Barana sadarkaa biyyaatti biqiltuun biliyoona   7.5 akka dhaabamu ibsame

  • Lafti biqilaan dhaabbatu hektaarri miliyoona 1.8 qophaa’eera

Finfinnee: Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiin biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Koreen Teeknikii Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa ibse. Sadarkaa biyyaattis Waxabajjii 22 akka eegaluuf murtaa’ee eegalchiisuu sagantaa kanaaf qophiin eegaleera.

Daarektera Ittaanaan Koree Teeknikii Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa Obbo Geetaachoo Gizaawu kaleessa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiin sadarkaa biyyaatti biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Karoora kana milkeessuuf qophiiwwan adda addaa taasifamaa jiru.

Akka ibsasaaniitti, iddoo biqilaan dhaabbatu lafa hektaara miliyoona 1.8 adda ba’uu, buufati biqiltuu 115 hojiitti galanii hojii keessa jiraachuu, boolli biqiltuu bakka dhaabbiif adda ba’e hundatti qophaa’aa jiraachuu, ijaarsa dandeettii, hubannoo uumuufi marii paanaalii bal’aan gaggeeffameera.

Bu’uura kanaan sadarkaa biyyaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu baranaa Waxabajjii 22 akka eegalamu murtaa’ee sagantichaaf qophiin eegalamuu himanii; naannoleenis haala qabatamaa naannawaasaanii bu’uura godhachuuchaan guyyaa baniinsa mataasaanii murteeffachuun kan ittideeman ta’a jedhaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu gaggeeffamus akka haala qabatamaa qilleensa naannawaa hordofee rooba roobu bu’uura godhachuun yeroo garagaraatti akka eegalamu ta’ee yeroo ammaa bakka roobni gannaa eegale Itoophiyaa Kibbaatti eegalameera. Hanga ammaatti dhaabbiin biqilaa miliyoona 150 gaggeeffameera. Biqiltuun barana dhaabbatan dhibbantaa 60 biqiltuu faayidaa nyaataaf oolan ta’uus ibsaniiru.

Biqiltuuwwan hanga ammaatti dhaabbatan keessaa %80 qabachuu hordoffiin barbaachisaanis taasifamaafii akka ture hubachiisanii, hanga dhaabbiin biqiltuu baranaa xumuramutti gamaaggamniifi hordoffiin raawwii cimee ittifufa jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

Recommended For You