Marii waliigalaa: Kan irratti waliigalanii ittin alaa galan

Osoo ani dhimman torbee kana irratti barreessu soqaa jiruun fuula feesbuukii Gaazexaa Addis Zaman irratti waa dubbise. Dimmichi dhimma guddaadha. Kan dubbates nama guddaafi hayyuu siyaasaati. Anis Dhimma kana irratti osoon amman beekuufi hubadhe darbadhee jedheetan itti siqee qorachuufi xiinxaluu jalqaba.

Dubbii cimtuun feesbuukii Gaazexaa Addis Zaman irratti baate tun dhimma marii biyyaalessaa (National Dialogue) wajjin walqabatteedha. Beekaan siyaasaa Doktorri Kabajaa Leencoo lataa dhimma kana ilaalchisee afuura baafataniiru. Wanti isaan dubbatanis kan bu’uuraafi hidda qabuudha. Namtichi duruu ‘billitii’ siyaasaa ni beeka. “Xoobbiyyaa Rakkoo keessa galte keessaa baasuuf waliigaltee biyyaalessaa riqicha baraa ce’uufi kan hanguma mootummaan jijjiramu hin jijjiramne uumuun barbaachisaadha” yaada jedhu kaasaniiru. Hayyichi akka dubbatanitti biyya kana keessatti waliigaltee hunda hammataa uumuuf yaaliiwwann taasisamaa turaniiru. Garuu hinmilkoofne. Sababa kanaanis garaagarummaan babal’ataa dhufaniiru. Kunis biyyattii rakkoo cimaa keessa galcheera. Kanaaf, akka isaan jedhanitti, waliigalteen biyyaalessaa biyyattii bara tokkorraa bara baratti ceesisu uumamuu akka qabu jala muranii dubbataniiru.

Barbaachisummaa marii biyyaaleessaafi haala adeemsasaa wajjin walqabatee jidduu kana odeeffannoon garagaraa tatamsa’aa jiru. Kuun mariin kun jalqaba ji’a Sadaasaa akka adeemsisamu ibsu. Kuun yeroon akka hinmurtaa’in dubbatu. Jalqaba ji’a Sadaasaarratti kan adeemsifamu haala irratti haasa’uuf malee marii guddichi kan adeemsifamu yeroo biraati warri jedhanis ni jiru. Jaarmiyaaleen marii kanarratti hirmaachuuf asumaa achi haalduree lafa kaa’anis gadi bahaniiru. Haallisaa waldhahaafi kana sararatti hingalleedha. Haa ta’u malee Ministirri Muummichi Abiyyi Ahimad (PhD), guyyaa muudamasaanii haasawa taasisanirratti, mariin biyyaalessaa yeroo gabaabaa keessatti akka adeemsifamu kaasuunsaanii kan yaadatamuudha. Kanaaf, yoomis ta’u mariin kun adeemsisamuunsaa kan ooluu miti.

Gara yaada kootti osoon hingaliin dura yaadrimee marii biyyaalessaa (national dialog) jedhu maal akka ta’e waliin haa ilaallu.

Yaadni marii waliigalaa jedhu kun malawwan walitti bu’iinsa (conflict) ittiin hiikan keessaa isa tokkodha. Malli kun biyyoota adda addaatti yeroo adda addaatti hojiirra oolee rakkoo hiikuu danda’eera. Bakki rakkoo itti hiikuu dhadhabes ni jira. Bu’aa qabeessummaansaa haaluma qaamni rakkoo keessa jiru itti fayyadameedha. Garuu moodeelii gosa tokko hinqabu. Akkuma haalli garaa garaa jiru modeelichis garaagarummaa qabaachuu mala. Garuu yaadamoota (principles) ofkeessatti hammachuu qabantu jiru.

Yaadamoonni kunniin hunda haammata (inclusion), Iftoomina (transparency), hirmaannaa ummataa (public participation), ajandaa hiixataa (far-reaching agenda), gaggeessaa amanamaa (credible convener), seeraafi adeemsa ifaafi sirrii ta’e (appropriate and clear rules of procedures)fi karooraa ittiin raawwatu (implementation plan) kan jedhamaniidha. Yoo haala kanaan kan adeemsifamu ta’e bu’aas akka fidu qo’annoowwan gama kanaan adeemsifaman ni ibsu.

Marii biyyaalessaa yaadamoota armaan olii qabaatan kanneentu alaa nama galcha. “Waliigalan alaa galan’ jedha mitii ree Oromoon? Furtuuwwan rakkoo keessaa mariin tokkoodha. Rakkoon qawweedhaan fala argatu yoo jiraate muraasaadha.

Biyya keenya keessa rakkoon akka jiru ifaadha. Rakkoon kun obboleewwan mooraa adda addaa keessa galcheera. Mooraan tokko mootummaa dhaabee biyya bulchuuf karaa jalqabeera. Mooraan tokko qawwee qabatee mootummaa falmaa jira. Mooraan biraa haalli biyya kanaa itti bitaacha’ee akkuma bishaanii asiifi achi raafamaa jira. Kun rakkoo biyyi keenya isa guddaadha.

Rakkoo kana qaama biraatu dhufee nuuf fura jennee kan yaadnu yoo ta’e dogongora keessa jirra. Ameerikaan rakkoo kanaaf fala fiddi jechuun abjuudha. Biyyoonni Awurooppaa qoricha nuuf ta’u jedhanii yaaduun amalasaanii hubachuu dhabuudha. Chaayinaatu fala nuuf kenna jechuun fudhatama hinqabu. Mooraa kam keessallee yoo jiraatan biyyoota biraa irraa fala barbaaduun sirrii miti. Biyyoonni kunniin dhiibbaa hinqaban jechuu koo miti.

