Qormaata seensa yunivarsiitii kennamaa jiruun walqabatee dubbiin mataduree ta’e tokko miidiyaalee hawaasaa garagaraarra bal’inaan deemaa tureera, jiras. Wanti dhagahamaa jiru kunis waanuma dhuguma raawwachaa jiruudha malee, akkanumaan waan odeeffamaa jiru miti.
Kanaafuu, gama fayyaatiin waanuma irratti xiyyeeffannee ilaaluun nurra jiraatuudha. Kunis maal yoo jettan, waan baay’een keessan dhageessisanii gurraa qabdan kan ta’e waa’ee da’umsa barattoota shamaraa qorumsaaf yunivarsiitiilee garagaraa jiraniiti.
Akkuma beekamu qorumsi seensa yunivarsiitii kan bara kanaa, jechuun kan bara 2014 kennamaa jiru, kan kanaan dura kennamaa turerraa adda. Wantoota adda godhu keessaa inni guddaan, barattoonni qorumsa fudhatan kunneen mana barumsaa itti barachaa turanirraa qorumsaaf gara biraa deemanii qoramuusaaniiti.
Waanti adda godhu kan biraanis ni jira. Innis, isa barattoonni muummee saayinsii hawaasaafi saayinsii uumamaa yeroowwan garagaraatti qoramani. Kanaan dura waanti akkanaa hinamaleeffatamne ture.
Barataan qorumsa seensa yunivarsiitii kan fudhatu mana barumsaa kutaa 12ffaa ittixumuretti, kanaan dura. Qorumsi kan kennamus waqtii, yeroofi sa’aatii walfakkaataatti. Kana jechuun barattoonni qorumsa seensa yunivarsiitiif qophaa’an muummeen osoo hinqoodamaniin fudhatu.
Kun mataduree xiyyeeffannoo keenyaa ta’uu baatus, gara boodaatti itti deebinee ilaaluun keenya waan hafu miti. Wanti biraan addatti dhagahamaa jiru garuu, kanaan dura mudachuufi mudachuu dhiisuusaatiif ragaa qabatamaan hinjirre immoo, isa nuyi ammaan mataduree guddaa barruu kanaa godhannee ilaaluuf jirru kan ta’e, waa’ee da’umsa barattoota shamarran qorumsa seensa yunivarsiitii fudhachaa jiran kanaati.
Waa’ee da’umsa barattoota shamaran qorumsa seensa yunivarsiitii fudhataniifi fudhachuuf jedhaniin walqabatees yaadota adda addaatu kennama namaa namatti yaada garaagaraatu kennamaa jira. “Da’umsi waanuma jiru. Akkuma haadha ulfaa kamuu, oggaa yeroonshee geessu deessu, isaanis yeroonsaanii geenyaan da’an. Kan baranaa garuu waan adda godhee akka mataduree ta’ee odeeffamu kan godhe, haalli kenniinsa qorumsichaaa adda ta’uusaati.
Adda ta’uurra darbees innumtuu mataduree ta’ee ture. Waa’een da’umsaa kunis kanuma waliin dhaadheffamee deeffamuu eegale. Kanarraa kan hafe wanti haaraan uumame hinjiru” kan jedhan jiru. Kanarraa adda waanti dhagahamus ni jira. Kunis; “Qorumsi baranaa adda ta’ee waan odeeffameef qofa miti kan da’umsi barattoota shamarranii qorumsa seensa yunivarsiitii fudhachaa jiranii kan olka’ee dhagahamaa jiruuf.
Bara qorumsa baranaa kana, lakkoofsi barattoota shamaraa osoo qorumsa fudhachaa jiranii da’an waan dabaleefi. Kanaaf immoo sababni guddaan, haalumti kenniinsa qorumsaa kan kanaan duraarraa addaafi bifa haaraan kennamuusaati” jedhanii yaada kennu. ‘Kanatu sirriidha, kanatu sirri miti’ jechuu dura ija saayinsii fayyaatiin ilaaluun gaariidha. Walumaan haa ilaallu! Kana bal’inaan ilaaluuf immoo gaaffiiwwan tokko tokko kaafnee haa ilaallu. Gaaffiilee gadii kana jechuudha:
- Da’umsi maali? Ciniinsuunhoo? Haati ulfaa tokko karaa kami kan mucaa da’uu dandeessu?
