Tarkaanfii abdii namatti horu

Torbeen tare adda. Torbee taateewwan seenaqabeessi itti raawwatan. Osoo hin yaadamin guyyaa dhaloota gooftaa Yesuusitti hoggantooti KFO, Jawwaariifi Baqqalaafaati mana hidhaatii gadi lakkifaman. Miseensoti Baaldaraas itti dabalaman. Jaarsoliin ‘TPLF’ dhalaniifi dhalchan akka hidhaadhaa hiikaman murtaa’e.

Bariisaa muudamni loltootaa olaanaan kenname. Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif muudamni loltuu Fiildi Maarshal jedhamu kenname. Ilmi Oromoo, Biraanuu Juulaa Galaalchaa, abbaa muudama olaanaa kanaa ta’e. Walumaagalatti jeneraaloti 101 kan sadarkaalee adda addaa qaban muudamaniiru. Kana ajaa’ib jennee osoo hinxumurin Dilbata taateewwan biroo dabalaman.

Ammas xiyyeeffannaan gara loltootaa ta’e. Badhaasonni adda addaa kan maqaasaanii dhageenyee hinbeekne kennaman. Kanneen keessaa jeneraaloti kaleessumtii muudama olaanaa argatan gartokkeen keessa jiru. Loltooti badhaasa kanaaf filataman sadarkaa gadaanaatii eegalee hanga olaanaatti argamu. Kaayyoonsaa beekamtii kennuudha jedhameera. Dansa!

Namooti tokko tokko mallattoo xumura waraanaati jedhanii raaganiiru. Raaga gaariidha. Biyyattiitti araarri bu’uuf jedhanii kanneen gammadanis jiru; akkuma warri mufatan hindhabamne.

Taateen biroo sagantaa hordoftoota amantii pirotestaantii kan addababa’ii ummataatti qophaa’een walqabata. Hordoftooti amantii Ortodoksii fiixeetti bahan sagantaa kanaan walqabsiisanii jeequmsa uumuuf yaalaniiru.

Bataskaanni Ortodoksii dachii Oromoo maqaa Kiristinnaafi ergisaa moggaasuun yeroo hunda komatamti. Dirree Finfinnee, kan Oromoon Hulluuqa Kormaa jedhuun (maqaa kana torban kanan dhagahe) ‘Addababayii Masqalaa itti moggaasan. Iddoo kana akka iristiisaanii qofa ta’etti ilaalu. Dargiin maqaa kana haqee ture. Wayyaanetu deebise.

Ani maqaa kana irra deddebi’ee mormee barreesseera. Ammas, ‘Addababayii Ummataa’ akka jedhamu ykn maqaa Oromoon dur ittiin waamutti deebi’uu yaadan dhiheessa. Dilbata tare kan waldhabdee kaase moggaasa maqaa miti. Yaadama finxaaleyyii “nu malee qaamni biraa irratti sagaduu hinqabu” jedhaniidha. Mee yoo sagade maal qaba?

Wanti gaariin ijjannoo hawaasti kiristaanaa Ortodoksii fudhateedha. ‘nu gahaa; rakkoo maal qaba?’ jedhanii ibidda finxaaleyyiin qabsiisuu yaalanitti bishaan naqan. Mootummaanis waca kanaaf gurra hinkennine.

Dirreen kan ummataa ta’uu jala muree ibse. Anaaf murtee sirriidha. Yaadamni finxaaleyyii amantii daheeffatanii garmalee rukutame. Kunis seenaadha. Eeyyen! Addababayichi hunda ni gaha. Waaqeffataas, Musliimas, Ortodoksiis, Pirotestaantiis, Kaatolikiis… kabajni amantii hundaafuu ni mala.

Taateewwan xixiqqoon biroos hedduutu ture. Hundumasaa kaasuun hindanda’amu. Eddiin hangana xuxxuqee seensaaf ni gaha. Kanaaf, xiyyeeffannaa koo gara hidhamtoota gadidhiifamaniittan taasisa.

