Kaayyoo eebbifamaa duubaa warra dhokatan

Keessummaa tokkotu mana keenya dhufe; baadiyyaadha. Namni kun molokseedha. Nama amantiiti. Amanticha keessa isaa sirriitti hinbeekan. Garuu fudhatanii jiru. Qulqullinaan itti amanu. Qeyee bataskaana Ortodoksiitii hinbahan. Nullee amantiisaanii ni kabajana.

Walumaan teenyee televisiyoona ilaalla. Chaanaalii asiif achi osoon gaggaragalchuu Televisiyoona “Marrajaa’ jedhu irra gahe. Namtichi masqalii mormatti kaayyatee halluu jaawii uffate tokko ni haasawa. Amantii maqaa dhaha. Maanguddoon kun dhimma amantii yoo dhagahan gurra itti qaban. Namtichi osoo walirraa hinkutiin lallaba. Oromoo abaara. Oromiyaa keessatti qeesoti reebamuu, taaboti bataskaanaa bahee alatti darbatamuu … kan biraa kan biraatis walitti makee xibaara.

Namtichi Zamadeenaa jedhamu kan sagantaa “nacci naccuun” jedhamu tamsaasu kun waan aanaa isaanii keesatti ta’e jedhame cheephessa. Molokseen kun hundumaa dhageeffatan. Nutis isaan xiyyeeffannaa waan kennaniifi chaanaalicha hinjijjiirre. Walumaan dhaggeeffanne; soba waarshaa sobaa finxaaleyyii keessatti omishamee, jibba kaayyoodhaan gaggeeffamu, summii dammaan dhoksanii facaasan ta’uusaa osoo beeknuufi hubannuu callisnee dhaggeeffanne.

Molokseen kun dhageeffataa turanii afuura baafatan; taajjabiidhaan. Gara keenyatti deebi’anii gaaffii nu gaafatan. Namichi kun eessaa fidee odeessaa? Jedhan. “Isinuma gaafanna” jenneeni keessa keenyatti kolfaa.

Dubbii sobaa akka ta’e tarreessanii nuti himan. Kanuma keessaa osoo hinbeekiin waan gadi baasan. Qeesoti haarofti kanneen Afaan Oromoo hinbeekne bataskaana keessatti ramadamuu, yeroo hunda bilbila hasa’uu akka baayyisan, wantooti isaan dubbatanillee gaarii akka hintaane nuuf kaasanii waan hedduu nutti himan. Dubbii namtichi TV irratti haasa’aa tureen waan walfakkaatu akka dubbatanillee jechasaanirraa hubanne. Kan isaan nutti himaniifi kan nuti shakkinu tokko ta’e. Eenyu eessa dhokatee maqaa Oromoo xureessaa akka jiru irratti bal’inaan haasofne.

Oromiyaa keessatti namooti ragaa sobaa omishanii, qindeessanii warra alaa ta’anii dhara odeessaniifi sabasaanii summii qallaban namnis beeka. Mootummaanis beeka. Zamadkuuniif ragaa sobaa eenyu akka kennuuf ibsa maangudoo kanarraa caalaatti hubane. Finxaaleyyii maqaa amantiitiin bataskaana keessa galanii siyaasa badii gaggeessn kunniin Oromiyaa keessa akka midhanii faca’aniiru.

Asumaanan dhimma kiyyatti seena. Torban kana miidiyaa idileefi hawaasaarratti amantiin ajandaa guddaa ta’ee fuulduratti baheera. Soomaafi sagada akkasumas kadhaa afuura Waaqayyoo waliin osoo walqabatee gaariidha. Garuu karaa qajeelloorra taree.

Akkuma beekamu ummati amantii Ortodoksii baatii soomaa isa guddaafi yeroo dheeraa keessa jira. Haaluma walfakkaatuun ummati musliimaa addunyaa kanarra jiru baatii soomaa isa guddaafi kabajamaa sooma ramadaanaa keessa jiru. Yeroon kun amantoota guguddoo lamaanifuu yeroo Waaqa uumaasaanii itti kadhataniidha. Yeroo kan dhabe itti gargaaran, yeroo itti waliif yaadan, yeroo qalbiin namaa afuura uumaatiin walquunnamtuudha. Yeroo kana keessa amantii lamaanuu keessatti qamoleen fedhii biraa qaban ajandaa amantiin alaa kan darbatan. Ummata qalbiisaanii guutummaan guututti amantiif kennan kan jeeqan. Dhimmoota lamaanuu dabaree dabareedhaann ilaaluuf yaalla.

