Oomisha qamadii abdii guddaan irratti horatame

Bara darbe 2013. Waqtii bonaa keessa. Dhimma hawaasummaaf gara baadiyyaa deemeen ture. Naannoon ittidhaladhee guddadhe. Waan durirraa adda ta’en ilaale. Sululli naannawa bishaan qabu qofaa miti. Kan xiqqoo jiidhina qabu marti magariisa uffateera. Sanayyuu yeroo aduu, yeroo bonaa sanatti.

Dachiin miidhagdeetti. Bareedina gonfatteetti. Osoo hin jaalatin dirqamaan qalbii namaa harkisti. Tabbarra dhaabbatanii yoo gadi mil’atan omisha gosa adda addaatu mul’ata. Qamadii daalachaa’ee haamamuu ga’e; shunkurtii, boqqoolloo, mosee, kaloo jiidhaa maddii maasii jiru…

Naannoon kun durumaa kaasee oomisha jallisiitiin beekamaadha. Bara nugusaa sana keessa garbuutu facaafamaa ture. Bara Darguu keessaa boqqollootti ce’ame. Amma midhaaniifi muduraa gara garaatu faca’aa jira. Akaakuu midhaaniitiinis ta’ee bal’ina lafaatiin waan fooyya’aatu mul’ata. Garuu irra caalaan maasii qamadiiti. Kunimmoo waan haarawaadha.

Maasii bal’aan omisha qamadii asheetee gara haamamuu ga’aa jiruun aguugameera. Namoonni hedduun omisha kaan dhiisee wa’ee qamadii haasawa. Qamadii paakeejii haarawaan mootummaan gadi buusee qotatee bultooti fakkeenya ta’an yaaliif jallisiidhaan akka facaasan taasisan.

Haasawa kana keessa namni tokko omishtummaa qamadii kanaan walqabsiisee yoo dubbatu dhagahe. Mataa qamadii tokkorraa gumaa ykn firii qamadii hanga 109 ta’u akka lakkaa’eefi kunimmoo waan ajaa’ibaa akka ta’e ibse. Ani nama ogummaa qonnaa qabuu miti. Mataan qamadii tokkoo jiddugalaan gumaa hagamii qabaachuu akka danda’u hinbeeku. Garuu ibsi qonnaan bulaa sanaa natti tole. Akkaataa inni oomishtummaa sana itti ibse ogeessa qonnaa nama tuffachiisa. Kun jijjiirama guddaadha.

Wanti biraa kan namatti tolu fedhii jiru. Qotatee bultooti hedduun fakkeenya gaarii argataniiru. Maasiisaanii gara oomisha qamadiitti jijjiiruuf murteeffachuusaanii natti himan. Barana ayyaana barii gara fuullee biyyaatti baheen ture. Qonni qamadii kan bara tareerra babal’ateera. Kun akka biyyaatti jijjiirama guddaadha. Hirkattummaa waqtii gannaarraa bahanii waqtii hunda keessa oomishuun akka danda’amus kan mirkaneessuudha.

Qonni misooma jal’isii qamadiirratti xiyyeeffate kan jalqabe Oromiyaa lalistuu keessatti. Mootummaan gama kanaan bara tare carraaqqii guddaa gochaa akka ture quban qaba. Bu’aa mishaa argamuusaatis gabaafamaa ture. Waan dansaafi jajjabeeffamuu qabuudha.

Baatii tokko dura daandii karaa Tulluu Cuqqaalaatiin magaalaa Maqiitti baaturra darbeen ture. Dirree bal’aan qamadiidhaan aguugamee ija kiyyaan argeera. Asuma Finfinneetti dhiyoo, Aanaa Aqaaqii, naannawa ‘Abbaa Saamu’eel’ jedhamutti heektaara tokkorraa qamadii kuntaalli 100 ol argamuu namni ijaan arge jedhe tokko natti himeera: dhiheenya kana. Muuxannoon oomisha qamadii bonaa kun amma naannolee cufatti babal’ateera. Oromiyaanis fakkeenya gaarii taateetti.

Oromiyaan akkasumas Xoobbiyaan lafa qonnaaf oolu bal’aa qabdi. Qilleensa qonnaaf mijataa ta’een badhaatuudha. Laggeen hedduun waqtii hunda keessa misoomaaf oolan hedduu qabdi. Rooba yeroo gannaa walitti qocuun hojii misoomaa kanaaf oolu gahaatu jira. Akkuma ‘gowwaan bishaan keessa dhaabatee dheebota’ jedhamu sana nutis qabeenya kana hunda keessa teenyee arjoomina faranjii eeggachaa turreera. Qabeenya bal’aa kana biraa beela’aa turreera. Amma itti dammaqameera. Bittaafi kadhaa qamadii keessaa biyyattiin akka baatu mallattoo gaariitu jira. Yoo itti cimamee hojjatame.

Addunyaa tanarratti omisha ruuziifi qamadii bal’inaan barbaadama. Qallabni biyyoota hedduu sanyii midhaanii kanneeni. Kanaaf haala saayinsaawaafi qulqullina qabuun oomishaafi omishtummaa guddisuuf addunyaan carraaqaa jirti. Biyya Taayilaandi keessatti magaalaa keessatti namni hunduu oddoosaa keessatti ruuzii akka oomishu taasisamaa akka jiru oduun osoo hin taane ija kootiin argeera. Biyya keenyatti qonni magaalaa akka qoosaatti ilaalama. Addunyaan garuu ummata garmalee dabalaa deemu sooruu dadhabaa akka jirtu kan hubataa jiru muraasa.

