Jamaa! Mee jireenyi akkami? Maalitti jirtu? Qaala’iinsi jireenyaa kun isin biratti maal fakkaata? Magaalaa guddittii keenyatti, Finfinnee jechuu kooti, warra jireenya gadaanaa jiraatu dhiisii kan fooyyeen qaba jedhee jireenya giddu-gala keessatti of qooduu harka kennaa jira. Qaala’iinsi jireenyaa kun akka bubbee Onkoloolessaa asiifi achi nama raasaa jira.
Barreeffamni koo har’aa ajandaa hawaasaa yeroo kan ta’e dhimma kanarratti xiyyeeffata. Jiruufi jireenya kan caale jiraaree? Yoo namatti tolte maalii jala addatu akkuma jedhan yoo jiraatan waan biraa yaadu. Kanaaf ajandaa kanarratti ani muuxxannoofi muudannoo koo haala saayinsii dinagdee waliin walqabsiisee dhiheessuuf qophii xumureera. Isinis muudannoofi muuxxannoo keessan yaadachaa ana waliin imaltu jedheen abdadha.
Faranjiin qaala’iinsa jireenyaa (inflation) waan adda addaatiin safarti. Inni tokko agarsiistuu gatii bittuu (Consumer Price Index) ykn gabaabumatti ‘CPI’ jedhuni. Safartuun inni biroo infileeshiini kan jedhamuudha. Tokkummaafi garaagarummaa yaad-rimeewwan (concept) kanaafi haalli isaan qaala’iinsa jireenyaa ittiin xiinxalan ittin deebi’a. Kan faranjii yeroof yoonan tursiise anaaf umuriin mataasaatiin safartuu jireenyaati yoonan jedhe dhugaarraa waanan fagaadhe natti hinfakkaatu. Akkamitti?
Mee qaala’iinsa jireenya marayyaa (manatsarii) umuriitiin haa xiinxallu. Dhimmi umurii kun garuu nama sodaachisa. Anayyuu na naasisee sodaa keessa na galcheera. Jiruufi jireenyi irra caalaa maxxantummaa warra ykn matii irraa gaafa adda ba’anii kaasee nama qoruu jalqaba. Ani warra kiyyarra mana bahee jiruufi jireenyan ergan qoramuu jalqabee waggaa soddoma lakkoofsiseera; qacaramee mindaa duraa ishii mi’ooftuufi gammachiistuu sana ergan dhandhamadhe jechu kooti.
Bara sana namni yunivarsiitii galee wagga afur barnootaan qoramee bahu mindaan ji’aa Qr. 500 ture. Har’a qarshii kanaan maal bituu akka dand’amu yaadaa. Osoo tola namaa harka-qalleessa ta’e tokkoof kennittani kan tuffafatu hinjiru jettanii hin yaadinaa. Maalumaafuu yeroo sana jijjirraan qarshii kanaa doolaara Ameerikaat 241.5 ta’a. Doolaarri tokko birrii 2.07 sharafama ture. Kaalkuleetarii mobaayilii keessan baasaa sharafa yeroo ammaa jiruun rukutaa. Jijjirraa karaa seeraatiin (gabaa adii) qarshiin 500 yeroo sanaa ha’ra 14,700 ta’a. ($1=29.4) Jidduu kana doolarri tokko gabaa gurraachatti qarshii 40 akka gale walumaan dhagahaa jirra mitiree? Kanaaf gabaa gurrachaattimoo toora qarshii 20,000. Ajaaiba! Garaagarummaan yeroo ammaa sharafa doolarii ykn yuuroo gabaa gurraachaafi adii jidduu jiru kun mataasaatiin qaala’iinsa jireenyaa akka machii araqee mataa nu koree lafa nuun marsiisu kanaaf sababa tokkoodha.
Gara mindaatti yoon deebi’e, ka’umsi mindaa eebbifamaa ykn eebbifamtuu digirii amma meeqa? Qarshii 0? 500? 2000? 3000? Yoo bara maddaalli (base year) bara dargii ta’e, silaa jiddugala gabaa adiifi gurrachaa jidduutti kufa. Isumaanuu wanta jijjirama dinagdee fiduu danda’an hedduurra utaallee.
Har’a qeerroofi qarreen waggaa 15fi isaa ol barumsaan gubatanii mindaa qarshii 500 dhabanii kanneen daandii asfaaltii magaalaa qaaccechaa oolan meeqa? Daawitiin umurii kun waan hedduu namatti agarsiisa. Qaala’iinsi jireenyaammoo galiifi baasii (income & expense) waliin deema. Daballii gatiin shaqaxaa waliin galiin namaa yoo dabaluu baate ykn fedhiin yoo dabalee dhiheessiin xiqqaate (demand and supply) jirenyi ni qaalofti. Jireenyi amma nama qoraa jiru kunis kan kanaan walqabate waan ta’eef malli ittin sirraa’uu danda’u madaallii walgatee kana akka walitti dhihaatu irratti hojjechuudha.
Waan hundaafuu har’arra dhaabbatanii duraa duuba ilaalaa yoo hindeemamne jireenyi hiikoo dhaba. Kaleessi akkuma har’aaf daawitii ta’e, har’immoo boriif fakkeenya. kanaafan duraafi duuba ilaala. Barri darbe yeroo hunda gaariidha “The good old days” jedhuu mitiiree?
Dubbiitu dubbii dhala akkuma jedhamu, waa tokkotu sammuutti na dhufe. Dur, yeroo qeerrummaa keenya sana jechu kooti, miiltoon bakka hojii keenyaa kan umuriin angafa nuuf ta’u tokko yeroo hunda ammuma nu argu gaaffii tokko nu gaafata ture. “Qarshiin amma isin argattan kun isin gahaa?” Nuuf qarshiin 500 guddaa ture. Namni kun bara Nugusaati hojii jalqabe. Muxannoo isaa yoo nutti himu akkuma hojii jalqabeen mootummaan liqii qopheessefi konkolaataa bitate ittin bashannanaa akka ture nutti himaa ture.
Bara keenya sanayyuu kun hinturre. Mootummaan hojjataaf yaade liqii namaa kennee konkolaataa bitadhuu ittiin bashannanii hojjadhuu naa deebisi jedhu hinturre. Har’ammoo gonkumaa hin yaadamu. Jireenyifi yaadamni keenya fuulduratti deeme moo duubatti deebi’e? Moo akkuma umurii hadha warraa obboleessa kootii tokko waggaa tokko fuulduratti waggaa lama duubatti deebi’a?
Anis akkuma namicha sanaa har’a yoonan ijoollee reefu hojii jalqaban arge gaaffiin dhiheessaaf. ‘Mindaan keessan kun isin gahaa?’ jechuun. Bara sana ‘qayyi waxii’ siginii qabu jiddu gala Finfinnee, arat kiilootti, qarshii tokkoofi shilingiin laaqana nyaachaa turre. Laaqana ji’aaf birrii 30 gahaa ture, sanaayyuu xuuqii tokko malee qooqa kaafannee nyaannee. Qarshii sadii baasnaan ‘kitifoo’ dhadhaan cooffa’e mana ebeluu jedhamee filatama. Har’arra taa’ee yoonan bara koo gaarummaasaa faarse nan dogongoree ree? Har’a mindaan ka’umsaa biyya kanaa hinbeekamu.
Dachaasaa Roorrootiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011
Semaglutide pharmacy price https://rybelsus.tech/# Semaglutide pharmacy price
semaglutide