“Dhaloota egereetiif biyya ijaaramaa deemtu dabarsuuf hunduu ga’eesaa ba’achuu qaba” – Aadde Caaltuu Saanii

Dhiheenya kana Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) raawwii guyyoota 100 seektarootaa qorataniiru. Akka waliigalaattis hojiileen raawwataman jajjabeessoo ta’uu ibsanii, wantoota xiyyeeffannoo barbaadan irrattis kallattii ka’aniiru. Seektaroota gabaasnisaanii qoratame keessaammoo Ministeerri Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa isa tokko. Nutis dhimma kanaafi sochii waliigalaa wajjin walqabsiisuun Ministira ministeerichaa Aadde Caaltuu Saanii keessummaa torban kanaa taasifanneerra; dubbisa gaarii!

Bariisaa: Yeroo keessaniif isin galateeffachaa, kallattumaan mee raawwiin guyyoota 100 seektara keessanii maal akka fakkaatu nuu ibsaa? Ciminoonnifi hanqinoonni adda baafaman maali?

Aadde Caaltuu: Hayyee isinis galatoomaa. Akka waliigalaatti seektaroota hedduu keessatti ciminoonni hedduu akka jiran, keessattuu dinagdeen biyyattii rakkoolee haala waliigalaa addunyaa, ardiifi biyyaa jiran dandamatee % 8.5n guddachaa jiraachuun isaa qoratameera. Dinagdeen kun guddateera jennee yommuu dubbannu inumaayyuu xiqqeessinee ilaalle. Kanaaf isa nuti ofii keenyaaf ragaa ofii baanu caalaa dhaabbileen idil addunyaa dinagdeerratti hojjetanis kana ol guddachuu akka dandeenyu akkasumas, guddina yeroo tokko guddatee yeroo kaan badu akka hintaane dhugaa nuuf ba’aniiru.

Keessattuu fooyya’insa dinagdee gooroo Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif taasifte waliin walqabatee wantoota baay’eetu fooyya’e. Kana dura biyyattiin akka odolaatti adda baatee qofaashee jiraataa turte. Biyyoota hedduu wajjiin ulaan dinagdee ishee cufaa ture. Amma garuu ulaan ishee banamee sadarkaa addunyaa waliin walii kennanii fudhachuurra qaqqabameera. Gama kanaan hojiin hojjetame seena qabeessaafi yoomillee kan hindagatamneedha.

Kana malees hojii fooyya’insa dinagdee waliin walqabatee hojjetameen alseerummaan daran akka hir’atuuf gumaacheera. Duratti meeshaaleen alatti ergaman % 80-90 kanneen ta’an bifa kotiroobaandiidhaan biyyaa ba’aa turan. Keessumaa qabeenya beeladaa, fuduraafi muduraa, albuudaafi kanneen biroo irraa faayidaa argamuu qabu argachaa hinturre. Akka agarsiisaatti kuufamni warqii bara 2016 waggaa guutuu Baankii Biyyaaleessaa tureefi amma kurmaana duraatti qofa kan hojjetame yoo ilaalle, isa kurmaana tokkootu caala.

Akka waliigalaatti, damee indastirii, galii biyyaa, kenna tajaajilaa, misooma magaalaafi kanneen birootiin bu’aa qabatamaan dhufuusaa ilaalleerra.

Gara seektara Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaatti yommuu dhufnu ammoo, haalli magaalaa akkaataa jijjiiramaan dura jiru wajjiin yommuu ilaalamu kan jiraataa magaalaa, magaalaafi dinagdee madaalu hinturre. Dinagdee waliigalaa biyyaa %55 magaalotatu gumaacha ture. Kun garuu dagatamee xiyyeeffannaan hundi misooma baadiyyaarra ture. Baadiyyaaf xiyyeeffannaa kennuun sirrii ta’ullee akkaataa barbaadamuun bu’aa fiduufi dhiisuunsaa madaallii barbaada. Magaalaan akka maxxantuu taatteetti ilaalamaas ture.

