Sababa jijjiirama haala jireenyaa (life style modification) irraa kan ka’e, yeroo ammaa cirrachi kalee addunyaa keenyarratti daran babal’achaa jira. Cirrachi kalees hammaan guddachaa yoo deeme karaa itti xuraa’aa kaleen keenya dhimbiibdee/ calaltee gara alaatti dhabamsiistu cufuun dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a.
“Mucayyoon osoon bishaan suuta jedhii waraabi jedhuu cirracha waliin lagaa waraabdee na obaastee kunoo dhibeerra na buuste” jedhu maanguddoo tokkotu kutaa altiraasaawundii itti ilaalamanii ba’an jala taa’anii… maaltaatan jennaan “cirrachatu kalee kiyya keessa jira” jedhan.
Maal isaan qofa anis yeroo ijoollummaa kiyyaa oggaa namni cirracha kaleen qaba jedhu, cirrachoonni xixiqqoon bishaan waliin seentee kan kalee keessatti haftu natti fakkaata ture. Cirrachi kalee garuu kaleedhuma keessatti walitti qabamuun kan uumamtuudha.
Sababiin cirrachi itti uumamu guutummaatti beekamuu baatus sababoonni akka ka’umsaatti tarreeffaman: bishaan ga’aa dhuguu dhabuu, dhukkuba sukkaaraatiin qabamuu, ulfaatinni garmalee dabaluu, nyaata pirootinaan olka’aa yeroo mara soorachuufi kkf dha. Cirrachi kun akaakuuwwan adda addaa qabaatus dhiibbaan inni namarraan ga’uufi mallattooleen argisiisu walfakkaataadha.
Mallattoo dhukkuba cirracha kalee
- Naannoo walakkaa mudhii keenyaa hanga naannawa qaama saalaa keenyaatti, dhukkuba asii gadi keessa deemee nama dhukkubu.
- Fincaan dafee dafee nama fincaansisuu
- Nama haqqisiisuuf ol nama tuquu
- Fincaan dhiigaan wal makaa ta’e fincaa’uu
- Nama dafqisiisuu ykn hurkisiisuu fa’a.
Kalee: Yoo cirrachi kan kalee keessatti kuufame ta’e yeroo hedduu cinaacha keenya gama hubameen dhukkubbiin nutti dhaga’ama. Dhukkubbiin kun waggoota hedduuf nurra turuu danda’a. Takka takka dhukkubee giddu gidduun badee deebi’uus ni mala. Cirrachi kalee keessatti kuufame kun osoo dhukkubbii nutti hindhageessisiin waggoota dheeraaf taa’uu illee ni danda’a.
Ujummoo fincaanii: Ujummoon fincaanii (ureter) kan kaleefi afuuffee finacaanii walqabsiiftu keessatti cirrachi kun kan argamu yoo ta’e, dhukkubbii daran hamaafi obsa nama dhorku, kan cinaacha keenya gama miidhamerraa ka’ee gara qaama saalaa keenyaatti garmalee gadi waraanutu nutti dhaga’ama.
Kana malees mallattoo akka oldeebisuu/ haqqee, dhagna gubuufi kkf yeroo dhukkubbii kana namatti fiduu mala. Cirrachoonni garmalee nama dhukkubsan warreen hammaan xixiqqaa ta’aniidha.
Cirrachi guguddaan yeroo hedduu kalee keessaa ba’ee gara ujummoo fincaanii qal’oo kanaa waan hindhufneef (waan ujummoo keessa hinsochooneef) akkanatti nama hindhukkubsu. Dhukkubbiitti dabalee cirrachi kalee mallattoolee akka fincaan diimessuu yokaan dhiiga fincaa’uu ni fida. Kunis cirrachi kun qaama fincaanii keenya yoo dhiigsu fiincaan waliin walmakee waan ba’uufi.
Cirraacha kalee kana ofirraa ittisuuf gama keenyaam maalgochuutu nurraa eegama?
Bishaan dhuguu: bishaan ga’aa dhuguun dhukkuba cirracha kalee nurraa eeguu irra darbee cirrachoonni kalee hammaan baay’ee xixiqqoo ta’an bishaan walii akka ba’aniif gargaara.
Namoonni keessumaa duraan cirrachi kaleesaanii keessaa mana yaalaan ba’eef carraa deebi’ee uumamuusaa hir’isuuf guyyaatti haga liitira 2.5 dhuguu qabu. Namoonni naannoo ho’aa jiraatan, namoonni yeroo hedduu sochii qaamaa taasisan kana caalaa dhuguu qabu.
