Suura Jaal Baaroo Tumsaa. Akkuma golgaan saaqameen kan dafee natti mul’ateedha. Ijji koo kaan dhiistee isarratti xiyyeeffate. Keessi koo akka nahuu ta’e. Dhimmicha itti siqee hubachuuf yaale. Namni asiifi achi waldhiiba. Carraa namaaf hinkennu. Hangan danda’e hiixadhee ilaaluufan yaade. Waan jedhamus dhageeffachuuf gurri na qirqirfate. Waan jedhamus hanga tokko dhagahe; wacuma keessa. Miiraa waldhahaatu natti dhufe. Gaddaafi gammachuu. Lamaanuu keessummeesse.
Wanta akkanaa kana ifatti argee hinbeeku. Addabaabaayittis yoo dhubbatan hindhageenye. Sagantaawwan mootummooti biyya kanaa qopheessan keessatti bakka laafaafi of eeggannoo barbaadu ta’uu nan beeka. Durimaa mormayyuu nama kuchisiisa.
Akkuman daawwannaa igzibishinichaa jalqabe xiyyeeffannaafi of-eeggannaan ittifufe. Jalqabaa hanga xumuraatti daawwadhe. Igzibishinii Suuraa Dhaabbati Pireesii Xoobbiyyaa wa’ee biyyaarratti mataduree “Dhimma Xoobbiyaa” jedhuun qopheesse.
Igzibishiniin kun magaalaa Hararitti qophaa’e. Ani ilaaluuf carraa kanan argadhe Caamsaa 23/2014dha. Dura banamuusaafi hawaasti naannichaa daawwatee yaada itti kennaa turuusaa dhagaheera.
Igzibishinii suuraa kana wajjin walqabatee mariin dhimma biyya Xoobbiyaa irratti xiyyeeffate kan hayyooti, jaarsoliin biyyaa, beektoti, dhaabbilee miidiyaa, artiistoti, bakka bu’ooti hawaasa siivikii irratti hirmaatan guyyaa wadhakkaaf gaggeeffameera. Anillee achitti argamuuf carraa argadheera. Waanan arge isiniif qooduu ittin fufa. Har’a dhimma Igzibishinii kanarrattan xiyyeeffadha. Marii hawaasaa yaadonni adda addaa irratti ka’an torbanan itti deebi’a.
Igzibishinichatti nan deebi’a. Duraan dursee warra sagantaa kana qopheessan galateeffachuun dirqama hamileeti. Dhimma biyyaarratti sagantaa akkanaa qopheessanii hawaasti gara garaa walitti bahee akka irratti hirmaatu, akka irratti mari’atu taasisuun hojii guddaadha. Yaadumasaa burqisiisuun waan tokko. Ajandaa yeroo bocuun hojii biraati. Namoota yaada qaban kan yaada marii dhiheessan qopheessuun waan biraati. Qabeenyaa itti dhangalaasanii waan ummata fayyadu hojjechuun dirqama ofii bahuudha.
Marii kanatu dhabamee biyyi rakkoo hamaa keessa galti. Kan waldhaggeeffatu dhabamee hawaasti jeeqamaa jira. Namni yaada fedhe haa qabaatuu. Akka afuura baafatu taasisuun bu’aa qaba. Dhimma biyya kanaa kan sabaafi sablammoota hundaa ta’uu qaba. Kanneen qaamoleen muraasti harkatti galfatanii akka fedhanitti murteessan ta’uu hinqabu. ‘Isin maal keessaa qabdu?’ wanti jedhu hinhojjetu.
Kanaaf yaa’ii hundalaaleefi hirmaachisaa akkanaa kana irra deddeebi’anii gaggeessuun mishaadha. Kanaaf, Dhaabbati Pireesii Xoobbiyaa galata qaba kanan jedheefi. Waltajjii akkanaa kana Naannoo Somaaleetti, Magaalaa Dirre Dhawaatti qopheesseera. Kan Harar isa sadaffaadha.