Mootummaa jijjiiramaa as Paartiin Badhaadhinaa, keessumaa Kabajamoo Doktar Abiyyi magaaloonni guddina biyyaatiif gumaacha olaanaa akka taasisan hubachuun xiyyeeffannoo kennanii hojiin eegalan bu’aa jajjabeessaa fideera, guddina magaalaafi baadiyyaa walcinaa adeemsisuun akka danda’amu agarsiisaniiru. Dameen qonnaa, indastirii, turizimii, albuudaafi tajaajila qunnamtii odeeffanoo hundisaanii guddina dinagdeef gumaacha mataasaanii qabu.

Keessattuu magaaloota keenya calaqqee badhaadhinaa taasifna; bakki mul’anni badhaadhinaa qabatamaan itti mul’atu magaalaa ta’uu qaba ilaalcha jedhuun xiyyeeffannaan olaanaa kennamee imaammataafi tarsiimoodhaan dabaalamee hojjetamaa jira; bu’aan qabatamaas mul’ataa jira. Kanaafis sosochii magaaloota keessa jiru ilaaluun ni danda’ama. Fakkeenyaaf magaaloonni humni galiisaanii akka cimu, kanaanis baasii bu’uuraalee misoomaa akkasaan danda’aniif kallattiin taa’eera.

Akkaataa kanaan bara kana qarshii biliyoona 65, kurmaana tokkoffaatti immoo biliyoona 14 sassaabuuf karoorfannee, gara qarshii biliyoona 13.4 (% 96) sassaabuun danda’ameera. Kun galii magaaloonni maddisiisan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuusaa agarsiisa. Galiin magaalootaa guddate jechuun ammoo fedhii bu’uuraalee misoomaa jiraattoota magaalaa deebisuu keessatti gahee mataasaa qaba. Kun ammoo carraa turizimii harkisuu, hojii uumuu, invastimantii harkisuufi kanneen biroo qaba. Gama kanaan hojii jajjabeessaan hojjetamuu qoranneerra. Kanaan walqabatee kenni tajaajilaa fooyya’aa jiraachuus nutti agarsiisa.

Hojiin bu’uuraalee misoomaarratti hojjetamu dinagdee guddisuu keessatti shoora mataasaa qaba. Sagantaa ‘UIDP’ jedhamu, Baankiin Addunyaafi Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee uumuudhaan kan hojjetamu yoo ta’u, magaaloota gara 117 irratti hojjechuuf mallatteeffameera. Bakka pirojektiin kun jiru hundatti bu’aa qabatamaan dhufeera. Fakkeenyaaf pirojektii kanaan daandii asfaaltii hojjechuun hindanda’amu. Asfaaltii qofa dhiisuun daandii miilaa, magarisummaafi kanneen biroo ittiin hojjetamaa jira; asfaaltii ammoo bulchiinsi magaalootaafi mootummoonni naannoolee akka hojjetan taasifameera. Gama kanaan hojiin Magaalaa Adaamaatti hojjetame akka fakkeenyaatti kan ka’udha.

Pirojektii biraan Ministeera Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaatiin hojjetamu keessaa seeftineetii magaalaa kan jedhudha. Inni kun isa kan baadiyyaatti hojjetamuun adda. Yeroo gabaabaaf kan turuufi jiraataa magaalaa sababa hanqina maallaqaan kadhaaf daandiitti ba’an manasaaniitti deebisuu, akkasumas, hojii mataasaanii uummatanii galii dabalataa akka uummatan kan deeggarudha. Kanas magaaloota 11tti eegallee 88n qaqqabsiisuu dandeenyeerra.

Qulqullina magaalaa wajjiin walqabatee wanti hojjetamu sagantaa kanaan deeggarama. Barii gaafa namni rafu kanneen magaalaa qulqulleessan, magariisummaarratti hojjetan sagantaa kanaan hammatamu. Sa’atii muraasa hojii sagantaa kanaa hojjetanii, yeroo hafetti ammoo galii dabalataa akka argataniifis leenjii gaggabaabaan ni kennama; carraa liqaa xixiqqaa bu’uura qusannaasaaniitiin ni mijeeffamaaf. Haala kanaan qonni magaalaa sadarkaa aadaa ta’uurra qaqqabeera. Sagantaa kana keessatti % 65 kan fayyadamu dubartoota. Gama kanaanis bu’aa qabatamaan argameera.

