Finfinnee: Ji’oottan 11 darbanitti Godina Wallagga Lixaatti namootni kumni 560 ol dhibee busaan wayita qabaman Godina Wallagga Bahaatti torban tokko keessatti namootni kuma 15 ta’an dhibee kanaan qabamuu Itti gaafatamtoonni Waajjiraalee Fayyaa godinaalee kunneenii ibsan.
Weerara dhibee busaa Wallaggatti mudateefi deeggarsa taasifamaa jiru ilaalchisee Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa Kibxata darbe Itti gaafatamtoonni Waajjiraalee Fayyaa Godinaaleefi Hogganaa Ittaanaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa waliin turtii taasiseera.
Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Masfin Xaasoo akka jedhanitti, godinichatti weerarri busaa bara 2014 aanaalee, Beegii, Baabboo Gambeeliifi Qondaalatte mudatee ture babal’achuun bara 2015 aanaalee 18 ga’uu danda’eera. Bara kana ammoo saffisaan dabaluun aanaalee godinichaa 22fi magaalota keessatti mul’ateera.
Godinichatti ji’oottan 11 darbanitti namoota kuma 997 ol mallattoo dhibee busaan walfakkaatuu irratti argamee qorataman keessaa kumni 560 ol dhibee busaa ta’uun adda ba’ee wal’aansi kennamuufii himanii; dur dhibeen busaa kan mudatu waqtii birraafi arfaasaa ta’us sababnisaa qorannoo barbaadus bara 2015 irraa eegalee bonaafi ganna osoo hin hafin ummata hiraarsaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, bara darbe aanaalee 13 keessatti keemikaalli farra bookee busaa raabsameera. Barana hanqina keemikaalaa mudateen aanaalee sagal keessatti biiffaan eegalameera. Bara 2013 eegalee saaphanni siree kuma 970 ol raabsameera. Bara kanas saaphana siree kuma 374 ol raabsuuf Oromiyaarraa eegamaa jira. Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaas deeggarsa qorichaa, saaphana sireefi ogeessa fayyaa taasisaa jira.
Haa ta’u malee, rakkoo kana maqsuuf hawaasni haa xiqqaatu haa guddatu kuufama bishaan wal hormaata bookee busaaf sababa ta’an guutummaatti dhabamsiisuun dirqama jedhanii; kuufamni bishaanii hanga hin dhabamsiifamnetti dhibee kanaan qabamanii yaala fudhatanis carraan deebi’anii qabamuu bal’aa ta’uu hubachiisaniiru.
Itti gaafatamtuun Waajjira Fayyaa Godina Wallagga Bahaa Sister Shittaayee Baqqalaa gamasaaniin akka jedhanitti, weerarri dhibee busaa kan bara darbeen yommuu walbira qabamu dachaa sadiin dabalaa jira. Gabaasni dhibee kanaa torban torbaniin waan ta’ee torbee darbe namoota skuma 25 sakatta’aman keessaa kumni 15 dhibee kanaan qabamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Akka godinichaatti haala amma jiruun aanaalee Saasiggaa, Jimmaa Arjoo, Leeqaa Dullachaa, Diggaafi Guutoo Giddaa keessatti dhibeen kun hammaachuu ibsanii; weerarri kun aanaalee godinichaa hunda keessatti babal’achaa jira. Kuufamni bishaan gurguddoo godinicha keessa waan jiraniif biiffaa keemikaala farra bookee busaa akka barbaachisus dubbataniiru.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Tasfaayee Kabbabaa gamasaaniin, dhibeen busaa gara zeerootti gad bu’ee ture waggoota sadii as daran dabalaa jiraachuu himanii; keessattuu Oromiyaa Dhiyaatti rakkoon kun daran hammaachaa akka jiru ibsaniiru.
Yeroo ammaa rakkoo kana maqsuuf yaala idileerra darbee dhaabbilee federaalaafi idil addunyaa waliin duulli taasifamaa jiraachuu eeranii; ammaan tana qaama duula taasifamuu kan ta’e qorannoon bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016