Wanti tokko altokko yoo jeeqame akka laayyootti bakkatti hindeebi’u. Yookin achumaan badee dhabama. Yookin bakkatti deebi’uuf yeroo dheeraa itti fudhata. Yoo akkam tole biyya mijataafi qabeenya akkasumas nageenya qabdu keessatti yeroo gabaabaatti deebi’a.
Kovid-19 addunyaa kana garmalee jeeqe. Dinagdeen koovid-19iin jeeqame hanga ammaa bakkatti hindeebine. Omishtummaan gadi bu’eera, namni hojii dhabeera; jireenyi qaala’era. Dinagdeen addunyaa bakkatti deebi’uu dadhabee okkolaa jira.
Jireenyi hawaasummaa sababa kanaan miilaaf mataa dhabeera. Walmarqeera; wallaaqeera. Kuun maatii dhabe. Kuun fira dhabe. Daa’imman haadhaafi abbaa maleetti hafan. Firri yeroo san addaan fagaate walitti deebi’uuf akkuma rakkatetti jira.
Wantoota koviid 19n jeeqaman keessaa tokko barnoota. Haalli baruufi barsiisuu sababa dhukkuba hamaa kanaan jeeqame hanga ammaa bakkatti hin deebine. Muuxannoon addunyaas ta’e kan biyya keenyaa kanuma ibsa. Qulqullinni barnootaa sigigaatee qilee bu’e qilee keessaa bahuu hin dandeenye. Barattooti hiriyootasaaniin adda citaniiru. Barsiisotaan adda fagaataniiru.
Barnooti biyya kanaa kan jeeqame kovid qofaan miti. Walitti bu’iinsi biyya kana keessa tureefi jiru kovid irratti dabalamee haala baruufi barsiisuu garmalee qoraa jira. Waraanni garmalee fokkataa ture bu’uraalee banootaa qofa osoo hintaane barattoota hedduu jireenya dhabsiiseera. Manneen barnootaa sababa waraanaafi walitti bu’iinsaatiin cufaman danuudha.
Dhahaan (kaalandarri) barnootaa biyya keenyaa kan Fulbaanatti jalqabee Waxabajjiitti raawwatu sun kompaasiinsaa badeera. Barumsi yoom akka jalqabamuufi yoom akka cufamu beekuun rakkisaa ta’aa jira. Wanti hunduu haala yeroorratti hundaa’uu jalqabeera. Yuunivarsiitiiwwan Fulbaanarratti barattootasaanii miidiyaadhaan waaman sagaleensaanii eddii badee bubbuleera.
Sirni eebba barattootaa kan baatii Waxabajjiitii eegalee walcinqu sun amma darbee darbee malee mul’achuu dhiiseera. Haalli sagantaan barnootaa itti deemaa jiru kun akka biyyaatti kan nama yaachisuudha. Dhalooti ammaa dhaloota boriif dhaamoo akkamii dhiisnee akka dabarru sirriitti ittiyaaduun barbaachisaadha. Gama kanaanimmoo gaheen mootummaa olaanaadha.
Sababa jeequmsa dhaha barnootaatiin (academic calendar) Barnooti yeroo eegalee hin jalqabamu. Yeroosaa eeggatee hin xumuramu. Fakeenyaaf, qormaati kudha 12ffaa kan bara tare kennamuu qabu barana kenname. Qabxiin barattootaa dhihoo kana bahe. Ramaddiin barattootaa kan bara jalqabaatiif yuunivarsiitii galan torbee kana bahe.
Yoom barnoota akka jalqaban ammaaf ifa hin taane. Silaa akka sagantaa duriin yeroon kun yeroo qormaata simisteera lammataa fudhachuuf itti qophaa’aniidha. kan nama gaddisiisuufi hubannoo hin argatin umurii ijoollee qisaasamuudha. Waggaan tokko umurii namaa keessatti qisaasamuun kisaaraa guddaadha; kisaaraa dhalootaa.
