Bara haaraa. Miiraa haaraa, afuura haaraa, kaka’umsa haaraa… fedhii dhala namaati. Waan xiinsammuu namaa keessaa yeroo hunda jiruudha. Garuu akkuman kanaan dura jedhe waggaa qofa osoo hin taane guyyaan itti aanus haarawaadha. Haaraa-waan gaariifi fokkataa qabatee dhufuudha.
“Bara haarawatti maal yaadda?”jedhee hiriyaan koo tokko na gaafate. Deebiin koo tokko qofa. Gabaabumattii “Nageenya” kan jedhuudha. Kana barreeffama koo turban taree keessatti sirriit ibseera. Karoorri hunduu nagayaa booda kan dhufuudha.
Yoo nama waraana daldalu; waraanarraa bu’aa argatu ta’e malee namni hedduun akkuma koo dhimma nagayaa yaada. Miidiyaa biyya keenyaa (hundaa miti) kan heddumminaan taatee gabaasurra waraana dhaadhessaafi lallabaa oolaan irratti jidduu kana waan gaarii argineerra; dubbisneerra.
Nageenyaaf waamichi dhihaachuusaa. Kuunis sagalee nageenyaa kana lallabuutti dhufuu qabu; yoo itti gaafatamummaan hawaasaa itti dhagahame. Ummati keenya waraanaan diina m\o’ata malee walhinmo’atu.
Weebsaayitii Gaazexaa “Riipportar’ darbee darbee nan mil’adha; oduu xiqqoo addaa ta’e waanan argadhuuf. Maxxansa torbee darbeerra (Fulbaana 2/2014) mataduree “Dhaabbileen Siviilii biyya keessaa 24 yaamicha nagayaa dhiheessan” kan jedhu argeen dubbisuu ittifufe. Fedhiifi qalbii koo waan hawateef. Bu’uura barreeffama koo kan har’aas taasifadhe.
Ibsi waldaaleen baasan kun ergaa gaarii of keessaa qaba. Jala bultii bara haaraa wajjin walqabatee bahuunsaas dhaamsa mataasaa qaba. Barri haaraan, 2014 xiyyeeffannaansaa nagayaa ta’uu qaba kan jedhuudha. Barreeffama koo Fulbaana 1/2014 baherratti dhimmi nageenyaa ajandaa muummee biyya kanaa ta’uu akka qabu balballoomseeraa.
Yaamichi waldaaleen siiviilii biyya keessaa dabarsanillee fedhii koo qofa osoo hintaane fedhii ummata bal’aa Xoobbiyaa kan of keessaa qabu waan ta’eef yaada kana deegaruun barbaachisaadha. Irra deddeebi’anii irratti mari’achuun, irra dedeeebi’anii irratti yaada waljijjiruun fala rakkoo keenyaati. Kiyyoo akka biyyaatti yeroo ammaa keessa seennee keessaa bahuuf waraanni qofti fala akka hintaane mallattoon mul’achaa jira.
Waldaaleen siviilii kunniin rakkoo yeroo ammaa biyyi keenya keessa sababa walitti bu’iinsaatiin uumame xuxxuqanii daandiin furmaataa gara nagaatti deebi’uu qofa akka ta’e eeraniiru. Akkuma beekamu yeroo ammaa walitti bu’iinsi mootummaafi murnoota adda addaa naannawa biyyattii hedduu keessa jira.
Walitti bu’iinsi Tigraayitti uumame waggaatti siqaa jira. Kan mootummaan yaade yeroo gabaabaa keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuun naannooniifi ummanni Tigraayyi bittaa dhaabbata abbaa irree “TPLF’ jalaa akka ba’u taasisuudha. Osoo haala yaadameen xumuramee gaariidha.
