Barnoonni ammayyaa babal’achuu dhabuufi rakkoo ilaalcharraan kan ka’e Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa gara garaa keessatti aadaan dubartoota aangessuu gadaanaa ture. Sababuma kanaan dubartoonni bakka bu’aa buusuu danda’anitti ramadamanii firii quubsaa ta’e galmeessisuuf daangaa itti ta’ee rakkachaa turaniiru.
Jijjiiramoota siyaas-dinagdee hoggansa Doktar Abiyyiin mul’achaa jiran Itoophiyaaf miti addunyaaf gaaffii ta’uurra darbee haala nama ajaa’ibsiisuun aadaan dubartoota aangessuu biqiluun daraaree ija godhachuu kan eegale fakkaata.
Dhimma kana ilaalchisuun dippiloomaatonni yaa’ii Gamtaa Afrikaa 32fa baranaa Finfinneetti adeemsifamerratti hirmaatan tokko tokko akka jedhanitti, jalqabbiifi bu’aan galmaa’aa jiru aanga’ota Afrikaa birootiif fakkeenyummaan kan eeramuudha.
Aanga’onni Afrikaa hedduunsaanii barcumasaanii of jalatti eeggachuun hanga soorama bahanitti aangoorra turuun alatti dubartoota gara aangootti fidanii jijjiirama biyyaa keessatti qooda akka fudhatan taasisuun hangana hinbaramne.
Dhimmichi biyyoota Afrikaa muraasatti sadarkaa jalqabbiirra jiraatus hangas mara quufsaa ta’ee argamee hinbeeku. Pirezidaantiin Koree Daldalaafi Invastimentii Paan Afrikaa, Doktar Amaanii Asfoor wayita yaa’ii Gamtaa Afrikaa dhiyeenya Finfinneetti geggeeffamerratti hirmaachuuf dhufan yaada addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaiin akka jedhanitti, aadaan dubartoota aangessuu Ministira Muummee RFDI, Doktar Abiyyiin eegalame fakkeenya irraa baratamuu qabuudha.
Doktar Abiyyi Ahmad waadaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dura dhaabatanii galan hojiitti hiikaa jiraachuunsaanii bilchina hoggansaa qaban agarsiisa jedhanii, gochaansaanii kun ammoo Afrikaanota aangoof watwaataniif fakkeenya gaarii ta’uu kan danda’u ta’uu eeru. Aanga’onni Afrikaa hedduun aadaa aangoo dubartootaaf qooduu gabbifatanii hinbeekan kan jedhan pirezidaantittiin, jalqabbii Itoophiyaa kanarraa barumsa fudhachuuf kan isaan gargaarudha.
Yeroo ammaattis aadaan dubartoota hoggansatti fiduu Itoophiyaa keessatti dhiiraan qixa ta’uunsaa hedduu kan nama gammachiisudha jedhan. Sosochii gama kanaan Doktar Abiyyi taasisanis hoggantoota Afrikaa hojii fakkeenya gaariin maqaansaanii ka’u keessaa kan jalqabaa akka ta’an isaan taasisuu eeru. Afrikaatti aangoof jecha namoonni walajjeesuufi walirratti duuluun duubatti hafummaadha kan jedhan Doktar Amaaniin, jalqabbii Doktar Abiyyirraa barachuun barbaachisaa akka ta’eedha kan kaasan.
Yeroo ammaattis aadaa dubartoota aangessuu Itoophiyaan dhibbantaa 50n dursaa kan jirtu yoo ta’u, Pirezidaantiin Ruwaandaa, Paawul Kaagamee dhibbantaa 30 hirmaachisuudhaan sadarkaa 2farratti argamu jedhan.
Akka ibsa Doktar Amaaniitti, bu’aan sosochii gama kanaan Itoophiyaatti galmaa’aa jiru yeroo dhiyoo Doktar Abiyyii Ahmad aangootti dhufani wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu kan hintilmaamamne garuu milkaa’ee argameedha.
Aanga’onni biyyoota Afrikaa yaa’ii gamtichaarratti argaman aadaa dubartoota aangessuu kana akka galteetti fudhachuun of jijjiiruu qabu. Namoonni ilaalcha gadaanaa dubartootarratti qaban hedduunsaanii jalqabbii Doktar Abiyyitti mufatan jiraachuullee kan himan pirezidaantittiin, bu’aa dubartoonni aangeffaman galmeessisaa jiran wayita arganitti akka afaan qabatan isaan taasiseera jedhu.
Dubartoonni hojii kam keessattuu bobba’anii firii quufsaa galmeessisuu kan dandahan ta’uu himanii, yeroo ammaattis gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaatiin firiin dubartoota Itoophiyaa keessatti aangeffamaniin galmaa’aa jiru kan nama boonsu ta’uu dubbatu. Aangoo hawaasa bal’aa namatti kenname kanatti haalaan fayyadamanii bu’aatti jijjiiruun ammoo dirqama dubartootaa ta’uu kan ibsan Doktar Amaaniin, miira dandeettii dubartootaa qabatamaan mirkaneessuuf dubartoonni tattaafchuu akka qabanis gorsu.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa waggaa waggaan gaggeeffamu walitti qabamanii waljajjabeessuufi tokkummaa ijaaruuf qofa osoo hintaane walirraa barachuufis akka ta’e kan dubbatan ammoo Moodelistii Gamtaa Afrikaa bara 2019 lammii Zaambiyaa kan taate Durbee Lukuweessaa Noo’ini. Akka moodelistiin kun jettutti, dubartoonni haadha ogummaa waamaraa yoo ta’an, daangaa ilaalcha balaafamaa dubartoonni hindanda’an jedhuun ijaarameen gahumsi dubartootaa akka ukkamamu ta’aa tureera.
Ta’us jalqabbiin Itoophiyaa keessatti eegalame kun fakkeenya irraa baratamuu qabu ta’uu himteetti. Moodelisti Lukuweessaan yeroo jalqabaatiif gara Itoophyaa akka dhufte himtee, hirmaannaa dubartoonni Itoophiyaa hoggansa keessatti argachaa jiranitti gaammaduushii eerti.
Dubartoonni aangoon itti kennames kutannoon hojiisaanii mo’atanii gahumsasaanii mul’isuu akka qabanis dhaamteetti. Afrikaatti dubartoonni aangeffamaa jiran isaan biroof fakkeenya gaarii ta’uun tajaajilaa kan jiru yoo ta’u, gahumsa dhiiraan duuba harki dubartii jiraachuu qabatamaan mirkaneessuuf kan daran gargaaru ta’uus ibsiteetti.
Walumaagalatti, aadaan dubartoota dhiiraan qixa aangessuufi hojii mara keessatti hirmaachisuu daangaa tokko malee babal’achuu kan qabu yoo ta’u, bu’aa mootummaan Itoophiyaa gama kanaan galmeessiseefi shoora aanga’onni kun dameewwan mara keessatti argamsiisan hoggantoota Afrikaa birootiif galtee irraa baratamuu qabu ta’ee kan tajaajilu ta’uun hubatamuu qaba.
Bariisaa Guraandhala 29/2011
Waasihun Takileetiin
7 Comments to “Dubartoota aangessuun ammallee aadeffamuu qaba”