Finfinnee. Magaalaa guddittii Xoobbiyaa. Magaalaa guddittii mootummaa naannoo Oromiyaa. Magaalaa guddittii Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee. Handhuura Oromootaa. Dachii ganamaa Gullallee, Galan, Eekka, Abbichu…
Ammas Magaalaa Finnfinnee. Teessoo Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii; teessoo Gamtaa Afrikaa ammaa. Teessoo Komishinii Dinagdee Afrikaa. Maagaalaa guddittii Afrikaanotaafi hawasa addunyaa.
Magaalaan tun waggoota dhihoo as miidhagina gonfachaa jirti. Waan baay’een fooyya’iinsa agarsiisteetti. Paarkiiwwan magaalattii keessattiifi qarqarashiitti ijaaraman qalbii namaa booji’u. Daandiiwwan asfaaltiifi kottee miidhagina qofa osoo hintaane karadeemaaf mijataa ta’aa jiru.
Gamoowwan dizaayinii aartii babbareedaan ijaaramaa qalbii namaa keessa galu. Hoteelota dabalatee iddoowwan bashannanaa magaalattiifi dhiyeenya magaalattiitti argaman ofumaaf daaw’annaafi bashannanaaf nama affeeru.
Magaalaan Oromootaa kan sabaafi sablammiin keessa jiraatan tun akkuma waliigalaatti jijjiirama guddaa keessa jirti. Waan hedduun guddina taayitaafi maqaashii waliin deemu gonfatuurratti argamti. Wantootashii hafan guuttachaa ni deemti.
Magaalaan tun jidduu kana keessummoota guguddaafi ulfaatoo simachaa jirti. Safuufi aadaan keessummeessuurratti argamti. Qondaaltoti Afrikaa olaantoti waltajjiisaanii kan idilee isa 35fa magaalaa miidhagduu tanatti taa’aniiru. Haala mijeesitooti dursanii magaalattii galanii qophiirra turan.
Pirezidaantotiifi muummeewwan ministirootaa akkasumas bakka bu’oonnisaaniimmoo kaleessaa eegalanii waltajjii qabataniiru. Keessummoonni biroo kanneen waltajjii kana sababeeffatanii dhufan magaalattii keessa shirrisaa jiru. Qe’ee Abbaa Gadaa nama jaalachuufi ofitti qabuu beeku keessatti ‘shaa-shambaa’ yoo jedhan maarree? Akkuma nagayaan dhufan nagayaan eebba fudhatanii galu.
Magaalaan haala miidhagaadhaan keessummootashii simatte tun qophii gaariidhaan isaan eegde. Wantoota tokko tokko haa ilaallu. Daandiin qubata Xiyyaaraa Booleerraa eegalee hanga Masaraa Araat Kiilootti argamu akkasumas daandiiwwan keessummoonni ulfaatoon kun irra deemu jedhamanii yaadaman haalaan faayeffamaniiru.
Keessumaa daandiin Hulluuqa Kormaatirraan bahee, Komishinii Dinagdee Afrikaa dura qaxxaamuree, Qarsaa bitaatti dhiisee, Dhakaa Araaraatiin balbala Ministeera Aajaa Alaa fuuldura darbuun Masaraa Araat Kiiloo nama geessu adda ta’ee mul’ata.
Paarkiiwwan jidduu sana jiraniifi paarkii shaggariifi karaa Dhagaa Araaraa jiran ibsaawwan anga’aniin, alaabaa biyyoota Afrikaatiin, baanaroota suuraafi jechaan aadaalee Afrikaa calaqqisaniifi dhaamsawwan garagaraa dabarsaniin miidhaganiiru.
Haalli baanarooti ogeessotaan itti yaadamee qophaa’e waan gaariidha. Ani baanarii gadi fageenyaan itti yaadamee ogeessotaafi beektotaan qophaa’e yeroo jalqabaafan arge. Jijjiirama tokko jedhanii fudhachuun ni danda’ama.
Keessumooti daandiiwwan kanarra deddeebi’an arganii ittigammadaniiru jedheen yaada. Dhaamsa Xoobbiyaan dabarsuu barbaaddes hubataniiru jedheen tilmaama. Barbaachisummaa tokkummaa Afrikaanotaa ofiin boonuufi kan ofiitti boonuu, dhimmoota walfakkaataniifi hoggantoota osoo hintaane ummata jiddugala godhatanirratti walii galuufi ejjannoo tokko qabaachuu, rakkoo ofiitiif ofiif fala argamsiisuu.
