“Jirtuu!?” jedha Haacaaluu Hundeessaa bara sana. Boollasaa nadhiin haa guuttuu sirbootisaa lama “ jirraafi jirtuu” wajjin walqabata. Bara barri hammaatte sana “Maalan jira? jedhee ummatatti bahe. Gaafa barri waan fooyyofte itti fakkaate sanammoo deebi’ee “jirra! ‘jirra!” jedhe. Booda “Maal mallisaa?” jedhee gaafate. Yeroo dubbiin keenya deebi’ee wal-marqee, wal-dhageeffachuun, wal-obsuun, wal-mari’achuun rakkoo ta’e sana. Osoo har’a lubbuun jiraateemmoo wayi jedha. Silaa dubbiin beekaa akkasaa jalaa hindhumtu. Gaaffii isa dhumaatiif malli ta’uu qabu mari’achuudha. Akka sabaatti taa’anii mari’achuu. Akka biyyaatti walitti dhufanii mari’achuu. Malli dursu kanuma. Kuun kanaan booda kan dhufaniidha.
Haalli biyya kanaa akkatti dubbataniifi dhiisan nama wallaalchisa. Wantooti guyyaa guyyaan uumaman suukaneessaadha. Wanti guyyaa guyyaan dhageenyu nama gaddisiisuu bira taree nama waada. Biyya lubbuun dhala namaa garmalee itti rakasteedha. Rakkichi dhiphachaa hinjiru. Guyyaa guyyaan dabalaa deema. Rakkoon heddummachaafi hammaachaa deemaa jiru kun kan furamu ykn hiika kan argatu miidiyaan balballoomsuudhaan miti. Saba tokko miidhanii saba biraa yakkamaa taasisuudhanis miti. Bu’uura rakkichaa adda baasuun barbaachisaadha. Isaan booda irratti mari’achuudha. Ummata tokko yakkamaa ykn kan yakka raawwatu, ummata kan biraa himataa ykn kan yakki irratti raawwate taasisuun bu’aa siyaasaa gonfachuuf kaachuun rakkoo biyya kanaatiif fala hinta’u.
Akka biyyaatti rakkoo guddaa qabna. Nuti, akka lammii biyya kanaatti, rakkoon keessoo keenyaa nutti hindhaga’amu. Rakkoon keessoo keenyaa nu hindhiphisu. Rakkoo keessoo keenyaa dhiisnee kan ambaa haasawaa oolla. Dhimmi walwaraansa Somaalee kan keenya caalaa nu yaaddessa; nu gaddisiisa. Garuu kan keenyaa xurii qeensaatti hinlakkoofnu. Rakkoo walwaraansa Yeman keessa jiru keenya caalaatti beekna. Midiyaan biyya keenyaas sirriitti balballoomsa. Dhimmi buqqaatota Siiriyaa dhufanii Finfinnee keessatti daandiirratti kadhatanii hidhii nu xuuxxachiisa. Waan hinqabnerraa qarshii luqqisnee kenninaaf. Kan keenyaa nutti hinmul’atu. Nuti rakkoon akkasii akka nutti dhufaa jiru meeqatu quba qaba? Kana marii malee maaltu fala ta’aaf.
Dhimmi dargaggoota hojii dhabanii daandiitti bahanii beenzila xuuxaa oolanii hidhii nu hinxuuccisiisu. Waa’een haadholii daa’ima araasii baatanii bona aduu keessa, ganna bokkaa keessa daandiirra maramanii ciisanii akka salphaatti hubannee bira tarra. Garuu yoom akka qe’ee keenya gahu hinbeeknu. Akkasumatti baacuudhaan ykn xiqqeessinee bira tarra. Ittiin walitti baacna. Garuu keessi keenya bukaa’ee tortoreera. Nageenyi lammii guyyaa guyyaan rakkoo keessa jira. Duuti qoosaa taateetti.
