Mammaaksa tokkotu jira; kan Oromooti mammaakan. Maaliin mariin maal godhan hin ajooftu jedhama. ‘Maaliin’ maala akka taate isinuu beektu. Eddii mari’atanii irratti walii galaniin booda funyaan hin qabatan jechuudha; wantichi kan funyaan nama qabachiisu ta’ullee.
Mammaaksi koophaa dubbii ta’e kun barbaachisumaa mariifi walgaltee ibsa. Aabboofi aaddeen kan mammaakanis kanumaafi. Abbootiin keenya mammaaksa kana faranjiirraa hinwaraabne. Kanumasaaniti.
Dhimmicha ija itti gochuun gaariidha. Rakkoo mariidhaan hiikuun faranjiirraa waan dhufe nutti fakkaata. Keessattuu dhaloota baranne, qubee lakkoofne ofiin jennu biratti. Garuu dubbiin akkasii miti. Dubbiin akkas hinfakkaattu.
Barbaachisummaa marii warri keenya duruu beeku. Makmaaksi kunis kanuma nutti hima. Maanguddoonni keenya dubbii hamtuu mariidhan hiiku. Nama walitti bu’e mariidhaan araarsu. Rakkoo hawaasa jidduutti uumamu mariidhaan deebii kennuuf. Aadaa bareeda kana tolche hawaasichi. Aadaa kana qoratanii guddifachuunii dhaloota barate jedhamu kana biratti rakkoodha.
Har’as ta’e boru rakkoon hawaasaas kan hiikamuu danda’u mariidhaani. Rakkoon biyya keenyaas kan hiikamu meeshaadhaan miti. Qawweedhaan waltumuudhaanis deebii gahaa argachuu hindanda’u. Furtuun rakkoo biyya keenyaa mariifi marii qofa jechuun itti amanuufi fudhachuun barbaachisa. Kan daandii qajeelloorra nama oofus kanuma.
Kanuma bu’uureffadhee marii ministirri muummichi dargagoota naannolee biyyattii keessaa walitti dhufan wajjin marii tibbana taasisanirratti waa jedha. Maricha hanga tokko dhaggeeffadheera. Hanga nama mariitti amanuufi rakkoo biyya kanaa marii qofatu hiika jedhu tokkootti yaadawwan mariirratti kaka’an akkuma waliigalaatti akka gaariitti fudhadheen yaada itti kenne.
Yaadota mariirratti ka’an keessaa kan midhaan nyaataatiin of danda’uu ilaalchisee ka’eefi karoorri gara fuulduraatti jiru yaada bitamuu danda’amuudha. Biyyi kun midhaan nyaataatiin of danda’uu wajjin walqabsiisee imaammatiifi sagantaawwan hedduun bahaniiru. Qalamniifi peennaan imaammata baasuufi tarsiimoo tumuurratti hin dhangalaane hinjiru. Garuu har’as gaafiin midhaan nyaataatiin of danda’uu mataduree ajandaa biyya kanaati.
Imaammatiiniifi tarsiimoowwan bara baraan bahan homaa hinfayadne jechaa hinjiru. Ummata garmalee wagga waaggaan dabalu kanaaf hanga tokko waan dhandhamatu argamsiiseera. Kanan jechaa jiru garuu rakkoo keessaa nu hinbaasneedha. Rakkoo midhaan nyaataa baay’ina ummataa wajjin walqabatanii dhufan hiikuu hindandeenyeedha.
Baay’inni ummataa garmalee dabaluun rakkoo biyya kanaa qofa miti. Rakkoo addunyaati; keessattuu kan biyyoota guddinarratti argamaniiti. Biyyi keenya isaan keessaa tokkoo. Guddinni baay’ina ummataa waggaati dhibbanta 2.5 oli. Daballi baay’ina ummataa addunyaayyuu yaachisaa jira. Lafti hinbal’attu. Isuma dur nama xiqqaa qallabdu sanatu kan dabalaa deemus nyaachisa.
Gama wabii midhaan nyaataatiin of danda’uutiin yaadni ka’e abdii namatti hora; yoo lafa qabate. Omisha qamadiitiin of danda’uuf tattaafachaa jirra yoo jedhamu “Ani maal si gargaaru” jechuu qabna malee maaliif jechuun ykn yaadama kana faallessuun sirrii hinta’u. Karoora gama kanaan jiru dargaggootis, qaamni hawaasaa kan biroos deeggaruu qaba. Ofirraa hafnee biyya alaatti erginee sharafa alaa irraa argachuu qabn yoo jedhames yaada gaariidha jedhanii karaa danda’ameen deeggaruun gaariidha. Bu’aansaa hundaafu ni copha.
Yaadamni omisha qamadii ni danda’ama. Beekaan ogeessi qonnaa tokko yeroo dheeraa dura akka natti himetti, osoo sirriidhaan hojjatamee omishti qamadii Arsiifi Baalee qofti gahaadha. Osoo karaa saayinsaawaatiin hojjatamee qamadiin qallaba biyyarraa hafee gabaa biyya alaatiif dhiheessuun ni danda’ama. Kanaaf, gama kanaan yaadni ministirri muummichi kaasaniif koroorri akka biyyaatti qabame misha jedhanii deeggaruun barbaachisaadha.