Akka waliigalaatti saffisni guddinni magalooti keenya itti guddataa jiran kan magaaloota Afrikaa waliin yommuu ilaalamu % 5.4n irra jira. Bal’inni magaalaafi baadiyyaa yoo walsimuu baate ammas lafa hektaara miliyoona 1.1 Itoophiyaan qabdu keessaa bakki magaalaa muraasarra jira. Dhibbantaa 80 kan ta’uu baadiyyaadha. Bal’inni magaalaa dabalaa yommuu deemu jiraataan magaalaas dabalaa deema. Hammuma jiraataan magaalaa dabalaa deemu bu’uuraaleen misoomaa dabalaa deema.

Bariisaa: Ministeerri keessan rakkoo mana jireenyaa magaalootaa furuuf maal hojjete, fuuldurattoo maaltu karoorfame?

Aadde Caaltuu: Kanaa wajjiin walqabatee imaammanni mana jireenyaa akka biyyaatti hogganamaa ture keessattuu jijjiiramaan duratti sirrii hinturre; namni hundinuu abbaa mana jireenyaa ta’uu qaba jedhee mootummaan imaammataan deeggaraa ture. Kunimmoo biyya kam keessattuu waan hindanda’amnedha. Utuu ta’ee gaariidha namni jibbu hinjiru. Dhugaan jiru garuu namni carraa ittiin mana argachuu danda’utu mijeeffamaaf malee namni hunduu abbaa tahuu hindanda’u.

Kanaaf tarsiimoo kana irra deebinee ilaaluun nurra ture. Haala kanaan tarsiimoo haaraa baafneerra. Akkaataa kanaan hunduma abbaa mana jireenyaa taasisuu osoo hintaane, kan danda’u ijaarratee, kan hindandeenyemmoo akkaataa galii isaatti kireeffatee akka jiraatuuf haalli mijachuu qaba. Akkaataa kanaan % 20 qofa kan mootummaan dhiheessu, % 80 ammoo akkuma damee invastimantii biraatti namoonni dhuunfaa akka irratti hojjetan taasifnee jirra.

Filannoowwan ykn modaalitiiwwan manni jireenyaa ittiin argamu keessaa waldaadhaan gurmaa’uun isa tokko. Kunis waldaalee hojii gamtaa, riil isteetiifi kanneen birootiin ta’uu danda’a. Dhiheenyaa as ammoo akka barsiifata gaariitti tajaajila lammummaatiin walqabatee hojiileen inisheetiiviidhaan hojjetaman jajjabeessoodha, bu’aa qabatamaas fidaa jiru.

Manneen waliin jireenyaatiin walqabatees kanaan dura mootummaan federaalaa qofti liqii mijeessee akka hojjetu eegamaa ture. Kun sirrii akka hintaane irratti waliigallee mootummoonni sadarkaa naannootti jiranis akkuma mana barumsaafi keellaa fayyaa karoorfatanii ijaaran, waa’ee manaas akkaataa humni danda’een hojjechuu qabu. Kun erga waliigalteerra ga’amee naannoolee hedduun hojiitti seenanii bu’aa qabatamaa fiduurratti argama.

Kana malees mootummaafi abbootiin qabeenyaa ammoo waliin ta’anii manneen jireenyaa ijaaruuf sochiin eegalanis haala gaariin kan ilaalamudha. Fakkeenyaaf inisheetiivii ministirri muummichaa eegalaniin Finfinnee naannawaa Masaraa Mootummaa, Awwaaree jedhamuun beekamu cinaatti namoonni jireenya gadadoo hamaa keessa jiraataa turan. Manneen mana fincaaniifi mana dhiqataa hinqabne hedduutu ollaa mootummaa barootaaf ture. Isa kana hiikuufis mootummaan lafa dhiheessuun, abbootiin qabeenyaa ammoo beekumsaafi humna maallaqaa qabaniin akkaataa dizaayinii mootummaan barbaaduun hojjechuurratti argamu. Kunis naannooleetti illee akka babal’atu taasifamaa jira.

