Siidaawwan tokkummaa Oromoo utuban

Warri faranjii ‘statue’ ykn ‘monument’ jedhuun. Oromoon immoo siidaa jedhee waama. Bu’uurri jecha siidaa Afaan Oromoo keessaa dhalate moo ergifannaadhaan dhufe laata? Gaaffiin jedhu sammuutti na dhufeera. Garuu qo’attoota saayinsii afaaniifin dhiisa. Afaan Oromoo keessaa yoo madde mishaadha. Yoo ergifatames rakkoon hinjiru. Afaan jechoota hinqabne afaan biraarraa ergifachuufi kan ofii godhachuun kanuma jiruudha. Afaan hedduun jechoota afaan biraa madaqfatanii ittiin guddataniiru.

Siidaan hojii aartii keessaa isa tokkoodha. Fakkii namaa ykn bineensaa (animals) mul’isa. Addunyaarratti hojiiwwan aartii umurii dheeraa qaban keessaa isa tokkodha. Siidaan inni jalqabaa addunyaa kanarratti eddii tolfamee waggoota kuma 30 ol akka ta’e seenaan ni addeessa. Siidaawwan hojjatamanii waltajjii ummataarra dhaabatu. Dhaabbachuunsaanii seenaa hima. Humna qaban mul’isa. Aadaa agarsiisa. Akka qo’ataan tokko jedhutti, siidaan yaada (thinking) namaa karaa qajeelcha. Kan darbe miil’atanii kan dhufu akka raagan nama gargaara.

Gabaabumatti siidaa jechuun kanuma. Kana bu’ureeffadheen gara yaada kootti gala.

Seenaan siidaa biyya keenyatti maal fakkaata? Ummata Oromoo biratti hoo? Gaafilee kanneen waanan kaaseef na hubattu jedheen yaada. Siidaawwan jidduu kana Oromiyaa keessatti bakka hedduutti dhaabbataniin walqabsiisee yaada xiqqoo kaasufani.

Biyya keenya keessa siidaawwan adda addaa ni jiru. Keessumattuu magaalaa Finfinneetti ni danatu. Magaalaa Finfinneen ala kan jiran xiqqoodha. Naannoo Tigraayi keessa garuu aadaan siidaa dhaabuu bal’inaan akka jiru nan beeka. Gara naannoo Oromiyaatti yoo dhufame aadaan siidaa yaadannoo ijaaruu kun dhiheenya jalqabame natti fakkaata.

Finfinnee keessa siidaawwan hedduutu jira. Siidaan Birbirsa Gooroo qeyee Tufaa munaa dhaabbate sun isa tokkoodha. Namticha siidaan kun dhaabbateef maqaa dhahuu hinbarbaadu. Warri keenya namicha dhiisanii maqaa fardasaanitiin yaamu. Boora Araadaa jedhuun. Finfinnee yoo dhufan “Boora Araadaa agartanii?’” waliin jedhu.

Siidaan Leenca Yihudaa ALA bara 1930 tti akka dhaabate ragaan ni hima. Siidaan Teediroos jiraachuu baatullee addababa’iin Teediroos ni jira. Madifiin inni hojjachiise jedhamu kan Seevaastoopool jedhamu addababa’icharra jira. Siidaan Mootii Hayilasillaasee Finfinnee keessa bakka adda addaa jira. Waajjira Gamtaa Afrikaa keessatti, Paarkii ‘Andinnat’ keessaatti dhiheenya ijaarameera. Eddii Dr. Abiyyi aangotti dhufanii kanneen ijaaramaniidha.

Isaan ala leenci nugustichaa Tiyaatira Biyyoolessaa maddii ni jira. Siidaa Araat kiiloo kanneen goototaaf dhaabate garuu kan seenaa mootichaa ibsu, Siidaa Sidist Kiiloo kan gochaa Xaaliyaanii mul’isu, Siidaa ‘tiglaachiin’ jedhu kan hospiitaala ‘Xiqur Anbassaa’ fuuldura jiru maqaa dhahuun ni danda’ama. Siidaawwan kunniin waan gaariis badaas dhalootatti ni himu. Dhalooti har’aas kan boruutis akka hubannoosaatti waan barbaade irraa barata.

Siidaa Finfinnee keessatti dhaabatan keessaa siidaan tokko baay’ee na ajaa’ibsiisa. Siidaan kun amma jigeera. ‘Addis Ababeen’ muraasti jiguu siidaa kanaa mormaniiru. Faallaa kanaan kan Oromoo ammoo dhaabatuu hinqabu jedhanii oliif gadi jedhu. Warri siidaan lammii biyya alaa kun maaliif jiga jedhanii morman gama biraatiin Aadaafi Afaan Oromoo Finfinnee Keessatti baratamuu hinqabu jedhanii lammii biyyattiirratti duulu. Ajaa’iba biyya kanaati kun.

Namtichi Siidaan dhaabateef kun Boob Maarlii jedhama. Dhalataa biyya Jamaayikaati. Finfinnee naannawa Garjiitti siidaan dhaabateef. Abbaa dhaabeef hinbeeku. Kan eyyameef mootummaadhuma jedheen yaada; mootummaa Wayyaanee.

Boob Maarleen weellisaa beekamaadha. Weellisaa qofaa miti. Qabsaa’aa mirgoota dhala gurraachaati. Gama kanaan anillee kabajan qabaaf. Garuu sabaafi sablammii Xoobbiyaatiif qofaatti maal hojjateeti siidaansaa dhaabateef? jedhee yeroo sanatti gaafachaan ture. Ta’us deebii quubsaa hinarganne. Garuu bubbulee siidaan kun jigeera. Samoona sana “Addis Ababee’ warri ofiin jedhan akka wacuu ta’aniiru.

