Baankiin Daldalaa Itoobbiyaa umuriidhaan hangafa; Baankota biyya keenyaatiif. ALA bara 1942 hundaa’e. Torbee tare umurii waggaa 80fasaa eebba gamoo waajjira olaanaa wajjin walqabsiisee kabajateera. Eebba kanarratti ministirri muummeen argamaniiru.
Gamoon baankichi ijaarsise alaalaa mul’ata. Dheerinaan Afrikaa keessaa isa 3fadha jedhama. Kan jalqabaa Ijibtitti argama; Aayikonik (Iconic Tower) jedhama. Meetira 393.8 dheerata. Lammaaffaan 2fa Liyoonaardoo (The Leonard) jedhama. Afrikaa Kibbaa keessa jira. Dheerinnisaa meetira 227.
Gamoowwan baankoti Afrikaa keessa jiran qaban keessaa dheerinaan isa jaqabaa ta’uu hinoolu; kan Baankii Daldala Itoobbiyaa. Kun biyyattiif hiikti gama dinagdeefi fakkiitiin (image) qabu guddaadha.
Gamoon kun jiddugala Finfinnee, naannawa hora Finfinneetti qubate. Baaroo Kormaa, Sulula Garbiifi Waddeessatti dhinyeenyaan argama. Sululli Garbii mandhee waajjiraalee baankotaa taateetti.
Gamoon kun darbii 48 qaba. Lafa jalaa gara darbii shanii qaba. Dheerinnisaa meetira 209.5. Lafti gamoon kun aguuge (qabate) kaaree meetira kuma 165 jedhama. Ijaaramee xumuramuuf gara waggaa jahaa gaafateera. Gamoo samii jala gahu kana kan ijaare dhaabbata konistiraakshinii mootummaa Chaayinaati.
Ijaarsaaf doolaarri Ameerikaa miliyoona 303.5 ol baheera. Doolaarri miliyoona 303 meeqa? Gabaa torbee kanaatiin doolaarri tokko qarshii 50.45tti shalagama. Kanaaf qarshii biliyoona 15.3 ta’a jechuudha.
Kunimmoo kaappitaala baankota dhuunfaatii oli. Fakkeenyaaf baankiin dhuunfaa kaappitaala guddaa qabu Awaashi; qarshii biliyoona 10.98ti. Ittaansuudhaan Baankii Siinqeeti; qarshii biliyoona 7.0. Kan baankota hedduu qarshii biliyoona shanii gadi. Kanaaf gatiin gamoo kanaa baankii guddaa, kan Baankii Daldala Itoobbiyaatti aanu uumuu danda’a.
Qabeenya ykn horata (assets) baankota dhuunfaa wajjin walmaddii qabamee yoo xiinxalamu gatiin ijaarsa gamoo kanaa horataa baankiiwwan hedduuti oli. Qabeenyi baankichaa qarshii tiriiliyoona 1.1tti tilmaamama.
Gabaa industirii baankii biyyattii keessaa qooda dhiibbantaa 50 akka qabu ragaaleen ni mul’isu. Qusannaan ummataa, mootummaafi dhaabbilee adda addaa baankii kana biratti qusatame qarshii biliyoona 824tti shallagama. Kun gama biraatiin idaa (liabilities) qusannaadhaan irra jiruudha. Idaan liqiidhaan irra hinjiru yoo jedhame kaappitaallisaa hagam akka guddaa ta’e mul’isa.
Baankonni biyya keenyaa umuriinsaanii kichuudha. Kanneen Baankii Daladalaa Itoobbiyaatti aananii dhufan yoo guddate reefu waggaa 25 guutu. Kanaaf Baankii mootummoota hedduu wajjin bara dheeraaf jiraate kanaan walmorkuu hindanda’an. Garuu gabaa baankichi monopoliidhaan qabatee ture baruma baraan irraa qunxurachaa deemaa jiru.
Kanumaan gara industirii baankii biyya keenyaatti haa ce’u. Hanga Waxabajjii 2021tti (ALA) Baankoti biyyattii keessa jiran 19 qofa. Isaan keessaa lama, jechuunis Baankii Daldalaa gubbanatti ka’eefi Baankii Misoomaa Itoobbiyyaa kan mootummaati.
Isaaniin ala baankoti 17 kan dhuunfaati. Barana baankoti hedduun eeyyama argatanii humnaafi qabeenya akkasumas beekumsa haarawaan industirii baankiitti dabalamaa jiru. Fakkeenyaaf Baankii Gadaa, Gooh, Baankii Zamzamiifi Hijiraa (baankii seera Shariyaatiin bulan), Baankii Siinqee, Baankii Amaaraafi kanneen kana fakkataan itti dabalamaniiru.
Akkuma waliigalaatti lakkoofsi baankiin biyyattiin eeyyama kenniteefi hojii keessa galan 25 gahaniiru jedhama. Kanneen karaarra jiranis xiqqaa akka hintaaneedha. Kun industiriin baankii babal’achaa akka jiru mul’isa. Kanneen akka Baankii Siinqeefi Baankii Amaaraa kaappitaala guguddaa qabatanii industiriitti seenaa jiru.
Lakkoofsi baankota biyya keenyaa dabaluun gama tokkoon gaariidha. Gama biraatiin ammoo wanti nama yaachisu jira. Innis humnasaanii wajjin kan walqabateedha. Hagam baankota biyyoota alaa wajjin dorgomuu danda’u? gaaffiin jedhu industirii kana keessatti gaaffii guddaadha.
