‘Ximqata’ waggaa waggaan dhufu

Torbeen tare Cuuphaadha; kabaja ayyaana ‘Ximqata’ kan waggaa lakkaa’ee deebi’ee itti kabajamu. Hordoftoota amantii Kiristaanaa hundi baga guyyaa kana geessan.

‘Ximqati’ ayyaana miidhagaadha. Miidhagina qofa osoo hintaane ayyaana sirna amantii Kiristaanaa keessatti hiika guddaa qabuudha. Kanaaf, hordoftoonnii amantii Kiristaanaa keessattuu warri Ortodoksii haala miidhagaa afuuraafii aadaa walitti makeen kabaju.

Kabajni ayyaana Cuuphaa biyya keenyaa hordoftoota amantichaa qofa osoo hintaane kanneen amantii Ortodoksiin ala jiranuu ni hawwata. Hawaasti amantii biraa hordofu ummata Ortodoksii waliin bahee ayyaanicha waliin kabaja. Gochaan maanguddoota musliimaa Sikkoo Mandoo, kan suurrisaanii yoo taabota galchan hawaasa Kiristaanaa wajjin mul’atan, kan suurrisaanii miidiyaa hawaasaarra naanna’aa tureefi kan namooti hedduun yaada itti kennan dhugaa kana ni mirkaneessa. Hawaasni amantii walii kabajee, eenyummaa, aadaa, seenaafi afaan waliif beekamtii kennee waliin jiraataa ture; har’as waliin jiraataa jira. Kun hidda cimaa, duudhaa gaariifi ummata kana walitti hidhuudha.

Qaamoleen duudhaa ummataa gaarii kana cabsuudhaan, ummataafi ummata, sabaafi saba, amantiifi amantii walitti buusuudhaan ummata kana addaan fageessuuf, wallolchiisuuf yaadan ummata fayyaalessa kana keessa guutaniiru. Kun kan sabaan ykn amantiidhaan gargar bahuu miti. Saba hunda keessa jira; amantii hunda jala dhokatee argama. Haa ta’u malee, kan tokko tokkoo garmalee ifatti bahee mul’ata. Kana kan na jechisiisu taateewwan ayyaana Cuuphaa torbee tare kabajame wajjin walqabatee mul’ateedha.

Waggoota muraasaa as kabaja ayyaana Cuuphaa wajjin walqabatee ajandaawwan kaayyoo biroo qaban waggaa waggaan gadi luqqifamu. Ajandaawwan amantiin ala ta’an kunniin qe’ee amantii qulqulluu sana keessatti tolchamu ykn sababa kabaja amantichaatiin ganda ganda keessatti bocamu. Achii gadi bahaniitu ummata ijoolleesaa qabatee ayyaana kana kabajuuf gara dirree tabotaatti bahe jeequ. Kanaaf waanuman Magaalaa Finfinnee keessatti taajjabe haa kaasu. Mandheen rakkichaas magaala kana keessa waan ta’eef.

Bataskaanni Ortodoksii Aasxaa mataashii qabaachuu ni malti. Yoo qabaattes rakkoo waan qabu miti. Garuu aasxaa bataskaana kanaa dawoo godhachuun kaayyoon biraa warri tarkaanfachiisan ni jiru. Jaarmiyaaleen siyaasaa kaayyoo biraa gaggeessan duuba aasxaa kana jiran dhimmicha gamantiirraa gara siyaasaatti geessu. Kunimmoo yeroo hunda madda waldhabiinsaa ta’aa jira. Aasxaa kanaafis hiikni kennamu keessattuu kanneen qamoleen lakkoofsa tokkoon maraatanii bu’uura walitti bu’iinsaati. Hawaasa tokko!, Alaabaa tokko! Ummata tokko! Amantii Tokko! tokko! tokko!…

Hawaasni tokkumaa jibbu ni jira jedhee hin yaadu. Tokkummaan lummuxxiin hinjiru. Tokkummaan garagarummaa keessa jiraata. Tokkummaan walkabaja keessatti dagaaga. Tokkummaan tokko balleessee tokko jiraachisu biyya keenya har’aatiif hinta’u. Tokkummaan tokko nyaatee tokko gabbisu fudhatama hinargatu. Kanaaf, finxaaleyyiin amantii da’eeffatan aasxaa kana bataskaana of fuuldura qabaa wanti karaa duubaa hojjatan ifaan ifatti beekamaadha. Kunimmoo mirga ofii kabachiisaa kan nama biraa dhiituu waan ta’uuf deeggarsa guddaa hinqabaatu. Tokkummaa jedhamus yoomiyyuu fiduu hindanda’u.

