Gaaffiin ummati Oromoo biyya kanarratti qabu hedduudha. Kan deebii argatanis kan deebii dhabanis ni jiru. Fakeenyaaf; gaaffiin Afaan ofiitiin barachuufi afaan ofiitiin hojjechuu hanga tokko deebii argateera.
Gaaffiin naannoo ofiitti ofiin of bulchuu shasharafamus gartokkeensaa deebi’eera. Qe’ee ofiitti mana murtii fuuldura turjumaanaan dhaabbachun sunis hafeera. Gama aadaa ofii dagaagsuufi seenaa ofii qoratanii ifatti baasutiinis milkiiwwan ni jiru. Dansa jedhaa.
Gaaffiiwwan deebii hinargatinis akkasuma ni jiru. Hawaastichi “Afaan Oromoo Afaan Mootummaa Federaalaa dabalataa naaf haa ta’u” jedhee eddii gaafachuu jalqabee barri asii miti. Akkasumas Magaalaa Finfinnee, magaalaa gudduu mootummaa naannoo Oromiyaa, keessattis Afaan Oromoo Afaan hojii akka ta’u gaafachuu eddii jalqabee waggoonni danuun lakkaawamaniiru.
Gaafichi fedhii miiraa qofaan kan dhihaatee miti. Sababoota qabatamaadhaan kan deeggarameedha. Kana qaamni mootummaa ni hubata. Garuu deebii kennuuf ni sodaata. Maaliif akka sodaatamu; hanga yoomiitti akka sodaatamu hinbeekamu.
Gaaffiin biraa gaaffii Magaalaa Finfinnee wajjin walqabatuudha. Inni jalqabaa Finfinneen magaalaa muummee mootummaa federaalaa akkasumas teessoo dippiloomaatotaa taatullee abbummaanshii kan Oromoo ta’uun seeraan mirkanaa’uu qaba kan jedhuudha.
Kanumaan walqabatee daangaan magaalattii akkuma godinaaleefi magaalota Oromiyaa keessa jiranii sarara haa qabatu kan jedhuudha. Inni biroo dhimma faayidaati. “Galiiwwan magaalattiin argatturraa ummati Oromoo faayidaa argachuu qaba” kan jedhuudha. Sababnisaa ofii dukkana bulee Finfinneef ibsaa laata; ofii dheebotee Finfinnee obaasa; ofii beela’ee Finfinnee nyaachisa jedhanii ragaa itti bahu.
Gaaffiin daangaa Finfinnee waan itti hinbu’amne ta’ee tureera. Sababa baay’isanii asiifi achi harkisaa turan. Amma yeroo dheeraa fudhachuu hinqabu. Ummati gaaffisaa cimsee ittifufeera. Gaaffiiwwan kunniin deebii dhabuunsaanii rakkoo bulchiinsa gaariis ta’aa jira. Kanaaf fakkeenyi gaariin yaada jiraattoti kutaa magaalaa Lammii Kuraa Raadiyoo Faanaatiif jidduu kana kennaniidha. Jiraattoti “ykn qaama Oromiyaa hintaane. Ykn qaama Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hintaane. Jedduutti rakkachaa jirra” jedhu.
Rakkoo kana kan hiiku daangaa magaalaa Finfinnee seeraan sararuudha. Ammas kan sirriitti hubatamuu qabu daangaa Finfinnee sararuu jechuun Finfinneen Oromiyaarraa cite jechuu miti. Magaalaa muummee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uunshii ittuma fufa.
Magaalaa Muummee Bulchiinsa Godina Addaa Naannoo Oromiyaa ta’uunshiis akkasuma. Kan adda taasisu Finfinneefi Godinni Addaa Naannoo Oromiyaa bakka hojii mootummaa itti adda qooddatan ta’uu qofa. Haala kanaan rakkoon bulchiinsa gaarii ni furama. Garuu gamnis gamannis kanuma Oromoofi Oromiyaati, abbaan fedhe keessa jiraatus.
Magaalaan Finfinnee toora bara 1878 akka hundoofte ragaaleen ni mul’isu. Gaafa sana wanti sarara jedhamu waan ture natti hinfakkaatu. Dhufaniituma irra qubatan. Kan daangaa sirriitti itti tolchuu jalqabe mootii Hayilasillaaseedha. Isaan boodamoo Darguudha.
Mootummaan Wayyaanees bara ce’umsaa sana daangaa sararuuf yaalteetti. Boodarrammoo hanga kiiloo 100 kallattiilee hundaan bal’isuuf karoorsitee turte; karoora maastarplaanii. Karoorichi boodarra badiisaaniif sababa ta’e.
Isaan booda murni dhimma daangaa Finfinnee kaasu haganaa miti. Ummatichi garuu gaaffiisaa akkuma qabatetti jira. Magaalattiin gama maraanuu bablachuushii hindhaabne. Gama Kaabaan Gaara Inxooxxoo korteetti. Miila Aqaaqiifi sabatatti diriirfatteetti. Bitaa mirgaan Sandaafaafi Hoolota gahaa jirti. Lafti qotee bulaa halkanii guyyaa gurgurama. Aadaafi seenaan ummatichaa dabarumaan dhokachaa jira.
Oromoon ‘Addis Ababee” Oromeessuu dadhabee “Addis Ababeen” Oromoo Amaaressaa jira yoon jedhe waanan dogongore natti hinfakkaatu. Kan dhaloota yaaddessus kanaadha. Oromoon maastaplaanii karaa ifaa ofirraa qolatee maastarplaanii dukkanaatiin liqimfamaa jira.
