Seenaa cululuqaa bara baraan calaqqisu

Daandiin geejiba baaburaa Magaalaa Finfinnee qaxxaamura deema. Sararri tokko Birbirsa Goorotii eegalee Qaallittiitti gahee deebi’a. Tokko Xoorhayiloochii ka’a. Xumurrisaa Lammii Kuraa, naannawa Ayaat jedhamuudha.

Ani fayyadamaa tajaajila geejiba Baaburaa miti. Ta’us sarara lamaanuu sirriittiin beeka. Irra caalaa garuu isa Xoorhayiloochii- Ayaat kanan beeka. Ganama ganama hanga Hulluqa Kormaatti sarara kana waliin deemna. Gaaf tokko tokko hanga xumura sarara kanaattin qaxxaamura.

Xumurarratti wanta qalbii koo harkisutu jira. Ijji koo addababa’ii Ayaat sirriitti osoo hinmil’atiin bira tartee hinbeektu. Dhimma wayii walirraa qabna. Maalinni laata? Na waliin tura.

Asumaan maqaa ‘Ayaat’ jedhurratti waa jedhee gara dhimman ka’eefitti haa ce’u. Maqaan ‘Ayaat’ jedhu kun anaaf hinliqimfamu. Oromoota kaanifis akkanuma jedheen yaada. Garuu maqichi naannawa sana fudhateera. Kondominiyeemiin Caffee hundi maqaa Ayaat 1, Ayat 2, Ayat 3… jedhamu itti moggaafamaeera. Warri keenya waan callisanii ilaalaniif naaf hingalu. Yoo maqaa kiristinnaa kan duruu nu gaha. Kanaaf Aadden osoo itti yaaddee wayya dhaamsa jedhuun asumaanan dabarfadha.

Addababa’iin kun Maqaa Atileet Daraartuu Tulluutiin moggaafameera. Addababay’ichi bal’aadha. Giingoo konkolaataan irra marsaa ooluudha. Bonaa ganna magariisadha. Faayaan ilillii itti marsee jira. Poostarooti beeksisaas darbee darbee irratti maxxanfamu. Achumaan bubbeen olii gadi hoofa. Jidduu tokko poostarri Atileetii beekamtuu kanaa irra dhaabatee ture. akkuma poostaroota kaanii cicite. Miiraa atileetiittii qofa osoo hintaane miiraa deggartootaafi kabajdootashii ni miidha jedheen yaada.

Atileet Daraatuu Tulluu sababan kaasefanan qaba. Jagna yeroo hunda faarsu. Goota yeroo hunda maqaa dhahu. Anis osoon yeroo hunda faarsee natti tola.

Daraartuu Tulluu eenyu jedhanii nama gaafatanii miti. Ishee hundatu beeka. Sabaafi sablammiin Xoobbiyaa hundi bara 1983 irraa eegalee ni beeka. Ummatooti Afrikaa, akkuma Abbabaa Biqiilaa, Daraartuu haala adda ta’een yaadata. Olompiikiin Baarseloonaan bara 1983 (1991 ALG)tti Daraartuu ummata addunyaa maraan walbarsiiseera. Isaan asis dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa, dorgommiiwwan olimpiikii, keessattuu olimpiikii Siidiniitti caalatti hawaasti addunyaa jeyina ummata gurraacha keessaa baatee addunyaarratti olkaatee mul’atteedha.

Ammas umurii gaheessummaatti Daraartuun karaa biraatiin calaqistee mul’ataa jirti. Kaleessa dorgommii Atileetiksii keessatti urjii bakkalcha turte. Har’amoo hoggantuu Federeeshinii Atileetiksii biyyaa ta’uudhan. Dubartii hoggantuu federeshinii atileetiksii injifannoo cululuqaa galmeesite ishii jalqabaati jechuun ni danda’ama. Kun kabaja dura qabdurratti kabaja biraa dabaleefi. Injifannoorratti injifannoo dabalatte. Biyyaas kabaja ragamsiiste. Injifannoo gonfachiiste. Injifannoon Oreegaanitti galmaa’e xurii Olimpiika Tookiyoo kan dhiqeedha. Kan dandeettii hoggansa Daraartuu ifatti mul’iseedha. Kan qeeqxotashii mataa gadi qabeedha.

Dareen haadha Xiiqiiti. Rakkinaaf harka hinkennattu. Olompiikii Siidiniirratti qeeqa guddaatu irratti ka’e. Ishiinimmoo xiiqidhaan hojjattee injifannoo dachaa galmeessite. Odeesitoota qaanessiteetti. Ammas shaampiyoonaa Atileetikisii biyya Ameerikaa Magaalaa Oreegaanitti qophaa’erratti xiiqiin baateetti. Warra Olimpiikii Tookiyoorratti kaayyooshii gufachiisan Oreegaanirratti mo’atteetti. Sanaayuu injifannoo cululuqaa seenaa ispoortii Shaampiyoonaa Atileetiksii biyya kanaa keessatti bakka guddaa qabu galmeessuudhaan. Daree ni tolchite.