Gadilakkifamuu hidhamtootaa ilaalchisee miirawwan lamatu turan. Kanneen lolaan gammachuu fudhate hedduudha. Kanneen gaddi mataa cabses xiqqaa kan jedhamanii miti. Kan naasuun akka cabbii hagayyaa isaan hoollachiises agarreerra. Kanneen dafanii Ameerikaatti quba qabanis jiru. Gariin Jaafrii Fiiltmaan, qondaalli bakka bu’aa pirezidaantii Ameeriikaa, Joo Baayidan, kan gaanfa Afrikaa, Kamisa maal fidee dhufe jedhanii herreega keessa seenanii turan. Kanneen dhimmicha akkuma taatee idileetti fudhatanii jiruufi jireenyasaanii gaggeeffatanis heddu jechuun ni danda’ama.

Miirri ummata keessatti calaqqise kun waan hedduudhaan walqabata. Kanneen gartummaa siyaasaatiin ilaalan jiru. Kanneen ija sabaafi sablammiitiin mil’atanis akkanuma. Kanneen jibbaafi jaalalaan walitti fidanis jiru.

Kanneen amantii wajjin walitti hidhanii madaalanii miirasaanii ibsan ni dhabamu jedhee hin yaadu. Kanneen madaallii qalbii sababaatin (rational thinking) gamaagamanis jiru. Namni miirota adda addaa maaliif qabaate jechuun rakkisaadha. Garuu waantota hunda miiraan osoo hintaane qalbiidhan xiinxaluutu gaariidha.

Anaaf tarkaanfiin mootummaan fudhate kan sirrii ta’es kan hintaanes ni jira. Qamoleen hiikaman garee sadii. Siyaasaan yoo madaalaman ilaalcha adda addaa qabu. Sabaan yoo ilaalle Oromoo, Amaaraafi Tigireen… keessa jiru.

Deeggarsaan yoo ilaalaman, hunduu xiqqaatus guddatus kanneen isaan deeggaran qabu. Wanti ittiin himataman garaa gara. Akka nama dhuunfaatti kan nama amansiisus kan hin amansiisnes ni jira.

Hiikamuu Hoggantoota KFOfi baaldaraasirratti rakkoo hin qabu. Jaaroliin ‘TPLF’ dhalchanii kunuunsanii ummatarratti, keessattuu dhaloota Oromoorratti, akka duguuggaa sanyii raawwatu godhan sun dulloomanis dhimmisaanii karaa seeraa fala argachuu qaba jedheen amana.

Tarkaanfiin kun fudhatamuunsaa akkan deeggaru kan na taasisu waantota hedduudha. Jalqabarratti namni himatame dafee murtii argachuu qaba. Haqni turuu hinqabu. Yoo ragaan hinjiraanne dhiisuma wayya. Kan lammaffaa akka biyyaatti mariifi araarri biyyaalessaa yaadamaa jira.

Kun karaawwan adda addaa ifa ta’eera. Maricha gaggeessuufi araara yaadame buusuuf siyaasessitoota Oromoo kanneen deeggarsaafi dhageettii qaban mana hidhaatti karra itti cufanii mariin adeemsisamu bu’aa akka hinqabaanne beekamaadha. Hanga maqaa gahuu baatus Baaldarsaasis deeggartoota ni qaba. Marii dhugaa adeemsisuufi biyyattii tasgabbeessuuf namoota kanneen hidhaadhaa baasuun murteessaa ture.

Finxaaleyyiin ‘nu malee’ jedhan murtii mootummaa kana garmalee qeeqaa jiru. Mootummaa kan qeeqan hiikamuu hoggantoota KFOfi jaarrolii Maqaleedhaa dhufanirratti. Kan jaarrolii ifatti bahee haa dubbatamu malee kan caalaatti ibidda faana jalaa itti ta’e kan warra KFOti.

