachaa ijoollee hiriyootakoo gojomaasiseein hawwe. Muu yaashilingii. Amma mee shilingiin maal bittii? Homaa!

Jootee Tulluu hokkoosaa mirmirsee akkuma dhufeen sagaleesaa balaqqee gaara sochoosu saniin “Mucayyoo awwaala keessaa hinbaatuu…nus jaartii duutes maaliif aduudhaan waxalta” jedhee itti iyye. Yoona namoonni waa’ee reenfa jaartii aduudhaan waxalamuu dhagahee kan durii caalaa ifumatti kolfe. Animmoo kana argadhee dhiisaatii duruu sababan ittiin sagaleekoo olfuudhee kolfuun dhabee rakkachaan ture waan ta’eef akkuma harree halaakuttin afaankoo banee akka farda imimsutti imimse.

Mucayyittiinis “hinba’u! Duuti kun akkoo kootiif hinmalle”

Jootee: “Erga duuti jaartii jaartee daa’imummaatti deebiteef hinmallee eenyuuf malaree?”

Mucayyoo: “Anaaf mala” yommuu jettuun garmalee  aaruudhaan Jootee Tulluu hokkoosaatiin gara boollaatti argisiisaa “siif malaa? Ergasuu ciisi! Ijoolle biyyoo itti naqaa. Jaartiidhaaf boolla biraa qotaa!” jedhee yommuu ofirra gaggaragalu namoonni hundi kolfaan du’aa jiru. Yoona aaranii onneensaanii kan bara dargaggummaa sun kakaate nama dhaabatee jiru tokkorraa akaafaa fuudhee biyyoo haree intalattiirratti naqe. Yoona kana waanuma akka tiyaatira komedii ilaalaa jirruutti kolfaan fincaan ofirratti gadhiisne.

Yommuu intalattiin utaaltee boolla keessaa baatu hunduu kan duraa caalaa boo’e. “Eecha abbaakee” jedhe Jootee Tulluu harkasaa dhadhahachaa! Haati Dammaa akkuma haati isaani awwaalamanii biyyoon itti deebi’een gara iddoo awwaalchaa dhufan.

Ijoollee dhagaa awwaalicharra kaa’uuf turan harkasaanii qabanii “Sammuu haadhakoo kan dhadhaa malee homaa hinbeeknerra dhagaa keessuu? Adaraa seeraa adaraa mangiftii…adaraa Waaqa isin uumee mataa haadha kiyyaarra dhagaa hinkaa’inaa!” jedhanii yommuu wacan namoonni hundi waan jedhan wallaalanii walii waliisaanii ilaaluutti ka’an.

Yoona haati Dammaa feestaalii gurraacha tokko keessaa biqiltuu ejersaa tokko baasanii fidanii seerumaan karaa mataa awwaalichaatin dhaabanii “Haati tiyya gaaddisa jaalatti! Yeruma hunda gaaddisa ejersaa jala teessee ejersaan ilkaan rigatti turte. Haatikoo muka dhaabuu, kan dhaabates kunuunsuu nijaalatti ture.

Kanaaf gaaddisa akka isheedhaaf ta’uuf jecha kunoo muka ejersaa kana dhaabeefii jira!” jennaan ummanni diqisiifannaan awwaalicha bashannanaa xumure. Isinoo akkami guyyaa ashaaraa magariisaaf qophooftanii? Ecci maaliimmoo waan ta’e barreessuuf jedheen hirribni naqabe. Hirriiba keessa waan hintaane barreessee isiniin walitti bu’uurra torbanuma fuula ifaan walarguu nuu wayya.

Qalbeessaa Magarsaa
kelbemeg@gmail.com

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

4 Comments to “Reenfiyyuu gaaddisa barbaada”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: โคมไฟ
  3. Pingback: Stripchat promo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *