Keessummoota keenya ofirraa galchineerra. Pirezidaantotiifi anga’ooti olaanaan biyyoota Afrikaa torban tare Finfinnee turan galaniiru. Nagayaan gara biyyasaaniitti galuunsaanii waan gaariidha. Hawaasni Magaalaa Finfinneetis haalli itti simateefi itti gaggeesse gaariidha. Ofii rakkatus keessummootasaa qananiin kunuunseera.
Keessummooti Finfinnee turan sadarkaa qabu. Walgahichi haala mijeessotaan jalqabamee hoggantoota guguddoon xumurame. Pirezidaantotiifi muummeewwan ministiraa Amajjii 5 fi 6 /2022 walgahanii mari’atan. Haala mijeessitooti walgahicha qindeessuuf torbeen dura Finfinnee galuu eegalan.
Haaluma kanaan osoo pirezidaantoti hingalin dura gareewwan mariirra turan jiru. Koreewwan teeknikii adda addaa walgahii gaggeessaa turan. Sadarkaa ministiroota haajaa alaattis mariin taasisameera.
Kunniin hundi ta’ee maaltu murtaa’e? Rakkoowwan Afrikaanotaa hiikuuf maaltu jedhame? Rakkoo Siyaasaa? Rakkoo dimokraasii? Rakkoo nageenyaa? Rakkoo dinagdee? Rakkoo jireenyaa? Rakkoo qabiinsa mirgoota namoomaarratti? …
Kunniin marti rakkoo Afrikaati. Gaaffiileen kunniin gaaffiilee ijoo ummata Afrikaati. Ummati ardii kanaa wantoota adda addaatiin dararamaa jira. Hundaafuu maddi siyaasa Afrikaati. Rakkoo siyaasaa Afrikaammoo ‘UN’ dhufee furuu hindanda’u. Ameerikaan fala hinfiddu. Chaayinaan itti hingaafatamtu. Biyyooti biroos akkanuma. Garuu gahee keessaa qabaatu. Rakkoo babal’isuurrattis, rakkoowwan hiikuu keessattis.
Abbootiin dhimmaa rakkoowwan ummattoota Afrikaa sadarkaa jalqabaarratti hoggantoota Afrikaati. Abbootiin rakkoo ummatichaallee isaanuma. Beektotiifi hayyooti akkasumas dhaabbileen siiviiliifi ummati itti aananii dhufuu malu. Mootummooti haala kanaan yoo walgahee mari’atu ummataaf waa cophuu qaba. Ba’aan rakkoo itti danate hanga tokko irraa salphata jedhamee eegama.
Gumii kanarratti taatee maaltu ta’e? Jarreen maalirratti mari’atanii gargar galan? murtii maaltu kenname? Wantoota ijoo ta’an ni ilaalla.
Baallii walirraa fuudhuu: Hogganaan Gamtaa Afrikaa waggaa waggadhaan naanna’a. Hanga gumii kanaatti, bara 2021, hogganaa ta’ee kan ittigaafatamti harka ture pirezidaantii Koongoo Dimokraatawaa Rippuublikaati. Nama Obbo ‘Antoine Tshisekedi’ (akka isiniif ta’utti dubbifadhaa) jedhamaniidha. Isaan yeroosaanii raawwatanii aangoo Pirezidaantii Senegaal Obbo Maakii Saaliif (Macky Sall) dabarsaniiru.
Baga aangoo nagaadhaan walitti dabarsan jedhamaa laata? Aangoon Afrikaa silaa lola hindhabduufan jedhe. Maalumaafuu ittiin hojjatanis, ittiin hojjechuu baatanis baga baallii waliraa fuudhan. Kan na ajaa’ibsiisu garuu, hogganaa dhaaba kanaa ta’uuf biyyi tokko waggaa meeqa eegdi? Waggaa 53!? Xoobbiyaan bara Mangistuu Hayilamaaraam ta’uushii nan yaadadha.
Ajandaa 2063: Maniin Ajandaa 2063 jedhamuun moggaafame kun bara 2015 eegalee hojiirra jira. Maniin kun mul’ata Afrikaa waggaa shantama keessatti milkaa’aniidha. Kaayyoonsaa bal’aadha. Dimokraasii ijaaruu of keessaa qaba. Dinagdeedhaan lalisuu hammata. Barnoota, fayyaa, qulqullina, misooma naannawaa… Akkuma waliigalaatti Afrikaa guddisuu, duroomsuufi ardiiwwan kanneeniin walqixxeessuu of keessaa qaba. Galma ce’umsa Afrikaati jedhamees qabame.
Hoggantooti kunniin manii kanarratti bal’inaan mari’ataniiru. Gara fuulduraatiifis kallattii kaa’anii jedhama. Balballoomiinsaa sirriitti ifa hinbaane. Ajandaan kun Amajjii 2015tti mirkanaa’e. Waggoota torba lakkoofsiseera jedhuudha. Waggoota torban darban keessatti maaltu milkaa’e? Maaltu hafe? Irratti mari’ataniiru jedhamee yaadama.
Garuu rakkoo Afrikaa hedduu furuuf, ardittii gara duroominaatti fiduuf, dimokraasii mirkaneessuuf, mirgoota namoomaa kabachiisuuf waggaa 50 fudhachuun dirqamaa? Amma waggaan torba irraa hir’ateera. Waggaa 43tu hafa. Hoggantoota amma jiran keessaa milkaa’uu ajandaa kanaa meeqatu arga laata? Ofii hoo bu’uura maal lafa kaa’ee darba?
