Dhalli namaa erga dhalatee ni guddata, ulfaatinaan, dheerinaan waan hundaan dabalaa deema. Seelonni qaama namaa keessaa yeroo yerootti du’aa, dhalataa, jijjiiramaafi bakka walbuusaa deemu.
Fakkeenyaaf seelonni dhiigaa diimaa qaama namaa Umuriin isaanii guyyaa 120 qofaa dha. Guyyoota dhibbaaf digdama kanaa booda seelonni dhiigaa diimaa (red blood cell) kun guutummaatti kan haaraa ta’aniin bakka bu’aa deema jechuudha.
Seelonni gogaa keenya uwwisanii jiranis akkasuma qunca’anii badaa haaraadhaan bakka bu’aa deemu. Haa ta’u malee seelonni qaama keenyaa yoo du’anii kan biraan bakka bu’an, haala walmadaalaa ta’ee fi baay’inni garmalee hin daballe, garmalees hinhir’anneeniidha.
Dhukkubni kaansarii gosaan hedduu adda addaa ta’us akkaataan dhukkubichi itti eegalu walfakkaataadha. Sunis kaansariin yoo nama qabatu, seelonni qaamaa yoo tokko du’ee tokko bakka bu’aa deemu haala walmadaalaa ta’een dhiisee seelii haaraa uumamaa deemu to’annaa ol garmalee baay’ata.
Seelii lakkoofsaan hedduu to’annaa ala ta’etu uumamaa deema jechuudha. Seelonni uumaman kunniin ammoo akkuma akaakuu kaansarii sanaatti adda addummaa kan qabaniidha. Fakkeenyaaf kaansarii dhiigaa kan jedhamu yoo seelonni dhiigaa to’annaa ala garmalee baay’ataniidha.
Kaansariin harmaa akkasuma seelonni harmaa, kan gadameessaa seelonni gadaameessaa yoo to’annaa ala baay’ataniidha. Akkasuma qaamonni biroos yoo seelonnisaanii garmalee baay’atan maqaasaaniin kaansariin sun moggaafamaa deema.
Kaansariin maalirraa ka’uu mala?
Walumaagalatti ka’umsi kaansaroota hedduu kan hinbeekamne ta’uu baatus, kanneen muraasa ta’aniif garuu haalonni dhukkuba kaanserii kanaaf sababa ta’an ni beekama. Fakkeenyaaf kaansariin ulaa gadameessaa (cervical cancer), vaayirasii ‘human papilloma virus’ (HPV 16, HPV 18)tu nama saaxila.
Akkasumas kaansariin sombaa gara dhibbeentaa 90 (90%) sababa tamboo aarsuu dhufa, kaansriin tiruu ammoo sababa infekshinii vaayirasii hepatitis Bfi ‘hepatitis C’ carraan nama qabuusaa daran jiraata. Wantoonni dhukkuba kaansariif nama saaxilan ykn carraan kaansariin qabamuu akka olka’u taasisan hedduutu bira ga’ame.
Fakkeenyaaf akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti lubbuu namaa waggaa waggaan sababa dhukkuba kaansariin darbu keessaa dhibbantaan 33.3 sababa amaloota dhala namaa lakkoofsaan shan ta’anii kan namatti dhufuudha jedha. Amaloonni shanan kunniinis:
1. Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu (high body mass index).
2. Fuduraafi kuduraalee baay’isanii nyaachuun dhabuu (low fruits and vegetables intake).
3. Sochii qaamaa taasisuu dhiisuu (lack of physical activity).
4. Tamboofi waantoota tamboo ofkeessaa qaban akka shiishaa aarsuu (smoking tobacco)fi
5. Dhugaatii alkoolii fayyadamuu (alcohol use) dha.
Walumaagalatti waantoota kaanseriif nama saaxilan lakkoofsa hedduu kan ta’aniifi tarreessuuf kan hinmijanne ta’us, kanneen akka keemikaalota tokko tokko (akka radon fi asbestos), xiyya (radiation) sababa garagaraatiin namatti ba’u, tamboo, infeekshinoota adda addaafi kkf beeknee irraa of eeguun dirqama.
