Finfinnee: Tigraayitti lafti hektaarri kuma 50 jallisiidhaan misoomaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa naannichaa beeksise.
Biirichatti Daarektarri Hortikaalcharii Obbo Barrihuun Aragaawii ibsa Roobii darbe Dhaabbataa Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, irra jireessi kutaalee naannichaa ganna darbe rooba kan hin arganne ta’us ji’a Fulbaanaarraa eegalee hanga Sadaasaatti rooba guddaa naannichi argatetti fayyadamuun hojiin misooma jal’isii hojjetamaa jira.
Akka isaan jedhanitti, bara bajataa 2016 naannichatti lafa hektaara kuma 60fi 700 jal’isiidhaan misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafa hektaara kuma 50 misoomsuun danda’ameera. Kana keessaa lafa hektaara kuma lama sanyii qamadiin akkasumas lafa hektaara kuma shan sanyii boqqolloon uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti haaluma karoorfameen lafti hektaarri kuma lama sanyii qamadiitiin uwwifameera. Irra jireessi lafa jal’isiin misoomanii kanaas omisha kudaraafi muduraatiif kan ooludha.
Deeggarsa mootummaa federaalaatiin qonnaan bulaaf xaa’oo kuntaala kuma 100 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti karooraa ol xaa’oon kuntaalli kuma 111 dhiyaatee hojii misooma jal’isiitiif oolaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooma jal’isiif paampiin murteessaadha kan jedhan Obbo Barrihuun; bara bajataa kanatti paampiiwwan bishaanii kuma lama dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kumni tokko dhiyaateera. Milkaa’ina misooma kanaaf sanyii midhanii kuntaala kuma 14 qonnaan bulaaf dhiyeessuuf karoorfame keessaas kuntaalli kuma shan dhiyaachuu dubbataniiru.
Osoo waraanni naannoosaaniitti hineegalamin dura paampiiwwan bishaanii kuma 27 akka turan yaadachiisanii; sababa waraanichaatiin paampiiwwan baay’een barbadaa’uu eeraniiru. Yeroo dhiyoo as mootummaan fedaraalaa paampiiwwan 91 deeggarsaan naannichaaf kennuus ibsaniiru.
Waraana booda leenjiin hojjettoota qonnaatiif kenname waan hinjirreef hojjettootni ekistenshinii qonnaa deeggarsa bu’aqabeessa qonnaan bultootaaf kennaa akka hinjirre himanii; mootummaan fedaraalaa gama kanaan deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf gaafataniiru.
Misooma qonnaa waliigalarrattis ta’e jal’isiirratti mootummaan fedaraalaa dhiyeessii barbaachisu guutuuf deeggarsa taasisaa jira. Haa ta’u malee, sababa waraana uumameen naannichi garmalee waan hubameef deeggarsichi akka ittifufu waamicha taasisaniiru. Naannichatti waggaatti si’a sadii omishuun wayita danda’amu omishalee kuduraafi mudaraa akkasumas boqqolloo kuntaalli miliyoona 19 ol ni eegama.

Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016
5 Comments to “Tigraayitti lafti hektaarri kuma 50 jallisiidhaan misoomaa jira”
Comments are closed.