Hayyee! Jennee jalqabna. Oromoon eebbifatee waa jalqaba mitiiree? Gaazexaa Bariisaa bifa haarawaan as baateetti. Anis waan haaraa kana ebbaan simachuun fedha. Kanaaf Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo hinwaamu. Aagaa Xinxanoos Gujii hinfidu. Isaan yeroosaanii eebbisanii kabajamanii gadaasaanii xumuraniiru, isaanillee kabaja haa argatan. Warri Abbaa Gadaa haarawaan hoo? yoo jettan ammaaf deebii hinqabu.
Har’aaf haa turan. Amma walii galanii alaa galanitti. (Dhimma kana bal’inaan yeroo biraan itti deebi’a. Akkuma weellisaa jalatamaan Keekiyyaa Badhaadhaa sirbasaa Waata! Waata! Jedhu keessatti kan jajamu malee jajee, kan abaaramu; abaaree, kan hafemmoo seenaa qoradheen itti deebi’a jedhe sana, anis waa’ee jara kanaa yeroo biraa qoradheen dhufa). Kanaaf har’a ofumaafan eebbisaa na oofkalchaa; ofkali naan jedhaa. Yoon doggoogore na sirreessaa.
Hayyee! Hayyee! Hayyee!
Hayyee yaa Waaq!
Gurraacha garaa garbaa,
Tokkicha maqaa dhibbaa,
Leemmoo garaa taliilaa,
Kan nagahan nu bulchite nagayaan nu oolchi
Kan nagayaan nu olchite nagayaan nu bulch.
…
Jalqaba haaraa Bariisaa kan milkeessiif
Bariisaan ummata haa beeku
Ummannis Bariisaa haa beeku
Bariisaan sagalee ummataa nuuf haa ta’u
Ummannillee Bariisaa haa dubbisu, haa guddisu!
Hojjattootasaa halkanii guyyaa tiksi,
Waan isaan barreessan dammeessii
Tokkuummaa kennii ,Waljaalachii
…..
Gadaan Roobaa Gabbinaa
Gabbisi Waaqi
Leel, Leel!
Diina haleel !
Amman beekun eebbise kanan ani irra darbe Waaqni itti haa guutuufi. Isinis ebbisaa. Ebba qofa osoo hin taane gaazexaa kana barbaadaa bitaa; dubbisaa. Yoo xiqqaate xiqqaate gaazexaa waggaa 40 oliif afaan Oromoo baatee asiin gaheedha. Gaazexaa addaa Oromoo afoola irraa gara barreeffamaatti ceesiseedha. Sodaa keessa ta’ullee gaazexaa waa’ee rakkoo ummata Oromoo gabaasaa tureedha. Walumaa galatti Qabiyyee gaazexichaa irratti yaada adda addaa qabaachuu ni dandeenya. Haala adda addaan yoo hubanne rakkoo hinqabu. Waan Bariisaan gadaa shaniif ol maxxansaa ture qorannoon ni baasaa jedheen amana. Hayyoonni qo’annoo irratti gaggessanis carraa kanaan ummatatti bahu jedheen yaada.
Eebbatti aansee “yaada bilisaa” ilaalchisee waan xiqqoon darbadha. Moggaasni fuula kanaa “Yaada Bilisaa” waan ta’eef. Dur dur, jecha “yaada” jedhu kana irratti falaasamoonni falaasamaa akka turan hafteen barreeffama isaanii nutti himu. Kan akka Pilaatoo, Renee Diskartee, Johon Look, Devid Humee yaadaarratti waan hedduu barreessaniiru. Barreeffamasaanii keessa seenuun calalaqa daakanii ce’uuf yaalu ta’a. Kanaaf ani hin yaalu. Garuu dubbistootaaf dhiiseera. Yaada bal’aa kana dubbistootaaf dhiisee hiika falaasamoonni hedduun irratti waliigalan tokko xuqeen gara yaada itti aanutti ce’a.