Warreen ‘numalee’ jedhaniif hiikamuun hoggantoota Baaldaraas sirriidha. Kan sirrii hintaane kan warra kaaniiti. Ilaalcha dabaa, gartummaan marame kanaan biyyi biyya hintaatu. Duulli jibbaa isaan adeemsisaa jiranis biyyattii diiguufi, malee ijaaruuf hingargaaru. Yaadamni dullachiifi dukkanaa’aan kun ummata hintokkoomsu.

Gareewwan finxaaleyyii kunniin akkuma oduun hiikamuu Jawwaariifi Obbo Baqqalaa Garbaafaa dhagahameen mootummaatti duuluu eegalan. Biyya keessaafi alaa qindaa’anii duula gaggeessan, mootummaan akka yaadasaa jijjiiru karaawwan adda addaa dhiibbaa gochuuf yaalan.

Miidiyaalee harkaa qaban hundaan wacuu jalqaban. Bulanii ibsa ejjannoo murtii kana mormu baasan.

Qaamni biyya tokkon ijaara jedhu ammoo haala kanaan deemuu hinqabu. Yaadaafi yaadama bilisaawaatti amanuu qaba. Murtii ummataatiif dursa kennuufi abboomamuun dirqama. Haqaaf iddoo kennuun waan hundaa dursuu qaba. Biyyi loogiifi haqmaleen gaggeeffamtuufi manni bu’uurri hintolle tokko. Bulee jiguunsaa hinoolu. Ittiyaadamuu qaba jechumaafi.

Akka ilaalcha kootti tarkaanfiin mootummaan jalqabe kun gama kamiinuu haa ta’u deeggaramuu qaba. Biyya kana kan ijaaruu danda’u saba tokko qofa miti, sabaafi sablammii biyyattiiti. Yoo mirgooti sabaafi sablammii kabajaman, yoo dhalli namaa mirgootasaa shaakale, yoo walqixxummaan dagaage, yoo sirni dimokraasii ijaarame wanti waliin jiraachuu nama dhorgu hinjiru. Yoo waliin ta’an, waliigalan biyya cimtuu ijaaru. Kanaaf, akka biyyaatti mari’achuufi araara buusuuf wanti jalqabame kun jajjabeeffamuu qaba.

Mariin biyyoolessaa yaadamu hundalaalee akka ta’e himamaa jira. Qamoleen dhimmi biyya kanaa na ilaallata jedhan karaa bakka bu’ootasaanii kan irratti hirmaataniidha. Kanaaf, qaamoleen dantaa ummataa qabatanii ijaaraman, bakka bu’ooti ummataa hundi walitti dhufanii ijibbaata gochuun dirqama. Kanaaf qamoleen yeroo ammaa mana hidhaa keessa jiran, kanneen dhimma siyaasaa wajjin walqabateen hidhaman, himannisaanii akkuma warra kaanii adda citee qaama marii kanaa yoo ta’an gariidha.

Yoo akka kootii, qaamolee meeshaa hidhatanii mootummaa waraanaa jiranis haalli itti waraana dhaabanii gara marichaa keessa galan osoo mijatee maricha bu’aaqabeessa taasisa jedheen amana.

Gama biraatiin murnooti “nu malee biyyi biyya hintaatu” jedhan sararatti deebi’uu qabu. Yaadasaanii karaa seera qabeessa ta’een dhiheeffachuun mirgasaaniiti. Garuu ‘kan nuti jenne qofatu ta’a’ jedhanii biyya jeequu hinqabaatan. Sochiileen hunduu daangaa heeraafi seeraa qofa keessatti ta’uu qaba.

Yaada koo walitti haa qabu. Tarkaanfiin mootummaa gaariidha. Akkuma jalqabetti warra hafanis hiikuun barbaachisaadha. Mariin yaadames osoo hinbubbulin dafee itti deemamuu qaba. Mariin kun biyya kanaaf ijibbaata jedheen yaada; waliin jiraachuufis, waliif jiraachuufis, kophaa jiraachufis. Kan filatamu waliin jiraachuudha. Yoo kan hindanda’amne ta’e karaa nagayaafi heeraafi seera bu’uureffatteen ofiif jirachuun filannoo ta’uu mala.

Torban gaarii!

 Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You