Eddii koviid-19 addunyaa jeeqee as walgahiin hoggantoota Afrikaa kan ji’a ja’a ja’aan adeemsisamu kun galma tokko keessatti walfuullee taa’anii waan adeemsisame natti hinfakkaatu. Hundumtuu masaaraa ofii keessa taa’ee toora intarneetiitiin (on-line) gaggeessaa turan.
Gama kanaan teknoolojiin faayidaa gaarii fide. Haa ta’u malee hanga isa galma tokko keessa taa’anii mari’atanii sana faayidaa guutuu hinqabu gama dinagdeetiin, aadaa waljijjiiruutiin, gama turiizimiitiini.
Koviid- 19 addunyaa kanarraa baduu baatus, qorichi talaalliin Afrikaan argachaa jirtu xiqqaafi qoodiinsisaa loogii qabaatus jarreen walitti dhufanii qaamaan walarganii walfuullee taa’anii dhimmoota ardichaarratti mari’ataa jiru. Dhimmoota siyaasaa ardittii jeeqaafi raasaa jiru isa guddaadha. Dhimmi dinagdee dubbii ijoodha. Dhimmi fayyaa, dhimmi nageenyaa, malaanmaltummaa, aangoo walsaamu, dhimmi mirgoota namoomaa Afrikaaf ajandaa guddaadha. Abbootiin rakkoo kanneenii warruma walgahaniidha.
Afrikaanoti walga’anii mari’achuurratti rakkoo hinqaban. Mariin yeroo hunda gaggeeffama. Garuu bu’aansaa hagas kan nama hinquufsineedha. Hoggantooti mataasaatiin waan murteessan hinkabajan. Waan murteessan galanii hojiirra hinoolchan. Rakkoo guddaan kana.
Waanuma fedhes ta’u hoggantooti gugguddoon kunniin walarganii mari’achuunsaanii dansa. Hanga eegamu ta’uu baatus bu’aa xiqqoo inuma qaba. Walitti dhufanii yoo iyyan dhageettii ni argatu. Biyyoota tujaarotarraa deeggarsi ni darbatamaaf.
Kansaanii asumatti dhaabee gara biyya keenyaatti haa deebi’u. Gumiin kun Finfinneetti adeemsisamuunsaa nuuf bu’aa maal qaba? gaaffiin jedhu dhimma ijoodha.
Akkuma beekamu biyya kana wajjin walqabatee oduuwwan adda addaa dhugaafi soba ta’an tatamsa’aa turaniiru. Keessumaa waraana biyyattiitti waggaa tokkoo oliif gaggeeffameen fuulli biyyattii xuriin dibameera.
Biyyoota guguddoo dabalatanii ijjannoo gaariifi faallaa irratti qabatanii ture. Ameerikaa dabalatee biyyooti dhihaa xiqqoo hinjedhamne ijjannoo faallaa qabatanitti duulaniiru. Tarkaanfii dippiloomaasiifi qoqqobbii dinagdee fudhataniiru. Sababnisaanii tokko nageenyi Finfinnee keessaa ni sodaachisa kan jedhuudha.
Biyyooti biroo Afrikaanota hedduu dabalatee oduu warri dhihaa tamsaasaa turan hinfudhanne. Gamtaan Afrikaa gamasaatiin haala waraanni biyya keessaa karaa mariitiin xumuramurratti hojjataa tureera.
Gareen Jaarsummaa pirezidaantii Naayijeeriyaa kan bubbulanii hogganamu qaamolee faallaa walii ejjatan jidduu deemaa turaniiru. Bu’aan carraaqqiisaanii gara fuulduraa kan eegamu ta’ullee. Kanaaf, walgahiin kun Finfinneetti adeemsisamuunsaa bu’aa gama dinagdeetiin biyyaaf argamsiisu caalaa bu’aansaa kan gama dippiloomaasii ni hedata.
Addunyaatti magaalattiin nagaa ta’uushii sirriitti ibsa. Kanneen sodaatanii baqatan akka biyyatti deebi’an, kanneen gara biyyattii dhufuu osoo fedhanuu sodaataniif Finfinneen nagaa ta’uushii ni ibsaaf. Kanaaf, gumiin kun fuula biyyattii sirreessuufi faayessuu keessatti hanga tokko shoora ni qabaata.
Gumii guddaan akkanaa dinagdee biyyatti suphuu keessatti gahee qaba. “Ittuma buusi haa dhuganii; harka duwwaa silaan’dhufanii” jedhu warri keenya. Hoggantooti Afrikaa durii eegalee Xoobbiyaa dhuufuu jaalatu jedhamu.