Dhimma Finfinnee kana gara duubatti deebi’anii ilaaluunis gaarii ta’a. Bara Darguu bulchiisti kutaa biyya Showaa koonyaa gara 10 qaba. Konyaaleen kunniin hedduunsaanii amma naannoo Oromiyaa ammaa keessatti argamu. Konyaalee kanneen keessaa tokko konyaa Mannaagashaati. Teessoon Kutaa biyyaa Showaatiifi Magaalaa mummeen konyaa Mannaagashaa Finfinneedha. Kana jechuun, gama biraatiin bara Hayilasillaasees ta’e bara Darguu Finfinneen magaalaa guddittii Oromootati jechuudha. Abbummaan akkuma jirutti ta’ee.
Kan Finfinnee guutummaatti marsan aanaalee konyaa Mannaagashaa jala jiraniidha. Aanaan Sulultaa hanga gaara Inxooxxotti dhufa. Aanaan Walmaraa hanga Askootti. Karaa jalaatiin laga Weeraa jedhamutu deebisa. Aanaan Alamganaa hanga Ayyarxeenaatti Finfinneetti diriira. Aanaan Aqaaqii hanga Saariisitti bulcha.
Aanaan Barak Daangaansaa Garjii gaha. Finfinneen Bixxillee aanaalee kanneen marfamteedha. Booda garuu ofii bal’attee Oromoota Galaan, Gullallee, Abbichuu ofirraa dhabamsiiste. Afaan Oromoo ajjeestee Afaan Amaaraa babal’iste. Aadaa Oromoo awwaaltee aadaa oromaa dagaagsite. Ammallee kanumatti jirti. Kanaaf falli jiru daangaa Finfinnee sararuu qofa miti. Jechaan ykn seeraa qofaan Finfinnee kan Oromoo taasisuu miti. Falli bu’uraa Finfinnee bakka duraatti deebisuudha; Finfinnee Oromeessuu.
Ammas kan hubatamuu qabu Finfinneen jechaan qofa hin Oromooftu. Kan Oromooftu yoo keessa jiraataniidha. Yoo keessa bulan, yoo keessatti baratan, yoo keessatti bashanananiidha.
Gama kanaan Motummaan naannoo Oromiyaa waan komatamu qaba. Hojjattoota kumaatamaan lakkaawamantu biirolee mootummichaa keessatti hojjatan finfinneetti dhiheessuu dhiisee Finfinneerraa fageessaa jira. Mootummich hojjettootasaa galgala konkolaataa qopheessee Finfinneerraa fudhatee gala. Ganamammoo fe’ee itti fida. Ijoolleen ykn maatiin hojjettootasaa Finfinneen ala jiraatu. Haala kanaan Finfinneen akkamitti Oromoofti ree?
Kan ta’uu malu manneen mootummaa magaalaa Finfinnee keessa jiran haala madaalawaa ta’een hojjattoota mootummaa naannoo Oromiyaatiif kennamuudha. Akka maatiisaanii waliin magaalattii keessa jiraatan. Hojjattoota kanaaf lafti mana itti ijjaarratan magaalaa Finfinnee keessaa kenamuufii qaba.
Lafa kennuu qofa osoo hintaane haalli mana irratti ijjaarratan mijaa’uufii qaba. Bakkeewwan bashannanaa Oromoo Oromoo urgaa’an Biiroo Aadaafi Turiizimiin ijoollee Oromootiif mijeessuu barbaachisa. Manneen Afaan Oromootiin barsiisan babal’achuu qabu. Wantooti aadaa ummatichaa mul’isan siidaawwan adda addaa magaalattiitti mul’achuu qabu.
Sibiila ho’aasaatti tumu jedhu. Yoo qorre ykn dilallaa’e waan jabaatuuf. Dhimmi Finfinnees kanuma. Yeroo kana kan sirrachuu qabu. Wanti hunduu bakka kan qabachuu malu amma. Yoo bubbule akkuma sibiilaa sana jabaachuunsaa hinoolu. Ammas jabeessuuf wanti fiigamu jira.
Qaamoti pirojektii dhoksaa bocanii dimograafii Magaalaa Finfinnee jijjiiruuf hojjatan tokkoo lamaa miti. Kaayyoonsaanii tokko ta’us, lakkoofsisaanii hedduudha. Hunduu hanga humnsaa kaachaa jira. Duula babal’aa gaggeessaa jiru. Miidiyaaleesaanii kan dharaa sanaan wawwaataa jiru.
]Soba dhugaa fakkeessuuf seenaa sobaa seenessaa jiru. Sobni danatte dhugaa fakkaatti akkuma jedhamu sana sobasaanii dhugaa fakkeeffachuuf hojjetaa jiru. Qaroon Oromoommoo ajandaa ummataa dagatee ofiif walqoraa jira.
Barreeffama kana yoo jalqabu waatu sammuutti na dhufe. Finfinneen hagam Oromiyaarraa fagaatti? Oromiyaan hagam Finfinneerraa dhihaatti? kan jedhu. Mee isinillee of gaafadhaa. Tarii kan zeeroo jedhu ni jiraata ta’a. Kan taakkuudhaan ykn ciqileedhaan lakkaa’u jiraachuu mala. Kan fageessee kiiloo meetraan himus hindhabamu. Anaaf, Finfinneefi Oromiyaan lafaan umaa walirraa hinfagaatan. Qalbiidhaan ykn xiinsammuun fagoo walirraa jiru. Lafa osoo hintaane qalbii walitti dhiheessuutu gaariidha. Finfinnee Oromeessuu.
Torban gaarii !
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014