Keessumaa tamboon qofaadhumasaattiillee yoo adda baafnee ilaalle namoota sababa dhukkuba kaansariin waggaa waggaatti du’an keessaa dhibbantaa 22 ta’aniif sababa ta’a. Akkasumas infekshinoonni akka ‘HPV’fi ‘Hepatitis Virus’ ammoo dhibbantaa 26 ta’aniif sababa ta’u. Kanneen lamaanirraallee yoo of eegne carraa kaansariidhaan du’uu keenyaa hedduu gadi buufna jechuudha.
Dhiituu hundi kaansariidhaa?
Yeroo tokko tokko qaama namaarratti dhiitaan bakkawwan addaa addaatti ni ba’a. Namoonnis akkuma dhiituu kana argaa deemaniin kaansariitu na qabe sodaa jedhuun hedduu na’uufi shoroorka’uu malu.
Haa ta’u malee dhiitaan waan qaama namaarratti ba’eef qofa kaanseriidha jechuun miti. Dhiituun tokko tokko akkuma kaansarii baay’achuu seelota irraan kan dhufu ta’us, qaama tokko irraa gara qaama biraatti hinfaca’u, lubbuus hingalaafatu. Fakkeenyaaf ucubni (quufni mormaa) ykn (goiter) sababa hir’ina elementii ayoodiniirraa dhufu, dhiita’uu mormaa fida. Kun garuu kaansarii miti.
Kanneen biroos akkasuma dhiituu qaamaa ta’anii garuu dhukkuba kaansarii hintaane jiru. Haa ta’u malee akkuma dhiituun kaansarii hintaane, ucuba sababa hir’ina ayoodiniin dhufu morma irratti ba’u, kaansariin dhiituudhuma ucuba fakkaatee ba’us ni jira. Kanaaf dhiitaan tokko kaanserii ta’uufi ta’uu dhiisuusaa kan sirriitti adda baafannu erga mana yaalaa deemnee qoratamnee booda.
Kaansariin akkamiin lubbuu galaafata?
Kaanseriin tarii osoo qaama tokkorraa gara qaama biraatti jan darbu miti ta’ee lubbuu galaafachuu hindanda’u ta’a. Fakkeenyaaf kaanseriin harmaa osoo harma irraa gara qaama biraatti hin darbu ykn hin faca’u ta’ee, harmuma qofa hubee, namni harma malee jiraachuu waan danda’uuf lubbuu hingalaafatu ture.
Haata’u malee kaansariin kan lubbuu galaafatu yeroo hedduu qaama miidhame sana qofa hubuudhaan miti. Kaansariin akkuma namarra turaa deemeen, qaamarraa jalaqabe gara qaama biraatti ce’aa deema. Qaamni itti faca’us kan ollaa jiru, fakkeenyaaf kaansariin harmaa gara xan’acha bobaa jalaa gama harma sanaan jiruutti ta’uu danda’a.
Akkasumas kaansariin qaama hube sana irraa qaama fagoo jirutti ce’uu danda’a, akka fakkeenyaatti kaansariin gadameessa keessaa kan ‘choriocarcinoma’ jedhamu, gadameessarraa gara sammuutti faca’uu danda’a. Kaansarii qaamarraa ka’ee caalaatti, sababa qaama itti faca’ee lubbuu galaafachuu mala. Fakkeenyaaf kaanseriin harmaa, harma irraa gara sombaatti faca’uudhaan, somba hubee akka namni qilleensa hinfudhanne taasisee lubbuu galaafachuu mala.
Kaansariin yaalamee fayyu jiraa? Kaansariin tokko isa kaanirraa wayyuu ni danda’aa?
Gaafa waa’ee kaansarii kaasnu jalqaba sammuu namaa keessa kan dhufu, yaalaa dhabuusaafi marartoo tokko malee lubbuu galaafachuunsaati. Kaansariin dhukkuba hamaa ta’ee osoo jiruu, hamaan tokko hamaa kan biraarra akka wayyuu malu garuu beekamaadha.