Sababoota kovidiifi tasgabbiin dhabamuun haalli manneen barnootaa keessa jiru namatti hin tolu. Barattooti kitaaba kutaasaanii ni jalqabu malee xumuruu dhiisaniiru. Gariin wadhakkaatti dhiisanii kutaa biraatti darbu. Gariin, bakka itti adda kutanuu hinbeekan. Garuu akka waan barnoota kutaasanaaf qophaa’e gahinaan xumuraniitti kutaa biraatti darbu. Yoo itti siqanii qoratan garuu barattooti gahumsa sana qabaatan xiqqaadha.
Isaanuu warra maatiin manatti deeggaru, warra haalli mijaa’efii karaa teeknolojiitiin ykn barnoota manaatiin (home schooling) barnootasaanii hordofaniidha. Dimshaashumaan kaayyoon kaarikulamii galma gahuu waan jiruu miti. Beekumsi barattootaafi kutaansaanii walmadaaluu dhiiseera. Barnooti durayyuu cunuufachaa ture amma guututti ijaa jaamuuf waan deemu fakkaata.
Haala jiru wajjin walqabatee amalli barattootaas jijjiiramaa deemaa akka jiru dhugaan mul’atu ni jira. Dardarooti heddumminaan barnootaaf fedhii dhabaa jiru. Gaaffii “kan barate eessa gahe” jedhu akka kaasan kan taasisu barattoota fuuldurasaanii turaniidha. Haalli nageenya biyyattii kan barnootaaf nama onnachiisuu miti. Gochoota hammaataan manneen barnootaa keessayyuu yuunivarsiitii keessatti raawwataman tokko tokko kan hamilee barattootaa cabsuudha; Kan maatii abdii kutachiisuudha.
Kan duubaa isa fuulduraa ilaala. Fakkeenya godhata. Dargaggooti barnoota xumuran danuun sababa hojii dhabuutin maamila jimaa, shiishaafi baala sammuu addochaniifi araada nama qabsiisanii ta’aniiru. Kuun maamila dhaabbata mana dhugaatii ta’anii galmaa’aniiru. Kan duuba jirus isa fuulduraa waan ilaaluuf sarara sanirra deemuu akka jalqaban ragaa naannawa manneen barnootaa jiranirraa hubachuun ni danda’ama.
Magaalaa keessatti manneen jimaa, shiishaa, karambullaa, jotanii, puulii, manneen tajaajila siree dhoksaa… kan danatan naannawa manneen barnootaatti. Gochoota jiruufi jireenya dardaraafi shamarran boru biyya dhaalanii kanneen balleessanii kan dhaabsisu ykn kan dhorku hinjiru.
Haalli baruufi barsiisuu biyya keenyaa jeequmsa dhabee hinbeeku. Baruma baraan waan haaraatu dhalata ykn mudata. Tokko fooyya’e yoo jedhame rakkoo caalutu uumama. Fakeenyaaf yuunivarsiitota keessatti gareen, sanyiin, ilaalcha siyaasatiin akkasumas naannawa irraa dhufaniin walqoodanii waltumuun, waldanquun, kaayyoorraa walgufachiisuun yeroo hedduu uumama. Kanaanis yeroo yuunivarsiitoti itti cufaman ni mudata.
Manneen barnootaa biyya keenyaa iddoo barnootaa qofaa miti. Qeyee siyaasaafi meeshaa kaayyoon siyaasaa galma ittiin ga’amu akka ta’an warri fedhan ni jiru. Dhalooti dammaqe, kan mirgaafi dirqamasaa adda baafatu, kan mirgoota namummaafi hawaasummaaf qabsaa’u, kan dhugaaf dhaabbatuufi mormu manneen barnootaa keessa akka bahu beekamaadha. Keenya garuu kanaan adda ta’ee mul’ata.
Sirnoota biyya kanaa keessatti imaammati barnootaa kan lammii hundaaf mijataa ta’ee miti. Kan loogii qabuudha. Kan tokko qaruufi kan biroo doomsu, kan gariin ajjeesuufi gariin fayyisu, kan kaan duroomsufi kaan hiyyummaatti ergu akka ta’e kan walnama gaafachiisuu miti. Sirnoota hunda keessattuu Oromoon dhiibbamaa ture. Fakkeenyumaaf sirna barnootaa bara Wayyaanee kaasuun gahaadha.