Kana jechuun magaaloota keessatti lafti faayidaa malee taa’u hinjiru. Haala kanaan abbootii qabeenyaaf % 70, mootummaan ammoo % 30 qaamolee ni barbaachisa jedhee amanuuf kenna. Akkaataa kanaan hiyyummaafi rakkoolee bu’uuraalee misoomaa xiqqeessuuf hojjetaa jira. Kunis yeroo kamiyyuu caalaa kurmaana kanatti hojii bu’a qabeessi hojjetameera. Kana jechuun garuu fedhii jiraataa guutuutti hiikneerra jechuu hindandeenyu.

Dhiheessiirratti hojjechuun akkuma jirutti ta’ee, to’annoon ammoo barbaachisaadha. Biyyoota guddataniifi guddataa jiran keessattillee yoo fudhanne gatiin kiraa mana jireenyaa gabaaf kan dhiifamu miti. Fakkeenyaaf abbootiin qabeenyaa manaa sababa tokko malee kireeffattootarratti gatii dabalu. Kanaachi mana gadhiisisu. Kun sirrii akka hintaane Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti labsii baafnee jirra. Kunis rakkoo mana jireenyaa magaalootaa furuu keessatti shoora olaanaa taphataa jira. Nama tokko waggaa lamaa asitti abbaan barbaade dhufee baasuu hindanda’u. Kireessaan yoo rakkoo kan uumu ta’e akkaataan itti to’atamullee labsicha irra taa’eera.

Gaafa kana goonu kireessaan bal’inaan mana jireenyaa ijaaree hinkireessineef akka hamilee dhowwutti miti. Kanaafis kireeffataanis dirqama irraa eegamu kan ba’atu qaba. Akkaataa kanaan karaa fedhiifi faayidaa qaama lamaan giddugaleeffateen hojii bal’aa hojjenneerra, kun galii magaalaa guddisuu keessatti akkasumas, jiraataan magaalaa tasgabbaa’ee jiruufi jireenyasaa akka gaggeeffatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kun hanga tokko hanqina rakkoo mana jireenyaa magaalootaaf fala kaa’uuf kan yaalamedha.

Gama misooma daandiiwwatiinis, Bulchiinsi Daandiiwwan Federaalaafi dameen konistiraakshiniis itti waamamni isaanii ministeera keenyaaf yoo ta’u, dameen kun rakkoowwan ijoo lama qaba. Inni duraa ogummaa wajjiin walqabatee wanti dhaabbilee barnootaa olaanaatti baratan yaadrimee qofa ta’uusaatiin yommuu hojiitti hiikamu rakkoo mataasaa qaba. Qaawwa kana duuchuufis dhaabbata dorgomaafi fudhatamaa leenjii kennu hundeessineerra. Waraqaan ragaa dhaabbata kanarraa argamus sadarkaa idil addunyaatti kan ittiin dorgomuu dandeesisudha. Kana dura kontiraaktaroonni keenya waraqaa kana dhabuusaaniitiin kontiraaktaroota idil addunyaarra jiran waliin yommuu ilaalamu galiin isaanii % 60n gadaanaa ture.

Dhaabbanni waraqaa ragaa kana kennu biyya Ameerikaa kan jiru yoo ta’u, qorannoo bal’aa taasisee hoggansi konistiraakshinii Itoophiyaa, addunyaarratti dorgomaa akka ta’uuf hojii bal’aatu hojjetame. Kun gaafa dubbatamu salphaa fakkaatus hiikkaan isaa guddaadha.