Sababiinsaa waan hedduu ta’uu mala. Xoobbiyaan Afrikaa keessaa biyya koloneeffattooti dadhabaniidha ykn itti mo’atamaniidha. Qilleensi Magaalaa Finfinnees mijataadha. Hawwattooti turiizimiillee ni jiru. Bifti biyyattiis miidhagaadha. Itti bashannanuuf toltuudha.
Kunniin hundi maallaqa isa furdaa sana argamsiisa- Doolaaraafi Yuuroo. Kanaaf ittuma buusi haadhuganii yoo jedhame waan harkaa qaban amalaan irraa guurratanii akka dhuunfaattis ta’ee akka biyyaatti waa irraa buufachuun kanuma jiruudha. Bara kana walgahiin madda galii ta’aa jira. Turiizimii walgahii (conference tourism) jedhamuun.
Gama kanaan Finfinneefi magaaloti naannooshii jiran hanga tokko carraa qabu. Hoteeloti sadarkaa intarnaashinaalaa qaban kan bara koviid-19 as xanneen galii isaan dhahe hanga tokko ni socho’u. Ejensiiwwan imalaa akka dur fagoo deemullee yoo baatan tajaajila Finfinneefi naannawashiitti taasisaniin waa ni qocatu. Daldaltooti meeshaa aadaa sochiiwwan kana keessa hanga tokko qooda ni fudhatu. Kanneen biroos.
Keessummooti kunniin Doolaaraafi Yuuroo qabatanii dhufu. Gama kanaan Baankoti karansii cimoo dhabanii rakkatan kan jarri qabattee dhufte irraa guurratu. Kana jechuun rakkoo karansii cimoo biyyattiin qabdu haala bu’uura qabuun ta’uus yoo baate hanga tokko itti copha. Kun biyya iyyeettii kanaaf waan guddaadha.
Xumurarratti gumii mootummoota Afrikaa ilaalchisaa waa haa jedhu. Ardiin Afrikaa jedhamtu tun ardii rakkoodhaan guutamteedha. Rakkoo siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaaf ardii fakkeenyaa taatudha. Ardii koloneeffataa siyaasaa jalaa baatee koloneeffannaan deeggarsaa (dinagdee) irratti daraaree hafeedha. Kanaaf sababni qabeenyi dhabamee miti. Ardii waaqayyo qabeenyaa hedduu badhaaseedha. Sababni guddaan Afrikaan hooggantoota quuqama qabaniin waan hin badhaafamneefi.
Eddii Dhaabbati Tokkummaa Afrikaa Finfinneetti hundaa’ee waggaa 60 oliidha. Umrii nama tokkoo. Yeroo sanaa eegalee hooggantooti ardittii dabareedhaan baallii walirraa fuudhan gumii gaggeessaa turaniiru. Haaluma kanaan dhaloota ammaas dabareen gaheera.
Garuu Bu’aan ummatichaaf fidan hanga kanaa miti. Ardittiin badhaadhinarra gadadoodhaan, nageenyarra walitti bu’iinsaaf, walijaarurra waldiiguudhaan… fakkeenya taati. Biyyooti jaarraa 21fa keessa fonqolchi mootummaa itti danatu Ardii Afrikaati. Biyooti loltuudhaan bulan Afrikaa keessa jiru. Biyyooti mirgi dhala namaa garmalee itti dhiitamuun fakkeenya ta’an Afrikaa keessa jiru. Biyyi dhalli namaa itti beela’u, itti daaruufi dahoo itti dhabu Afrikaadha.
Walgahiin hoggantooti Afrikaa waggaatti al lama taa’an kun rakkoo ardittiif fala fiduu qaba. Nageenyaan, misoomaan, dimokraasiin… walgahichi jiruufi jireenya ummatichaa kan hinjijjiirre yoo ta’e pirootokoliifi bashannana qofa ta’a. Tokkummaa biyyoota ardittii kan hincimsine yoo ta’e gatii dhaba.
Hoggantooti dhaloota jabanaa ta’an kunniin wanti itti yaaduu qaban hedduudha. Yaadama hoggantooti angafooti jalqaban duubatti deebisuu osoo hintaane fuulduratti dafanii oofuun ni barbaachisa. Mul’ata “An integrated, prosperous and peaceful Africa, driven by its own citizens and representing a dynamic force in global arena” jedhu kana galmaan gahuu qabu.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014