Akka itti bitatan wallaalanii gabaa abaaruu akka hintaaneef…

 Bayyanaa Ibraahimiin

Bara sana bara Awurooppaanootni Afrikaa dachee dukkanooftuu jedhanii maqaa doofummaafi gadaantummaa itti moggaasanii itti baacaa turan sanatti, yeroo “waaqni nama gurraacha kan uumeef nama adii akka tajaajiluuf” jedhanii faallaa uumaa dhaabbachaa turan sana, gaafa rakkoo jala bultii makkoo.

Awurooppaanonni ardii hiyyummaafi walaallummaa jala jirtu Afrikaa barsiifnee ifatti baana jedhanii haa odeessan malee ergaansaanii inni dhokataan garuu waan biraa ture. Kunis maqaa barnootaafi amantaatiin eenyummaasaanii ummata Afrikaarratti fe’uufi qabeenya uumamaa ardiin Afrikaa qabdu saamanii warshaalee biyyasaanii dagaagsuudha.

Isa kana milkeessuuf immoo biyyoota Afrikaa hunda maloota gara garaatiin to’annoosaanii jala galfatanii akka barbaadanitti bulchuun dirqama waan tureef yaa’ii Jarman, magaalaa Birliinitti taa’ameen biyyootni Awurooppaa Afrikaa addaan hirachuuf murteeffatan.

Murtee kana dursitee hojiirra kan oolchiteefi Afrikaa keessatti sirna koloneeffannaaf jalqaba kan hirmaatte Poorchugaaliifi Ispeen akka ta’an seenaan ni mirkaneessa. Boodarra garuu Faransaayiifi Ingiliiz biyyoota Afrikaa hedduu koloneeffachuudhaan biyyoota lafa Afrikaa babal’aa qabatan ta’uunsaaniis ni yaadatama.

Seenaa kana kan kaasuu feeneef immoo lafumaa kaaneet ykn immoo afaanumatti nu dhufee osoo hintaane, haala yeroo sanaan walfakkaatutu dhufee jennaani.

Wayita biyyootni Awurooppaa Afrikaanota hunda adda qircatanii bulchaa turan sanatti biyyootni Afrikaa lama sirna kolonii kana jala galuu jalaa baraaramanii kan turan yemmuu ta’u, isaanis Itoophiyaafi Laaybeeriyaadha.

Biyyootni lameen kunniin sababuma kanaafis akka mallattoo bilisummaa ummata gurraachaattis yeroon itti fudhataman ni mul’ata.

Itoophiyaan hinkoloneeffamne jechuun immoo koloneeffachuudhaaf biyyootni yaalan hinjiran jechuu miti. Duula koloneeffannaa Afrikaarratti barfattee kan hirmaatte Xaaliyaaniin Itoophiyaa qabachuuf yeroowwan adda addaatti carraaqqii taasiftus tokkummaafi gootummaa ummattoota biyyattiitiin ari’amtee iddoo irraa dhuftetti deebiteetti.

Yeroo Xaaliyaan Itoophiyaa qabachuuf wareera lammataa (waraana Aduwaa) sanatti ummattootni Itoophiyaa mootummaa giddugaleessaa falmaa turanis ni jiru ture. Kanaaf immoo fakkeenya gaaruu kan ta’u Oromoodha. Yeroo duulli Miniliik Arsiifi Harargee qabachuuf taasisaa turetti, yeroo ummata Arsiifi Harargeetiin waldura dhaabatee jirutti waraanni Aduwaa eegalame.

Yeroo waraanni Aduwaa eegale garuu ummanni Arsii eeboo wareera qolachuuf qarateefi farda lolichaaf qopheeffate qabatee waraana Miniliik faana diina alaa biyyatti dhufe qolachuuf gara Aduwaatti socho’e.

Waldiddaan siyaasaa keessoo biyyaatti jiraatus gaafa diinni alaa dhufe tokkummaan dhaabbachuun murteessaa akka ta’e seenaan gaafas barraa’e har’a hoo eessa jira laata?

Kunoo gaafasuu Oromoon osoo mormii biraa qabuu diinni alaa dhufnaan garaagarteesaa garaatti qabatee diina alaa dhufe dura dhaababate, har’a hoo namni mootummaa amma biyya bulchaa jirurraa komii ykn garaagarummaa yaadaa qabu dhimma dhiibbaa biyyoota alaa irratti maal gochaa jira?

Sirna darbuufi nama dhuunfaa carraa biyya hoogganuu argateef jecha biyya yeroo kamuu jiraattu jibbiin garaagartee siyaasaa osoo hintaane, quuqama lammummaafi jaalala biyyaa dhabuudha.

Dhimmi biraan sirrachuu qabu immoo dhiibbaa biyyoota alaa kana hunda balaaleeffachuu osoo hintaane, maaliif ta’e jedhanii of gaafachuunis dirqama ta’a. Yeroo tokko tokko ati sirrii taatus namni hedduun yoo siqeeqe maal balleessinna jettee of ilaaluun abshaalummaadha.

Ameerikaa hanga Ingiliiziitti, Faransaayii hanga Jarmanitti, Gamtaa Awurooppaatii hanga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti adeemsa mootummaa Itoophiyaa maaliif morman? Dhiibbaafi qoqqobbiiwwan gara garaa kaa’uuf maaf akeekkachiisan? Kun deebii miiraa osoo hintaane deebii quufsaa barbaaduudha.

Biyyoota guguddoo kanneen hundaan walgaarrifannee immoo akkamitti jiraachuun danda’ama laata? Yeroo Gilobaalaayizeeshiiniin Addunyaa mandara takka gochaa jirutti Itoophiyaan kophaasheetti jiraachuun faayidaa akkamii qabaatinna laata?

Biyyootni haala kanaan biyyootni addunyaa guguddoofi dhaabbilee addunyaarraa kophatti of baasan Kooriyaan kaabaafi Ertiraan har’a maal keessa jiru?

Walumaagalatti, Itoophiyaan waraanaan biyyoota Awurooppaafi Lixaa kamiifuu jilbeeffattee hinbeektuun dhaadannoo dhugaati, Itoophiyaan biyyoota guguddoo addunyaa hedduu irraa kophatti of baaftee jiraachuu dandeessiin immoo of sabuudha.

“Akka itti bitatan wallaalanii gabahaa hinkomatan” akkuma jedhamu dippilomaasii addunyaa akka itti hojjatan wallaalanii orma komachuunis eessaanuu nama hinga’u waan ta’eef irra deebi’amee ilaalamuu qaba.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You