Nyaata: Nyaata qabiyyeensaanii pirootininsaanii daran olka’oo ta’an yeroo hedduu soraachuurraa ofqusachuu qabna. Ashaboo nyaata keessaa illee yoo hedduu olka’aa ta’e akkuma dhukkuboota biroof nama saaxilu carraa dhukkuba kanaan qabamuullee olkaasa.
- Soogidda baay’inaan fayyadamuu, soogiddi nuti nyaannu elementii soodiyeemii jedhamu baay’inan waan ofkeessaa qabuuf, soogidda hammaan heddummaate soorachuun gaarii miti.
- Wantoota mi’aawaa (refined sugar) ta’an kanneen akka lallaafaafi dhugaatiiwwan saamsaman baay’inaan fayyadamuunillee dhibee kanaaf nu saaxiluu danda’a.
- Nyaata elementii oksaaleetii baay’inaan ofkeessaa qabu kanneen akka: lawuzii, chokoleetii, kaakowaa, ispinachiifi ‘black pipe’ jedhaman heddumminaan ykn yeroo hedduu soorachuun.
- Cuunfaa appilii baay’inaan fayyadamuun
- Dhugaatiiwwan kollaa baay’inaan fayyadamuufi kkf dhibee kana nutti fiduu danda’u.
Cirrachi kalee yeroo ammaa kana yaala akkamii qaba?
Namni tokko mallattoowwan armaan olii waan qabuuf qofa cirracha kalee qaba jechuun hindanda’amu. Dhukkuboonni garagaraa mallattoo walfakkaataadhaan of mul’isuu malu. Kanaaf namni mallattoolee kanneen qabu erga mana yaalaa deemee booda altiraasaawondii (ultrasound)dhaan ilaaluudhaan cirrachi kun jiraachuufi dhiisuusaa, yoo kan jiru ta’eef ammoo bakka kamitti akka argamuufi hammi (size) cirrachichaa hagam akka ta’e safaruudhaan gara yaaluutti deemama. Yaalli cirracha kalee hamma dheerinasaarratti hundaa’uudhaan haalota garagaraatiin kennama.
Cirrachi kalee hammaan daran xixiqqoo ta’an yaala baqaqsanii yaaluu hinbarbaadan. Yoo bishaan baay’isanii dhugan waan ba’uu danda’uuf mana yaalaatti kanuma gorfamu. Qorichoonni akka cirrachoonni xixiqqoon kunniin bishaan waliin baatuuf gargaaranis ni kennamu. Ittidabalaan cirrachoonni xixiqqoon kunniin akkuma armaan olitti ibsame gaafa ujummoo keessa deemtu waan dhukkubbii cimaa namatti fidduuf qorichoota dhukkubbii kana hir’isan fudhachuun barbaachisaadha.
Cirrachoonni hammaan guguddaa ta’an ammoo maloota lamaan baafamuu danda’u. Inni jalqabaafi biyya keenya keessatti bal’inaan hinargamne “Extracorporeal Shock Wave Lithotripsy” kan jedhamu yoo ta’u, osoo qaama namaa hinbaqaqsiin ykn oppireeshinii hintaasisiin alumaan anniisaa addaa fayyadamuun cirrachicha caccabsanii akka fincaan waliin ba’u taasisuudha.
Lammaaffaan, keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaatti baay’inaan cirracha kalee guguddaa baasuuf ittiin fayyadaman, baqaqsanii yaaluudhaani. Kunis alumaan baqaqsanii seenuun mala garagaraa fayyadamuun cirrachicha baasuudha.
Cirrachi kalee yoo yaalamuu baate maal namarraan ga’uu danda’a?
Cirrachi kalee yoo nama waliin ture hammuma nama keessa tureen miidhaa geessisaa deema. Yoo baay’ee qaama keessa turee kan hinyaalamne ta’e ujummoolee fincaanii cufuudhaan kalee keenya miidhaa deema.
Yoo yeroodhaan kan yaalamu ta’e miidhamni kalee kun kan deebi’ee fayyuudha. Yoo yaalamuu baate garuu sadarkaa itti miidhamni kalee dudduuba deebi’uu hindandeenye irraanillee ga’uu danda’a. Keessumaa yoo kalee gama lamaan hube ta’e haga kalee nama biraa irraa barbaaduu (transplantation)fi kalee dhiquu yeroo dheeraa (chronic dialysis) illee barbaaduu danda’a.
Kun ammoo yaaluunsaa rakkisaa waan ta’eef mallattoolee akka: dhukkubbii cinaachaa, dhiiga fincaa’uu ykn fincaan garmalee diimachuu, fincaan daddafee namatti dhufuufi nama gubuu kan yeroo dheeraa namarra tureefi mallattoolee armaan olii kana ofirratti argitan gara mana yaalaa deemuun ilaalamanii yaala ga’aa argachuun dirqama.
Fayyaa hindhabinaa!
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014