Ministeerichi bu’uuraalee misoomaa magaalaatti hojjetaman qofa osoo hintaane, kanneen sadarkaa biyyatti hojjetaman illee isa ilaallata. Daandii federaalaa, naannoolee, akkasumas biyyaafi biyya walqunnamsiisu ni hojjeta. Fakkeenyaaf jijjiiramaan dura daandii biyyattiin qabdu akka waliigalaatti kiloomeetira kuma 115 hincaalu. Jijjiiramaa as garuu kiloo meetira kuma 171 irra ga’eera. Kun qulqullinaafi sadarkaasaa kan eeggateefi akka muuxannootti illee kan fudhatamudha. Pirojektoonni sababa rakkoo nageenyaan walqabatee dheereffaman akka jiranitti jechuudha.

Bariisaa: Hojiileen misooma koriidarii magaalootaa wajjiin walqabatee hojjetaman hoo maal fakkaatu?

Aadde Caaltuu: Misoomni koriidarii magaalotaa Finfinneetti eegale. Ka’umsisaas akkaataa fedhiin jiraataa magaalaafi guddinni magaalaa waan wal hingitneef isa sirreessuudha. Magaalaan silaa calaqqee badhaadhinaa ta’uu osoo qabuu faallaa sanaa ture. Kanarraa ka’uun magaalaa guddittii biyyaatti eegalame. Kanarratti deeggarsi ministira muummee, hoggansi magaalaa, keessumaa kan kantiibaa magaalittii akkasumas jiraataa magaalaa olaanaadha.

Hojiin kun aadaa hojiillee kan jijjiiredha. Hojii saffisa, qulqullinaafi guddinaan akkasumas jiraataa magaalaa hirmaachisuuniifi haqaqabeessummaa mirkaneessuun hojiin hojjetamaa ture kan muuxannoon addaddaa irraa argamedha. Misoomni kun hammataa akka ta’e (Inclusive Development) illee kan mirkaneessuudha. Fakkeenyaaf kana dura hojiin magaaloota keessatti hojjetamu asfaaltii ykn gamoo abbaan qabeenyaa ijaarudha. Namoota qabeenyaafi humna hinqabne akkasuma daa’immaniif haala mijataa hinqabu ture. Namoonni qabeenya qaban ijoolleesaanii biyya alaa geessanii bashannansiisuu ni danda’u. Biyya keessattis taanaan hoteela guguddaa deemanii bashannanuuf ni danda’u. Kanaaf namni akkanumaan ilaalee bira darba malee, waan kiyya jedhee bakka sana dhaqee tajaajilamuu hindanda’u. Miirri abbummaa, hariiroo jiraataan magaalaa magaalaasaa wajjiin qabu gargar faca’aa ture.

Amma garuu namni barii, halkan, roobaafi aduu keessa illee miilaan deema, kaan saayikilii oofa, daa’imman ni burraaqu. Bakka addaddaatti paarkiitu jira. Ijoolleen bakka balfaa oolaniifi bakka qulqulluu oolan jaalalli biyyasaaniif qaban qixa miti. Kanaaf hojii magaalaa miidhagsuu qofa osoo hintaane hariiroo dhalootaafi biyyi waliin kan qaban cimsuudha. Darbees dhaloonni sadarkaa biyyisaa qabaachuu qabdu akka lafa kaa’u kan taasisudha. Dhaloonni waan qulqulluu, miidhagaafi magariisa argaa guddatu bor kanaa oltu naaf mala jedhee yaada. Kan taa’ee gaafatu qofa osoo hintaane, kan keessatti hirmaatu akka ta’uufis gahee olaanaa qaba. Kanaaf mootummaan qoricha gatii qaaliitiin biyya alaadhaa galchuu caalaa misooma akkanaa babal’isuun lammii fayyaa qabu omishuu danda’a. Istaadiyeemiiwwan xixiqqoofi daandiiwwan lafoo bal’inaan ijaaraman namni miilaan deemuufi ispoortii hojjechuu akka amaleeffatu waan taasisaniif dhalootas ni baraara.

Hojii kanas Finfinneerratti eegaluun dura kantiiboota magaaloota 30 fidnee mariisiisneerra. Gaafa eegalamee walakkaa ga’u ammoo akkasaan dhufanii ilaalan taasisneerra. Dhufanii yommuu ilaalan magaalaan Finfinnee humna waan qabduuf hojjetame jedhanii akka yaadaniif osoo hintaane, humna guddaan magaaloonni qaban humna jiraataa magaalaa waan ta’eef deemanii jiraattoota magaalaasaanii waliin akka mari’atanii waliigalan taasisuufi.