Gabaasa Baankii Biyyaalessaa kan bara 2013 kurmaana tokkoffaa tokko ilaalaan ture. Garaagarummaan baankoa jidduu jiru waan ajaa’ibaati.
Kaappitaalli waliigalaa baankoti biyyattii 18 qaban qarshii biliyoona 125.1. Doolaaraan biliyoona $2.5 jechuudha. Kaappitaalli baankolii biyya kanaa gatii gamoo haarawaan ittiin ijaaramee gadi.
Qabeenya waliigalaa kana keessaa baankoti mootummaa lamaan qooda dhibbantaa 46.4 qabu. Baankoti 17 qoodisaanii dhibbantaa 53.6. Baankiin daldalaa Itoobbiyaa kophaatti %47.7 qoodata. Kaappitaalli baankotii biyya keenyaa kun hagam baankota kanneen osoo seektarri kun baankota biyya alaatiif banaa ta’ee hagam dorgomaa taasisa gaaffiin jedhu gaaffii bu’uura guddaa qabuudha.
Kaappitaala baankotaa wajjin walqabsiisee baankotii dhuunfaa 16 keessaa kanneen kaappitaala qarshii biliyoona shanii ol qaban baankota shan qofa. Isaanis Awash (10.98) Dashen (6.36) Niib (5.67), Baankii Yunaaytid (5.08), Baankii Kopereetivii Oromiyaa (5.05)ti.
Baankiiwwan 11 kan hafan kaappitaallisaanii qarshii biliyoona shanii gadi. Kan ajaa’ibaammoo baankiiwwan miiljalee jiran kaappitaallisaanii biliyoona tokko keessa jira. Fakkeenyaaf Ennaat Baankii (1.8), Dabuub Giloobaal Baankii (1.43)fi Addis Intarnaashinaal Baankii (1.26.) qabaachuun sadarkaa gadaanaarratti argamu. Maallaqni kunniin osoo doolaara Ameerikaatti jijjiiramee ammoo inni guddaa fakkaatu garuu daran xiqqoodha.
Bara tare keessa Baankiin Biyyaalessaa qajeelfama kaappitaala baankota kanneen ilaallatu baasee ture. Innis waggoota shan keessatti baankoti hundi kaappitaalasaanii qarshii biliyoona shaniin akka gahan kan kallattii kaa’eedha.
Baankoti haarofti hundeeffaman ammoo waggaa keessatti dirqama kana akka guutan kan ajajuudha. Haala kanaan baankota hojii keessa jiran 18ti keessaa 11 dirqamni kun irra jira. Baankoti haarofti kaappitaala guguddaa qabatanii hojii keessa galan kanneen akka Baankii Siinqeetiifi Baankii Amaaraa jiraatanillee kuun kaappitaala guddaa kan qabanii miti.
Haala babal’ina baankota dhuunfaa amma jiruun meeqatu dirqama kana baha laata? Yeroo eeguun gaarii ta’ullee baankoti xixxiqqoon carraan walitti makamuu isaan mudachuu akka danda’u asumaa achi tilmaamuun ni danda’ama.
Akkuma waliigalaattuu industiriin baankii biyya keenyaa sadarkaa corqaarra jira. Waantota hedduun sadarkaa ammayyaarra hingeenyee. Teeknoolojiidhaan walqabatee sadarkaa baankota addunyaa irra ga’anirra ga’uuf waan hedduutu hafa.
Tajaajila maamila gammachiisu kennuurratti qaawwa hedduutu jira. Maamilarraa fagoo jiru. Hanqinni maallaqaa asiifi achi isaan raasaa jira. Humni namaa industirii keessa jiru xiqqaa waan ta’eef humna haaraa horachuurra kanuma jiru sana walsaamuutu mul’ata.
Hanga ammaatti baankota biyya keenyaatiif eegumsa seeraa taasisamaafi jira. Gabaan hojii baankii hanga ammaatti gabaa addunyaatiif banaa hintaane. Kun kan taasisameef baankoti biyya keessa jiran akka humna horataniifi dorgomaa ta’aniifi. Eegumsi seeraa kun hanga yoomiitti akka ittifufu hinbeekamu. Garuu seektaricha gaaf tokko baankota biyya alaatiif saaqamuun hinoolu.
Gama kanaan ministirri muummee Abiyyi Ahmad eebba gamoo Baankii Daldalaa Itoobiyyaarratti calaqqee wayii kennaniiru. Baankoti biyya alaa guyyaa tokko biyya keessa galuu akka danda’an. Gaafas Baankoti xixiqqaan kunniin carraan liqimfamuu isaan quunnammuu mala, yoo dafanii of jabeessan malee.
Akkuma waliigalaattuu baankoti biyya keenyaa hojiidhaan qofa osoo hintaane gamoo ijaaruun waldorgomaa jiru. Baankoti muraasti gamoo dheeraa Finfinnee keessatti ijaaraa jiru. Kuunis ijaaruuf lafa fudhatanii bakka bakkatti dizaayinii fannisaniiru. Gamoo ijaaruun gaariidha. Garuu kanneen dursa qabaachuu malanillee ni jiru. Gamoowwan baankoti biyya keenyaa ijaaraa jiran dhedheeraadha. Industirichi garuu hanga gamoowwan baankotaa hinguddanne. Ganaa waan hedduutu hafa. Kanaaf xiyyeeffannaa barbaada.
Torban gaarii!
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014