Akka heera biyya keenyaatti mootummaafi amantiin caasaan walitti hidhama hinqaban. Amantiifi mootummaan garaagara. Amantiin mootummaa jedhamu hinjiru jechuudha, akka seeraatti. Ani yaadama kanatti ciminan amana. Warri amantiinsaanii akkuma kanaan duraa mootummaa wajjin walitti hidhamu barbaadan tarii jiraachuu malu. Kanammoo nan morma. Kanaan ala amantii hundaafuu kabaja guddaan qaba. Kabajamuu qabus.

Kana ergan jedhee booda gara mata duree kootittan deebi’a. Amantii Ortodoksiirra haa ka’u.

Torban tokko dura Bulchiinsa Magaalaa Galaan keessatti walitti bu’iinsi tokko uumamee ture. Kan walitti bu’e ykn akka walitti bu’iinsi kun uumamu taasise hordoftoota amantichaa miti jedheen yaada. Kanaaf kan sababa ta’an finxaaleyyii amantii keessa dhokatanii siyaasa badii gaggeessaniidha. Finxaaleyyii sirna olaantummaa saba tokkoo deebisuuf wixxirfataniidha. Finxaaleyyii olantummaa amantii fiduufi amantii mootummaa uumuuf abjootaniidha. Kanaan ala ummati aajaa walirraa hinqabu. Waliin jiraata; waliin buna dhuga, waliin rakkoosaanii furu. Garuu bakka finxaaleyyiiwwan amantii da’eeffatanii summii walitti bu’iinsaa facaasaa jiranitti namni waliin jiraachuu dadhabaa jira. Yeroo akkanaa mootummaan amantiitti osoo hinbu’iin finxaaleyyiiwwan kanneen harkisee qe’ee dhaabbilee amantii keessaa baasuu qaba.

Taateen biroo kan lammataa ammas kan raawwate bulchiinsuma magaalaa Galaan keessatti. Qe’ee Abbaa Gadaa Ganda Caffee Tumaa jedhamu keessatti taaboti argame jedhamee odeeffame. Namooti kaayyoo siyaasaa qaban qeesota qabatanii lafa qabatanii irraa hindeemnu jechuusaanii miidiyaan bal’inaan gabaasaa ture. kanaaf maal haa ta’u jedhamee gaafa gaafatamu achumatti bataskaanni ijaaramuu qaba jedhanii qaama mootummaa karaa nagayaa rakkoo kana hiikuuf socho’e dura dhaabbachuun jeequmsa biraa kaasuuf yaaliin akka taasisame dhageenyeerra. Ummata of maddii hiriirsanii jeequmsa kaasuuf yaaliin taasisamaa ture.

Ummati keenya isa fuuldura jiru ilaala. Sookoo malee soorgoo keessa galee hinilaalu. Amantiin ammoo dubbii keessa galanii akka qoratu hinjajjabeessu. Ana dhimmi taabotaa ana hingalchu. Garuu kaayyoon gocha kana duuba jiru sirriitti ilaalamuu waan qabu natti fakkaata. Sababiinsaas wantoota bataskaana duuba jiran waan naaf galuufi. Magaalota keessatti qaamni seeran ala lafa weeraruu barbaadu dura bataskaana ijaaree halluu barame sana itti dibee achi keessa jiraachuu jalqaba. Achumaa gadi ba’ee halkan mana ijaara. Haaluma kanaan lafa mootummaafi ummataa seeran ala weerara. Dawoo kanaan hojiin seeran alaa raawwatama.