Injifannoon kun waan hedduu mul’isa. Kan cimee hojjate yoomiyyuu akka mo’atu mirkaneessa. Gama biraatiin, odeesituuniifi ololchituun dhumnishii mo’amuu akka ta’e mul’isa. Kaayoon hojii shiraan xaxamee galma akka hinqabneefi galma akka hingeenye hima.

Seenaa Daraartuurraa waan hedduutu baratama. Gochaan Daraartuu mana barumsaati. Mana barnootaa kitaabota adda addaan guutame. Daraartuun kitaaba tokkoo miti. Kitaaba hedduu beekumsa adda addaa irratti katabameedha. Daraartuun kitaaba jaalalaati. Kitaaba jaalala dhaadhessu, kitaaba walkabaja balballoomsu, kitaaba waliin nyaachufi dhuguu, walii na’uufi waliifi dhimmuu seenessuudha. Daraartuun kitaaba hawaasummaati. Kan haala nagayaafi ollummaan waliin jireenya irraa baratan. Kitaaba hawaasummaa aadaa walgargaarsa, jireenya waloo irraa dubbisaniidha. Intalli cimtuun tun fakkeenya jireenya ilaafi ilaameeti.

Daraatuun kitaaba hawaasummaa qofaa miti. Ishiin kitaaba saayinsii siyaasaati. Kan sirna walqixummaan nama bulchuu irraa barataniidha. Kan waa’ee kabaja mirgoota dhala namaa irraa qo’ataniidha. Jayinittiin kitaaba ilaalcha adda addaa haala ittiin keessummeessan irraa qayyabataniidha. Intalli Abbaa Gadaa tun dimokiraasiin maal akka ta’e jechaan osoo hintaane gochaan kan agarsiisteedha. Walqixxumaa kan odeesitu osoo hintaane walqixxummaa kan dalagduudha.

Daraartuun kitaaba dinagdeetis. Akkammitti hojjatanii akka jijjiiraman jireenyashiirraa nama hedduutu barate. Cimanii hojjechuun maqaa qofa osoo hintaane maallaqa akka argamsiisuu dargaggootiifi shamarran hedduun irraa waraabbatanii milkaa’aniiru. Milkaa’as jiru. Kanaafan Dareen kitaaba tokko qofaa miti kanan jedhuufi.

Dhimmootan gubbanatti kaaseef ragaan koo gochaawwan Daraatuu kanneen waggoota 30 oliiti. Inni biraa Injifannoo ishiin tibbaana Ameerikaa, Oreeganitti galmeessisteedha. Kan qalbii hunda keenyaa keessa jiru. Dhimmichi injifannoo Atileetiksii qofaan hinibsamu. Haalli ishiin gareeshii itti qabaa turte, quunnamtiin ishiin hawaasa adda addaa waliin taasisaa turte, kan gadde wajjiin gadditee, kan boo’e wajjin imimmaan dhangalaastee sun hiika addaa qaba. Kana kan godhu gootaafi nama ofitti amanu qofaadha. Dareenimmoo ofitti amanamuummaan kan hamatamtuu miti.

Shaampiyoonaa atileetiksii Oreegan kanarratti Daraartuun haadhafi ogeettii xiinsammuu ta’uudhaan atileetota miidhaaman jajjabeessaa turteetti. Eddii biyyatti galteeyis atileetota Tigraayiif sagalee taatee dubbatteetti. Maatiisaanitiin akka walquunnaman haalli mijaa’uufi qaba jechuun dirqamashii baateetti. Jagnummaan akkanaa kan qaban namoota muraasadha. Isaan keessaa Intalli dachiin Boqojjii magarsite ishii tokkoodha. Gootittii Aadaan Oromoofi sirni Gadaan kunuunfamtee guddatte.

Bara Darguu sana ispoortiin nageenyaaf jedhama. Ispoortiin jaalalaafi michummaaf jedhama. Dhaadannoon “Ispoortiin omishtummaaf “ jedhutu ture. Ispoortiin kan waldhabe walitti araarsa. Ispoortiin tokkummaa uuma. Ispoortiin jaalala fida. Injifannoo Oreegan dhaadannoowwan kana keessatti hubatamuu qaba. Gochaawwan atileetii kanarraayis kan hubatamu kanuma.

Anaaf atileetiin yeroo hundumaa biyya kanaa Daraartuu Tulluuti. Daraartuun siidaa dhalootaati. Dhaloota bara baraatiif fakkeenya gaariidha. Fakeenya kanammoo kunuunsuun barbaachisaadha. Addababa’ichi Lammii Kuraa Daraartuu hingitu. Kanaaf Daraartuuf Addababa’iin waltajjii magaalaa Finfinnee keessatti moggaafamuufi qaba. Akkuma ishiin hundaaf jiddugala taate.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014

Recommended For You