Ejjannoo ifaa tokko nan qaba. Namni siviiliin meeshaa qabatee waraana keessa hingalle, kan gocha tikaa keessaa harka hinqabaanne kamiyyuu du’uu hinqabu. Kan waraanaan walitti deemu innuu murteeffateera. Kanaaf du’a siviilii, abbaa fedheeyyuu kan raawwatu, nan balaaleffadha. Namni kamuu murtii seeraan ala du’uu hinqabu. Kanuma.
Biyya keenya keessatti ajjeechaan siviilii heddummachaa jira. Kun kan naannoo tokko qofa keessatti raawwatuu miti. Naannoo Tigiraayitti ajjeechaan siviilii hin raawwanne hinjedhamu. Naannoo Amaaraa keessatti siviiliin hinduune hinjedhamu. Affaar keessatti dhiigni siviilii dhangala’eera. Walloo Kamiseetti waanti ta’e dagatamuu hinqabu. Gaambeellatti Siiviliin dhumaniiru. Ummata Kibbaa keessatti rakkoon akkanaa uumameera. Oromiyaa keessatti jidduu kana wanti gochaan suukanneessaan raawwatameera. Gochaawwan ajjeechaa siivilii kannneen keessa eenyutu jira? Eenyutu harka keessaa qaba? Warri quba walitti qabu jiru. Kana kan qulqulleessu qaama walaba ta’eedha. Gaafas abbaan itti gaafatama fudhatu dhufa. Kanas ta’ee biyyi kun nagaa kan argattu yoo mariin ta’e qofaadha. Yoo nageenyaaf kabajni kennameedha.
Ani Oromiyaa ilaalchisee gaaffii guddaa tokkon qaba. Wallaga keessa dhalattooti Goojjam hedduun kan Kiristaana Ortodoksii ta’an hedduun akka jiran nan beeka. Ajjeechaan qubattoota Walloo kan waggaa 30 ol naannoo sana jiraatanirratti maaliif danate? Ajjeechaan muusliimarratti maaliif xiyyeeffate. Kunillee waliin qulqullaa’a jedheen yaada. Kan Oromiyaa kun aangoo siyaasaa waliinillee waan walqabatu fakkaata. Oromoon aangoo qabatee asiifi achi wakabaa itti buusnee aangoo irraa fudhanna jedhaniitii laata nama jechisiisa.
Anaaf bakka kamittuu duuti du’uma. Ajjeechaanis ajjechaadhuma. Ajjeechaan tokko eebbifamee kan biraa kan abaaramu hinjiru. Duuti tokko nama boochisee kan biroo nama hinkofalchiisu. Hunduu balaaleffamuu qabu. Kan gochaa ajjeechaa raawwate bakka hundattuu yakkamaadha. Yakki eebbifamaan hinjiru. Warri wacanillee kana hubachuu qabu.
Adeemsa tokko filatanii yakkamaa taasisuuf shirri xaxamu sirrii miti. Yoo ofii ajjeesan kolfaa yoo kan biraan ajjeesu boo’uun hinta’u. Yoo boo’an hundaafuu boo’udha. Ykn itti dhiisuu wayya. Dhalli namaa martuu dhala namaati. Lubbuun dhala namaa seera malee baduu hinqabdu. Ajjeechawwaniifi dhumaatii dhala namaa kan biyya kana keessatti adeemsisamaa jiru hunduu jecha tokkoon yoo balaaleffatte malee haqni hinargamu. Gaafa kan ofii du’u balaaleffattee gaafa kan biroo lafarraa duguuggamu kolfuun balaa caaluudha malee rakkoo biyya keenyatiif fala hinta’u.
Jaalannus jibbinus guyyaa guyyaan dubbiin cimaa jirti. Warri Finfinnee keessa teessanii biiraa dhugaafi foon diimaa murachaa feesbuukiirratti dhukaasaa ooltanis dubbiin isin biras gahaa jirti. Kan kaleessa fagootti ibidda itti qabsiisaa turame sun har’a dallaa jala jira. Duuti kaleessa fagootti dhagahamu sun dhihaachaa jira. Ilmoon namaa yoo dhageenyee ykn gaddinee ykn haala salphaan bira tarru sun amma nurra gahuu dhiisuudhaaf wabii hinqabnu. Kan kuunnoti jedhan sun kunooti jechuutti jirra.