Ilaalcha saanduqa keessaa yeroo hunda hin deeggaru. Beektoti “ilaalchi saanduqa keessaa jijjiirama barbaadamu hin fidu” jeddhu. Kanaaf saanduqaan ala mil’achuun (thinking out of the box) akka barbaachisu gorsu. Dhaabbati Pireesii Xoobbiyaa kana waan yaade natti fakkaata. Gaazexaalee maxxansu maddiitti sagantaa marii qopheessee ummata qaamolee dhimmi ilaallatu walitti fiduuf yaaleera. Kun kan jajjabeeffamuu qabuudha.
Gara igzibishiniitti deebi’eera. Igzibishiniin suuraa kun sirnoota biyya keenya bulchaniifi amma bulchaa jiru hanga tokko mul’isa. Qabiyyeensaa adeemsa waggoota shantama taraniirratti Xiyyeeffata. Bara kufaatii Sirna Gonfoo irraa eegala. Sirna Badhaadhinaarratti dhaabbata.
Igzibishinii kanarratti waa lama ifatti mul’ata. Boqonnaa lama of keessaa qaba. Warri qopheesitootaas itti yaadanii waan bu’uurasaa tolchan natti fakkaata. Kutaan jalqabaa bara kufaatii Sirna Gonfoorraa eegalee hanga kufaatii Sirna Darguu kan hammatuudha. Kutaan lameessoon Sirna ADWUI irraa eegalee hanga ammaatti kan deemuudha. Kutaaleen lamaan kunniin ifatti wantooti hubachiisan ni jiru.
Ifaawwan (ibsaawwan) galma keessa jiran sirnoota lamaan sirriitti mul’isu. Kutaan jalqabaa dukkanaan bakka bu’e. Dukkana keessa ifti xixiqqoon ampuulii xixiqqoon bakka bu’antu asiifi achii mul’ata. Suurri Jaal Baaroo Tumsaafaa jalqaba kutaa kanarratti bakka qabate. Loltooti Darguu nugusa aangorraa buusan as keessatti argamu. Barattooti Yunivarsiitii sirna gonfoo kuffisuu keessatti qooda jabaa qaban keessa jiru. Ibsaawwan dukkana keessaa sun jaallewwaniifi barattoota akkasumas qaamota dhimma ummataa hubatanii qabsoo kana keessatti hanga wareegama lubbuu kaffalanii bakka bu’a jedheen hiika mataa kootii kenneefi.
Qabsaa’ota dhugaa dhimma ummataa qabatanii sirna sanaan lolan keessaa Jaal Baarooo Tumsaa isa tokkoodha. Igzibishinii kana keessatti Oromoofi qabsoo Oromoo bakka bu’a jedheen yaade. Yoo bal’isnee ilaalle qabsaa’ota sabaafi sablammii cunqurfamtootaaf qabsaa’an hunda bakka bu’a. Warri ibsa gochaa turanillee dhimma dhaadannoo “Lafti qotee bulaaf” jedhu “Land to the Tiller” jedhu Yunivarsiitii Finfinnee keessatti warra qabatanii bahan keessa akka jiru dubbataa turan. Anillee kitaaban yeroof matadureesaa hin yaadanne keessatti dhaadannoon kun kan Jaal Baaroon dirreetti fide akka ta’e dubbiseera. Dhugaan yoo abbaatti galte gaariidha. Ijoollee qotee bulaa caala ijoolleen abbaa lafaa dhaadannoo “lafti qotee bulaaf’ jedhu ni qabatu jedhee hin yaadu.
Kutaa kana keessatti haala Darguun aangoo itti saame, badiifi walballeessaa sirna kana keessatti raawwate, buttaa qabsoo Barattootaa, aangoo abbaa irrummaa loltuu kan sirriitti mul’iseedha. Xumurri kutaa kanaa haala kufaatii Sirna Darguu ibsa. Haala darguun qabsoo sabaafi sablammiitiin lafa itti dhahe mul’isa.