Garuu karoorri olaantummaa seeraa kabachiisuuf jedhuun jalqabame akka yaadametti yeroo gabaabaa keessatti hin xumuramne. Yeroo dheeraa fudhataa jira. Ji’a lamaa as ammoo walitti bu’iisni kun Tigraayi keessaa bahee naannoo Amhaaraafi Affaaritti babal’ateera. Miidhaa guddaa uummaas jira. Ministeerri Nageenyaa biyyatti torbee kana akka ibsetti Naannoo Amaaraa keessatti qofa namoonni miliyoona afur caalan rakkoof saaxilamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Naannoon Affaar balaa kanaaf saaxilamee ture. Akkuma waliigalaatti naannolee biyyattii sadii keessatti mootummaafi humni badii ‘TPLF’ walwaraansa sadarkaa guddaa kan meeshaalee waraanaa guguddoo adeemsisaa jiru. Waraanni kun karaa kamiinu fala argachuu yoo hin dandeenye miidhaan ummatarra gahu dabalaa deema. Dinagdee biyyattiillee nyaachaa jira.
Sababa walitti bu’iinsa qaamolee addaa addaa jidduutti ummameen lubbuun namoota siiviilii hedduu darbeera. Lakkofsisaa walitti ida’amee ifaan ba’uu baatus Tigraayi, Amaaraa, Beensihaangul Gumuuz, Oromiyaafi Naannoo Ummatoota Kibbaatti ummata siviiliirra miidhaan dhaqqabeera. Bakka Maaykadraa jedhamutti lubbuun namaa dhabame nama gaddisiisa. Gochaa balaalefatamuu qabuudha. Akkasumas Aksuum, Gaaliikomaa (Affaar) Matakkaliifi kkftti yeroo yeroon wanti qalbii namaatti hintolle, kan faallaa naamusaafi dhuudhaa ummata biyya kanaa ta’an dhagahamaniiru.
Namoonni qe’eesaaniitii buqqa’an daa’ima, haadholii, maanguddoota dabalatee kuma dhibbaatamaan lakkaa’amu. Xoobbiyaan dur baqattoota biyya hambaa ofitti qabdee kunuunsitu yeroo ammaa lammiinshii qeyeesaanitii buqqa’anii kuun biyya hambaatti baqataniiru. Kunuunsa ummata biyya ambaatiifi deeggarsa kajeellataa oolu. Kuun biyya keessatti firaafi lammii akkasumas mootummaatti baqateera. Kanneenis agabuun, roobni gannaafi qorri mankaraarsaa jira. Makaraawwaani kan walitti ida’amanii gatiin nageenyaa meeqa ta’a laata? Akka jennee gaafannu kan nama taasisu.
Warraanni dinagdee qofa hinmiidhu. Aadaafi safuu ummataallee ni jeeqa. Sababa waraanaatiin qaama hawaasaa dafanii rakkoof saaxilaman keessaa dubartooti tokkoodha. Kan fedhii malee saalqunnamtiif dirqaman dubartoota hedduudha. Dubartooti rakkoo dandamachuuf daladala saalquunnamtiitiif gabaa of baasanillee ni jiraatu.
Ijoollee durbaarratti guddeeddiin ni raawwatama. Kun amala waraanaati. Rakkoowwan hundi waan waraana keessatti nama quunnamaniidha. Rakkoo biyya waraana keessa jirtu kamuutti ni uumama. Fallisaamoo yoo danda’ame waraana hambisuu ykn karaa kamiinuu dafanii xumuranii keessaa bahuudha.
Walitti bu’iinsi biyya keenyatti uumame kunis rakkoowwan hedduu dhaqqabsiiseera. Sirnaafi seerri hawaasummaa jeeqameera. Jaarsummaan kabaja dhabeera. Jaarsummaan kan jiraatu yoo qaamni jaarsummaan akka ta’amuuf fedhii qabu jiraate qofaadha. Gama kanaan ‘TPLF’ murna safuu beektuu miti. Murna ummata Tigraayiifllee hin quuqamne ta’uusaa gochaawwan suukaneessaan muliseera. Jaarsummaa dhiittee waraanatti galtee wareeggama guddaa kanfalte. Amma garuu waan diddu hinfakkaattu.
