Finfinneen sammuu Oromoo keessatti chaappefamteetti. Kan beekus kan hinbeeknes Finfinnee leellisa. Oromoon Beeggii jiru kan Finfinnee telebijiiniin argee hinbeeknellee magaalattiin kan Oromoo ta’uushiirratti shakkii hinqabu. Kan qarqara Mooyyaalee jiruufi kan Cinaaksan jirus Finfinneen kan Oromoo ta’uurratti akkasuma. Maaliif yoo jenne Finfinneen handhuura Oromootaa, mallattoo tokkummaa, wiirtuu bilisummaa waan taateefi.
Finfinneen ijoo sirbaa artiistota hedduuti. Artiistii beekamaafi angafoota keessatti kan maqaansaa eeramu Qamar Yusuuf “Finfinnee! Yaa Finfinnee!…” jedhee weeddisa. Dhaloota Qubee kan ta’e Haacaaluu Hundeessaas “Laal galoo koo Finfinneen kan Tufaa…” jedhe sagaleesaa kiilolee sanaan walaloo dhangalaasa. Caalaa Bultumeemmoo sirbasaa “maastar plaanii jedhanii…” jedhu keessatti gocha suukaneessaa ilmaan nafxanyaa Oromoota Finfinneerratti raawwatan ifatti baaseera.
Hayyoonni Oromoos gamasaanitiin dhimma Finfinneerratti waan hedduu barreessaniiru. Kan barreessan “ Finfinneen kan eenyuuti?” kan jedhuu miti. Oromoon Finfinneen kan eenyuuti jedhee hingaafatu. Kun gaaffii warra doofaati. Oromoon kan qorachaa jiru hundeeffama magaalattii wajjin yakka Oromoorratti taasisame; akkatti Oromoon lafasaarraa buqqa’ee, duguuggaa sanyii Oromoorratti raawwate, akkatti gosti Oromoo Finfinnee bade, akkatti aadaafi Afaan Oromoorratti duulamee akka badu taasisame, balfama Finfinneefi miidhaa Oromotarra gahaa jiruufi kanneen kana fakkaatuudha.
Hayyuu beekamaafi qabsaa’aa mirga namaa kan ta’e Piroofeesar Izqaa’eel Gabbisaa moggaasa Finfinnee wajjin walqabsiisee yaadama haaraa tokko qabatee as baheera. Finfinnee jechuun “Finnaa finne “ kan jedhurraa madde jedhe. Kunis gaariidha. Yoo qorannoon qotan wanti biraas awwaalaa bahuu danda’a. “Finnaa finne” jechuun waan gaarii akka dhangaa finne jechuu fakkaata. “laalcha’ jedhama gara tuulmaa kanatti. Laalcha jechuun dhangaa qabatanii fira dhaqanii gaafachuu jechuudha. Finnaa fidanii.
Finfinneen ajandaa biyya kanaati. Ajandaa siyaasaa, kan dinagdee, hawaasummaa, addaa, abbummaafi kkf. Kiyyaafi keenyaan Magaalaa Finfinnee jidduu kana teempireechariinsaa olka’eera. Ilbiisonni laga gamaa sun ‘kompileeksiin’ itti ka’ee maraachaa jiru. Finxaaleyyiin magaalaa nagayaa jeeqan kunniin haftee ilmaan nafxanyootaati. Yoo qorichi itti barbaadame malee yoo fuula itti agarsiisan biyyi nagaa hinargattu. Qorichisaanii tokko ABOdha. Kan biraa Hasan Aliiti; pirezidaantii jalqabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan turan. Junayiddii Saaddoo qoricha isa biraati; qoricha sirna nafixanyaa. Qeerronimmoo kan caaluudha.
Magaalaa Finfinneefi sadarkkaa jalqabaatti balaa guddaa kan ta’u garee maqaa ‘Baaldaraas’ jedhu ofii mogaasee sana. Garee gaangistaraa ummanni osoo bakka hinbuusiin ofumaaf bakka bu’aa ummata Finfinneeti jedhee of muudeedha. Gareen seermalee kun gaazexeesitoota, abbootii seeraa, aktivistoota, artiistota, hayyoota of keessatti haammateedha. Gareen kun biyya alaatti caasaa gadifageeffachaa jira. Qaama wacuufis hedduu qaba.
Wanta nama ajaa’ibsiisu keessaa Baaldaraas ummata Finfinneen bakka bu’a jedha. Kana jedhee raawwatee “Oromoon walgahiin ani qopheesse keessatti hirmaachuu hinqabu” jedha. Ummata Finfinneen bakka bu’a jedhetti dhalataa Tigraayi balaalefachaa oola. Ummata Finfinneefan qabsaa’a jedhee ummata Sidaamaa akka diinaatti ilaala. Ummata Walaayittaa hamata. Baahirdaar deemee Finfinneef daboo kadhata. Gondoriin naa birmadhaa jedha. Kunimmoo maalummaa garee kanaa agarsiisa. ‘Gogaa jiidhaa maru.’ jedha Oromoon. Yoo nuuf gale kanuma.
