Finfinnee: Godina Jimmaatti bara bajataa 2016tti buna kuntaala miliyoona 2.2 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti lafa hektaara kuma 275 irraa bunni kuntaala miliyoona 2.5 sassaabamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjirichaa Obbo Awwal Kaaliil Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, godinnisaanii omisha bunaaf lafaafi haala qilleensaa mijatu qaba. Aanaalee godinichi qabu hunda (21) keessatti lafa hektaara kuma 580 irratti bunni omishamaa jira.
Akkasaan jedhanitti, godinichi godina baroota dheeraaf hojiin misooma bunaa itti hojjetamaa ture waan ta’eef bunni dulloome baay’inaan argama. Omishaafi omishtummaa bunaa dabaluuf hojiin buna gamashuufi sanyii bunaa tokko sanyii buna biraatiin bakka buusuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira.
Hundeen bunaa waggaa 20 ol lakkoofsiseefi gamashamee omisha hinkennine guutuutti buqqa’ee biqiltuu bunaa haaraan bakka bu’a. Bara kanas bunni lafa hektaara kuma 16 irra jiru guutuutti buqqa’ee biqiltuu bunaa birootiin bakka buufama.
Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee fayyadamummaan qonnaan bultoota buna omishanii dabalaa jiraachuu ibsanii, jijjiiramichaan qonnaan bultootni lafa omisha bunaa hektaara lamaafi isaa ol qaban kan baay’innisaanii 500 ol ta’an daldala alergii bunaarratti akka hirmaatan gochuun danda’ameera jedhan.
Haala mijaa’aa uumameefitti fayyadamuun qonnaan bultootni waldaafi yuniyeeniidhaan gurmaa’anii omishasaanii gabaa addunyaatiif dhiyeessuun omishasaaniitirraa kallattiidhaan fayyadamaa ta’aa jirus jedhaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa misooma bunaaf carraawwan gaarii hedduu fidee dhufuu eeranii, sagantaa kanaan buufata biqiltuu 114 hundeessuun bara kana sanyii biqiltuu bunaa miliyoona 700 ol qopheessuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Gabaa faana walqabatee qonnaan bultootaaf haalotni mijatoon uumamanis ammallee rakkoo jiru furuufi rakkoolee dhiyeessiirratti mul’atan hambisuuf hojiileen gara fuulduraatti hojjetamuu qaban jiraachuu himaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016
9 Comments to “ Godina Jimmaatti bunni kuntaalli miliyoona 2.5 sassaabame”
Comments are closed.