Akkuma magaalaa Finfinneetti taasifametti diigamuun dura barbaachisummaasaarratti amanuufi gahee walii qooduutu taasifama. Akkaataa kanaan magaaloota 30 kanneen akka Jimmaa, Harar, Dirree Dhawaa, Dasee, Gondar, Baahirdaar, Jigjigaa, Mizaan Amaan, Arbaamincifi kanneen biroorratti hojiin walfakkaataa eegalameera; marsaa ittaanuun ammoo magaaloonni kaan kan eegalan ta’a. Kunis badhaadhinni kan magaalaa tokko qofa keessatti hojjetamee mirkanaa’u akka hintaane kan agarsiisudha.

Kanarra darbee misooma koriidarii baadiyyaas jalqabuuf hojjetamaa jira. Sababnisaa jijjiiramni kan namni hundi argu, dhandhamuufi harkaan qabatee ilaalu ta’uu qaba. Kanaafis Baankiin Addunyaa deeggarsa olaanaa kan taasise yoo ta’u, daandiiwwan aanaafi aanaa, godinaafi aanaa, walquunnamsiisan akkasumas gandoonni baadiyyaa omishaafi omishtummaan beekaman omishasaanii haala salphaan gara gabaatti akka fidaniif kan gargaarudha. Kanaafis dolaara miliyoona 417 deeggarsa argameen hojiin kun naannoolee wajjiin jalqabameera.

Bariisaa: Egaa hojiin misoomaa kan dhaabatu miti. Karoorri bal’aan qabame ni jiraati, kanaaf qaamolee hundarraa maaltu eegama? akka kallattiittis akka ergaattis utuu nuu ibsitanii.

Aadde Caaltuu: Hojiin bara kanaa kurmaanni tokko irraa xumurameera. Kurmaana sadii hafan keessaas tokko jalqabameera. Hojii hanga yoonaa hojjetameenis milkaa’inni qofti kan itti argame osoo hintaane, hanqinaalee bal’aa qaba. Keessumaa kenna tajaajilaa wajjiin walqabatee wanti jiru qormaata waan ta’eef xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetaa jirra. Tajaajilli akka si’atu, dijitaalawaa akka ta’uuf yaalii taasisaa jirra. Kana caalaatti garuu of kennuu barbaada. Miira hannaa, ilaalcha harka abbaa dhimmaa ilaaluu irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Kunis karaa lamaan hiikama jennee yaadna. Inni tokko namni ilaalchisaa jijjiiramuu qaba. Ani bakka kana ministira ta’ee yommuun muudamu carraadha malee beekumsaan waa hunda xumuree miti. Carraa sii kenname kanaan ammoo ummata amaanaa sii kenne kana deebitee ganuun sirra hinjiraatu. Waan dandeessuun amaanaa utuu hinhir’isin humna, beekumsaafi dandeettii qabduun ummata tajaajiltee waan ummanni sii kennu deebsitee eeggachuutu namarra jiraata. Isa kana, fedhii yeroo muraasaaf danqee nama kuffisuu ol ta’anii ilaaluu barbaachisa.

Namni amaanaan itti kenname rakkoo hedduu qabaachuu danda’a. Rakkoof jedhanii amaanaa nyaachuun sirrii miti. Abbootiin keenya gaafa biyya kana eeganii nutti dabarsan miila duwwaa deemanii, meeshaa waraanaa ammayyaa osoo hinqabaatiin diina wajjiin kokkee walqabanii biyya bilisa taate akka nuti argannu taasisan. Biyya isaan nuuf dabarsan sana ammoo eeguuf nuti gatii isaan kaleessa kanfalan sana kanfaluun nurraa hineegamu. Waan xiqqoo ta’uu mala kan nurraa eegamu. Isa kanammoo kanfaluuf qophii ta’uun nurra jiraata.

