Rakkoo biyyattiitti mataa bowwoo ta’e

Qarsaa. Daandii Kizaanchisii. Fooqii hojjaansaa jiddugala ta’e tokko fuuldura namni hedduun hiriireera. Hiriirichi dheeraadha. Namni oddoo waajirichaa keessaa bahee daandii lafootirra sararee jira.

Waansaa hubacuuf asiifi achi mil’adhe. Gamoo kana yeroo dheerafan beeka. Qalbii namaa harkisa. Kan Oromootaas kanneen Oromoo hintaanes. Yeroo hedduu osoonan gaggaragalee hinilaalin bira hintaru. Har’ammoo sirriittin ilaale. Namoota hiriira qabataniifi gamoo kana walmaddii qabee.

Fuulduree gamoorra mallattootu jira. Mallattoo Odaa, kan Oromummaa calaqqisu. Odaa guddaan kun hundee lama qaba. Qe’ee Oromoo ta’uusaa ofumaan dubbata. Odaan kun yoo xiqqaate waggoota 10f Qarsaarraatti mul’ateera. Iddoo Araat kiilorraa kiiloo meetira sadii hincaallerratti. Masaaraa pirezidaantiirraa bakka kiiloo meetra tokko hindabarretti. Altokko tokko wanti kun mallattoo raagaati? nama jechisiisa. Odaan, amma gamoorraa bu’ee Masaaraa keessa dhaabaachuu jalqabeera.

Mallattoo Odaa gamoorra jiru irraa jalaan maqaan barraa’eera. ‘BAANKII SIINQEE’ jedha. Namooti achirraan darban hiriiricha deddeebi’anii mil’atu. Haala ajaa’iba ta’een warri ilaalanis ni turan. Gamoo Maaliif akkanatti ilaalu gaaffii jedhu namatti uuma. Dhimmichi booda naaf gale. “Afaan Oromoo!’ wanti jedhu sammuu keessatti na bilbile. Waa dargaggootaafi shamarran hiriira galanii dhaabbatan Afaan Oromootiin haasa’u. Kan namoota tokko tokko ajaa’ibsiisaa ture kana natti fakkaata.

Dhimmi Oromoofi Afaan Oromoo yeroo hunda ‘Addis Ababee’ ni naasisa. ‘Addis Ababeen’ namoota haga kana baayyatu dhiisii namni lamaayyuu Afaan Oromootiin yoo haasa’an ni rifatu. Naasuti itti dhagahama. Jiraattota magaalaa Finfinnee jechaa hinjiru. Jiraattoti magaalattii Oromoofi Afaan Oromoorratti rakkoo hinqaban. Baayyeensaanii ofiifuu Oromoodha. Warri rakkoofi shiraan xaxaman jara ‘Addis Ababee’ jedhanii of moggaasanii kophaatti warra of baasuu yaalaniidha.

Hiriirichi hiriira mormii miti. Hiriira falmiis miti. Hiriira galmee hojiiti. Baankii Siinqeetu hojjataa mindeessuuf beeksisa hojii baase. Galmeetu Baankichatti gaggeeffamaa ture. Carraa hojii meeqaaf namni hagana baay’atu hiriira gale kan jedhu? kan anatti gaaffii ta’e. Guyyaa tokkotti yoo namni haganni hiriire guyyaa sadiifi afur keessatti hagam ta’u laata? Kun rakkoo carraa hojii biyya kana keessa jiru akkan kaasu na taasise.

Isa dura waanan naannawa Qarsaa kanatti argeefi hubadheen isiniif kaasa. Isaan booda gara rakkoo hojii dhabummaattin deebi’a. Isinis deebisa.

Barreessitooti “Addis Ababee’ Maqaa gandoota Finfinnee fageessanii qorachuu hinbarbaadan. Hedduminaan bara Xaaliyaanirraa ka’u. Yoo jabaatanii obsa godhatan hanga bara Minilikitti duubatti deebi’u. Isaan booda itti bu’uu waan sodaataniif hindeeman. Dhugaatu ba’a kaa!

Kizaanchisiinis kanumaan walqabata. Moggaasa Xiiliyaaniti. Maal jechuudha? Kuun ganda jechuudha jedha. Kuun maqaa dhaabbata konistraakshinii Xiiliyaanii ‘Kazabi.N.C.E.S.’ jedhamurraa madde jedhu. Isa Dura garuu maqaa Oromootu ture. Abbaan biyyaa, Oromoon, Qarsaa jedhee moggaase. Araddaa warra Abeebee Tufaati.

Naannawa kanatti baankoti, manneen hojii mootummaa, hoteelotiifi suuqiiwwan adda addaa ni jiru. Waajjirri muummeen Baankii Siinqeefi, Baankiin Misoomaa Xoobbiyaa naannawa kana jiru. Baankiin Awaash, Baankiin Oromiyaa, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankiin Buna, Baankiin Abisiniiyaa, Baankiin Zaman, Bankiin Daashin naannawa kanatti lafa walitti dhihoorratti argamu. Ministeerri Hojjataafi Dhimma Hawaasummaas naannawa kana jira. Maqaa Qarsaa jedhu garuu dhaabbilee Oromoo tokkorrattuu hinagarre. Bankoti maqaa Oromoo moggaasuun beekamanillee maqaa ‘Qarsaa “jedhu dameesaanitii hinmoggaasne.