Ayyaana Cuuphaatiin walqabsiisee wantooti daandii magaalaa Finfinneerratti dalagamanillee kan nama dallansiisaniidha. Daandiin baasii kiisii lammii tokkoon tokkoo keessaa guurameen ijaarame. Ummati magaala Finfinnee keessa jiraatummoo sabaafi sablammii biyya kana keessa jiraatu, amantii biyya kana keessatti hordofamu mara bakka bu’a. Osoo naannoo ummati walhubannoo tokko qabu keessa ta’ee rakkoo hinqabu. Gondaritti daandii dhiisii waan biraatuu aasxaa bataskaanatiin osoo aguuganii hanga kana rakkoo miti. Fakkiifi suuraa abbaa fedhee osoo daandirratti kaasaa oolanii komii guddaan hinka’u. Finfinneetti gadi bahanii daandiirratti halluu dibuu, huccuu kukkutanii fannisuun, addabaabaayii ummataarratti bataskaana fakkeessanii ijaaruun amantii ofii kabajaa kanneen biroo dhiibuu ta’a. Jarana hawaasti Musliimaa osoo addabaabaayii tokkorratti fakkii masjidaa ijaaree waca akkamiitu uumamuu mala? Finxaaleyyiiwwan tokko tokko hawaasti pirootestaantii dirree ummataatti Waaqa kadhachuu hinqabu jedhanii waca uumame yaadadhaa. Kun tokkoof mirga tokkoofi ammoo ‘miti-mirga’ ta’uusaati mul’isa. Kanaafuu qaamni magaalattii bulchu gochaawwan akkanaa kana haalaan to’achuu qaba.

Kan biraa kan nama jibbisiisu kadhaadha. Torban ayyaana Cuuphaarraa eegalee daandiin Finfinnee ‘kadhattootaan’ weerarama. Balballi namaa rukutamee qarshii fidaa jedhama. Konkolaataan akka dhaabbatu taasifamee qarshii kennaa jedhama. Kun jaalala qofaan osoo hintaane ajajaafi dirqamallee of keessaa qaba. Qarshiin walitti qabamu ayyaanicha maqaa dhahata; bataskaanittii yaama. Bataskaanni garuu naaf guuraa hinjenneen. Gochaa addaggeewwan kanaatiin garuu bataskaanittiin qeeqamuu hinooltu. Akka kootti gochaan seeramaleen kunillee dhorkamuu qaba.

Amantiifi mootummaa walqabsiisee waan xiqqoo haa kaasu. Muuxannoo jiruun walitti dhufeenyi amantiifi mootummaa maal ta’a? Kun ilaalamuu kan qabu heera biyyaa wajjin walqabateeti. Addunyaa kanarratti biyyooti mootummaafi amantii waliin oofan jiraachuun dhugaadha. Biyyoota hedduuttimmoo amantiifi mootummaan garaagara. Amantiin kan dhuunfaa, biyyi kan walooti. Haala kanaan xiqqoo duubatti deebinee biyya keenya haa ilaallu.

Biyya keenya keessa lamaanuu turaniiru. Hanga xumura mootummaa Hayilasillaaseetti amantiin Ortodoksiifi motummaan walitti hidhata guddaa qabu ture. Amantiin Ortodoksii amantii mootummaati, mootummaa muuduufi buusuu keessatti gahee guddaa qabdi. Kana jechuun hawaasarrattillee humni qabdu guddaadha jechuudha. Jaarraa 21faa keessa jiraachaa har’as warri kana hawwu ni jiru. Nama ajaa’iba.

