Namoota wajjin dhimmoota tokko tokko kaasnee haasawaa turre. Haasofti keenya ajandaa hinqabu. Haasawa hiriyootaati. Baacuus ofkeessaa qaba. Dubbii ijoos ni haammata. Taphas dhamas qaba. Akkuma dubbii bara kanaa walmakaadha
Kanuma keessa yaadni wa’ii ka’e. ‘Siinqee’ moo ‘siiqqee’ jedhama? Kan jedhu. Akkuma loqoda naannoowwaniiti jennee bira taruuf yaalle. Tokko garuu itti cichee “siiqqee’ jedhama jedhee nu morme.
Xumurarratti. Kan Siiqqee jedhan jiru. Kanneen Siinqee jedhanis akkasuma. Kanaaf Kanatu sirriidha; sanatu sirrii miti jedhanii sammuu waldiiguun sirrii akka hintaane waliigalle. Yoo walii galan, akkuma yoo walta’an alaa galu jedhamu.
Lamaanuu sirrii ta’anillee tokko waalta’uu qaba. Kan barreeffamaafi barnootaaf oolu jecha waalta’eedha. Kan hinwaalta’in haa badu jechuu koo miti. Innis qabeenya. Kanaaf galmaa’uu qaba. Galmee jechootaa keessatti. Akka yaada kootitti kan waalta’aa jiru isa “siinqee’ jedhudha. Barreeffamoota keessatti miidiyaarrattis kan agarruufi dhageenyu waan ta’eef.
Kanumaan walqabatee waa’ee ulee siinqees kaasne. Akkuma jecha Siinqee sana. Garaa garummaan xixiqqoon ni jirti. Hundi keenyayyuu waa’ee garaa garummaa kanaa waan beeknu kaasne. Ani kanan beeku arooressa qalloo bareedduu qaqaadhaan ulamteedha. Hanga gaafa ayyaanni siinqeen walqabate jirutti baaxii manaa keessatti suuqamtee qaqaa ulatti. Gaafa ayyaanni jiru achii fuudhamtee dhiqamtee halluu buna fakkaatu cululuqaa qabattee gadi baati.
Hundi keenyaa naannawa tokkoo waan dhufneef kan beeknu kanuma. Garuu uleen Siinqee akaakuun biraas akka jiru kaasnee irratti yaada waljijjiirre. Gara Gujiifi Booranaatti ulee qal’oo tanarratti gara mataatti qaqalloon irratti faayeffama. Gara Siikkoo-Mandootti uleedhuma qal’oo taatee dhanquu akka qabduudha. Akkuma imaltooti Dirree Sheekanaa Huseen sagadaaf deemaan qabatan sana mataarraa dhanquu qabdi. Mataa siinqeerratti meedhechi ni hidhama.
Asirrattis yaada kaasne. Kamtu sirriidha? Kamtu Oromoo hunda bakka bu’a kan jedhu. Yaada keenya fageessinee balballoomsuu hindandeenye.
Kanirratti waliigalle Siinqeen calaqqee Sirna Gadaa, ibsituu aadaa Oromoo ta’uushiiti. Kanaafuu akka naannawaatti uleen ittiin bakka buutu garaa garummaa qabaatullee; hunduu sirriidha, hunduu Siinqee bakka bu’uu danda’u. Yaada keenya gara tokkotti mucuceessine. Garuu osoo waalta’ee kan jedhummoo sammuu keenya keessa ture. Sagantaalee guguddaarratti kan qabatamuu malu isa waalta’aa ta’uu qaba.
Sababa sirnoota cunqursaatiin Oromoon maatii tokko ta’e gargar faca’ee ture. Gargar faca’uu qofa osoo hintaane aadaansaa akka badu duulli karaalee adda addaa irratti deemamaa ture. Aadaa bareedaafi falaasama adda ta’e kan addunyaan raajeffatte akka Oromoon itti qaana’u ta’e. Kanaaf, hammuma addaan hiixatan garaagarummaan uumamte. Kan siinqeefi ulee siinqeetis kanaan addaa miti. Kan biroos hedduutu jira.
Garuu garaa garummaa kana hanga yoomiitti qabannee deemna? Wantoota walitti dhufan walitti fidaa, waaltessaafi tokkummaa akka qabaatan gochuun barbaachisaadha. Kunimmoo kan sirraa’u akka hiriyoota kootii oduun osoo hintaane qo’annoo gadi fagoodhaani. Kan kaleessa bocameefi borcame har’a sirreeffachuuf carraan nu harka jira. Kan kaleessa beekaas ta’ee osoo hinbeekin gargar nu baasan walitti fiduudhaan waaltessuu wanti nu dhorgu hinjiru. Kanaaf qaamni eeyyama gaafatamus hinjiru; yoo dadhabbina keenya ta’een ala.
Yaaduma siinqeerratti kaasne kanaan walqabatee wanti sammuu koo keessa naanna’u tokko ni jira. Mee uffata aadaa Oromoo mimmiidhagaa isa halluuwwan adda addaatiin faayame al tokko sammuudhaan daaw’adhaa. Maaltu isinitti mul’ata? Miidhaginasaa qofaa? Dizaayinii babbareedaadhaan hojjatamuusaatii? Halluuwwan adda adaatiin kuulamuusaatii?