Kanaaf Sirni Gonfootiifi Darguu sirnoota dukkanaafi sabaafi sablammooti biyya kanaa itti dararaman ta’uusaa igzibishinichi ni ibsa. Dukkana kana keessammoo warra ifa ta’anii ummataaf qabsaa’an kanneen akka Jaal Baaroo Tumsaatu keessatti argamu. Dukkana keessa ifti jira kanan jedheefis kanaafi.
Kutaa lameessoon igzibishinichaa ifa guutuudha. Ampoolii ifaadhaan bakka bu’an. Mil’achuuf nama hin rakkisu. Jalqaba Sirna ADWUI ti ka’a. Yeroo ce’umsaa bara 1983 mul’isa. Ijaarama mootummaa ce’umsaa, marii dhaabbilee siyaasaa hundaa taasisa of keessaa qaba. Haala bakka bu’ooti sabaafi sablammii mari’atanii mootummaa ce’umsaa itti hundeessan mul’isa. Ittifufa, igzibishinichi. Tumaa Heeraafi kanneen biroos jiru.
Heera keessaa Keeyyati 39 kophaatti baatee barreeffamaan igzibishina kanarratti maxxanfamteetti. Hiikoonshii naaf hin galle. Tarii hiree ofii ofiin murteeffachuu sabaaf sablammii sana mul’isaa laata? Jedheen yaade. Finxaaleyyiiniifi tikeewwan heeraafi sirna durii keeyyata kanarratti duula walirraa hin citne gaggeessaa akka jiran nan beeka.
Xumurri Sirna ADWAI Qabsoo Qeerroof Qarreeti. Igzibishinichis kana mul’isuuf yaaleera. Haala hawaasti Gondor “dhiigni Oromoo dhiiga keenya” jedhee addabaabayyii itti bahe suuraan irra deebi’ee argeera. Hiriira kana hin dagadhu. Dhaamsisaatis anaaf kan jedhamee oli. Walitti dhufeenya cimaa saboota guguddoo lamaanii mul’isa.
Itti aanee jijjiirama kufaatii Sirna ADWUI booda jiru mul’isa. Waan bal’aa of keessaa qaba. Aangoo walirraa fuudhuu, deeggarsa ummataa, balaa hiriira deeggarsa MM Doktar Abiyyi Ahmad wajjin walqabatee Waxabajjii 6/2010 dhaqqabe, waraana Kaaba Xoobbiyaatti taasifameefi kkf nama daawwachiisa.
Caasaa igzibishinichaa jalqabaa hanga xumuraatti ilaaleen waa tokkotu sammuutti na dhufe. Haala jijjiirraa Sirnootaa wajjin walqabaterratti. Sirni Gonfoo qabsoo dargaggootaafi ummataatiin kufe. Darguun qabsoo ummataa butee abbaa aangoo ta’e. Sirni Darguutis qabsoodhaan kufe. Qabsoo sabaafi sablammootaatiin.
Wayyaaneen, garuu, aangoo muxuxxeessitee saamte. Jaarmiyaalee waliin mootummaa ce’umsaa dhaaban keessaa ciccimoo akka ABO shiraan of keessaa baaste. Bubbultus Wayyaaneefis hinoolle. Qeerroon itti ka’ee aangorraa ishii fonqolche. Isaan booda qaamni amma aangoo qabate dhufe. Kan isaammoo akkatti xumuramu walumaan ilaalla.
Garuu akka waliigalaatti seenaa siyaasaa biyya kanaarraa wanti hubannu ni jira. Innis biyya kanatti aangoon karaa nagayaafi dimokraatawaa ta’een walitti darbaa hindhufne. Qabiyyee igzibishinichaa ta’uus baatu shira mootii Hayilasillaaseen aangoo itti saame beekamaadha.
Yaa golobu. Aadaan sirna karaa nagayaa walitti dabarsuurratti rakkootu jira. Hubannoon sirna dimokiraasiif qabnu xiqqaadha. Qaroominni siyaasarratti qabnu kichuudha. Kana kan fooyyessu mariidha. Waliin haasa’uudha. Kuni kan sirreessu dhaloota. Akka sirratus abdiin qaba.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014