“Egereen keenya.” Barri akka bubbeetti fiiga. Bara 1985; Harargee-Dadar.
Dhaabbati ‘OXFAM’ ummataaf deeggarsa kenna. Hojii kana akka ilaalan Dhaabbata Pireesii Xoobbiyaa affeere. Anis carraa argadhee gara Harargeefi Jijjigaatti imale. Harargee bakkeewwan daawwanne keessaa tokko aanaa Dadar ture. Yeroo sana aanaa Dadar keessa ABOn bal’inaan socho’a. Mana qotee bulaa tokko gaaffiifi deebii taasisuuf dhaqne. Waan adda ta’e tokkon arge. Keenyan mana qonnaan bulaa kanarratti dhoobameera.
Poostara. Waraqaa ‘A1’ irratti kan hojjatameedha. Dhaamsasaa qofa osoo hintaane haalli itti hojjatame ni miidhaga. Haalluunsaa beekamaadha. Isuma ’qoricha budaa’ jedhamu sanaadha. Barreeffamti poostaraan qophaa’e ‘Egereen keenya’ jedha. Sirriitti mul’ata. Jechichi kun abdii namaaf kenna. Ifa dukkana keessaati. Jecha kana hanga ammaatti hindaganne. Nan yaadadha. Raagadha. Raaga qabsaa’ota ganamaati. Egereen sun geesse moo hingeenye? Teenya taate moo hintaane? Gaaffii walnama mormisiisaniidha.
Ammammoo yaadamni ‘ifa boruu” jedhu dhalateera. “Ifti boruu maqaa manneen barnootaa qofaa miti. Anaaf yaadama; falaasama, karoora. Yaadamaafi falaasama egereen kan keenya ta’uu mirkaneessuudha. Misha- yaadirimee akkanaa bocanii irratti hojjechuun qaroomina.
Mudannoo biraan itti isiniif dabala. Sagalee gaara Salaaleerraan qaari’ee Finfinnee dhaqqabu. Abdii biraa. Ibsituu egeree ummata Oromoo kan yaadama Oromummaa.
Toora waggaa 26 ta’eera. Bara 1988ti. Salaale Aanaa Darraa- magaalaa Gundoo Masqal. (isin akka feetanitti waamaa- Darroo ykn Dharraa) Yeroon yeroo teeleetooniin Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) itti qophaa’udha. Hirpha WMO- 88. Hojii waldaan kun hojjatu ilaaluun ummataaf dhiheessuuf bobbaane. Fiicheen gama-Darraati.
Gaafa sana Magaalaan Gundoo Masqala maqaadhaaf magaala. Bu’uura misooma takka hinqabdu. Mana irriibaa kan jedhamu hinjiru. Maallaqa qabatanii mana nyaataa argachuun rakkoodha. Hojii dirreef durgoo qabannee bobbaanee mana namaa bulle. Gaazexeessaa Makibib Shawaa, gabaasaa Raadiyoo Xoobbiyaa, waliin mana maatii gaarii tokko keessa buluu keenya nan yaadadha. Akka gaaritti nu keessummeessanii nyaannee dhugnee siree gaarirra rafne.
Ganama baadiyyaatti bobbaane. Bakki itti bobbaane ‘Sinaaffiqish’ jedhamti. Ganda baadiyaati. Ganda sana abdiitu ture. Abdii Oromummaa. Qaanqee walqixxummaa.
OPDOn naannawa sanatti akka hundeeffamte sobama. Garuu achitti walgahee ykn konfiransii gaggeeffatteetti. Kanaaf mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan misoomaa naannawa sanatti jalqabeera. Hojiiwwan karaa WMOn hojjatan gaarii turan. Manni barnootaa sadarkaa 2ffaa tokko magaalaa Gundoo Masqalitti ijaarameera. Buufati fayyaa tokkos jalqabamee ture. Manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisuu eegalaniiru. Egereen Oromoo, ifa boruu, abdii dhalootaa mana barnootaa sana keessattan arge. Ifti borii manneen barnootaa keessatti omishama.
Gandi ‘Sinaafiqish’ ijoolleeshii Afaan Oromootiin barsiisuu jalqabdeetti. Yeroo sana daangaa ollaa Oromoorratti lafa fagoo sanatti qubeedhaan barsiisuun dhuguma waan ajaa’ibaati. Gandi ‘Sinaafiqish’ garuu ajaa’iba kana dalagdeetti. Ijoolleenshii ABCD jechuu jalqabaniiru. Afaan Oromoon faarsuu, Oromiyaa faarfatu. “Oromiyaa biyya koo” jedhu. Dhaamsi Harargee, Aanaa Dadar irra turte sun Salaaleen gama Darraarrattis lateera.