Gareen Finfinneef balaa ta’e warra “Addis Ababee” ofiin jedhaniidha. Gareen kunis ijaaramee ifatti ba’uu baatus dhoksaan shira gaggeessaa jira. Nageenya magaalattii jeequuf olola diigaa maqaa addis ababeetiin facaasaa oola. Gareen kun ‘siyaasa sanyiin’ balaaleffadha kan jedhu yoo ta’u, inniyyuu jibbiinsa sanyiin kan guutameefi kan olaantummaa saba tokkoo lallabuudha. Miseensonni garee kanaa “Finfinneen kan sabaafi sablammiitti” jedhee osoo hinxumurin achi garagalanii “lafa abbaa keenyaa”, “Magaalaa abbootiin keenya ijaaran” jechuun Finfinneen kansaanii qofa akka taateefi ummanni biraa akka omaa irraa hinqabne ibsu. Jarreen kunniin maraatuufi waan dubbatan kan hinbeekne ta’uusaanii kan mul’isu kan biraa federaalizimii amma jiru kana halkanii guyyaa miidiyaaleesaaniitiin balaaleffachaa oolanii, as deebi’anii “Finfinneen bulchiinsa naannoo daangaa mataashii qabduudha” jedhanii mormu. Siyaasa mataafi luka hinqabne kan burjaaja’e olii gadi oofanii ummata nagaafi jaalalaan waliin jiraatu walitti buusanii ce’umsa qeerroofi qarree kumaatama itti wareegame kana gufachiisuu wixirfatu’.
Garee addageefi kashalabbee “addis ababee” ofiin jedhu maddiitti, warri nageenya Finfinnee booresuuf yaalan warra siyaasa tokkummaa (unitary politics) gaggeessina jedhaniidha. Garee kana keessa warri ilaalcha qajeelloo qaban akkuma jiranitti ta’ee, warri qarqaratti bahee jaarraa 21fa irra taa’anii dhaadannoo abbootiifi akaakayyuusaanii tortoraa sana gaggeessaa jiru. Faaruusaanii kan barri irra tare, biyya tokko, alaaba tokko, afaan tokkoo kan jedhu ykn kan lakkoofsisaanii tokko bira taruu dadhabe sana qabatanii sirna qabsoo ummataatiin ajeeffamee awwaalame sana awwaalaa kaasuu yaalaniidha. Gareen kun tokkummaan dahatee mirga Oromoon Magaalaa Finfinneerraa qabu kan falmu, kan falmisiisuufi tarsiimoo duulaa gara garaa baasee kan hojiirra oolchuudha. Maqaa tokkummaatiin federaalizimii amma jiru kana diiguudhaan isaanis sabaafi sablammii irra ejjatanii akka durii sana of jalatti bulchuu warra fedhaniidha.
Akkuma waliigalaatti qaamoleen seeraan dahataniifii seermaleen Finfinnee keessa socho’aa jiran kunniin biyya kanaaf sodaa (‘threat’)dha. Qabsoo ummata cunqurfamaafillee akka gufuu guddaatti kan ilaalamaniidha. Gareewwan maqaa adda addaatiin kaayyoo tokko qabatanii Finfinnee keessa socho’aa jiran kunniin tokkummaaf osoo hinta’in diigamaa biyya kanaatiif kan sodaatamaniidha. Baaldaraasis ta’ee Addis Ababeen waan fedhan jedhanillee dhimma Finfinneerratti qabxiileen walii nu galchan akka ejjannootti fudhatamuu qaban lama kan armaan gaditti eeramaniidha.
Ejjannoon tokkoffaan Finfinneen kan Oromooti. Abbaan Finfinnee Oromoofi Oromoo qofa. Kanuma! jetti qeerroon. Abban fedhe jaalatus jibbus Finfinneen irratti ijjannoon keenya tokkuma. Sabaafi sablammiileen hedduunis Finfinneen kan Oromoo ta’uu in deeggaru. Seenaan warra Gullallee, Ekkaa, Galaan, Abbichuu eessa dhaqeeti Finfinneen kan warra biraa kan taatu? Qe’een warra Tufaa Munaa, Abeebee Araddoo, Tufaa Araddoo, Waaree Gololee, Guutoo Wasarbii, Mojoo Boxoroo bu’uura Finfinnee har’aati. Finfinneen lafa qofa osoo hinta’in lafee, fooniifi dhiiga Oromootiin ijaaramte.
Kanaaf waan Addis Ababaa jedhamteef Finfinneen kan baaldaraas hintaatu. Jarri Urufa Boombiitiin ‘Jaan Meedaa’ jedhanii waan moggaasaniif Finfinnee hindhuunfatan. Qarree Daalattii koranii ‘arat kilo’ jechuun abbaa biyyaa nama hintaasisu. Caffee Aannanii jijjiranii Meeksikoo jechuun akkuma lafa Meeksikoo hintaasisne sana kan Baaldaraasis hintaasisu. “Asis jettu, achis jettu Abbaan biyyaa Oromoodha” jedhe weellisaa sabboonaan sun.
Akka ejjannoo lammaffaatti, saboonniifi sablammiileen kamuu, warra kotte duudaas ta’ee, Finfinnee keessa jiraachuuf isaa dhorku hinjiru. Kun ammoo duudhaa dhalootaa Oromoo wajjin walqabata. Yoo wal kabajne, yoo aadaa walii safeeffanne, yoo duudhaa walii waliin qoodanne; akkuma kaleessaa har’as waliin jiraachuun ni danda’ama. Ummanni Oromoo ummata kam wajjinuu jiraachuuf rakkoo hinqabu. Kanneen ummataafi ummata walitti buusan garuu adabachuu qabu. Kaleessa, har’as; borus Finfinneen kan Oromooti, garuu waliin keessa jiraanna.
Torban gaarii! Kan guulii kaasee dhagaa nama laalchisurraa isin haa baraaru!
Dachaasaa Roorrootiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011
7 Comments to “Finfinneen kan Tufaa…”