Chaayinaan addunyaarraa baay’ina ummataatiin tokkoffaadha. Oomisha qamadiitiinis sadarkaa jalqabaarra jirti. Kan nama ajaa’ibsiisu biyyoota qamadii alaa bitanii ummataaf dhiheessan keessaayis ishii tokko. Hindii, Ruusiyaa, Ameerikaafi Kaanaadaan tartiibaan sadrakaa 2ffaa hanga 5ffaa qabataniiru. Akkuma Chaayinaa Hindiifi Ameerikaan addunyaa kanarraa baay’ina ummataatiin 2ffaa fi 3ffaa irratti argamu.

Warri qamadii bal’inaan oomishan marti gurgurtaa biyya alaatiif hin dhiheessan. Qamadii omishanii biyya alaatti erguudhaan Ruusiyaan ammaan tana Yuukireen wajjin walwaraanaa jirtu sadarkaa jalqabaarra jirti. Kaanaadaa, Amerikaa, Faransaayiifi Yuukreen sadarkaa 2ffaa hanga 5ffaa qabataniiru. (FAOSTA 2018). Biyyooti guguddoon qamadii gabaa addunyaaf dhiheessan lamaan waraana keessa galuunsaanii miidhaa hagamii akka fidu asumaan ilaalaa. Kanaaf of danda’uuf tattaaffii taasisuun keenya jabaachuu qaba.

Ragaan indexmundi.com/agriculture/ jedhamu tokko tarree warra qamadii bituu baaseera. Bara 2021tti. Addunyaarraa biyyooti 125 ta’an qamadii biyya alaatii bitanii gara biyyasaanii galchu. Biyyoota kanneen keessaa sadarkaa jalqabaa 1-5n kan qabatan Ijibtii, Turkii, Indoneezyiyaa, Chaayinaafi Aljeeriyaadha. Xoobiyyaan sadarkaa 35ffaa irratti argamti. Qamadiin waggaadhaan biyya alaatii bittu toonii miiliyoona 1.7 akka gahu ibsa. Kuntaalatti yoo jijjiirame gara miiliyoona 17 gaha.

Akkuma ragaa kanarraa hubannu qamadiin biyyi keenya waggaa waggaadhaan gabaa addunyaarraa bittu baay’inaanis ta’ee maallaqaan isa guddaadha. Omisha kana biyya keessatti omishuun akka danda’amu haalli baadiyyaa keenya ni mirkaneessa. Kana herreega salphaadhaan ilaaluun ni danda’ama.

Hojii oomisha waqtii hunda keessatti babal’isuu qofa gaafata. Ittaansuudhaan wantoota omishaafi omishtummaa guddisuu danda’an qonnaan bulaaf dhiheessuu. Haala kanaan maasii heektaara tokkorraa qamadii kuntaala shantama oomishuu. Qamadii kuntaala miiliyoona 17 oomishuuf lafa heektaara gara kuma 350 misoomsuun gahaadha. Bara kana maasii qamadii heektaara kuma 400 misoomsuuf karoorfamuusaa maxxansa baatii Onkololeessaa Gaazexaa kanarraa dubbiseera. Manii kana akka biyyaatti osoo hintaane akka Oromiyaa qofatti galmaan gahuun ni danda’ama jedheen amana.

Qamadii kuntaala miiliyoona 17 kana naannolee 11f yoo hirame naannoo tokkorraa kan eegamu kuntaala miiliyoona 1.4 qofa. Osoo godinaalee Oromiyaaf 21 qofaaf qoodameemmoo godina tokkorraa kan eegamu kuntaala kuma 772fi 727. Kunimmoo ulfaataa miti. Galmaan gahuuf hagas kan hiixatee miti.

Akkuman gubbaa kanatti kaasuuf yaale jijjiiramni gama qonnaa jallisiitiin ykn hidha bishaanitti fayyadamuun qamadiin itti oomishamu kun jalqabbii gaariidha. Akkuma waliigalaattimmoo aadaan hojii hawaasaa jijjiramee waqtii bonaa keessa hojii qonnaa kamuu haa ta’uu hojjechuu jalqabuun kan daran jajjabeeffamuu qabuudha.

Naannoo Oromiyaatti, akkuma waliigalaatti, gama kanaan waan gaaritu mul’achaa jira. Ilaalcha ummataa jijjiiruuf hojiin hojjatamaa jiru mishaadha. Oromiyaan lalistuu kan taatu yoo hojjatanii irraa argataniidha. Yoo facaasanii irraa haammatanii beela itti bahaniidha. Kanaan ala hiika biraa hinqabdu lalistummaani.

Hojii haala gaariin jalqabamee lafaa qabachaa jiru kanaaf ammas xiyyeeffannaa addaa kennuun barbaachisaadha. Akka afaan qotatee bulaarraa dhagahamutti, oomishti bonaa kun oomishtummaansaa isa bonaa caala.

Waan qaamni oomishu jaalate kana qaamni mootummaammoo sirriitti deeggaruu qaba. sanyii filatamaan kan oomisha bonaatiif ta’u yeroon dhiheessuun barbaachisaadha. Xaa’oon bal’inaan barbaadama. Paampiin bishaan harkisullee haala qotee bulaan gatii madaalawaan yeroon itti argatu mijaa’uu qaba. Galteewwan qonnaas haala barbaachisuun qoratamanii yeroon qonnaan bulaa yoo dhaqqaban qonni qamadii jalqabame kun akkuma biyyaatti abdii guddaatu irra jira.

Torban Gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You