Qarsaarratti sa’aatii kamiyyuu yoo karaatti bahan Afaan Oromoo bal’inaan dubbatama. Sa’aatii laaqanaafaatti waan Burayyuu ykn Sabbata jiran namatti fakkaata. Manneen hojiiwwan kanneen keessaa Oromooti waan gadi yaa’an fakkaata. Namni daandiirra deemu irra caalaa Afaan Oromoo dubbata. Oromummaan sirriitti namatti dhagahama. “Biirolee mootummaa naannoo Oromiyaa caala daandii Qarsaarratti Afaan Oromoo caalatti haasawama” jedhu taajjabtooti.

Naannawa Qarsaatti Finfinneen guyyaa guyyaa sirriiti Oromoofti. Galgala garuu hunduu ‘Addis Ababee’f bakka gadi lakkisee deema. Isaantu keessatti dhiichisa; isaantu keessatti Oromoo hamata. Isaantu keessatti sagaagala. Maqaa Qarsaa jedhu kana haala kamiinuu fuulduratti baasuun barbaachisaadha.

Dhiifama. Gara dhimma jalqabeettan deebi’a. Baankii Siinqee fuulduratti shamarraniifi dargagooti hiriira dheera qabatan bakka bakkaa kan walitti dhufaniidha. Baadiyyaafi magaalaadha. Sababni dhufaniif hojii galmaa’uuf ykn qacaramuufi.

Dhimmi hojii dhabummaa biyya kanaaf bowwoo mataati. Biyyoota rakkoon hojidhabummaa garmalee hidda itti gadi fageeffate keessaa biyyi keenya ishii tokkoodha. Bakkee hojii muraasaaf hojii barbaadoti kumaan lakkaawwaman guyyootaaf hiriiran qabamanii ooluun waan haarawa miti. Kan Qarsaarratti mul’ate kun waan dhimma Oromoo ta’eef qofaa miti. Abbaan fedhe akka fedhetti ilaalus, hiika fedhe kennus rakkichi qaama rakkoo biyya keenyati- Rakkoo hojii dhabummaa.

Ragaaleen akka mul’isanitti qoodni hojii dhabaa biyya kana keessatti qabu olaanaadha. Kun yoo lakkoofsatti jijjiirame guddaadha. Dargaggooti yunivarsiitii ykn kolleejii keessaa bahan hedduun hojii dhabanii akka rakkachaa jiran beekamaadha. Dargaggooti barnoota sadarkaa lammaffaa adda kutan hedduun hojii dhabdoota. Yeroo haalli jireenyaa garmalee qaala’e kanatti hojii dhabummaan dabalamee rakkoon dhala namaa hammaachaa jira. Rakkoon kun kan nama dhuunfaarra taree rakkoo biyyaa isa guddaa ta’eera.

Rakkoo waloo kana furuuf qooda adda fudhachuu barbaachisa. Mootummaan gaheesaa bahuu qaba. Lammiileenis waan irraa eegamu hojjechuun dirqama. Rakkoo waloo yoo waliin itti duulan malee falli ni argamaaree?

Gama mootummaatiin hojiin dalagamuu qaban hedduudha. Imaammata rakkoon kun furmaata itti argatu bocuun qooda mootummaa keessaa isa tokkoodha. Tarsiimoo fala gaarii argamsu qo’atanii qopheessuu akkasumas hojiirra oolchuun gahee qaama kanaati. Kanarratti dabalatee, haala carraan hojii itti uumamu mijeessuun deeggarsa bakka hojii itti dalaganiifi maallaqa hojii biiznasii ittiin jalqaban dargaggootaaf qopheessunillee irra caala mootummaa ilaallata. Hojii dhuunfaas ta’ee garee hojjechuuf kaappitaalli, humni namaafi bakkeen hojii barbaachisaa ta’uusaa beektoti qaata nutti himan.

Gama hoji dhabdootaatiinis wanti ilaalamuu qabu ni jira. Hanga ammaa dargaggeessi keenya hedduun miira hojii qacaramuu keessaa hinbaane. Beekumsaafi muuxxannoo qabatee waraqata ittiin eebbifame baatee biiroorra naanna’uun aadaa gadi nulakkisuu dide ta’eera. Kanneen keessaa hangi tokko milkaa’uu malu. Hedduun garuu karaatti hafu. Amma ilaalchi hojii ofii hojjechuu jedhu dagaaguu qaba. Qaamni mootummaas ta’e kan mootummaan ala jiru namoota kana hunda qacaruu hindanda’u. Kanaafi hojii ofii uummachuun dirqama ta’a. Kanaaf yeroodhuma mana barnootaa jiranii kaasanii itti yaaduun dirqama.

Hojii ofii uummatanii of danda’uun, badhaadhuun, badhaadhuu qofa osoo hintaane qaama biraatii hojii uumuun akka danda’amu qabatamaan mul’ateera. Kanaaf dargaggooti hedduun amma abbaa qabeenyaa ta’an ragaa bahu. Yoo hojjetan ammoo jijjiramuun inuma danda’ama. Kanaaf dargaggootniifi shamarran itti yaaduu qabu.

Akka ilaalcha kootitti dargaggootiifi shamarran Baankii Siinqee dura turan sun hundi carraa hojii qacaramuu hindanda’an. Kanneen abbaa carraa ta’an muraasadha. Kuun ijaajjanii, baasii baasanii, beelaafi dheebuun hubamanii gara bakka qubannaasaaniitti deebi’u.

Mee of ilaaluun gaaridha. Naannoon Oromiyaammoo hojii ummachuufi hojjechuuf mijooftuudha. Yoo irratti hojjetan namaaf darba. Kanaaf, carraa ofii yaaluun waan gaariidha

Torban Gaarii!

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014

Recommended For You