Kaansariin tokko tokko, erga namarratti mul’atanii booda yeroo gabaabduu qofa lubbuun nama jiraachisu. Fakkeenyaaf kaansaroota dafanii nama ajjeesanii kana kan ta’an: kaansariin rajiijii (pancreatic head cancer), kaansarii sombaa (lung cancer) fi kaansarii mar’umaanii (colon cancer) fa’i. Kaansariin tokko tokko ammoo erga namarrattii mul’atanii booda turtii waggoota dheeraa olii booda kan lubbuu galaafatan, dafanii hinajjeesan jjechuudha.
Yaala kaansarii wajjin walqabatee hanga ammaa qorichi ykn wal’aansi guutummaatti dhukkuba issa fayyisu dhabamus, yoo xiqqaate garuu qorichoonni akka lubbuun namaa lafarra turu taasisan, akkasumas haga lubbuun turanitti jireeya jibbisiisaa ta’e hinjiraanne gochuuf nama gargaaran ni jiru.
Akkasumas kaansaroonni tokko tokko akka kaansarii xan’acha liimfii (Hodgkin lymphoma)fi kaansarii cidhaanii (testicular cancer), carraa yaalamanii yoo xiqqaate yeroo muraasaaf fayyuu (itti deebi’uu mala waan ta’eef) qabu. Yaalli kaansariif kennamu yeroo hedduu sadarkaa dhukkubni kaansarii sun irra jirurratti hundaa’uun waladda ta’uu mala. Yaalli dhukkuboota kaansariif kennaman walumaagalatti:
- Qorichoota seelota garmalee baay’atan san ajjeesan (Chemotherapy)
- Yaala muranii baasuu (surgery)
- Xiyya cimaadhaan seelota kaansarii san ajjeesuu (radiation therapy) ta’uu malu.
Kaansariiwwan tokko tokko garuu yaala ofiisaanii kan adda ta’e qabaachuu malu. Fakkeenyaaf kaansariin dhiigaa tokko tokko, sirna lafee kan seelota dhiigaa omishu kan namni fayyaan gumaache fuudhanii qaama nama dhukkubsate sanaa keessa kaa’uudhaan (bone marrow transplant) yaaluun ni danda’ama.
Kaansariin akka addunyaatti lubbuu hagam galaafata?
Akka addunyaatti walumaagalatti dhukkubni kaansarii lubbuu namaa galaafachuudhaan sadarkaa lammaffaarra kan jiru yoo ta’u, walumaagalatti waggaa takka qofa keessatti namoota miliyoona 9.6 ol galaafata.
Dabalataan kan nama gaddisiisu ammoo namoota akka addunyaatti sababa dhukkuba kaansariin lubbuun darbu keessaa dhibbantaa 70 kan ta’u, biyyoota galii gadaanaafi giddugaleessaa keessa jiraatan keessatti. Du’aatii namoota biyya guddataa jirtu keessaa kanaafis akka sababaaatti kan taa’e:
- Sababoota kaansariif nama saaxilan tokko tokko akka vaayirasii human papilloma (HPV)fi vaayirasii tiruu akaakuu “B” fi “C” baay’inaan biyyoota guddataa jiran keessatti waan baay’atuufi.
- Dhukkuba kaansarii kana kan ittiin adda baasanii beekan (yoo adda baasan malee yaaluun waan hindanda’amneef) biyyoota guddataa jiran keessa hinjiru, yoo jiraates bakka baay’ee murtoofte qofaatti argama.
- Yaalli dhukkuboota kaansarii hedduu biyyoota guddatan qofa keessatti kan argamuufi gatiin qaalii kan namni biyyoota guddataa jiranii kaffaluu hindandeenye waan ta’eefi.
Lubbuu namaa qofa osoo hintaane dhukkubni kaansarii akka biyyaatti kasaaraa dinagdee guddaa biyyarraan ga’a. Fakkeenyaaf, ALA bara 2010 akka dhaabbanni fayyaa addunyaa gabaasetti, waggaa sana keessatti baasiin akka addunyaatti dhukkuba kaanserii qofaa irratti ba’e doolaara Ameerikaa tiriliyoona 1.16 kan ta’uudha. Kun ammoo biyyoota harka qal’eeyyii akka biyya keenyaaf sirritti nuuf gala jedheen yaada.
Fayyaan Faaya!
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014