Ijoolleen Darraa sun qalbii koo keessa jiru. Walaloofi yadaloo faaruusaanii yaadachuu baadhus miiraan yeroo sana natti dhagahame addaadha. Faarsuusaanitiin imimmaan cobseera. Biyya fagoo sanatti, dachii dhiibbaa alagaa meeqa dabarsite sanarratti waan akkasii dhagahuun dhuguma nama boochisa. Gama tokkoon imimmaan gammachuu; gama biraatiin imimmaan waan ummati sun keessa darbeeti. Manni barnootaa bara sanaa dhaloota qaranii ummataaf gumaachaniiru. Har’a dhaloota sana kan ifa boruutiif yaadaa jira; asinis achiinis.
Hojiin egeree Oromoo ijaaruu kun itti fufeera. Jidduu kana Oromiyaarraa abdiin tokko dhagahamaa jira. Ifti tokko anga’aa jira. Ifa Boruu; egeree Oromoo fooyya’aa.
Taateewwan kanneen keessaa waa lamatu garmalee hamilee koo hawwataa ture. Tokko manneen barnootaa maqaa “Ifa boruu” jedhamuun moggaafamanii eebbifamaa jiraniidha. Inni lammeessoon, akka warra Gujiifi Booranaatti, siidaawwan hayyuuleefi hoggantoota Oromoof bocamanii eebbifamaa jiraniidha. Lamaanuu qaama dhaloota haarawa bocuuti. Kan Siidaa yeroo biraan itti deebi’a. Hara manneen barnootaarratti yaada kaasa.
Manneen barnootaa waan hunda. Namatu keessatti tolfama. Kalaqatu keessaa baha. Hogganaa boruutu keessatti bocama. Hoggantooti fageessanii yaaduu qabaniiru. Dhimma dhaloota har’aa osoo hintaane kan dhaloota boruu yaadaa jiru. Har’arra ta’anii egeree karaa qabsiisaa jiru. Siidaa osoo hintaane dhaloota egeree bocaa jiru. Seenaafi aadaa gadifageessanii dhaabaa jiru. Siidaanis ifa maddisiisa. Manneen barnootaatis ifa roobsu. Ifa boruu; kan biyya ijaaru, kan seenaa dhalootaa ibsu, kan biyya guddisu.
Manneen barnootaa “Ifa boruu” jedhamanii moggaafaman kunniin manneen barnootaa keessa oolanii bulanii itti barataniidha. Isa Ingliffaan “Boarding School” jedhaman. Bakkeewwan adda addaatti ijaaraman. Guddaa namatti tolu. Haala himamaa jiruun manneen barnootaa hammayyaa’aa ta’an kanneen dhaloota boru biyya hogganan keessatti uumaman, bocaman, maalummaafi eenyummaasaanii keessatti baratan akka ta’aniidha.
Dhalooti qubee shamqaqqoo sirna Wayyaanee keessatti guddate, hidhaa kutee, cincaala cabsee, dallaa uree Wayyaanee ofirraa kuffiseera. Dhalooti manneen barnootaa “Ifa boruu” keessaa bahanimmoo raajii biraa akka hojjetan abdii guddaatu jira. Biyya ijaarsi ishii jalqabame kana firii abdii boriitiin galma gaha.
Ani waan gaarii akkanaa kana arguu kootiif gammachuu guddaatu natti dhagahame. Warra yaada kana burqisiisee lafa qabsiises galateeffachuun dirqama sammuuti. Mootummaan naannoo Oromiyaa gama kanaan abbaa galata kanaati.
Yaa jamaa! Akka Oromootti waan tokkorratti walii galuun barbaachisaadha. Waan gaaridhaan gaariidha jechuun aadaa ta’uu qaba. Waan hanqate qeequun sirriidha. Kanaaf, hojii akkasii kana gaarii jedhanii akka cimee itti fufu deeggarsa gochuun gaariidha. Yaadni irratti walii hingalle akkuma jiru kan irratti waldeeggaran immoo inuma jira. Kanaaf manneen barnootaa ‘Ifa boruu’ fakkeenya gaariidha.
Manneen barnootaa kanneen waan hedduutu isaan hafa. Akka yaadame sanatti kaayyoosaanii galmaan gahuuf deeggarsi ni barbaachisa. Kitaabatu barbaachisa. Meeshaa teknolojii ammayyaatu barbaachisa. Laaboraatoriiwwan adda addaatu guutamuufi qaba. Iddoowwan bashannanaa barattootaaf ta’an meeshaaleefi hidhata barbaadamaniin guutuutu barbaachisa.
Kana hunda gateettii mootummaa ykn qaama tokkoorratti dhiisuun sirrii hinta’u. Hundumtuu dhakaa tokko tokko darbachuu qaba. Diiguuf osoo hintaane ijaaruuf. Dhagaan darbatamu ni ijaaras ni diigas. Kanaaf warri biyya keessaafi biyya ambaa jiran hundi itti birmannee hojii kana galma yaadameen gahuu barbaachisa.
Xumurarratti Dadarittan isin deebisa. Poostara sana. “Egereen keenya”. Darraan isin geessa. Faaruu Oromiyaa. Jaalala Afaan Oromoo. Xumureera.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014