Magaalaan Gondar magaalaa umurii dheeraa qabduudha. Hangafoota magaalota Absiiniyaa keessaa tokkoodha. Oromoon bar tokko keessa jiraatulle amma Oromiyaarraa fageenyatti argamti.
Taate jidduu kanaa magaalaa kanatti uumame wajjin walqabsiisee barreeffamoota tokko tokko dubbisaan ture; duubatti deebi’ee. Kanan dubbise keessaa tokko matadure “Muslim in Gondor 1864-1941” jedhuudha. Qo’annoo barruu ‘Annales d’Ethiopie, 2000 Vol.XVI’ jedhurratti maxxanfameedha. Qo’ataa Abdusamad H. Ahimad jedhamuun barraa’e.
Barreeffamichi haala amantooti Gondar keessa turan waliin itti jiraatan sirriiti ibsa. Keessattuu walitti dhufeenyaa hordoftoota amantii Ortodoksiifi Islaamaa. Ejjennoowwan mootummoota bara kana keessa turan amantiirratti qabanis haalaan balballoomsa. Barreeffama hubannoo gaarii namaaf kennuudha- dhimma Kiristaanaafi Musilimaa Gondarirratti.
Gondar Magaalaa moototaa (imperial capital) kan taasise Atsee Faasiladas (1632- 1667) jedhama. Amantiin Islaamaa karaa adda addaatiin magaalattii gale. Daldalli Siraaraa qubannoo musilimotaatiif gahee qaba. Walitti dhufeenya daldalaa Atsee Faasiliifi Yeman gahee mataasaa dalageera. Daldalli galaana diimaas akkasuma waa itti qoceera. Musiliimoti Tigraayi, Al Najaashii turanillee yeroo keessa Gondar dhaqabaniiru. Jaarraa 16ffaa keessa duulli Imaam Ahimad Biin Ibraahiim (Graanyi Mahaammadiingahee keessaa hinqabu jechuun hindanda’amu. Yaadi yoo walitti qabamu. Gondar keessa amantiin Ortodoksiifi Islaamaa baroota dheeraaf waliin turan. Garuu ummatich % 95 ta’u amantii Ortodoksii hordofa.
Waan biraa itti haa dabalu. Seenaa magaalaa kana keessatti Oromoon gahee qaba. Oromooti Jejjuu bara dheeraaf keessa turanii Gondar bulchaa turan. Afaan Oromoo barri afaan hojii masaraa itti ta’e ni ture. Barri loltooti Oromoo iddoo olaanaa itti qaban ni ture. Kana seenaatu ibsa. Warraa “keenyaa” ykn “Taranyaa” akka naan hinjenne. Ani ‘Ristii” gafachuufi miti. Seenaa dubbisanii hubachuutu dhukkuba bara kanaa hedduuf dawaa gaaridha. Kunis yoo golobamu. Gondar magaalota sabaafi sablammiin keessa jiraatudha. Hidda saba Kush kan ta’e sabni Qimaanti keessa jira. Tigreen itti makameera. Oromoon bara dheeraa keessa of wallaales ni jiraata. Agawoonis hindhabamu. Ammas Amaarri % 95 ta’a.
Gondar ammaan tanaa. Magaala sabaafi sablamiin keessa jiraatu kan hordoftoota ammantii adda addaatiin badhaatedha. Ortodoksii, Islaamaa, Kaatoliikiin umurii dheeraa qabu. Gondar keessa amantoota turan keessaa Fraankis (Franks) kan jedhamu kanneen hafteewwan Poortuugaal hordofaa turan jiraachuu qo’annoo gubbanatti eerre kanarraayiin arge. Kanneen biroo Faalaashaafi “Turkas’ kan jedhaman jiraachuusaanii ibsa.
Seenaa Magaalaa Gondar hanga galaanaa bal’atu keessaa kanan fal’aanaan qiceedha. Kaayyoo barreeffama kanaaf na gargaara. Magaalaa seenaa bareedaa akkanaa qabdu keessatti torbee tare walitti bu’iinsi amanatii maaf dhalate? Masjidooti maaliif gubatan? Namooti (amantii lamaan keessaa) maaf lubbuu dhaban? Maaf mada’aan? Maaliif ibiddi caafii kaabaatti qabsiifame utaalee baha, kibbaafi jiddugala biyyaa gahe? Kaayyoo maaltu duuba jira? Tasa moo itti yaadameeti taatichi Gondaritti uumame.
Biyya keenya kana keessa waldhiibbaa hedduutu jira. Waldhiibbaan aangoo siyaasaa isa tokkoodha. Waldhiibbaan biraa waldhiibbaa sabaafi sablammii kan aangoorratti xiyyeeffatee beektotaafi siyaassesitootan hogganamu. Waldhiibbaan sadaffaa kan amantiiti. Kun hunduu walqabatee kan deemuudha. Tokko kan biraa daheeffatee mul’achuuf yaala. Tokko rarraafatanii kaayyoo biraa galmaan ga’achuuf carraaqiin ni jira. Kan Magaalaa Gondar keessatti ta’es kanaan adda ni jiraate jedhamee hinshakkamu. Ummatichi waggoota dhibba 500 oliif nagayaan waliin jiraateera. Kana fuufee ibidda qabsiisu hawaasa amantii lamaan hordofuu miti. Kanneen kaayyoo biraa daldalaniidha; abbootiin dubbii. Kun bakka hundattuu walfakkaata. Oromiyaattis, Somaaleettis Naannoo Kibbaattis. Jeequmsi uumamu hunduu kan hawaasaan ka’uu miti. Garuu kan hawaasa hirmaachisee deebi’ee hawaasa miidhudha.