Diskarteen, falaasaman Giriik, yaada jechuun “fakkii (image) yookaa bakka bu’aa waan tokkoo (mental representation) kan sammuu namaa keessatti yeroo hunda argamuudha jedha.” Fakkiin sammuu mandheeffatu (mental image) kun kennaa waaqi kan jedhu akkuma jiru kanneen jireenya addunyaa tanaan walqabsiisan hedduudha. Garee boodaatiif yaada jechuun akkatti namni tokko naannawaasaa ykn addunyaa itti mil’atuudha. Akkaataan ani addunyaa tana itti ilaalu gonkuma kan keetiin ykn kan keessaniin walfakkachuu dhiisuu ni mala. Ykn bakki guutummaatti walirra dhufu hinjiru jechuunis dhugaan ala nama taasisa. Irra caalaa garuu dhalli namaa yaada waliin qooddata. Maal jechuu akkan barbaade ifaadha. Yoo walitti qabame “Namni waan beeku dubbata, waan hubate barreessa. Kan irratti waliif galamu akkuma jiru kan irratti walmorman lakkoofsa hin qabu. ‘So what? ‘Jedha Faranjiin. Maal haa ta’uree? jenna nutis.
Namni cidha ykn naqata dhaqe akka beekuutti sirba. Anillee Dilbata tare cidha dhaqeen qeerroo wajjin sirbaan ture; akkan beekuutti; amman beeku. Kan barreessuus waan beeku akka beekutti barreessa. Akka namaattin sirbuun morma nama jal’isa akkuma jedhamu akka “ebaluutti” dubbachuuf yaaluun ykn barreessuuf qalama waraqaan walsimsiisuun tarii afaan ykn quba nama jali’sa ta’a. ammas ‘so what?’ Jennuu? “Respecting other’s idea” akka keenyatti ‘yaada namaa kabajuu.’ Kun qaroomina. Kabajuu jechuunimmoo akkuma jirutti fudhachuu jechuu miti. Yoo dogongora ta’e yaada, yaadan mormuun seermalee miti. Sirreessuun cubbuu hinqabu.
Bariisaan moggaasa fuula kanaa “Yaada bilisaa” jedheera. Asittis gaaffii haa kaasnu. Yaada bilisa jechuun maal jechuudha? Dhuguma Yaadni bilisa ta’e jiraa? Madaalliin yaada bilisaa maalfaadha? Biliisummaan daangaa qaba moo hinqabu? Yoo qabaate daangaansaa eessa? Yoo dhabe maaliif daangaa dhabe? Mee wal haa gaafannu.
Akkan ani hubadhetti yaadni gutummaa guutuutti bilisa ta’e jira jechuuf nan rakkadha. Yaadni ani barreessu akkan ani yaaduufi akkaataan ani addunyaa tana mil’adhuudha. Ani dhaaba siyaasaa tokko deeggaree yoon barreesse wantin ani barreesse sun loogii hinqabu jechuu miti. Yaada bilisaa yoo jennu bilisummaan kan mul’isu anaadha malee yaada kootii miti. Ani dhiibbaa tokko malee waan sammuun koo yaade barreesse jechuudha. Namni ‘jecha ykn hima kana baasi kana galchi’ jedhu jiraachuu hinqabu. Yoo gulaaluuf, wanta seeraan dhorkamaa ta’e sirreessuuf ta’e malee. Saansuriin yaada namaa ukkaamsu ykn “akka ofii yaaddutti dhiisii akkan ani yaadutti barreessi ykn dubbadhu” jedhu yaada bilisaa keessa hinjiru. Ani mootummaa qeeqee yoon barreesse ‘kun sirrii miti’ yoo jedhame ykn sababa kanaan yoo yaadni koo maqasii saansuriin murame yaada bilisaa wanti jedhu hinjiru. Kana yoo jedhamummo wanti hunduu gaazexaatti baha ykn raadiyooniin dubbatama jechuu miti. Dhimmi dubbistoota barsiisu, bashannansiisu akkasumas beeksisu kan bishaan kaasu ta’uu qaba. Dhimma hawaasaa, dinagdee, siyaasaa kan namni irraa baratu, kan waa hubachiisu ta’uu qaba jechuu barbaadeeni.
Bu’uuruma kanaan fuula kana irratti torbee dhufuu eegalee wal agarra. Gaazexaa Bariisaa riqicha godhannee qaaman yoo ta’uu baatellee yaadaan walitti dhufna. Waldeeggarra, walmormina. Yaada yaadaan gabbisna; yaada yaadaan kuffisna. Kana keessa hubannoo dubbistootaa fooyyessina. Aadaa dimokraasii Sirna Gadaa dagaagsina; hogbarruu Oromoo cimsina. Torbee gaarii!!
(Dachaasaa Roorrootiin)
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011
3 Comments to “Hayyee Bariisaa !”