- Haati ulfaa tokko osoo yeroon hingahiin da’uu dandeessii?
- Wantonni haati ulfaa tokko osoo yeroon isheen itti deessu hingahiin akka deessu godhan maal fa’i?
- Of eeggannoo barattoonni kunneeniifi maatiinsaanii gochuu qabanis maal fa’i?
Da’umsi maali? Ciniinsuunhoo? Haati ulfaa tokko karaa kami kan isheen mucaa da’uu dandeessu?
Da’umsi taatee haati ulfaa tokko daa’ima yookaan mucaa ittiin gara addunyaa kanaatti fidduudha. Adeemsisaa immoo ciniinsuu jedhamuun beekama. Kunis kan ta’u yommuu gadameessi haalaan kottunfatuufi fiixeen gadameessaa daa’ima baasuuf bilchaatuudha.
Yoo kun ta’eedha kan daa’imni dhalattu. Dhalachuu qofaafis osoo hintaane, daa’imni tokko karaa kam dhalachuu akka qabduufillee haalaan kottuunfachuufi kottuunfachuu dhiisuun gadameessaafi bilchinni fixeesaa murteessaadha. Karaa kam dhalachuu akka qabduuf yeroo jennu, karaalee guguddaa daa’imni itti dhalattu lama jiraachuusaa akeekaa jirra.
Kunneenis: karaa jalaa yookaan qaama saalaafi karaa guddaa yookaan garaa baqaqsuun kan raawwatamuudha. Maalummaa da’umsaa, ciniinsuufi karaa itti haati tokko daa’ima da’uu dandeessu. Erga kana jennee booda gara gaaffii isa ijoofi mataduree keenyaaf hundee ta’e tokkootti haa dabarru. Kunis, “Haati ulfaa tokko yeroon da’umsashee osoo hingahiin da’uu ni dandeessii? kan jedhuudha. Mee bal’ifnee haa ilaallu!
Haati ulfaa tokko osoo yeroon hingahiin da’uu dandeessii?
Gaaffii kanaaf eeyyeen yookaan lakki jennee osoo hindeebisiin dura, da’umsa yeroon osoo hingahiin jechuun maal akka ta’e haa ilaallu. Tole! Da’umsi yeroon hingeenye karaawwan lama ilaaluun ni danda’ama. Inni tokko, sirni qaama mucaa guutummaatti hinbilchaatiin dalachuudha.
Kun garaatti hafee torbee 37 dura kan ta’udha. Kan biraan immoo, osoo yeroon cimiinsuu hingahiin kan dhalattudha. Kana jechuun osoo qaamni haadha ulfaa tokko, addumaan gadameessiifi fiixeensaa da’umsaaf of hinqopheessiin kan ta’uudha.
Osoo ciniinsuun inni sirriin hingahiin kan ta’u jechuudha. Kanneen lamaan keessaa tokko yoo ta’e yookaan lamaansaanii yoo mul’atan da’umsa yeroo malee raawwatamee ta’ee argama. Kanaafuu, haati ulfaa tokko osoo yeroon itti deessu hingahiin da’uu dandessii jechuudha.
Kan kanaan dura ta’us ni jira. Inni garuu da’umsa miti. Irraa bahuu (abortion) jedhama. Yeroo daa’imni dhalatee jiraachuu hindandeenyetti yoo ta’eedhas kan akkana jedhamu. Akka biyya keenyaatti, garaatti hafee torban 28 dura yoo ta’e kan ‘irraa bahe’ jedhama.
Waantonni haati ulfaa tokko osoo yeroon isheen itti deessu hingahiin deessu godhan maal fa’i?
Waantonni akka haati ulfaa tokko yeroo malee deessuuf sababa ta’an beekuun, dursanii qophaa’uufis ta’e of eeggachuuf faayidaa guddaa qaba. Sababoonni da’umsa osoo yeroon gahiin ta’uu guutummaatti beekamuu baatus, kanneen gadii kun warra akka ka’umsaatti jiraniidha.
