Torban lammaffaa ji’a Fulbaanaa 2014 irraa eegalee biyyattiin ajandaa haaraan qabamteetti. Ajandaan kun ajandaa mootummaa haarawaa hundeessuti. Bu’uurrisaa filannoo 6fa baatii Waxabajjii bara 2013 adeemsisame.
Naannolee keessaa Caffeen Oromiyaatu durse. Fulbaana 15/2014 yaa’iisaa adeemsise gaggeesitoota filate. Eddasii kaasee sagantaan kun ittifufee torbee kana hundeeffama mootummaa federaalawaan xumurameera. Haala kanaan naannolee biyyattii hedduun mootummaa haarawaa dhaaban ykn hundeessuniiru. Bulchiisni magaalaa Finfinneefi Dirreedaawaa akka seeraatti manneen marii hundeessanii kantiibaa filataniiru.
Akkuma beekamu naannooleen Waxabajjii 14/2013 filannoo hin adeemsisin ni jiru. Filannoo gaggeessuu dhiisuusaanitiifi sababni nageenya isa tokko. Kan biraas jiraachuu danda’a. Nannoleen kunniin naannoo Beeniishaangul Gumuz, Harariifi naannoo Somaaleeti. Kan naannoo Tigraayi wantisaa hin beekamu. Naannoleen kunniin mootummaa hin dhaabbanne. Bakka bu’oota mootummaa federaalawaas hin ergine. Fulbaana 20/2014 filannoo waan geggeesaniif bu’aa filannoo kanarratti hundaa’anii mootummaa isaanii akka hundeeffatan ni eegama. Bakka bu’oota mana mareetiifi federeeshiniis akka ergan ni abdatama.
Haa ta’u malee osoo hunduu filannoo yeroo tokko gaggeessee bakka bu’oonnis bakka tokkotti argamanii gaarii ture. Amma harcaatiin mul’ateeraa. Naannoleen kunniin mootummaa haarawa akka federaalatti torbee kana keessa hundeeffame keessatti jechisaanii hin jiru. Deeggeruu ykn morumuu. Kun akka adeemsa sirna dimokiraasitti harcaatiidha.
Kan mootummaa naannolee bira tarree kan mootummaa federaalawaa hubannoon ilaaluun gaarii ta’a. Sagantaa torbee kana keessa adeemsisameen muudamoonni adda addaa kennamaniiru. Caffeen Bakka Bu’oota Ummataa affyaa’ii duraan turan bakkatti deebisee filateera. Manni Maree Federeeshinii, Ob. Aganyew Tashagar, Pirezidantii naannoo Amaaraa kan turan, Afyaa’ii taasisee Muudeera. .
Mannen Marii lamaan eddii filannoo adeemssiasn booda manni Maree Bakka Bu’oota ummataa dhiheessii Paartii Badhaadhinaatiin Abiyya Ahimad ( PhD) muummicha ministeeraa taasisee irra deebi’ee muudeera. Muummichi ministraa roobii tare Kaabineesaa Mana Maree bakka bu’ootatti dhiheessanii raggaasisiifataniiru. Muudamoonni kaabineee guddichi raawwateera. Namoonni lakkoobsan xiqqaa hinjedhamne naannoo aangootii hinsochoone.
Dirqamas socho’uu hinqaban. Garuu hojiinsaanii kan duraa sirriitti xiinxalamee laata? Gaaffiin kun mana maree keessattis ka’aa tureera. Dhimma xiyyeeffannoofi duuka bu’iinsa barbaaduudha
Akkuma waliigalaatti Muummicha Ministraa dabalatee warra sadarkaa hundattuu muudamtan baga muudamtan. Bara hojii kan milkii, kan biyyattiin itti guddattu, kan nageeny itti bu’u, kan jireenya hawaasaa itti salphatu, kan qaala’iinsi jireenyaa itti fooyya’u isaaniif haa ta’u.
Muudama jechuun itti gaafatama guddaa kan ummanni namatti kenne baachuu jechuudha. Kanaaf, muudamni kun muudama yeroo haala hamaa keessa jirtu kenname waan ta’eef ammas Muummicha ministraa dabalatee muudamtoota hundarra ba’aa guddaatu jira. Haalli jiru kan boqonnaa namaa laatuu miti. Kan yeroo irriibaa namaa kennus miti. Kan bashannanaa nama yaachisuu miti. Kan maatiifi waatii koo nama jechisiisuu hin ta’u. Ummataaf of kennanii rakkoo ummataafi biyyattii hiikuuf kan carraaqqii cimaa barbaadudha.
Gara sagantaa muudama muumicha ministraatti deebi’ee waan xiqqoo haa jedhu. Sagantaan haala adda ta’eefi sirna hoo’aadhaan gaafa Fulbaaba 24/2014 Addabaabaayii Ummataatti adeemsisameera. Sagantaa bareedaafi hawwataadha. Ani biyya kanatti sagantaa muudamaa akkanaa kan qophii guddaan itti taasisame, kan hogantooti biyya alaa irratti hirmaatan argee hin beeku.
Sirran kanarratti, hooggantooti biyyoota Afriikaa shan argamaniiruu. Argamuu qofa osoo hin taane haasawa mimiidhagaafi dhaamsa gadi fagoo qabu taasisaaniiru. Haasawa isaanii keessatti dhaamsi guddina biyyattii, nageenya,…ollummaa garii walqabatan kan xiyyffannaan kennamuufi qabuudha. Nageenyi biyya kanaa biyyoota olla hagam akka xuqu waan hedduutu irraa hubatama. Halli biyyi olla biyya Xoobbiyaa itti ilaalaniifi itti hubatan haasawasaanii keessatti kan calaqisse nutillee deebinee akka of ilaallu kan nu taasisuudha.
Pireezidantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa haalli Xoobbiyaa ittiin ibsan ajaa’ibsiisaafi hiika gadi fagoo dhaamsa guddaa kan qabuudha. Xoobbiyyaan Keeniyaafi biyyoota Afriikaatiif maala akka taate kan haala midhaagaafi beekumsaan guuttameen ibsameedha.
Pireezidaantiin Jibutii, Umar Giille, wanti isaan dubbatan copha qaba. akka lammii biyya jibutiititti osoo hin taane akka lammii biyya kanaatti Xoobbiyaaf dhimmanni dubbatan. Kan biyya kanatti abbootii aangoo olaanaa dabalatee namoonni jechuufi dubbachuu hin feene, ‘baga ayyaana irreechaa geessan” jedhanii ayyaana kanaaf beekamtii kennuunillee waan guddaa jecha xiqqaan ibsameedha. Pireezidaantii jalqabaa ayyaana kanaaf beekamtii kennan jedheen yaada. Ayyaana kanaaf beekamtii kennuun ammo ummata oromootiif beekamtii kennuudha. Asumaan galatoomaa jechuuniin fedha.
Akkuma beekamu mootummaan haarofti chaaleengii hedduu keessaa darbee kan hundeeffameedha. Ammas ajandaawwan biyyaa ciccimootu isa eeggachaa jiru. Haalli nageenyaa biyya keenyaa xiyyeeffannaa addaa mootummaa irraa barbaada. Sababa nageenyaatiin diinagdee biyyattii waraanni nyaachaa jira; dinagdeen waraana keessa jiru dinagdee rakkoo keessa galeedha. Qaala’iinsi jireenyaa kan furmaata barbaaduudha. Hariiroon biyyattiin biyyoota alaa waliin qabdu kan xiinxalamuu qabuudha. Xiinxalamu qofa osoo hin taane kan tarkaanfii michooma gaarii uumuu danda’au adda addaa barbaaduudha. Kana jechuun birmadummaa biyyattii dabarsanii kennuu jechuu miti. Haala kennannii fudhachuu jedhu sanaan deemuu kan qabuudha. Haala faayidaa biyyattii eegsisuun kan deemuu qabuudha.
Ijoo dubbii haasawa muudamtootaa keessatti xiyyeeffannaa argatan keessaa tokko dhimma nageenyaati. Pireezidant Saahila Warq Zawudee haasawwa sagantaa baaniinsa bara hojii haarawaa manneen marii lamaanirratti taasisaani bara kana nagaa biyyattii buusuuf xiyyeeffannaan akka kennamu ibsaniiru. Muummichi ministraas dhimma kana kaasanii gama hundaanuu nageenyi biyya keenyatti akka bu’u waan irraa eegamu mara akka taasisan xuxxuqaniiru. Nagaa kana buusuudhaaf qaama karaa nagayaa socho’uuf fedhii qabu mara wajjiniinuu marii taasisuuf fedhii akka qaba, fedhii qabaachuu qofa osoo hin taane akka xiyyeeffannaa kennanniif wanti abdii namaaf kenne dhagahameera. Kun waan gaarii ummanni eeguudha. Pireezidaantittiinis barbaachisummaa araara biyyaa ilaalchisanii xiyyeeffannaa kennaniifi dubbachuun saanii abdii namatti horeeraa. Hojiirraa oolmaasaa dhihootti kan eegnu ta’a.
Hasawa Pireezidaantii biyyattii keessattii qabxii xiyyeeffannaa guddaan kennameef keessaa kan biraa dhimma qaala’iinsa jireenyaati. Akkuma beekamu qaala’iinsi jireenyaa biyya keenya keessatti rakkoo guddaa ta’eerax. Qaala’iinsa jireenyaatiif waantoota sababa ta’an keessaa rakkaa nam-tolchee, rakkoowwan saayinsii diinagdeetiin walqabatan, waranaa, koovi-19 fi kanneen ni eeramu. Rakkoo kana furuuf tarkaanfiin mootummaan fudhachuu eegale ni jira. Tarkaanfiin dabalataa kan fedhiifi dhiheessii shaqaxaa walsimsiisu fudhatamu qaba. Gama kanaan qamoleen mootummaa marti gaheen irraa eegamu guddaadha. Keessattuu qaamni raawwachiistuu gabaa tasgabeessurratti xiyyeeffatanii hojjechuudhaan ummata baraaruu qabu.
Qaamni mootummaa sadii’i. Qaama seera baasaa, qaama raawwachiisaafi qaama seeraati. Akka Xoobbiyaatti qaamni seera baasaa haarofti jechuunis manni marii bakka bu’oota ummataa haala haarawaan hundaa’eera. Haaluma walfakkaatuun qaamni raawwachiisaa kan muummicha ministraatiin hoogganamu bifa haarawaan dhaabbateera. Qaama seeraa irratti ammaaf jijjiram hin agarre. Kanuma dura jirutu itti fufe. Qamoleen sadeen kunniin walta’uudhaan rakkoo biyya kanaa ni hiiku jedhamee yaadama. Imaanaan itti kenname guddaadha. Imaanaa ummataa kana galmaan gahu jedhamee abdatama. Kakuun ummata fuulduratti kakatame eegamuu qaba.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014