Warri amma aangoorra jiran kunniin dhaloota dhufuuf hagam yaadu laata? Waan ofii hinhojjanne isaanitti dabarsanii ba’aa itti ulfeessuu laata? Maalumaafuu dhalooti waggaa 40 booda jiraatu galma ga’iinsa ajandaa kanaa ni xiinxala. Ani asumaa achi keessaa hinqabu.
Dhaamsa ijoo: Gamtichi dhaamsa ijoo waggaa waggaan mirkaneessa. Biyyooti dhaamsa kana jiddu gala godhatanii hojii adda addaa hojjetu. Haaluma kanaan dhaamsi ijoon bara 2022 filatameera. Innis Bara Waldhaansa Nyaataa (Year of Nutrition) jedhamee moggaafameera.
Dhaamsa ijoo kana bu’uura godhachuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu cimsuu; ummata nyaata madaalawaa argachiisuu, siistamii qonnaa jajjabeessuu, fayyaafi eegumsa hawaasummaa jabeessuu, humna namaa, dinagdee … cimsuu of keessatti hammata.
Akka yaadamaatti waan gaariidha. Nyaati fedhii bu’uraati. Ummati agabuu bulu guddina biraa hin yaadu. Kanaaf mootummooti kunniin wabii midhaan nyaataa akkasumas nyaata madaalawaa mirkaneessuun qoodasaaniti. Waan Finfinnee taa’anii murteessan biyyasaanitti yoo galan hin dagatan hin jedhamu. Isaan bar hooggantoota Afrikaati.
Koviid-19fi balaasaa: Dhimmi dhukkuba Koviid-19 dhimmoota marii hoggantoota biyyoota Afrikaa ture. Akkuma beekamu Kovid -19 dhukkuba hamaa addunyaa tana jeeqeedha. Xiyyeeffannoo hoggantoota Afrikaatiin osoo hintaane dhiifama Waaqayyootiin ummati Afrikaa hanga tokko balaa kana jalaa miliqeera.
Haa ta’u malee Koviid-19 ammas sodaadha. Biyyooti Afrikaammoo carraan dhukkuba kanaan waggoota dheeraaf dararamuu ni jiraata. Haala addunyaatiin talaalliin Ardii kana gahaa jiru xiqqaadha. Ofeeggannoon ummati taasisu gadaanaadha.
Gama kanaan mariin adeemsisame gaariidha. Waarshaa talaallii kana Afrikaa keessatti omishu haala dhaabaturratti yaada waljijjiiran gara dhugoomsuutti deemuun barbaachisaadha. Walumaagalatti haala eegumsa fayyaa wajjin walqabatee wantooti ka’an gaariidha. Garuu, hojiitti hiikuuf carraaqqii guddaa barbaachisa.
Shororkeessummaafi fonqolcha mootummaa: Gama kanaanis mariin akka taasisame kommunikeen gamtichi baase ni mul’isa. Akkuma beekamu Afrikaan yaaddoo shororkeessitoota guguddoo addunyaan adda baastee ni qabdi. Gama Afrikaa kaabatiin, akkasumas ulaa gaanfa Afrikaafi Afrikaa Lixaa keessa sochiileen shororkeessitootaa akka jiru beekamaadha. Kunimoo ardii kanaaf sodaa guddaadha. Irratti marii qofa osoo hintaane falli ittisaas ni barbaachisa.
Haaluma walfakkaatuun fonqolchi mootummaa ardii kana keessatti danachaa jira. Biyyoota tokko tokko keessatti aangoon ‘filannoo’ osoo hintaane fonqolcha mootummaatiin akka argamu mul’achaa jira. Loltooti walgurmeessanii aangoo saamaa jiru.
Afrikaan biyya xanneen dimokraasii keessa jiru waan taateef, filannoon aangoo qabachuufi fonqolcha mootummaatiin barcuma koruun garaagarummaa hagasii hinqabu. Garuu mootummaa loltuurra siiviiluma wayya. Mariin gama kanaan taasisames dimokraasii ardittittii kan ajandaa 2063 irratti caqasame sana jabeessuuf gargaara.
Afrikaan biyyoota miseensa ta’an 54 qabdi. Morookoo qofti bara 1985 ALA irraa eegaltee miseensummaashii addaan kutteetti. Hogganaan Ertiraa eddi walgahii kana qaamaan hordafanii waggaa dheeraadha. Biyyoota Afrikaa kunniin gama pirezidaantii, minstira muummee ykn bakka bu’ootasaaniitiin gumii 35 kanarratti hirmaataniiru.
Namooti guguddoon kunniin Finfinnee bashannanaaf akka hindhufne beekamaadha. Dhimma Ardii kanaarratti mari’atanii dhimmoota ijjannoo tokko irratti qabatanirratti waan waliin murteessan hojiirra oolchuun irraa eegama.
Dhimmooti akka waliigaalaatti irratti mari’atan kan dhimmoota gaggaariidha. Rakkoowwan ardii kana keessatti dagaaganii hidda gadi fageeffataniifis yoo dhuguma kutannoon irratti hojjataman furmaata ni fidu. Keessattuu, dhimmooti ajandaa 2063 irratti xiyyeeffannaa akka argatan irratti waliigalame hojiirra oolmaansaanii to’atamanii deeggarsi taasisamuufii qaba.
Madda Suuraa AU website
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014