Anaaf, kan magaala Galaanittis raawwate kanaan ala miti. Kaayyonsaa weerara lafaati weerara lafaa qofas miti. Aadaa saba naannoo sana jiraatuu balleessudha, Afaan saba achi qubatee jiruu, Afaan Oromoo afaan birootiin bakka buusuudha. Ummata Oromoo dhiibudha. Osoo kana ta’uu baatee lafa bataskaanaaf ta’u karaa seeraatiin argachuuf mirga qabu.

Wantooti bataskaana keessatti raawwatama jiran kunniin tarsiimoo finxaaleyyiin bataskaana keessatti shafatan, wanbadeewwan bataskaana galan aangoo mootummaa ittiin dhaaluuf baafatan jedheen amana. Jarreen kunniin isa jaarraa 19ffaa sana har’a dhaloota qubee jaarraa 21ffaa irratti raawwachu fedhu. Kunimoo hagam akka duubatti hafan mul’isa. Dhaloota qubee maqaa taabotaatiin goyyoomsuun aadaafi afaan ummata Oromoo gonkumaa balleessuun hin yaadamu. “Baddu ni baddi malee saree ija hindhiqan” jedhu manguddooti keenya. Kan biraan itti isiniif dabala. “Lama nahin suufan jette jaartiin” jedhu.

Amantiin kan dhuunfaa ta’ullee fedhiifi faayidaa ummataatti bu’uu hinqabdu. Akka heera biyya keenyaatti lafti kan ummataafi kan mootummaati. Hunduu lafa karaa seeratiin qabata malee sababa biraa uumee qabachuu hindanda’u.

Mootummaan shira kana callisee ilaaluu hinqabu. Finxaaleyyii bataskaana keessa riphanii kilaashiifi ablee qabatanii deeman sarara qabsiisuun dirqamasaati.

Dhimmuma amantaan walqabatee jidduu kana taateen biroos uumameera. Baratooti amantii musiliimaa manneen barnootaa Finfinnee keessa jiran salaata dhorkamne jedhanii komii dhiheessaa turan. Komiin kun booda gara hoggantoota amantichaafi hordoftoota bira gaheeraa.

Gaafii mirgaa dhiheessuun mirga lammiiti. Gaaffiin mirgaa gaafatamu garuu kan mirga nama ykn qaama biraatti hinbuune ta’uu qaba. Akka ilaalcha kootiitti manni barnootaa hojii baruufi barsiisutiif qofa ooluu qaba jedheen amana. Gochaawwan ykn taatewwan amantii wajjin hidhata qaban osoo manneen barnootaa keessaa galuu baatee ni filatama. Biyya amantiiwwan hedduun keessa jiraniifi dorgommiin amantoota gidduu jiru olaanaa ta’etti sagantaa akkasii gaggeessuun rakkisaadha.

Salaati moraa mana barnootaati alatti ta’urratti rakkoon waan jiru natti hinfakkaatu. Kan mooraa keessaa garuu rakkoo uumuu mala. Har’a tokkoof yoo ayyamame boru kan biraa gaafachuunsaa hinoolu. Sababa kanaan manneen barnootaa bakka barumsaa ta’uu dhiisanii bakka walitti bu’iinsaa akka ta’an ulaa saaqa.

Dhimmi amantiifi dhimmi sabaafi sablammii biyya kana keessatti malaafi qalbiin qabamuu qabu. Ibiddi ulaa lamaan kanaan ka’u akka laayyotti kan dhaamuu miti. Karra eetoo ta’ee akka banaa hinbulle ofeeggannoo barbaada. Akkuma bataskaana keessa siyaasti galee hunkuraa jiru kana masjida keessas galee akka rakkoo biraa hinfidne itti siqanii hordofuun barbaachisaadha.

Rakkoowwan manneen amantii keessa jiran abbootiin amantii dhugaa qoratanii mala barbaaduufi qabu. Akkuma beekamu sobdooti, hattootiifi polotikeessitoti bosona dhaabbilee amantii keessatti shaffatuu barbadu. Seermaleeyyiin akka bataskaanaafi masjida hingalle lakki jechuu qabu. Dhaabbileen amantii iddoo itti siyaasa gaggeessan osoo hintaane bakka uumaa itti kadhatan ta’uusaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Kanatu fala ta’a jedheen amana.

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014

Recommended For You