Oromiyaatti Pirojektiiwwan invastimantii 4,400 simatamaniiru

Finfinnee: Naannoon Oromiyaa bara baajataa 2017 kurmaana tokkoffaa keessa Pirojektiiwwan invastimantii 4,400 kan simate ta’uu Biiroon Invastimantiifi Industirii Naannichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Ahmad Idiriis tibba darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Naannoo Oromiyaa invastimantiif kan ta’u potenshaala guddaa qaba. Naannichi qabeenya lafa bal’aa bishaan lafarraafi lafa jalaa waliin, hawaasa nama hojjetu kabajuufi deeggaru, harawwan gurguddoofi babbareedoo, qabeenya bosonaa, qilleensa gaarii namaafi lubbu qabeeyyii maraaf mijatu kan hojii invastimantii damee hedduuf mijatu qaba.

Magaalli guddoon biyyichaa Finfinneen handhuura naannichaatti waan argamtuuf, irra caalaan kutaalee naannichaa bu’uuraalee misoomaa gahaa waan qabaniif, abbootiin qabeenyaa omisha omishan gabaa biyyaaleessaattis ta’ee gabaa alaatti gurgurachuuf mijataadha.

Poteenshaala qabdu kanarraa kan ka’e naannichi invastimantii qonnaaf, bu’aalee qonnaa qindeessuuf, indastirii omishaaf, warshaa sibiilaafi sibilaalotaaf, indastirii albuudaatif, indastirii mukaafi bu’aalee mukaatiif, indastirii konistiraakshiniifi akaakuu invastimantii birootif baay’ee mijatuudha.

Potenshaala jiru kana Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa waliin ta’uun tokkoon tokkon qabeenya uumamaafi galteewwan indastirii eessatti akka argaman hojiin adda baasuu hojjetameera.

Kurmaanicha keessa pirojektiiwwan invastimantii 4,400 simataman keessaa 4,317 boordii invastimantii naannichaan murtoo argataniiru. Kunneen hafan ammoo ulaagaa invastimantiin dokumantiinsaanii ilaalamaa jira. Pirojeektiiwwan murtoo argatan kunneeniif lafti hektaarri kuma 31 qophaa’eera jedhanii; gaafa guutumaan guututti hojiitti galan namoota kuma 300f carraa hojii uumu jedhamee eegama. Abbootiin qabeenya pirojektiwwan kunneenii waliigalatti qarshii biliyoona 93 kan galmeessaniidha.

Waamicha Pirezidaantiin naannichaa Dayaasporaaf taasisan hordofees namootni hedduun gara naannichaa akka dhufu taasisaa jira jedhanii; hawaasni dayaasporaa Ayyaana Irreechaa kabajuuf gara biyyaa dhufaniifis potenshaala jirurratti hojii hubannoo uumameen hojii invastimantiitif galmaa’anii adeemsa kan jalqaban hedduun kan jiran ta’uu Obbo Ahimad ibsaniiru.

Yeroo ammaa invastimantii simachuuf jajjabeessituun hojmaatnifi imaammatni mijataan jiraachuu himanii, abbootii qabeenyaaf tajaajila iddoo tokkootiin simannaan, dizaayiniin, hayyamniifi kaartaan kennamaafii jira jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa alergii akka dabalaniif, omisha alaa galu biyya keessatti omishanii akka bakka buusaniif, carraa hojii bal’aa akka uumaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhanii, bara bajatichaatti alergiirraa doolaara Ameerikaa biliyoona tokko argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hanga ammaatti naannicha keessa pirojeektiiwwan invastimantii kuma 23 jiran keessaa, kumni 13 guutumaan guututti hojjechaa kan jiran ta’uu himanii; carraa hojii nama miliyoona 1.2f kan uuman ta’uu Obbo Ahimad ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You