Gama biraatiin hojiin horsiisa looniifi bu’aa qabeenya loonirraa argamanii akkasumas lukkuu wajjin walqabatee jiru akka yaada biyyaaf bu’aa qabuutti fudhachuun ni barbaachisa. Akkuma muummichi ministraa jedhan dhugumma lukkuun nyaataa hiyeessati. Biyyooti Isiyaa kan ummata danuu sana agabuu irraa oolchan lukkuufi allaattiiwwan akkasumas nyaatawwan bishaan keessaa omishaman kanneen akka qurxummiifi isaan fakkaataniini.
Biyyi keenya qilleensaafi lafa mijaawaa osoo qabanuu lukkuullee hanga alaa galchuutti jirra. Gatiin lukkuu tokkoo kan biyya alaatii sharafa alaatiin baasiin itti ba’ee geejibamee dhufu kanneen biyya keessatti omishamanirraa gatiinsaanii rakasa. Gama kanaan osoo irratti hojjatamee karoorri yaadame milkaa’ee rakkoon gama qallabaatiin biyyi keenya qabdu hanga tokko ni furama.
Dhimma hidha guddicha Laga Abbayyaa wajjin walqabatanii waantooti marii kanarratti kaka’an kan abdii namatti horaniidha. Waantonni hidha kanarratti hojjataman biyya kanaaf bu’aa akka argamsiisu ummatillee abdii qaba. Karoorri hojii turiizimii hidha kanarratti yaadame kan ummata biyyattii maraaf ta’uudha. Kunis cimee ittifufuu kan qabuudha.
Dhimma hojii dhabummaa dhimmoota ijoo marii kanarratti ka’an keessaa isa guddaafi xiyyeeffannoo barbaaduudha. Dargagooti dhimma kana ilaalchisanii ministira muummichaaf gaaffii kaasaniiru. Kaasuunsaanis sirriidhuma. Gaaffiin kun dargagootarraa ka’uunsaa sirriidha. Qaamni hawaasa caalaatti hojii dhabummaadhaan dararamaa jiru dargagoota waan ta’eef.
Akkuman sila jedhe gaaffiin ka’uun bayeessa. Garuu deebiisaarratti kan mariin barbaachisu. Ministirri muummichi qofti rakkoo hojii dhabummaa furuu hindanda’an. Kun kaleessas dhugaadha. Har’as dhugaadh. Borus dhugaa ta’a. Gaaffiin hojii dhabummaa deebii kan argatu gaafa qaamni hawaasaa marti ‘gaaffii keenya’ jedhee fudhatee, gaafa hunduu gahee irraa eegamu bahuu eegaleedha.
Gaheen gama mootummaatiin jiru imaamataafi tarsiimoo hojii dhabummaa hir’isan baasuufi hojiirra oolchuudha. Kun imaammata biyyattiin qabdu hunda keessatti ifaan taa’uu qaba. Gama dinageetiin, hawaasumaatiin…
Gama biaatiin qaamni hawaasaas itti yaaduu qaba. Gama kamiinuu kan hojii dhabanii rakkatan ijoollee iyyeessaati. Ijoollee qonnaan bulaati. Ijoollee dafqaan bulaati. Ijoollee hojjettoota mindeeffamanii rakkoodhaan dhalasaanii barsiifataniidha. Kan kaanii bakki hin dhabamuuf; biyya keessaayis biyya alaatiys. Kanaaf maatiin ijooleensaa haala carraa hojii itti argatan durumaa kaasanii yaaduu qabu. Tattaaffii mootummaarratti waa dabaluun ni barbaachisa.
Abbootiin qabeenyaa biyyattiin horattes dhimma kana qoodachuu qabu. Gahee guddaa warri qabanuu isaani. Bu’aa ofii argatan bira taranii hawaasaaf maalan gumeesse jedhanii of gaafachuu qabu. Daldala qilleensaarraan badhadhanii dargageessi yoo beel’u ilaaluun gaarii hinta’au. Ofii wuuskii unachaafi cooma murachaa ijoolleen iyyeessaa yoo dheebotaaniif beel’an ilaalun hamileefis gaarii hinta’u.
Bu’aan marii kanaa deemee deemee nagaafi nageenya wajjin walqabata. Dhimmooti hunduu kan milkaa’an yoo nageenyi jiraateedha. Karoorri hunduu kan galma gahu yoo waliigalaniidha. Yaadamni martuu kan firii godhatu yoo biyyi tasgabbii qabaatteedha. Akkuma ministirri muummeen irra deddebi’anii kaasan nageeny biyya kanaaf barbaachisaadha.
Kun kan walnama falmisiisuu miti. Nageenyi garuu akkamitti dhufa? Kan marii dabalataa barbaadu dhimmi guddaan isa kanaadha. Kanaaf gahee hanga arbaa kan qaban mootummaafi qamolee mootummaadhan morman ykn ilaalcha adda addaa qabatanii ummatatti gurgurachuuf yaalaniidha. Kanaaf qamolee kanneeniin oadaa jalatti walwaamaa mari’adha jechuuniin gaaridha. Kanatu aadaadha.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014