Siidaawwan Finfinnee keessa jiran keessaa kan goota Oromoo jiraa jedhee of gaafadheen deebii dhabe. Warri beektan yoo jiraattan barreessaa. Finfinneen Gootota Oromoo hinjaalattu. Afaan Oromoo Ofirraa dhiibdi. Aadaa Oromoo ni balleessiti malee hin kunuunsitu. Seenaa ummatichaa dhagahuu hinfeetu. Kanaaf Akkamitti siidaan gootota ykn beektota Oromoo bakka bu’u Finfinneetti ijaarama? Finfinneef Abdiisaa Aagaa caala Boob Maarleetu itti dhihaata. Finfinneen Garasuu Dhukiifi Taaddasaa Birruurra Leenca Yihudaa filatti. Dhugaan lafarra jiru kana. Kunimmoo jijjiiramuu qaba. Dhalooti yaadama Finfinnee kana ni sirreessa.

Ijaarsa Siidaatiin walqabatee jidduu kana Oromiyaa keessatti waan ajaa’ibaafi diina Oromoo naasisetu mul’ate. Magaalonni Oromiyaa siidaa gootota Oromootiin faayyeffaman. Oromoota walqixxummaaf, kabajama mirgoota namummaaf akkasumas daangaa biyyasaanitiif gumaacha olaanaa taasisaniif kabaja argatan. Siidaa Jeneraal Waaqoo Guutuu Baddalleerratti arguuf ummati carraa argate. Siidaa Haayilee Fiidaa Siikkoo-Mandoorratti arguuf ummati carraa argate. Siidaa Qees Qulqullicha Abuna Pheexroos (Magarsaa Badhaasaa) Gujiirratti daawwanne. Siidaa Qees Guddinaa Tumsaa dirree Oromiyaarratti agarre. Kanneen birootis kan akka Looreet Tsagaayee Gabra Madihin, ……

Akkuman sila seensarratti kaase siidaa dhaabuun hiika bal’aa qaba. Warri siidaan dhaabateef kun ummata kanaaf maal hojjatan? Dhalooti maal irraa barata? Akkamitti seenaasaanii itti fufsiisa ykn seenaasaanii hojjata? Siidaan kan barbaadamuuf kanaafi. Dhalooti isa darberraa akka baratu taasisuudha. Dhalooti gochaasaanirraa ni barata. Seenaa namoota kanaa ni gaafatu. Waan isaan hojjatanirraa ni yaadatu. Isaanis gochaa maqaa dhalootaa waamsisu hojjechuuf ni kakaasa.

Siidaawwan amma ijaaramanii eebbifaman kunniin wanta adda taasisutu jira. Heddumminaan bakkeewwan namooti siidaan ijaarameef itti dhalatanitti hinhojjatamne. Siidaan gooticha Baalee Jeneraal Waaqoo Guutuu magaalaa Baddalleetti dhaabate. Abbaan waloo Looreet Tsaggaayee Gabra Madihin Adaamaa mooraa leenjii Poolisii Oromiyaa Keessatti dhaabate. Siidaan Doktar Haayilee Fiidaa Magaala Dodolaa keessa jira. Siidaan Abuna Phexroos Gujii keessa jira.

Kun kan ta’e itti yaadameeti. Yaada bareedadha. Oromoo gamaa gamas jiru walitti fida. Tokkummaa Oromoo Cimsa Dhibee gandummaa namtolchee ammaan tana babal’ataa jiru fayyisa. Ijoolleen Sikkoo- Mandoo dhimma Jeneraal Waaqoo Guutuu ganamaa galgala dhagahan bira taranii waa’ee Doktar Hayilee Fiidaa biyya dhalootaasaafi dhimma Oromoo maccaa akkasumas waan Haayilee Fiidaa Oromoof gumaache dabalataan baratu. Haaluma walfakkaatuun ijoolleen Iluu Abbaa Booraa seenaa boonsaa Jeneraal Waaqoo Guutuu akka baratan, achumaan seenaa Sikkoo- Mandoo irraa baratu. Kanaan dura seenaa kana hinbeekan jechaa hinjiru. Caalatti garuu beeku. Ni qoratu, ni qo’atu.

Ana kan na dhibe waan tokko. Finfinneen handhuura Oromooti jennee halkanii guyyaa iyyina. Warri ‘Addis Ababee’ garuu kana gurraan dhagahuu hinfedhan. Isaan fedhanii dhiisanii waan biraati. Garuu Finfinnee biyyi Tufaa Munaa, biyyi Abeebee Tufaa, biyyi Gullallee, Galaan, Abbichuu siidaan Oromoo ibsu irra dhaabachuun dirqama jedheen yaada. Oromootan maqaa dhahe kan ‘Addis Ababeen’ balleessite sanaaf siidaan ni barbaachisa. Goototi Oromoo Finfinnee keessatti kabaja argachuu qabu. Kanaaf maddii deddeemuu qofti gahaa miti. Itti cabsanii waan dhufu ilaaluudha. Kanaaf ammoo ummati Oromoo mirga qaba. Finfinneen handhurasaati. Finfinneen Magaalaa guddittiisaati. Magaalaasaa keessatti siidaa hojjechuuf eeyyama qaama biraa gaafachuun barbaachisaadha jedhee hin yaadu. Mootummaan haaluma jalqabeen itti fufa jedheen yaada.

Xumurarratti qaamolee yaada kana maddisiise, siidaawwan aartii bareedaadhan hojataman kanneen bocan galateeffachuun barbaada. Mootummaan naannoo Oromiyaallee galata qaba. Garuu dhimma Finfinneen walqabate kana dagachuu hinqabu. Siidaa qofaa miti. Kan biraas ni jira. Yeroo biraan itti deebi’a.

Torban Gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You