Tajaajila lammummaa, amaanaa, qabsoo abbootiin keenya kanfalan wajjiin ilaallee, nutti tolus toluu baatus darbuun keenya hinhafu. Yeroo darbu kanaaf ammoo waan hindabarre hojjechuuf hunduu of kennuu qaba.

Gama biraatiin teknolojiidhaan deeggaruutu nurra jiraata jennee ‘Digital Ethiopia 2025’ waan qabanne jira; kunis tajaajilli kennamu dijitaalawaa akka ta’uuf kan gargaarudha. Kana jechuun abaluun abaluufin tajaajila kenna jedhee utuu hinargiin, osoo hinbeekiin lammii ta’uusaatiin qofa tuttuqaarraa bilisa haala ta’een tajaajila akka argatu kan dandeesisudha. Isa kanaafis ‘Smart City Concept’ qopheessinee hojiitti hiikaa jirra.

Ilaalcha jijjiiruu wajjiin walqabatee, bulchiinsi magaalootaa amala addaa waan qabaniif, nama addummaa magaalootaa kana hubatu horachuun murteessaadha. Akkaataa kanaan Yunivarsitii Siiviil Sarviisii Itoophiyaa waliin waliigaltee uumuudhaan ogummaafi naamusa addaddaa bulchiinsi magaalaa barbaadu akka horataniif sadarkaa digirii jalqabaa, maastarsiifi PhD’dhaan namoota barsiisnee eebbisiisuun magaaloota akka bulchan taasisaa jirra.

Magaalaan amala isaatiin adda yommuu jennu, wantoota walxaxaa hedduu qaba. Namoota ajandaa siyaas dinagdeefi hawaasummaa addaaddaa qabantu keessa jiraata. Kanaaf namoonni kana qixa sirriin hubatan akka magaalaa bulchan carraa uumuun dandeettiin raawwachisummaa akka guddatuuf hojii bal’aa hojjetaa jirra. Kunis tajaajila fooyyeessuu keessatti gahee mataasaa taphata.

Egaa akka waliigalaatti wanti ani amaanaa jechuu barbaadu, akkuma Oromoon “Meeshaan abbaa fakkaatti” jedhee makmaaku, magaalli kan bulchiinsaa ykn kan mootummaa osoo hintaane kan jiraataati. Akkuma hojii misooma koriidarii magaalaa, jiraataan magaalaa ba’ee “Ana bira maaliif hingeenye, gaheen kiyyawoo maali?” jedhee gaafatee hirmaannaa dhugaa agarsiisaa jiru kanatti damee hunda keessatti agarsiisuun barbaachisaadha. Hojiileen magaalaa, bu’uuraalee misoomaa, magarisummaa hojjetamaa jiran kun qabiinsa barbaadu. Kanaaf jiraataan magaalaa qabeenyi kun kansaa ta’uusaa hubatee, akkuma manaafi qe’eesaa eegutti naannawaasaa eeguun waa hundaa olitti barbaachisaadha. Namni manasaa qulqulleessee balfasaa karaatti darbuu hinqabu. Keessummaan wayii karaa sanarra yommuu darbu ganda qulqulluu keessa yoo darbe bakkichi namoota naannawa sanaa ibsa. Yoo kan balfaan guutame ta’es akkasuma jechuudha.

Kenna tajaajilaa fooyyeessuu keessattis qoodni jiraataa magaalaa olaanaadha. Fakkeenyaaf namoota sirnaan tajaajila hinkennine, mootummaa fagoo jiru caalaatti jiraataa magaalaatu arga. Isa kanas harkaa harkatti qabanii agarsiisuu barbaachisa. Nama ofiisaatiif kabaja hinqabnetu malaammaltummaatti deebi’ee abbaa dhimma harka ilaala. Kanaaf nama ofiisaa hinkabajne jiraataan magaalaa kabajuun irra hinjiraatu.

Dhumarrattis, dhaloota egereetiif biyya diigamaa deemtu osoo hintaane kan ijaaramaa deemtu dabarsuuf hunduu ga’eesaa ba’achuu qaban jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You