Dhalli namaa dhimma nageenyaarratti xiyyeeffachuun yoomiyyuu caala dirqama ta’aa jira. Amma yeroon yeroo madaa namaatti kolfan miti. Yeroon ammaa kun yeroo ebeluufi ebelu waliin jedhan miti. Dhala namaa hundaa nagaatu barbaachisa. Nagaa kana kan buusus kan balleessus dhaluma namaati. Kanaaf hunduu sagalee tokkoon dura haala nagaa biyya kanaarratti qooda ofii bahuu qaba.
Nagaan akkamitti bu’a? Nagaa hawwaniif negeenyi hindhufu. Nagaa! Nagaa! Jedhanii midiyaatti bahanii dubbataniif nagaan hinbu’u. Nagaan kan bu’u yoo qaamni hunduu akka nagaan bu’uuf gumaacheedha. Kun kallattii jalqabaarratti mootummaa ilaallata. Itti aanee ammoo qaamolee hidhatanii biyyattii keessa socho’an dabalata. Jaarmiyaaleen siyaasaa gama kanaan gahee guddaa qabu. Abbootiin amantaa, sheekinis qeesinis, shoora olaanaa taphatu. Jarsoliin biyyaa, yoo nama isaan dhagahu qabaatan gumaachisaanii xiqqaa miti. Kan lammiilee biyyattii isa guddaadha. Kanaaf hunduu, hundumtuu gadi bahee dhimma nageenyaarratti dubbachuu qabu. Nagaaf jecha mar’iachuun barbaachisaadha. Nagaadhaaf waardiyyaa dhaabbachuun irraa eegama. Walitti dhufanii walgaafachuu, waliin haasa’uu, waliin mari’achuun dirqama.
Gama kanaan biyya kanatti jalqabbiin tokko dhagahamaa tureera. Marii biyyaalessaa kan jedhamu. Dhimmi kun waan lafarra harkifachaa jiruuf qaamni harkaa qabu waa jechuu danada’a. Ani akka nama tokkootti dhimma marii biyyaa jedhu kana ittin amana. Araarri biyya kana keessatti hanga hinbu’initti duutiifi ajjeechaan ni hafa jechuun rakkisaadha. Kanaaf mariin biyyaalessaa kan jedhamaa ture barbaachisaadha.
Gama kanaan yaadni akka biyyaatti jalqabame sun ajandaansaa dafee lafaa ka’uu qaba. Sanadooti sheelfirra jiran shelfirraa bu’anii gara hojiirra oolmaatti deemuu qabu. Komishiiniin dhimma kanaaf dhaabbate jedhame sun ykn dafee hojiitti galuu qaba ykn ammo akkuma komiin tokko tokko irratti ka’u wanti sirratu sirratee hojiitti galuu qaba.
Finxaaleyyiiwwan tokko tokko xiyyee ffannoosaanii ummatarratti taasisu. Akka Philaaxoositti of ilaalu. Walumaan laaqaafi borcaa oolanii ani homaa keessaa harka hinqabu jedhanii yaadu. Kunimoo eessanuu isaan hingahu. Isaan ykn sabnisaanii miidhamaa, kan biraa akka miidhaa geesisutti fudhatu. Kunimoo waan nagaa buusuu miti. Warra miidhaa geessisan keessas jiru. Kan miidhames sabaafi sablammii hundaadha. Kanaaf, rakkoon biyya kanaa rakkoo sabaafi sablammii hundaati. Falas kan fidu sabaafi sablammii biyya kanaati. Kanaaf sabaafi sablammiin hundi dhimmi mariifi nageenyaa ajandaa duraa godhachuu qaba.
Torbaan nagayaa hundaa keenyaaf!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014