Waasihun Takileetiin
“Shan daddaakaa shan dandeenyee akka waaqaaf har’a geenye” jedhee Weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa. Oromoon sirna hudhaa isatti ta’e kaan daakee kaanimmoo dandahee sirna Gadaasaatiin dhidhiibee waaltessee ijaarama Itoophiyaaf saba utubaa ta’eedha.
Ilaalcha siyaasaa Oromoon dhala namaafis ta’e uumama dacheef qabu dimokraatawaadha humna faallaasaa didee deemuufimmoo bokkuu kaahee booddee qabachuus itti beeka isa kanaafis seenaatu ragaa baha.
Sagalin heerume akka isa si’anaa kana hinagarre jette jaartiin kurnaffaa dargaggeessatti heerumtee; bara humna qaban sagaliin lolu bara humna dhabanimmoo sagaleen isa jedhu kan dagatte fakkaatti.
Sirna qeerroofi qarreen Oromoo shan daakee shan dandahee kumaatama itti wareegee fide har’a karadeemaan harka keessa galchatee konkolaataa to’annoo ala taate gochaa jira.
Hunduu si’a qaba akkas qaba, jaalalli biyyaaf qabanis kanumaan madaalama. Jaalala biyyaa jechuun isiniif maal jechuudha laata? Gaarrenii? Sululawwanii? Lageenii? Biqilootaa? Bineeldotaa? kunnniin marti kan faarfaman yoo dhalli namaa jiraate qofa. Dhalli namaa akka jiraatuufimmoo nageenyi jiraachuun murteessaadha.
Akkuma walitti bu’insi jiru dubbii araaraan furanii nagaa buusuun uumama naannawaa faarsaa jaalala biyyaaf qaban ibsuun ni dandahama. Nageenya buusuufimmoo ulee caalaa jaarsa buletu filatama. Uleen cabsa, qaama hir’isa haaloo garaa kaaha, dubbiifi nageenya waan akaa’uuf ulee caalaa jaarsa bule wayya. Kunis jaarsi bule caba wal’aanaa inni dideefi hinbeekne garuu uleen waldhaana.
Kunniin hundi dagatamee Itoophiyaa biyya sabaafi sablammiin 80 ol keessa jiraatutti fakkeessitoonni akka baraa osoontaane akka baran, akka bara akaakileesaaniitti Itoophiyaa keessa burraaquuf wayita yaalan mul’atu.
Akka yaadasaaniitti isaan caalaa Itoophiyaaf namni yaadu hinjiru; kun xiinsammuudhaan hiyyoomuu yoo ta’een ala namoota Itoophiyaaf beekna jedhan caalaa utubaa ta’ee kan ishee dhaabe Oromoodha.
Gaafa Adwaa, gaafa Koongoo, gaafa Sumaaleefi Baadimmee darbees gaafa murna hattuu ABUT hurreessuu natu jira jedhee onnee guutuun gadi bahee addasaa rasaasaaf kennee biyya kan dhaabe Oromoo ta’uu seenaan mul’isu.
Inni kaanimmoo raajii hojjetee seenaa galmeessisuu caalaa seenaa hatuun faacha ajjeesaa gombifatee, rifeensa filatee wayita sirbu nama ajaa’ibsiisa.
Kanaan walqabatee rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessaa caamuu erga didee oolee bubbuleera. Bitaattis mirgattis yoo garagalle kan dhagahamu sagalee walwaraansaa, sagalee qaala’insa jireenyaa, sodaa nageenyaafi olola..
Dhalli namaas jireenyis barakaa dhabeera, hayyoonniifi ilmaan qaalii Oromoofi Itoophiyaanotaa hedduu dhabamsiifamaniiru, bakka deemanitti harca’uun heddummaachaa jira, bahanii galuun ulfaateera.
Itoophiyaan har’aa biyya jaarsi bule, abbootiin amantiifi ilaafi ilaameen keessa jiru hinfakkaattu; kan lallabamu lola, kan barsiifamu waraana. Biyyattiin raafamasiyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan raafamaa jirti.
Durdur dubbiin afaan buleefi jaarsa buleen ilaalamee murtee argata. Har’a jaarsi bule dagatamee karadeemaan waa’ee biyyaa, waa’ee nageenyaa fi waa’ee egeree biyyaa madaaluun natu sii beeka jechuutu mu’ata.
Dubbiin haabulu kan jedhamuufis jaarsi barii malee galgala araaraaf hintaa’u. Kunis kan ta’eef galgalli afaan awwalii waan ta’eefi. Biyya jaarsi bule dubbii hinfurretti waraanaan waldhabdee furuu yaaliin taasifamu lammiilee gatii guddaa kaffalchiisaa jira.
Qonnaan bulaan harqotaafi nohee kaahee barataan kobbeefi peenna dagatee hayyoonni siyaasa dubbii ho’isuun jaarsi biyyaa kabaja dhabee callisuun biyyattii diiguu yoo ta’een ala ijaara jedhanii yaaduun fafummaadha.
Barri haaraan Itoophiyaanotaa har’a kan simanne kaleessa gooliin bahi jennee gola qoraasneeti.
Warri akka barre malee akka baraa hinbullu jedhanis harkasaanii har’umaa qabanii haa sassaabbatan; yerichi yeroo bilisummaafi walqixxummaan waloo itti mirkanaa’u malee akka jaarraa 16fa fakkeessanii ittijiraatan waan hintaaneef.
Nageenyiifi tokkummaan Itoophiyaanotaa kan mirkanaahu takkaan miira waldandahuu takkaanimmoo miira walqixxummaatti amanuun yoo ta’u, kanaafis kan darbe darbee bara haaraa kanatti ulee caalaa jaarsa buleef gurra kennuun barbaachisaadha.
Bariisaa Fulbaana 1 / 2014