Walitti bu’uuniifi meeshaa walirratti kaasuun addunyaa kanarra kanuma jiruudha. Addunyaa kanarratti lammiin biyya tokkoo gareedhaan walqoodee waltumuniifi walfixuun haarawaa miti. Ameerikaan bara 1861-1865 (ALG), Ingilizitti bara 1642-1651, Ispeenitti bara 1936-1939tti walwaraansi ciccimoon lubbuu namaafi qabeenyaa garmalee miidhe adeemsisameera. Biyyoota Afrikaa, biyyuma keenya dabalatee, lakkaa’anii itti hinbahan. Garuu miidhaa guddaa eddii gahee booda biyyoonni mariidhaan rakkoo hiikkatan hedduudha.

Seenaa tarerraa muuxxannoofi barnootatu fudhatama. Kan biyyoonni har’a guddatanii dimokiraasii lallaban keessa darban warri amma guddinarra jiran dirqama shaakaluu hinqaban. Gaariirraa fudhatanii fokkataa irra taruu qabu. Kanaaf, jaarraa 21fa keessa jiraachaa walitti duuluufi wal ajjeesuun sirri ta’ee hinmul’atu. Rakkoo biyya keenyaa gama kanaan jiru yoo ilaallu garmalee ulfaataadha. Wanti ta’aa jiru sodaachisaadha; sodaachisaa qofaa miti. Yaachisaadhas. Kanaaf marii barbaada. Yoom? Eessatti? Akkamitti? Eenyu kan irratti hirmaatu? Itti yaadamuu qaba; kana qaama qopheessuuf dhiisuu wayya.

Rakkoo kana furuufi biyya keenya gara nageenyaafi misoomaatti deebisuuf akkuma rakkoon nu harka jiru furmaati isaas numa harka jira. Ofii walitti deebinee mari’achuu barbaachisa. Gama kanaan yeroo dhihooti mariin biyyaalessaa akka adeemsisamu ragaaleen bahaa jiru. Gama kanaan qaamni sagantaa marii kana qopheessuuf olii gadi jedhaa jiru galateeffamuu qaba. Milkaa’ina sagantichaafi marii rakkoo biyya keenyaa full’aiinsaan hiiku taasisuuf qaamni marti gahee irraa eegamu bahuu qaba.

Marii biyyaalessaa kana ilaalchisee yaadoti tokko tokko midiyaa hawaasaas ta’e kan idileerratti bahaa jiru. Eenyufaatu maarii kanarratti hirmaata? gaaffii jedhuuf kuun “jaarmiyaalee siyaasaa filannoorratti hirmaatan” jedhu. Kuun “jaarmiyaalee qabsoo hidhannoo keessa hinjirre” jedhu. Gariin waan biraa jedha. Kun hawaasa keessatti burjaaja’ina uumaa jira. Martuu ‘maxaxirii’ ofiitiin ilaalaa jira. Mariin eenyu hirmaachisuu akka qabuufi akka dhiisu qaamni qopheesse haala biyyaa ilaalee ni murteessa jedheen yaada. Meeshaa qabatanii, waraana adeemsisaa wanti marii jedhu hinjiru. Muuxannoonis kan agarsiisu kanuma.

Yaadni Doktarri Kabajaafi hayyuun siyaasaa Leencoo Lataa jedhan sunis kan bishaan kaasuudha. Kanaaf mariicha bu’aa qabeessa taasisuuf qaamni marti sirriitti itti yaaduu qabu.

Marii biyyaalessaa kana wajjin walqabsiisee, jaarmiyaaleen siyaasaa tokko tokko ejjannoo qabachaa jiru. Barbaachisummaa marii kanaarratti qaama morme hinagarre. Garaagarummaan mul’achaa kan jiru haala adeemsaafi hirmaattota ilaalchiseeti. Fakkeenyaaf; Kongrasiin Federaalistii Oromoo (KFO) n dhimma kana ilaalchisee ibsa baaseera. Jaarmiyich yaadni marii biyyaalessaa jedhu ajandaa ta’ee bahuusaa waan gaarii akka ta’e ibseera.

Hogganaan jaarmiyaa kanaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa umurii siyaasaa isaanii keessatti barbaachisummaa marii waliigalaafi araara biyyaalessaa dhaadhessaa namoota turan keessaa sadarkaa jalqabaarratti kan maqaansaanii dhahamuudha. Ajandaa kana siyaasessaa Lidatuu Ayyaalee kaasaa tureera. Jarmiyaaleen namoota lamaan kanaan hordofaman ammoo biyyattii kana keessatti siyaasa karaa nagaa adeemsisuun beekamtii qabu.

Marii kana ilaalchisee, irratti hirmaachuuf KFOn haaldureewwan qabxii afur of-keessaa qaban kaa’eera. Walwaraansaa dhaabuu, hidhamtoota siyaasaa gadi lakkisuu, marii hunda hamate gaggeessuu, qaama bilisa ta’een gaggeeffamuu akka qabu haaldureedhaan dhihaataniiru. Haaldureewwan kunniin mootummaa biratti fudhatama ni argatu moo hinargatan? Kan jedhuuf bulanii ilaaluu wayya. Karaa kamiinuu yaadni mariii biyyaalessaa jedhu, akkuman gubbanatti kaase, yaada gaariifi deggeramuu qabuudha.

Akka yaada kootti, akka yaada ummataattis jedheen yaada, mariin kun akka mikaa’u fedhii guddaatu jira. Fedhiin jiraachuun gaarii ta’ee qaamoleen ummata bakka bu’anii hirmaatan garaa garummaasaanii waldandeessisanii akka gara marii kanaatti seenan dhiibbaa gochuun gaarii ta’a.

Torban gaarii!

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You