Finfinnee: Dhaloota ogummaa garaagaraa gonfate horachuun guddina yaadame bira ga’uuf dhimma murteessaa ta’uun ibsame.
Biyyoota akka Jarmaniifi Jaappaanfaa gulantaa guddinaa olaanaarra jiraniif barnootni leenjiifi ogummaa bu’uura jabaa ta’uu hayyootni damichaa ni ibsu. Itoophiyaanis saffisa yaadameen guddachuufi fayyadamummaa dinagdee olaanaa gonfachuu baattus barnoota ogummaaf xiyyeeffannaa kennuunshee bubbuleera.
Tibba kanas ‘Ogummaafi tekniikaa misooma waaraaf” mata duree jedhuun torban barnoota ogummaafi tekniikaa sadarkaa magaalaa Finfinneetti sagantaalee garaagaraan adeemsifameera. Ministirri De’eetaan Hojiifi Ogummaa Tashaalee Bareechaa (PhD) Waltajjii marii godambaa yaadannoo injifannoo lola Adwaarratti argamuun haasaa taasisaniin, dhaabbileen leenjii ogummaafi teknikaa dhaloota ogummaa garaagaraa qabu leenjisuu qofa osoo hin taane waa omishuurratti hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.
Leenjitoonni gara dhaabbilee barnoota leenjii ogummaafi teknikaa dhufan ogummaa horataniin karoorrisaanii ilaalamee akka ba’anii hojjetan deeggarsi kennamaa jiraachuu himanii; gama mootummaanis lammiin biyyattii hundi yoo xiqqaate ogummaa tokko akka qabaatu kallattiin kaa’amuu yaadachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, lammiileen hundi yoo ogummaa horatan galii maddisiisuu danda’u. Namni hunduu kan galii maddisiisu taanaan abbaa qabeenyaa ta’uun kadhaa jalaa ba’uun fagoo hin ta’u. Dhaabbileen barnoota ogummaafi teeknikaas kaayyoo kana gonfachuun baadiyyaa magaalaatti hojiitti seenaa jiru.
Inistitiyuutii Ogummaafi Teeknikaa Federaalaatti Hogganaan Kutaa Manajimantiifi Hoggansaa Obbo Ababaawu Lammaa gamasaaniin, dhaabbileen ogummaafi teeknikaa carraa hojii bal’aa uumuun guddina dinagdee biyyattii keessatti gahee leencaa qabaachuu dubbataniiru. Haaluma kanaan leenjiin kennamu fedhii industiriiwwaniifi gabaa jiru ilaalcha keessa kan galchu ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.
Hogganaan Giddu Gala Qo’annoo Imaammata Bu’uuraalee misooma Magaalaafi Industirii Amaaree Maahitab (PhD) gamasaaniin, guddina teknoloojiif ogummaafi teknikarratti hojii bal’aan hojjetamuu akka qabu himanii; Itoophiyaan warraaqsa industirii 4ffaa keessa akka galtuuf ogummaa awutomeeshiniifi kanneen biroorratti ciminaan akka hojjettu hubachiisaniiru.
Torbeen ogummaafi teeknikaa kun agarsiisa hojiiwwan garaagaraa, marii paanaaliifi agarsiisa faashiniin kan kabajame yommuu ta’u, bu’aaleen kalaqa hojiitti hiikamuun guddina yaadame saffisiisan kan itti dhiyaatan ture.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016