Ammas halluu wajjin walqabatee yaada tokkon kaasa. Achumaanin gara gaaffii gubbanatti kaasetti deebi’a. Oromoon halluu wajjin walqabatee yeedrimeewwa (concepts) hedduu qaba. Mee maqaa halluuwwan Oromoo keessa jiranii tarreessaa ilaalaa. Odoleen halluu akkamiiti. Balaccuun hoo? Kaanis itti tarreessaa.
Akka fakkii-kaasaa beekamaan tokko natti himetti akaakuun halluu Oromoo bira bal’inaan jira. Kanaaf akka fakkeenyaattii kan naa kaase Harargeedha. Namni kun yoo halluu filachuu barbaadde “Gabaa Harargee dhaabbadhu” jedha. Dhugaadha. Anillee gabaawwan Harargee keessaa nan beeka. Halluun uffataasaanii ajaa’iba.
Uffati aadaa Oromoo akka ilaalcha kootti kan Oromoo maraati. Halluuwwan uffatarratti mul’atanis kan Oromoo Hundaati. Kan godinaaf ykn gandaaf qoode hinjiru. Garuu amma lafaafi lagaan qoodanii biraandii gochuun aadeffannaa ta’eera. Garuu aadeffannaa sirrii hintaane.
Kun kan Oromoo godina kanaati, sanaati wanti jedhamu sammuu namaa keessatti bakka qabateera. Sirbi yoo waraabamu uffata aadaa naannawa wajjin walqabata. Agarsiisa faashiniirratti uffata aadaa Oromoo godina ebeluu ebeluu jedhamee beeksifama. Haaluma kanaan aadaa ummata tokkoo godinaan gargar qooddataa jirra.
Aadaa bal’aan akkanaa kun jiraachuun Oromoof carraadha. Akka qabeenya guddaatti ilaalama. Kunimmoo Oromummaadhaan biraandii ta’uu qaba; suurri guddichi ummata kanaa Oromoo waan ta’eef. Yoo haala ammaatiin deemne bori aanaafi gandaan adda qooddannee uffata aanaa ebeluu, huccuu ganda ebeluu jechuuf deemna. Kanarraa Rabbi guddichi nu haa baraaru.
Aadaa tokkicha haala kanaan addaan qooddachuun rakkoo biraa uumuu mala. “Kan kiyya hafe ykn hinjiru” gara jedhutti nama geessa. Mufannaa uumuu danda’a. Tokkummaa Oromoo ittiin miidhuufillee qaawwa bana. Kanaaf maal ta’uu qaba?
Anaaf kabajni ayyaana Irreechaa fakkeenya gaariidha. Miidhagina halluufi uffata aadaa Oromoo yoo daaw’achuu barbaade “Irreecha Hora Arsadiirraa hinhafin” yoon jedhe hindogoggoru. Irreechi kuunis miidhaginaafi hawwata kana inuma qaba.
Gaafa sana Oromoon hunduu walitti makama. Uffannoo naannawaafi godinaan adda qoqqoodame sunis walitti makamee akka waliigalaatti Oromoo ta’a, Oromoo ibsa. Waanti kan ebeluu jedhamu gaafa sana hinjiraatu. Kan ayyaana kanarratti hirmaatu kan itti tole bitatee ittiin miidhaga. Ittiin bashannana. Tokkummaan namaallee gaafa sana miidhaga.
Kanaaf, uffata godinaan maqaa itti moggaasnee gargar qoodne kana osoo gara tokkotti deebisnee akka Oromootti ittiin miidhagnee aadaa keenya mul’isnee gaariidha jedheen yaada. Ibsituun uffata aadaa duuba dhuftu Oromoo maqaa godina ykn ganda maqaa dhahuurra Oromoodhaan osoo bakka bu’ee irra gaariidha. Namooti waltajjii beeksisanis gara kanatti dhufuu qabu. Dhaabbileen faashinii babbareeda agarsiisanis kan godinaan kan godina kanaa, sanaa jedhanii jechuu dhiisanii kan Oromoo jechuu amaleeffachuun irraa eegama. Bakka sagantaan qophaa’utti uffati aadaa Oromoo marti akka calaqqisu gochuun walitti dhufeenya keenya jabeessa.
Keessumaayyuu dizaayinarooti keenya kanarratti of eeggannoo gochuu qabu. Tokkummaa aadaa Oromoofi uffata Oromoo walsimsiisaa deemuun barbaachisaadha.
Gama biraatiin aadaa keenya garaagarummaansaa akkuma jirutti ta’ee haala gara tokkummaatti, walsimuufi waalta’uutti deemuu qaba. Akkuma ulee Siinqee sana, loqodi keenya, barreeffamti keenya, qubeen keenya gara waalta’uutti yoo deeme namnis garawalta’uutti dhufa.
Garaa garummaan sababa adda addaatiin, namtolcheefi barri uumee, nu jidduutti uumame dhiphachaa deema. Tokkummaan keenya ni cima. Yaadamni keenyas gandummaafi godinarraa bilisa baha. Akka naannootti osoo hintaane akka biyyaatti yaadna, biyya Oromoo. Ni cimna. Warra gargar nu baasuuf tattaafatan ni mo’anna.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014