Gochaawwan suukaneessoo hawaasa qunnamaa jiraniifi jireenya hammaataa kana keessaa bahuuf daandiin nagaa barbaachisaadha. Jibba dhaabuu, qawwee afaan cuqqaaluu, mariin qaamolee dhimmi kun ilaallatu adeemsisamuun fala akka ta’e dhaabbileen siiviilii kunniin jala muranii ibsaniiru. Nageenyaaf harka bal’ifachuun hamaa miti. Gama biraatiin moo’amuu osoo hin taane moo’achuu jechuudha. Kanaaf qaamni hunduu waamicha kanaf owwaachuu qabu jedheen yaada.
Akkuma walii galaatti walitti bu’iinsiifi walwaraansi kun maal fide? Gaaffii guddaan hawaasa keessatti ka’u kana. Akka mootummaan yaadetti olaantummaa seeraa kabachiiseeraa? Nagaa ummataaf fideeraa? Namni miira guutuun gara misoomaatti akka deebi’u taasiseeraa? Ummataafi ummata jidduutti jaalala uumeeraa? Osoo kunniin marti ta’anii jiraatee waan tokko. Altokko tokko wantooti akka karoorfamanitti hindeeman. Nama harkaa ba’anii faallaa sanaan mul’atu.
Akka waldaaleen kunniin ibsanitti sababa walitti bu’iinsa kanaan diinagdeen biyyattii burkutaa’aa jira. Dhaabbileen misoomaafi bu’uraaleen misoom miidhamaa jiru Sirni Jaarsummaan dubbii fixachuun biyyattiin ittiin beekamtu fudhatama dhabaa jira.
Kun duudhaaleefi safuun biyyattiin ittiin boontu rakkoo keessa galuu mul’isa. Waraana kana keessa turuun walitti dhufeenya hawaasaa jeequudha. Dhaloota dhufuuf jibbaafi haaloo gala guduunfanii darbuu ta’a. Kanaaf rakkoo kana callisanii maaltu nadhibeedhaan ilaalurra gadi ba’anii qamoleen walitti bu’iinsa keessa seenan rakkoo kana karaa nagayaa akka hiikan deeggaruun, gorsuun ni barbaachisa. Dhaabbileen amantiillee ijjannoo akkanaa qabaachuu malu.
Waldaaleen kunniin yaada tokko ifatti kaa’aniiru. “Rakkoowwan siyaasaatiif waraananni furmaata waaraa fiduu hindanda’u. Rakkooleen waraanaan furmaata argatu jedhamee yoo kan yaadamu ta’e ummatoota Xoobbiyaa gatiin kanfalchiisan suukaneessaadha.” Kanaaf waraanaan ittifufuu wayya moo gara furmaata biraa barbaadutti deemuu wayya? Akka kootti ammas daandii nagaatu filatama.
Nageenyi karaa tokkoon dhufu hinjiru. Gaafa mootummaan waraana Tigraayi dhaaabee keessaa bahu ‘TPLF’ ija biraatiin ilaalte. Gara hintaaneen hubattee waraanatti galtee mootummaa mallattoo nagaa agarsiise waraanatti deebiste. Kanaanis lubbuun namaa dabalataan bade; rakkoon hawaasummaa uumame.
Biyyattiin diinoota hedduu qabdi. Gaafa nuti waldadhabnu diinni hunma godhata. Gaafa nuti waliigalle humni diinaa ni laafa. Kanaaf ofii keenyaaf waldadhabsinee diinaaf of kennuurra rakkoo keessoo keenyaaf fala biraa barbaaduun dirqama ta’a. Innis rakoowwan biyyattii karaa nagaatiin hiikuuf yaaludha. Ilaafi ilaameetu furmaata ta’a; rakkoo keessoo keenyaatiif.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014