Torban lakkoofnee walitti deebineerra. Torba Maali? Tapha ijoollee isin yaadachiiseen gara dhimma kootti deebi’a. Torban gabaa sanbataa, jahan jabbii qaraxaa, shanan quba harkaa, afran mucha saawwaa, sadeen sussummani, lamaan mucha re’ee, takkeen takkittuma. Torban gabaa sanbataatti yeroo hunda dubbistoota koo waliin dirree yaada bilisaa Bariisaarratti walagarra. Isinis yaada bilisaan gaaf-tokko akka as baatan abdiin qaba.
Wiixata dhufu daboo cimaa tokko qabna; daboo namni tokkollee irraa hinhafne, daboo biqiltuu dhaabuu. Abbaan daboo Ministra Muummichaa (MM) Abiyyi Ahimadi. Namtichi ummatoota Itoophiyaa hunda daboo kadhateera. Anis daboo MMtiif kadhachiisa hiriyoota koo waammadheen qalbiifi onnee guutuun irratti hirmaadha. Isinis daboo akka biyyaatti kadhatame kanarratti bakka jirtanitti akka hirmaattan asumaanan dhaamsa koo dabarsa.
Torban kana dhimma biqiltuu dhaabuurratti yaada wal jijjiirra; dubbii ijoon kana caalu waan hinjirreef. Gaaffiin haa jalqabu. Biqiltuuwwan waggaa waggaan Waxabajjiifi Adoolessa keessa dhaabaman eessa gahan laata? Kunuunsi maaltu taasisamaafii ture? Rakkoon gama kanaan jiru maali? Gara fuulduraa maaltu ta’uu qaba?
Bosonni biyya keenyaa dhibbaantaa dachii biyyattii hagamii uwwisa gaaffii jedhuuf deebii waalta’aan (‘consistent’) hinjiru. Kuun %10 jedha. Kuun %8tti gadi buusa. Ragaan ‘FAO’ tokkommoo 11.2% ykn heektaara 12,296,000 akka ta’e ibsa. Akka ragaa kanaatti Itoophiyaan bara 1990 hanga 2010 (ALA) jidduutti waggaa waggaan bosona lafa heektaara 140,900 ykn %0.93 dhabdi. Yeroodhuma kana keessatti akka waliigalaatti bosona%18.6 ykn heektaara 2,818,000 dhaabdeetti.
Akka ragaan ‘FAO” kun ibsutti, bosonni biyya keenyaa haala nama naasisuun gadi bu’aa deema. Bara 1990tti (ALA) heektaara 15,114,000; bara 2000tti, heektaara 13,705,000 bara 2005 tti heektaara 13,000 bara 2010tti, heektaata 12,296,000tti akka gadi bu’e mirkaneessa.
Wanti kanarraa hubatamu aguuggiin bosona biyya keenyaa bara baraan gadi bu’aa dhufuusaati. Nuti garuu waggaa wggaadhaan biqiltuu inuma dhaabna. Bara kanas biqiltuu biliyoona afur dhaabuuf karoorfameera. Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoon 200 ol dhaabuun riikardii cabsuun kana waliin qabameera. Kana irra deddeebiin MM Abiyyis (PhD) nutti himeera.
MM hoogansa biyya kanaaf fakkeenya gaarii ta’uuf yaada. Takka kosii Finfinnee kan jarri waggaa dhibba tokkoo oliif tortorsan haraa oola. Ji’a Caamsaarraa kaaseemmoo harkasaatiin biyyoo haadhuu jalqabeera. Ummanni keenya kan kanaan dura beekun adda; pirotokoliin boolla qotee, biqiltuu dhiheessee aanga’aan akaafaadhaan biyyoo itti deebisee biqiltuu dhaabe jedhamee miidiyaan yoo lallabamuudha. Kan baranaa garuu raajiidha. Harki MM dongoraafi akaafaa ta’ee yoo biyyoo haadhuufi biqiltuu dhaabu argaa jirra. Kun gaggeessummaa biyya kanaa keessatti ajaa’iba kan jedhamuudha. Fakkeenyaan hoogganuu (lead by example) jechuun kanuma. Fakkeenya kana duukaa bu’uun qooda keenya, qooda lammummaati.
Daboo MM akkuma jirutti ta’ee, haala kanaan dura turerratti waa jedha. Kan duuba xiinxaluun duula bara kanaa gaggeesinufillee ni gargaara. Mee muudannoo koo isiniif haa kaasu. Yeroo jalqabaatiif bara 1972 barataa sadarkaa 1fa ta’eeni kanan biqiltuu duulaan dhaabe. Yeroo sanaa kaasee itti fufiinsaanillee ta’uu baatu biqiltuu inuman dhaaba. Garuu guyyaa tokko maal ta’e jedhee ilaalee hinbeeku. Muudannoon namoota hedduu kana akka ta’u nan tilmaama.
Hanqinoota qabaatus dhaabuun mataasaatti gaariidha. Warri duula kana olaantummaan gaggeessaa turanis galateeffamuu qabu. Osoo haala kanaan socho’amuu baatee yoona biyyattiin kanarra molooftee rakkoo hamaaf saaxilamtee turte. Garuummoo haalli biqiltuu itti dhaabaafi kunuunsaa turre rakkoo hinqabu jechuu miti. Rakkoowwan tokko lama jedhamanii lakkaawaman qabu.
