Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti waggoottan sadan darban keessatti qarshii biliyoona 11n pirojektota jal’isii 278 ijaarsasaanii xumursisuun horsiiseefi qonnaan bultoota kuma 59 fayyadamaa taasisuun kan danda’ame ta’uu Biiroon Misooma Jal’isiifi Horsiise Bulaa naannichaa beeksise.
Biirichatti Daarektarri Kominikeeshinii Obbo Zayyadee Tashoomaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, bara 2013 dura bu’uuraleen misooma jallisii qaamoolee adda addaan gaggeeffamaa tureera. Ta’us, xiyyeeffannoon baricha dura misooma jal’isiif kenname gadaanaa ta’uurraan kan ka’e hanga barbaadamu seektaricha guddisuun hawaasa fayyadamaa taasisuun hin danda’amne.
Bara 2013 dura naannichatti lafa hektaara kuma 565 jaal’isiidhaan misoomsuun waggaatti hanga kuntaala miliyoona 92 qofti omishamaa akka ture yaadachiisanii; Karoora Imala Badhaadhinaa Marsaa Duraa (bara 2013- 2017) keessatti jallisii ammayyaafi aadaa sadarkaa maatiitti jalqabee babal’isuun lafa misooma qonna jallisii giddu galeessaan waggaatti dhibbantaa 14.5n guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Qabeenya lafaa naannoon Oromiyaa qabdu keessaa lafti hektaara miliyoona 4.5 ta’u misooma jallisii gosa garaagaraaf ooluu danda’a kan jedhan Obbo Zayyadeen yaa’a bishaanii gurguddoo akka biyyaatti jiran 12 keessaa, 8 Oromiyaa keessa kan qaxxaamuraniidha jedhaniiru.
Naannichi pootenshaala bishaanii jiru hunda duguugee itti fayyadamuun gogiinsaafi hongee yeroo garaagaraa mudatu dandamachuuf eeggattummaa rooba idilee jalaa bahuun oomishaafi oomishtummaan itti fufiinsa qabu akka jiraatu taasisuuf jallisii gosa garaagaraa babal’isuurratti argama.
Hojiin misooma qonna jal’isii naannichatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu himanii, bara darbe qofa oomisha qamadii bonaa dabalatee lafa misooma jallisiif oolu heektaara miliyoona 3 hojiitti galchuun danda’ameera jedhaniiru.
Hanqina bishaanii naannoo gammoojjii irratti uumame hordofee bara 2014 irraa eegalee pirojektoota finnaa hojiirra oolchuun hojiileen akka bishaan roobaa bal’inaan kuusuu, nyaata beeyiladaa omishuu, horsiisa qurxummii, dhiyeessii bishaan dhugaatii namaafi horii hojjetamaa jiraachuus Obbo Zayyadeen ibsaniiru.
Fayyadamtoonni misooma jallisii bu’uuraalee ijaaraman hamma barbaadame kunuunsuu dhabuun, yaa’a bishaan jallisii qulqulleessuu dhiisuu fi bishaan jallisii haqaan itti fayyadamuu dhabuun, hojiileen ijaarsa bu’uraalee misooma jallisii eegalaman yeroofi qulqullina barbaadamuun xumursiisuu dadhabuun hanqinoota misooma jal’isii naannichaa bara 2016 keessatti adda baafamaniidha jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016