Faasikaan boru; Guyyaa Gooftaa Yesuus du’a itti mo’ate. Hiikni sooma Ramadaanis dhufaa jira, guyyoota muraasatu hafe. Lamaanuu ayyaanota amantii guguddoo biyya keenyaati; kanneen hordoftoota hedduu qaban.
Hordoftooti amantiilee lameenuu soomarra turan; har’as soomarra jiru. Hundumtuu Waaqa uumaasaanii akkaataa falaasama amantiisaanitiin kadhachaa jiru.
Sooma jechuun sirna amantii keessatti waan guddaadha. Yeroo namni gara uumaafi qalbiisaatti guutummaatti deebi’uudha. Kunis sagada qofa osoo hintaane gochoota gaggaarii hojjechuu dabalata. Waljaalachuu, walgargaaruu, waliif na’uufi waliif dhimmuu of keessaa qaba. Amalootiifi gochoonni kunniin hordoftoota amantii lamaanuu biratti akka raawwataman ni abdatama. Yoo nama ta’e malee barreeffamni amantii kan waljibba barsiisu waan jiru natti hinfakkaatu. Kitaaboti qulqulluun lameenuu, kitaabni Quraanaa eebbifamaafi Kitaabni Kiristaanaa madda seeraafi sirna amantoota kanaa waan ta’aniif waantonni irraa waraabaman hundi eebbifamoodha.
Hordoftooti amantii lameenuu isinillee eebbifamaa. Cubbuu lagadhaa; waan gaggaarii hojjedhaa, waljaaladhaa; ummata waljaalachiisaa. Hordoftoota amantii kiristaanaatiin baga guyyaa du’aa ka’uu Gooftaa Yesuusiin ykn ayyaana Faasikaatiin isin gahe. Obboleeyyan keenya hawaasa musliimaas guyyaa ayyaana Ramadaan, ayyaana isa guddichaa, nagayaan isin haa ga’u.
Haala falaasamaa amantaafi sirnoota amantaan walqabatanirratti garaagarummaan jiraatullee amantooti lamaanuu kan keenya. Amantooti biroo biyyattii keessatti hordoftoota qabaatan akkuma keenyaatti, akkuma qabeenya walootti lakkaa’amuu qabu. Kanatu lammiilee biyyattii hundaa waliigalcha, gara walhubannaatti geessa. Amantiin walcaalu ni jiraata jedhee hinamanu; amantiin hunduu walqixafi kan abbaa amantootaati. Haaluma walfakkaatuun amantiin mootummaa hinjiru. Garuu mootummaafi dhaabbileen amantii walitti dhufanii hinhojjatan jechuu miti. Wanti waliiin hojjatan hedduun waan jiruufi walitti dhufeenyi kun barbaachisaadha.
Ayyaanota kabajuun, ulfina kennuun, ittiin gammaduun waanuma jiruudha. Hordoftooti amantii kamuu amantaasaanii qofa osoo hintaane guyyaa jila ayyaanaa amantiisaanii wajjin walqabatan sirna ho’aadhaan ni kabaju; ulfina addaas nikennuuf. Guyyicha gammachuudhaan dabarsu.
Haala kabaja ayyaanaa wajjin walqabatanii jiranirrattii ilaalchoonni adda addaa ni jiraatu. Ati ilaalcha maal qabda yoo jettanii na gaafattan na hordofaa.
Akkuman gubbanatti kaase ayyaana kabajuun, kan amantiis ta’ee kan aadaa, barbaachisaadha. Jireenya hawaasummaa keessatti hamilee (morale), naamusaafi lammii gaarii ijaaruu keessatti gahee mataasaanii qabu. Garuu haala kabaja ayyaana tokko tokkorratti sirna amantii keessaa bahanii gara dorgommiifii “ani eenyuu gadin jira” jedhutti deemuun hawaasa keessatti ni calaqqisa.
Anaaf ayyaanni nyaataafi dhugaatii qofaa miti. Kana bira taree hiika bal’aa qaba. Gaafa ayyaanaa hanga garaan nama dhukkubutti nyaachuun, hanga machaa’anii of wallaalanitti dhuguun, hanga qabeenya walitti cimmifatan guyyaa tokkotti ofharkaa fixanitti deemuun hiika ayyaanaafi barnoota kitaabileen qulqulluuwwan kennanirraa kan maqeedha.
Gama kanaan naman itti dhihaadhee beeku tokkotu jira. Hojjataa mindeeffamee mindaa ji’aatiin buluudha. Galiinsaa ji’aa haga kana kan adda isa taasisu miti. Ayyaanaaf garuu ilaalchi inni qabu adda. Gaafa ayyaanaa bittaan handaaqqorraa jalqaba. Ittaanee hoolaatu bitama. Falaasama foon jiidhaan manaa dhabamuu hinqabu jedhu qaba. Kanaaf qirca ganda keessatti qalamuuf nama kan walitti gurmeessuu jalqabu namuma kana. Mana keessatti farsoo guushiin kophaatti naqama. Yoo danda’ame daadhiifi birziin ni yaalama. Biiraan saanduqni tokko dirqama. Kanneen biroos hedduudha. Jireenya nama kanaa mee madaalaa.