Mootummaan Darguu sooshaalistiidha. Falaasamni siyaasaa sooshaalizimii-kominizimii amantiif bakka hinqabu. Kanaaf Darguun amantii masaaraa keessatti kunuunsu hinqabu ture. Kan dura nugusa muuduufi buusuu barte sun masaaraadhaa baatee qe’eeshiitti galte. Amantiin Islaamaa bara meeqaaf dhiibbaan irra ture yeroo kana keessa mataa olqabate. Kabajni ayyaanota ummata musliimaa kanneen akka Ramadaanaa, Mawuliidaafi Arafaa sirna kana keessa kabajamuu jalqaban. Kun hunda ija walqixxumaatiin ilaaluufi natti fakkaata.

Ta’ullee Darguun olaantummaa amantii biyya kana keessa jaarraa hedduuf ture gadi qabeera. Sirni wayyaanee sirna Darguu dhaalte amantiirratti ejjannoo fooyya’aa qabate jechuun ni danda’ama. Heeraan amantiifi mootummaan gargar ta’uu tumteetti. Heerri kun ammas hojiirra jira. Kun ammallee kabajamuu qaba. Jaarmiyaaleen amantiitti hirkatanii siyaasa daldalaa jiranillee kana osoo hubatanii gaaridha. Biyya kanatti har’as boris amantiin mootummaa jedhu ni jiraata jedhee hin yaadu.

Finxaaleyyiin amantii dahoo godhatan ayyaana Cuuphaa bara kanaa ayyaana jeequmsaa gochuuf yaalii taasisaa akka turan beekamaadha. Sababa addabaabaayii ummataarratti hordoftooti amantii pirootestaantiin kadhaa afuuraa gaggeessaniif warri ajandaa bataskaanaa osoo hintaane ajandaa siyaasa olaantummaa fudhatanii walgahii gaggeessan hedduudha. Warri kobbortaa sabaakiifi moloksee uffatanii ummata jeequmsaaf kakaasaa turan jiru. Miidiyaa hawaasaatiin wanti gaggeeffamaa ture hundi keenya kan yaadannuudha. Wantooti daandii Finfinneerratti taasisamaa turan akka amantii qulqulluudha kan jedhamanii miti. Gochaawwan kunniin hunduu akka ilaalcha kootiitti, gochaa amantiin hindeeggarreedha. Hawaasti Ortodoksii hedduunis kan dugda irraa garagalfateedha. Osoo kana ta’uu baatee rakkoo biraa hinuumu jedhamee hin yaadamu.

Finxaaleyyiin amantii daheeffatan kunniin rakkoo kana gara Oromiyaattis geessuuf yaalii hingoone jechuun hindanda’amu. Taateen Maaramii Wayiblaatti uumame kanaan addaa miti. Mootummaan Oromiyaa duraan dursee ayyaana kanaan walqabsiisee waan dhorge qaba. Dhorgaa sana maal nadhibeedhaan cabsanii akka fedhan ta’uu warri barbaadan ni turan. Garuu hinmilkoofne. Biyyi abbaafi seera qabdi. Seera kabajuuniifi qaama seera kabachiisu maddii hiriiruun sirriidha. Ummatis kan godhe kanuma. Kanaaf kaayyoon jaraa fashalaa’e.

Dubbii mataa walitti haa qabu. Amantii jala dhokatanii biyya jeequun, sabaafi sablammii walitti buusuuf yaaluun eessanuu nama hingahu. Kaayoon siyaasaafi kaayyoon amantii garaagara. Kanaaf qamoleen amantii jala seenanii jeequmsa uumuuf yaalan kunniin gama mootummaatiin sirriitti ilaalamuu qabu. Mootummaan heeraafi seera kabachiisuun irraa eegama. Bataskaanni Ortodoksiis qamolee maqaashiitiin daldalan kana bobaashii jalaa baasuu qabdi. Gochaawwan batskaanittii bakka hinbuune ifaan balaaleffachuu sabaafi sablammoota amantii kana hordofaniif walqixa ta’uushii mirkaneessuu qabdi jedheen yaada.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You