Yoo sirriitti hubatamee ilaalame walitti bu’iisn magaalaa Gondaritti uumame Bahirdaar hawaasaa musiiliima hedduu qabdu irra utaale. Achumma ollaa Gondar, Worratatti hingorre. Gara Dassee hindhaqne. Utaalee Waraabee gaheeti Bataskaana gubsiise. Musiliimota Oromiyaa Somaalee… jiru dallansiise. Finfinnee jeequmsaaf gaaga’e.
Osoo hawaasi musiliimaa dafee dammaqee tasgabbaa’uu baatee gochaan Gondaritti raawwate balaa guddaa uuma. Yeroo gochaan kun itti raawwate sirriitti xiinxalaa. Bakka gochaan kun itti raawwate hubadha. Wiirtuu amantii Ortodoksii ta’uunsaa hagam ummata musiliimaa akka dallansiisu. Osoo hawaasi amantii Ortodoksii obsa godhachuu baatee wanti Waraabeetti uumame ibidda akka salphaatti hindhaamne biyyatti qabsiisa. Waraabeetti hordoftoota amantii pirotestaantiis gara jeequmsaatti fiduuf yaalameera.
Akka ilaalcha kootitti kaayyoon shira kanaa Oromiyaadha. Oromiyaa keessatti amantooti sadeenuu humna qabu. Islaamni, Ortodoksiin, Pirotestaantiin. Hawaasti musiliimaa biyya kanaa harki caalaan naannoo kana keessa jira. Ortodoksiifi Pirotestantiin itti aananii jiru. Rakkoowwan amantii kanneen walqabatan kanneen naannawa biraa keessatti uumaman haala salphaadhaan naannoo kana jeequufi miidhuu danda’a. Akka yaada kootitti jeequmsi Gondar kan kaayyeffameef deebiin haaloo ba’uu naannoo kana keessatti akka uumamuufi. Isa booda siyaasa ittiin daldaluuf. Maqaa saba Oromoo hawaasa addunyaa biratti ittiin xureessuuf. Balaaleffachuu. Shirrisaanii garuu hinmilkoofneef. Hawaasichi shira baroota dheeraaf irratti raawwatameefi kiyyoo qophaa’efii ittiin miidhamaa turerraa haalan barateera fakkaata.
Akkuma beekamau amantiin Ortodoksiifi Islaamaa biyya kanatti kan hangafu yoo jiraate Waaqeffannaa qofaadha. Ortodoksiin jaarraa 4ffaa keesse biyya kana dhaqqabe. Islaamni waggaa 200 booda jaarraa 6ffaa keessa Xoobbiyaa gahe. Hordoftooti amantiiwwan kanneenii waggoota kuma tokkoofi 500 ol waliin jiraataniiru. Haalli waliin itti jiraatan walqixxummaa dhabullee obsaafi ollumaan waliin dabarsaniiru. Ammammoo haala yeroo kamirrayyuu fooyya’aatu jira. Heeraan walqixxummaan amantii mirkanaa’eera. Mootummaafi amantiin addaan baheera. Walabummaan amantii hundaatuu kabaja argateera. Bakka kun hundi jirutti maaltu walitti bu’iinsa kana dhale? Kun gaaffii ummataati. Hordoftoota amantaalee jeequmsa kanaan miidhamaniiti.
Shira kana duuba eenyutu jira gaaffii jedhuuf ummati musiliimaa kaabaa-kibbaa, bahaa-lixaa waan itti fakkaatu ibsateera. Dhadannoo qabatee baheen malkata kenneera. Mootummaan bakka adda addaatti quba qabeera. Ragaan walkeessa yaa’aa oola. Hawaasti waliin jiraatu walbeeka. Eenyu akka nagaaf dhaabbateefi eenyu nagaa booressuuf akka dhaabbate.
Amma gahee mootummaatu eegama. Mootummaan ija baayyee qaba. kan isa jalaa dhokatu hinjiru. Dhimma kana ka’umsarraa eegalee amma taateewwan guyyaa Iid Alfaxiritti raawwatan sirriitti qoratee argannoosaa ummataaf ibsuuf seerrifi namuusni sirna mootummaa ni dirqisiisa. Gondaritti walitti bu’iinsi amantii maaliif uumame? Dhuguma hordoftootaa amantiitiin ka’e moo qaama biraatu harka keessaa qaba? Taateen Waraabee hoo? Finfinneetti guyyaa Iidaa eenyuutu ibidda sana qabsiisuuf yaale? Maaliif? Dhimmota qoratamuu qabaniidha. Qorannoo haqaafi qulqulluutu rakkoon kun deebi’ee akka hinuumamne fala kenna.
Qorannoo gadifageenya qabu kan tarsiimoo falaa argamsiisu gaggeessuun akkuma jirutti ta’ee qaamolee ibidda amantii qabsiisuun biyya gubuuf yaalan irratti tarkaanfii barsiisaan fudhatamuu qaba. Saba kamuu haa ta’u. Amantii kamuu haa hordofu. Miseensa jaarmiyaa fedhee haa ta’u. Asirratti obsaan waan bira taramuu qabu natti hinfakkaatu.
Biyya nagayaa feena. Amantiin hunduu kan walqixxummaan heeraafi seera kabajee keessa jiraatu. Sababa kamiinuu masjidi gubatuu hinqabu. Bataskaanatti ibidda qabsiisuun hineeyyamamu. Masijiidiifi bataskannis hojii Waaqayyoo qofa hojjechuu qabu. Tokkoof da’oo ta’anii kan biraarra miidhaa geessisuu keessaa harka qabaachuu hinmalan. Olkeeyyii tabotaa, meeshaalee bataskaanaafi bakka jireenyaa abbootii amantii malee kan waan biraa ta’uu hinqaban.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014