- Lakkuu garaadhaa qabaachuu
- Kanaan dura waan akkanaan mudatamuu
- Dafanii walirratti da’uu (ji’a ja’aa gaditti)
- Rakkoolee gadameessaafi fiixee gadameessaatiin walqabatan
- Tamboofi qorichoota garagaraa fayyadamuu
- Infeekshinii qaama walhormaata gadii
- Dhukkuboota kanneen akka dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qabaachuu
- Ulfaatina hammaa gadii yookaan hammaa olii kan ulfaan duraa
- Haalota nama dhiphisan addumaan nama jaalatan dhabuufi ofii miidhamuu irraa dhufan.
- Balaafi miidhaa qaamaa
Akkuma armaan dura kaafne, bara kana barattoonni shamaraa osoo garaatti baatanii qorumsa seensa yunivarsiitii fudhachuuf gara yunivarsiitiilee garagaraa deeman akka da’aa jiraniidha. Nutis waa’ee da’umsaafi da’umsa yeroon hingahinii kan kaafneef kanumaan wal qabateetu.
Addumaan immoo, da’umsa yeroon hingahiin irratti xiyyeeffannee akka haasofnu kan godhu tokkotu jira. Kunis wayita qorumsaa kana, lakkoofsi warreen da’anii dabaluudha. Yeruma qorumsaa kanas wantoota dafanii da’uuf sababa ta’an keessaa kanneen akka waantota nama dhiphisaniifi qaamarraan balaa gahuu danda’aniin mudatamuudha.
Barattoota shamarranii, addumaan immoo warreen garaatti baatan qofaa irratti osoo hintaane namuma qoramu kamiifuu yeroo qorumsaa waan namatti dhagahamu ni jira. Dhagahamuurra darbees nama dhiphisuu danda’a.
Kunimmoo namaa namattis adda adda. Warreen garaatti baataniif immoo sababa yeroo malee da’uu itti ta’uu mala. Kan balaa qaama irra gahus akkanuma. Kun balaa salphaa hanga ulfaataatti itti ta’uu danda’a. Balaa salphaa konkolaataadhaan urgufamuun irra gahuu hanga balaa konkolaataa ta’uu mala.
Kun hunduu sababa mataduree keenya kanaa ni ta’a. Nutis qorumsa seensa yunivarsiitii, barattoota shamarranii osoo garaatti baatanii qorumsichaaf deemanii achitti da’aniifi da’umsa osoo yeroonsaa hingahiin iddoo tokkotti kan kaasuu filanneef kanaafi.
Yeroo akkana jedhamummoo, barattooti qorumsaaf deemanii achitti da’an hundi osoo yeroon da’umsasaanii hingahiin da’an jechuu miti. Haalonni yookaan sababoonni sanaaf isaan saaxilan akka waqtii akkanaatti heddummatan garuu haaluun hindanda’amu.
Kanaafuu yeroo kanatti barattoonni shamarranii osoo garaatti baatanii qorumsa seensa yunivarsiitii qoramuuf deeman of eeggannoo irraa eegamu gochuu qabu. Akkasumas isaan qofa osoo hintaane maatiin barattoota kanneeniillee haalaan isaan hordofuu qabu.
Of eeggannoo barattoonni kunneeniifi maatiinsaanii gochuu qaban maal fa’i?
Yoo yeroon da’umsaa gahuu baatellee dursanii qophaa’uun barbaachisaadha. Qophaa’uu qofa osoo hintaane dhiphina irraa hamma ta’e tasgabbaa’uun of qopheessuu qabu. Akkasumas, haala geejibaa mijeeffachuun irra jiraata. Kanammoo ofiin qofa osoo hintaane maatiifi qaamni ilaallatus cina dhaabbachuu qaba.
Ulfi ulfina; da’umsi immoo hiikamuudha. Harmooliif kabajaafi jaalalatu mala!
Fayyaa hindhabinaa!
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015