Oromiyaatti namoota miliyoona 1.2 oliif carraan hojii uumame

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti ji’oota ja’an darbanitti namoota miliyoona 1.2 oliif carraan hojii uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa naannichaa beeksise.

Daarektarri kominikeeshinii biirichaa Obbo Tolasaaa Ajjamaa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannichatti namni hojii uummachuuf akka carraaquuf hojiin hubannoo cimsuufi dadammaqina bal’inaan hojjetamaa jira.

Namootni hojii eeggachuurra gara uummachuutti ce’uuf qophiin qorqalbiisaanii sadarkaa barbaachisurratti argamuu akka qabu himanii; biirichi qooda fudhattoota waliin namoota kuma 593fi 576f leenjii intarpirinarshippii kennuuf karoorfatee kuma 564fi 710f kennuu ibsaniiru.

Hojii uummachuufi ittiin milkaa’uuf ogummaan daran murteessaadha kan jedhan Obbo Tolasaan; biirichi mataduree, “Oromiyaa haa ogummeessinu” jedhuun ogummaa ummata naannichaa gabbisuuf giddugala intarpiriinarshippii 35 Kolleejjota Barnoota Leenjii Teknikiifi Ogummaa (BLTO) keessatti akka saaqamu taasiseera jedhaniiru. Ji’oota ja’an keessatti liqii qarshii biliyoona 2.56 intarpiraayizotaaf kennuuf karoorfamee qarshiin biliyoona 1.24 kennamuus dabalataan ibsaniiru.

Aadaafi humni qusannaa ummata naannichaa daran gadaanaa ta’uurraa kan ka’e liqii hamma barbaachisu dhiyeessuurraatti raawwiin jirus gadi aanaa akka ta’u taasiseera kan jedhan Obbo Tolasaan; hawwaasni naannichaa liqii liliyoona lama akka qusatu karoorfamee biliyoona 1.8 qusachuu eeraniiru.

Liqii deebisiisuun walqabatee, hojiin liqii bulee deebisiisuu dhibbanta 51 kan raawwatame yommuu ta’u, liqii haaraa deebisiisuun ammoo dhibbanta 81tu milkaa’e. Kanaaf gara fuuldurratti hojiin liqii bule deebisiisuu hojii xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamuu qabuudha jedhaniiru.

Akka Daarektara kanaatti, aadaa qusannaa ummata naannichaa dabaluuf mootummaan naannichaa namni kamuu waan argaturraa dhibbantaa 35 akka qusatu gochuuf hojjechaa jiraatus ammallee aadaan qusannaa uummatichaa baay’e gadaanaa ta’uu dubbatanii; biirichi qooda fudhattoota waliin raawwisaa ji’a ja’aa yoommuu qoratetti, hojiin qusannaa hawwaasichaa dabaluu hojiilee gara fuulduraatti xiyyeeffannoo barbaadan keessaa isa ijoo ta’uun adda baafamuu yaadachiisaniiru.

Carraa hojii uumame miliyoona 1.2 ol keessaa %44.5 qonnarratti ta’uu eeranii; hojiilee misooma qonnaa naannicha keessatti hojjetamaa jiran keessaa, keessattuu inisheetivii misooma qamadiirratti dargaggoota yuunivarsiitiifi kollejjiirraa eebbifamanif dhiyeessii barbaachisan guutanii gurmiin akka hojjetan taasisuurratti godinaalee akka Jimmasfi Bunnoo Baddalleefaarratti hojii boonsaan hojjetamuu ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Oromiyaatti namoota miliyoona 1.2 oliif carraan hojii uumame”

  1. Pingback: steenslagfolie
  2. Pingback: 海外進出
  3. Pingback: nutritional shake

Comments are closed.