Bara sana keessa akka Oromootaa kan miidhame waan jiru natti hin fakkaatu. kuun hin miidhamne jechuu kootii miti. Itti yaadamee malaafi tarsiimoo dhokataadhaan qulqullinni barnootaa naannoo kanaa akka gadi bu’u ta’e. Barattooti barreessuufi dubbisuu hindandeenye, kanneen mallattoo heerreega afran sirriidhaan hinherreegne baratanii beekanii osoo hin ta’in osoo hinbeekiin kutaa saddeettaffaatti of argu. Hedduunsaanii kutaa saddee harca’anii haamileensaanii cabee hafu. Gariin akkuma ta’ettii kabaadhaan kutaa 10ffaa ga’anii isaanis hiriyootasaanii kutaa 8ffaatti harca’anitti makamu. Kanneen kutaa 12ffaa gahanii kan irraa harca’e harca’ee muraasti yuunivarsiitii galu. Isaanuu kiyyoon qophaa’eefi barattooti ciccimoo ta’an akka manneen barnootaatii hari’ataman, hidhaman, ajjeefaman ta’u. Kun ajandaa dhokataa lafa jalaan adeemsisamu ture. Rakkoon akkanaa kun barnooti kaayyoosaarra akka maqu, barattootis waan biroo akka yaadan gochuudhaan gahumsa barnootaarratti dhiibbaa taasiseera.
Rakkoon siyaasni barnootarratti uumaa jiru kana qofa miti. Kan biraa, waan hedduu tarreessuun ni danda’ama. Fakeenyuma tokko dabaluudhaaf, torbee kana ramaddiin barattoota yuunivarsiitii galanii baheera. Rammaddiin kun maatii garmalee cinqaa jira. Bakka ramadame sanatti “mucaa koo ergumoo dhiisu?” jedhee kan marii gaafatu hedduudha. Kan hin erginu jedhanii murteeffatanis jiru. Maaliif? Haala nageenyaa; sodaa tasgabbii yuunivarsiitii; Jibba sanyii warri oftuultotaa sabaafi sablammii biroo irraa qaban. Kan biraa itti dabalaa. Ilaalcha fokkataa finxaaleyyii karaa kaabaa.
Maalumaafuu akkuma siyaasa biyya keenyaa sirni barnoota biyya keenyaas garmalee dhukkubsateera. Barnooti keenya hakiimaa akkamii uumaa jira? Injinara beekumsa akkamii qabu gabaatti baasaa jira? Barsiisaa beekumsa akkamii qabu horataa jira? Dhuguma dhaloota kalaqaafi falaasamaan akkasumas ogummaadhan biyya guddisan uumaa jiraa? Dhukkubsachuunsaa asirratti mul’ata.
Rakkoowwan kanneenif maddi, malliifi fallisaa maalinni jedhanii qo’achuufi mari’achuu barbaachisa. Imaammati barnootaa sakatta’amuu qaba. Kaayyoo sirna barnootaa madaaluu, sirreessuufi qajeelchuun dirqama ta’a. Adeemsa baruufi barsiisuu kallattiitti deebisuun kaalaandara barnootaa qabatee akka deemu taasisuun qoricha ta’a. Dhaabbileen barnootaa siyaasarraa akka walaba ta’an gochuun gaariidha.
Dabballeefi kaabinee manneen barnootaarraa fageessuu, barsiisota ga’umsa siyaasaa osoo hin taane ga’umsa akkaadaamii qaban ramaduun, qulqullina barnootaa yeroo yeroodhaan madaaluufi too’achuu, qormaata sadarkaa kutaa barnootaa eeggate baasanii barattoota qoruu, kootadhaan barattooti akka hin dabarre ulaa cufuu, aadaa gadhee walirraa waraabuu daran babal’ate kan duubaa deeggarsa akka qabu mul’atu ulaa itti cufuun haaromsa haala baruufi barsiisuutif bu’uura.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014