Bayyanaa Ibraahimiin
Mootummaan Dargii gaafa sirna mootii Haaylasillaasee aangoo irraa ari’ee barcuma qabate sana ummanni biyyattii boqonnaa haaratti ce’uusaatiin osoo gammachuusaa hinxumuriin gocha sirna Dargiitiin gadda cimaaf saaxilame.
Gaafas wanti ummata biyyattii gammachiise inni guddaan mootiin Haayilasillaasee jedhamu nama Mangistuu jedhamuun bakka bu’uusaatti osoo hintaane, sirni abbaa lafaa dhaabbatuusaafi lafti abbootii lafaa harkaa fuudhamee kan qonnaan bultootaa ta’uusaatiif ture. Dhimmi lafaan walqabaturratti murteen bara sirna Dargii sun bara ADWUI ttis ta’ee bara Badhaadhinaa keessattis hingeeddaramne.
Boodarrattis gaafa sirni Dargii injifatamee mootummaan ADWUI gara aangootti dhufu ummanni gammachuusaa kan ibsachaa tureef Itoophiyaan mana hidhaa sabaafi sablammootaa turte, walqixxummaa ummattootashee waan mirkaneessiteef, mirga ofiin of bulchuu sabaafi sablammoota, amantiifi kanneen biroo waan kabajjeef ture.
Sirni ADWUI mirgoota kanneen haa kabajuu malee garuu rakkoofi gadadoo hangana hinjedhamne immoo ummattoota biyyattii irratti raawwachaa akka ture warruma gaafas biyya bulchaa turerraa dhagahuun ni danda’ama.
Rakkoofi cunqursaan sirnichi ummata biyyattii irraan gahaa ture sun immoo suuta suuta fincila ummataatiif sababa ta’aa dhufuusaatiin diigamuu sirnichaatiif sababa ta’eera. Sirni ADWUI gaafas waliin biyya bulchaa ture sun har’a adda hiramee inni tokko biyya bulchaa inni kuun immoo naannoo tokko bulchaa osoo jiranii waldhabdee jidduusaaniitti uumameen biyyattiin gatii olaanaa baasuuf dirqamtee jirti.
Yeroo garagaraatti fincilli ummata bal’aa biyyattii hirmaachiseenis ta’ee garee hidhateen jijjiirraa sirnaa fide nageenyaafi tasgabbii biyyattii yeroo dheeraaf turu fiduu hindandeenye.
Qaamni fincila taasifamaa ture keessatti qooda dursummaa fudhataa ture carraa argametti fayyadamuun biyya hogganuu malee isaan fincilichaan moo’amanis ta’ee paartilee siyaasaa biyyattii isaan biroo hirmaachisuun nageenyi itti fufiinsa qabu yeroo hojjatan hinmul’atan.
Siyaasni tasgabbii qabuufi aangoo garee tokkoo caalaa tokkummaa biyyaafi lammiilee biyyattii gama hundaan rakkoo nageenyaa jalaa baasuuf cinqamu hinuumamne.
Bineensi siyaasa Itoophiyaa nyaate hanga har’aattis yuusuu didee nageenyaafi tasgabbii lammiilee biyyattiitiif qormaata ta’uu itti fufe. Har’a immoo waraana gara kaabaa biyyattii jiruun lubbuu namaafi qabeenya barbadaa’uun cinatti lammiileen qe’eefi qabeenyarraa buqqa’anii gargaarsaaf harka diriirsan hedduudha.
Itoophiyaan har’aa daandii badhaadhinaafi badii irra dhaabbattee ijoollee egereeshee sirreessaniifi garaagarummaa siyaasaatiin alatti tokkummaashee eegsisan barbaacharratti argamti.
Paartiin tokko filannoodhaan carraa biyya bulchuu harkatti galfate jechuun paartileen kanneen biroo dhimma biyyasaanii irratti dubbachuu, qeequu, ejjannoo qabachuufi kanneen biroo gochuu hindanda’an jechuu miti.
Bakka waliigalteen biyyaalee-ssaa hinuumamnetti inni filannoodhaan moo’ates tasgabbaa’ee biyya bulchuun hedduu ulfaataa akka ta’e seenama biyya kanaa irraa hubachuun salphaadha. Osoo filannoon hingaggeeffamins dhimmi walii galtee biyyooleessaa uumuu irra deddeebiin dubbatamaa kan ture ta’us osoo hojirra hinoolin filannichi gaggeeffamee xumurame. Har’a immoo dhimmi kun akka ajandaatti ka’uunsaatuu waan barfate yoo ta’e malee waan hinbarbaachifne ta’uu hindanda’u.
Waliigalteen biyyaaleessaa immoo dhimmoota gurguddoo biyyattii irratti waloodhaan dhaabbachuudha malee filannoo paartiin tokko injifaterratti teessoo waliif hiruu akka hintaane hubatamuu qaba.
Ilaalchi siyaasaa paartileen garagaraa qaban immoo tokkummaafi birmadummaa biyyattii irratti gara moggaatti dhiibanii waliin dhaabbachuun, faayidaa biyyaa irratti waliin falmuuniifi wareera biyyaa irratti waliin duuluun walii galtee biyyaaleessaa kan jabeessuudha.
Walumaagalatti, Paartileen siyaasaa ilaalchoota garagaraa qaban kan jiraatan immoo gaafa biyyi jiraate ta’uu baruudhaan dhimma waliigaltee biyyooleessaa irratti paartiin kamuu gara moggaatti osoo hindhiibamin qixaan hirmaachuufi rakkoolee biyyattii mudachaa jiraniif fala waloo barbaaduun murteessaa ta’a.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014