Namni kun umuriisaa guutuu liqaan irraa dhabamee hinbeeku. Maamila liqeeffataa waldaa liqiifi qusannaa waajjirasaati. Madda liqii kamirraayyuu liqeeffachuuf duubatti hindeebi’u. Liqiin hiriyootasaa irraa dhabame hinjiru. Jechi “maaltu beeka? ykn liqeessaa ykn liqeeffataatu du’a” jedhu afaansaatii hinbu’u. Namni kun nama tokkorraa liqeeffatee liqii nama biraa kaffaluunis nibeekama. Kanaaf yeroo yeroon hiriyoota haaraa adamsa; kanneen amalasaa sirriitti hinhubanne.
Ayyaanaan walqabatee namoota hunda biratti ta’uu baatus namoota baay’ee bira amalli akkanaa ni jiraata. Dhaadannoo “Qabeenyi gaafa ayyaanaatiif hinoolle daaraa botoroo haa taatu” jedhu qabatanii kanneen jiruufi jireenyasaanii akkasumas kan maatiisaanii waggaa hanga waggaatti rakkoo keessa galchan namoota baay’eedha. Amala akkanaarraa Waaqni itti amantan isin haa baraaru. Garuu fala rakkoo kanaarratti yaaduun barbaachisaadha. Kanaaf maaltu taasisamuu qaba?
Sadarkaa jalqabaarratti haala jiruufi jireenya keenyaa (life-style) jijjiiruufi ammayyeessuun gaariidha jedheen yaada. Innis kan jalqabamu mana ofii keessaayi. Akkuman namticha sila fakkeenyaaf kaasee gaafa ayyaanaa waan hunda hawwuun dirqamaa miti. Baasiifi galii ofii wajjin waan walmadaaluun baasii xiqqaadhaan ayyaanatti gammadanii ooluun ni danda’ama amantaa jedhun qaba.
Humni qabeeyaa osoo jiraateeyyuu guyyaa tokkotti handaaqqoo, hoolaa, qirca manatti guuranii firiijii bakka dhabsiisuun, garaacha cinqanii dhibee ofitti fiduun ‘nama guddaa’ nama hin taasisu. Kan harkaa qaban qisaasessanii rakkoo biraatiif of saaxiluun waan deeggaramuu miti.
Asirratti haala jireenya hawaasaa yoon jedhu utaalee isa faranjootaa haa dhaallu jechuu koo miti. Midhaginaafi mi’aayina aadaa osoo gadi hin lakkisin haala aadaa kabaja ayyaanaa kana fooyyessuufi miidhagsuun ni danda’ama. Kunimmoo labsiin kan dhufu osoo hin taane jijjiirama hawaasaa, hawaasaan fiduudha gaafata. Barsiisuu, dadammaqsuu, namoota fakkeenya ta’an fuulduratti fiduu … fedha.
Biyyoota qaroomanitti guyyaan ayyaanaa guyyaa kan dhukkubsate hospitaala dhaqanii “Waaqayyo si haa fayyisu” jedhaniiniidha. Guyyaa kan dhadhabe-jaarsaafi jaartii, miidhamtoota qaamaa, rakkattoota itti jajjabeessaniidha. Guyyaa gocha amantii babbareedoo itti raawwataniidha malee guyyaa garaa of bokoksanii oolan miti.
Yeroo ammaa biyyi keenya rakkoo hammaataa uumamaafi namtolchee keessa jirti. Gama tokkoon waraanni kaaba Xoobbiyaatti adeemsisame lammiirratti rakkoo suukaneessaa gaaga’ama lubbuu uumeera. Walitti bu’iinsi bakka adda addaa jiru namoota kumaatama qeyeedhaa baaseera.
Hongeen namoota kuma dhibbaan lakkaawwaman harka qullaatti hanbiseera. Kun hunduu deeggarsa lammii barbaadu. Birmannaa ummataa eegaa jiru. Biyya rakkoon akkanaa keessatti dandeettii baasii ayyaanaa xiqqeessanii lammiif oolutu irra Waaqayyo biratti ulaa namaaf saaqa. Lafarratti gammachuu sammuu fida. Boqonnaa namaaf kenna.
Kanaaf, guyyaa ayyaanaa kana lammiilee keenya akkanaa kana yaadachuutu boqonnaa sammuu namaaf kenna. Hadholii, ijoolleefi jaarsolii sababa haala nageenyaafi hongeetiin rakkatan gargaarutu caalaatti gammachuu namaa kenna. Kanaaf, yeroo hunda haalli yaadama keenyaa kan kabaja ayyaana waggaa wajjin walqabate nyaata heddummaterraa bilisa ta’ee gara walgargaaruufi walgaafachuutti jijjiiramee faayidaa guddaa qaba.
Haala jireenya (life-style) jechuun akkaataa namni tokko ykn gareen tokko itti jiraatu jechuudha. Kuni gochaawwan (habits), ilaalcha (attitudes), dhandhamata (testes) ijjannoo haamilee (moral standards), amala (behavior)fi kkf of keessatti hammata. Jijjiirama haala jireenyaa (change of life-style) yoo jedhamus safartuuwwan kanneen waliin walbira qabanii ilaaluu gaafata. “Ani ykn nuti” gama kanaan eessa jirra jedhanii akka gareettis ta’e akka dhuunfaatti of gaafachuun gaariidha. Kana kabaja ayyaana waggaa wajjin walbira qabanii madaaluudhaan gara qaroominaatti deemuun fala ta’a.
Hordoftoota amantii lamaaniifuu ayyaana gaarii haa ta’u. Barri Bara itti waliif yaadaniidha.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014