Gama kanaan rakkoo tokkoffaan akka biyyaatti ture duulli hundi biqiltuu dhaabuu qofa jiddugaleessa kan godhate ture. Ammuma ganni dhufe qaamoleen mootummaa misooma naannawwaafi bosonarratti hojjatan duula biqiltuu dhaabuu labsu. Hoogantoonni mootummaa olaanaanis gadi bahanii foddaa televijiinii guutu. Biqiltuun hanga kanaa dhaabbate jedhamee yeroo muraasaaf akka faashinaatti odeeffama. Isaan booda kan yaadatu hinjiru.
Rakkoon inni biraa kunuunsa dhabuudha. Kunuunsa biqiltuuwwan dhaabbatan kanaaf kan dhimmamu xiqqaa ta’uunsaa biqiltuu biqilan malee kan hinguddanne isaan godheera. Qaamni eegumsa naannawaafi bosonaarratti hojjatus biqiltuu dhaabuu akka ajandaa ummataa taasisee kunuunsa sammuu namaatti fiduu hindandeenye. Kan namni hedduun yaadatu bara 2000, bara barkumee Itoophiyaa, biqiltuu dhaabuuf duulli taasisame hagana kan jedhamu hinturre. Dhaabuuf xiqqaa hanga guddaatti, ijoollee hanga maanguddootti, baadiyyaa hanga magaalaatti namni of kennee dhaabe. Garuu dhaabuun ala qaamni kunuunsa biqiltuuwwan sanarratti ummata sochoose hinture. Nutis akka lammiitti biqiltuu awwaallee deebi’uu malee deebinee kunuunsuurratti hanqina guddaa qabna.
Rakkoon keenya kan darbe rakkoo biqiltuu dhaabuu miti. Rakkoo biqiltuu kunuunsuuti. Barana gama tokkoon biqiltuu biliyoona afur dhaabna yoo jedhamu gama biraatiin dhimmi biqiltuu biliyoona afur kununsuu ammuma jalqabuu qaba. Hanqina keenya kanneen baroota darbanii irraa barannee yoo xiqaate biqiltuuwwan guddatan dhaabuuf ammuma waadaa galuun nurraa eegama. Namtichis kana waan gadi lakkisu natti hinfakkaatu. MM bakka dhaabe hunda irraa deemee yoo aramu, shoggoru (kotokkotu)fi bishaan obaasu akka agarru shakkii tokkollee hin qabu. Maaliif yoo jettan namtichi waan qabeefi yaade galmaan gahu malee akka hindhiisne qabatamaan mirkaneessaa waan jiruufi.
Namoonni tokko tokko biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuuf bajanni hinjiru jedhanii yoo waakkatan miidiyaadhaan dhageenya. Animmoo kanatti hinamanu. Akkaataa itti fayyadamaafi yaadama keenyaati malee bajanni hindhabamu. Fakkeenyaaf manneen hojii tokko tokko gaafa biqiltuu dhaabuuf bahan baasii guguddaa baasu. Mallayyoo ykn keeppii gatii qaalii maxxansiisanii gaaratti ba’u. ‘T’-shartiin keeppii biraa hinhafu. Kanneen deebi’anii hojjataa sana hunda afeeranullee akka jiran dubbatama. Tarii kan dirgoos hindhabamu ta’a. Kana gochuun guutummaatti gaarii miti jechuu baadhullee maallaqa kana gara kunuunsa biqiltutti jijjiiruun ifaajiin keenya akka milkaa’u, kaayyoon keenya akka galma gahu gochuun ni danda’ama.
Gama biraatiin namni keenya buusii buusi osoo jedhamee waan duubatti deebi’u miti. Aadaa walgargaarsaa gaarii qaban. Kanaaf baasii namoota dhaabuurratti hirmaatan sanarraa walitti qabamuun biqiltuuwwan kana kunuunsanii akka guddatan taasisuun ni danda’ama. Buusiidhaan nama hinrakkisnu yoo jennemmoo biiroowwan mootummaas ta’e dhuunfaa keessatti maallaqni harcaatuun afeerraawwan adda addaatiif oolu ni jira. Kanas gama kanatti garagalchuudhaan biqiltuu hedduu ittiin kunuunsuun ni danda’ama. Dhaabbileen dhaadhessaaf (advertising) bajata guddaa baasan kanneen akka warshaa biiraa, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, dhugaatii lallaafaafi kanneen biroo osoo sochoosanii bajanni biqiltuuwwan kanneeniif oolu hedduun akka argamu shakkiin hinjiru.
Akka waliigalaatti kaayyoon ministirri muummeen qabate kun kaayyoo akka biyyaa qofatti osoo hinta’in akka addunyaatti deegaramuudha. Biqiltuuwwan baraan dhaabbatan kanneen biqiltuu Dr. Abiyyi jennee haa moggaasnu. Isaanis kunuunsinee guddisuuf waadaa walii haa gallu. Yeroo gaarii. Torban walitti deebina.
Dachaasaa Roorrotiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011
6 Comments to “Biqiltuuwwan Abiyyi”