Finfinnee: Dandeettiin magaalaa ammayyaawaa ijaaruu Oromoo Shaggarirraa magaalota biroof haala qoodamuun hojjetamaa jiraachuu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Obbo Shimallis kana kan dubbatan, tibba darbe wayita ijaarsa daandii guddicha kiilomeetira 150 kutaa magaalota Shaggar 12n walqunnamsiisu eegalsiisanidha.
Shaggar magaalaa wareegama hedduun booda miixuu cimaan dhalate ta’uu eeranii; Oromoon kaleessa magaalaa keessaa ari’amaa turee magaalaa keessa jiraachuu qofa osoo hin taane dandeettii magaalaa ammayyaawaa ijaaruu ijaarsa Shaggariin firaafis diinaafis muuxannoo guddaan kan itti qoodamu ta’uu hubachiisaniiru.
Hacuuccaa sirnoota darbaniirraa kan ka’e ummatni qe’eesaatti Orma ta’uun ammaan tana ummatni Oromoo magaalaa jiraatu %20 kan hin caalledha jedhanii; Shaggar ammayyeessuu qofa osoo hin taane ummatni Oromoo jireenya ammayyaa akka jiraatuuf xiiqiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Shaggar ammayyeessuun daandii guddicha bal’innisaa meetira 250 ta’eefi akka Afrikaattuu daandii guddaa ta’uurraa eegalle jedhanii; bu’uuraalee misoomaa biroos diriirsuuf sochiin eegalameera. Ummatnis jireenya magaalaa ammayyawaa kana gaggeeffachuuf ogummaa lama sadiin horatee cimee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Daandii guddichi kun marsaa shaniin kan hojjetamu yommuu ta’u, marsaa 1ffaan qarshii biliyoona 4.5n kan ijaarsisaa eegale daandii kiilomeetira 38.5 kan Kuraa Jiddaa-Xaafoo- Galaan walqunnamsiisu, marsaa 2ffaan daandii Kuraa Jiddaa-Sulultaa, 3ffaan daandii Sulultaa-Gafarsa Gujee walqunnamsiisu, 4ffaan Gafarsa Gujee-Diimaa, 5ffaan daandii Diimaa-Galaan walqunnamsiisu ta’uu kan ibsan ammoo Kantiibaa Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaati.
Ijaarsi daandii kanaa gaafa xumuramu lakkoofsa daandii aspaaltii magaalattii 63 ture gara 413tti olguddisuun cinatti rakkoo geejibaa furuufi dhiyeessii omishaalee kan salphisu ta’uu Doktar Tashoomaan dabalataan ibsaniiru.
Dargaggoo Maammee Badhaadhinaa jiraataa kutaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii yommuu ta’u, kaayyoo mootummaan Shaggarirratti qabatee jiru wareegama Qeerroo, Qareefi beektonni Oromoo kaffalaniif beenyaa jabaa akka ta’u abdii guutuu qabaachuu dubbata. Mootummaan cabiinsa ummatni Oromoo kaleessa cabe hubatee wal’aanuuf wayita onnatee ka’e kanatti dargaggoon humna ta’uufii akka qabanis dhaama.
Kallattii mootummaan qabatee jiru Oromoo dukkana keessaa gara ifaatti baasaa jira. Kaayyoon mootummaa kunis irriba malee halkaniifi guyyaa akka hojjetan nama onnachiisa. Magaalaa salphinaan keessaa baqataa turanitti ulfinaan deebi’aa jechuu mootummaa dhaga’uu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru kan jedhan ammoo Aadde Abbaayinash Tafarraati.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016