Baay’nni ummataa durummaadha moo hiyyummaadha?

Ragaa Koviid-19 yeroo yeroon nan ilaala. Ragaa biyya keessaatiif maddi koo gabaasa guyyaa guyyaan Ministeerri fayyaa gadi-lakkisuudha. Ragaa sadarkaa addunyaa kanan irraa hordofu weebsiaayitii <http//www:worldmeter.info> jedhurraayi.

 Lamaanuu odeeffannoo wayitaawaa qabu. Torbee kana ragaa koviid-19 kana ‘worldmeter’ irraa ilaaluuf yoon fuula weebsaayiticha saaqu ijji koo wayirra na bu’e; barreeffama “real time world statistics’ jedhu.  “Ragaa addunyaa wayitaawaa” jechuudha; irrakkeessa yoo hiikamu.  Yoon saffisaan irratti cuqaasu ragaa wayitaawaa gadi yaase. Jalqabarra kan jiru baayyina ummata addunyaati. “Baayyinni ummataa maayikroo sakandiin dabala” jecha jedhu mirkaneeffachuuf madda ragaa kanaa ilaaluun hubannoo guddaa namaaf kenna.   

Baayina ummata addunyaa qofa ilaalee hin dhiisne. Achumaanan kan keenyas mil’adhe. Waan ajaa’ibaan arge. Waan kana ofii kootii ilaalee dhiisurra dubbistoota Gaazexaa Barriisaatiif qooduun, achumaan yaada koo irratti kennuuf filadhe. Isinillee ilaalatanii yaada keessan osoo irratti kennitanii dansa.

Akka ragaan kun ibsutti hanga torbee kanaatti baayyinni ummata addunyaa biliyoona 7.89 akka ta’e tilmaama.  Baayyinni ummata  Xoobbiyaa  miliyoon 118.43 gahuu mulisa.

Asuman ragaa  tatamsa’ina koviid-19 wayitaawaa torban kanaa isinitti himeen  gara dhimma kootitti deebi’a. Akka ragaan weebsaayitii kanaa agarsiisuutti addunyaarratti hanga torbee kanaatti namoonni miliyoona 218.05 dhukkuba kanaan qabamaniiru. Namoonni miliyoona 4.53 ta’an yoo lubbuunsaanii taru namoonni  miliyoona 194.96 ta’animmo dhukkuba kanarraa dandamataniiru. 

Xoobbiyaa ilaalchisee akka ragaan kun ibsutti  namoonni hanga ammaa qabaman kuma 306 fi 810 yoo ta’an kan du’an  kuma 4fi 660 dha. Kan dandamatan ammo kuma 276fi 078 dha. Kan keenya isa Ministeerri fayyaa Kibxata tare baase waliin walbiratti ilaaluuf yaaleen ture. Ragaan lamaanuu walitti dhihaata; Garaagarummaa xiqqoo qabaatus. Kan vaayirasichan qabaman kuma 308 fi 134 yoo ta’an kan lubbuun tare kuma 4 fi 675  dha. Kan dhukkubucharraa fayyan ammo kuma 276 fi 842 ta’u. Garagarummaa xiqqoon jiru guyyaa gabaasaa waliin walqabachuu dandeessi.

Namoonni dhukkibicha hamaa kanaan qabaman ji’a Adoolesaa, 2013 wadhakkaarraa eegalee addunyaarratti dabalaa deemuu ragaan ni agarsiisa.  Ragaan biyya keenyaas kanuma odeessa. Kanaafuu, hawaasti keenya of eeggannoo cimaa taasisuu qaba dhaamsa jedhu dabarseen gara  mata duree kootti deebi’a. 

Baayyina ummataa kana wajjin walqabsiisee ragaa tokko tokko duubatti deebi’ee ilaaluuf yaaleen ture. Akka raaga  Dhaabata Mootummoota Gamtoomaniitti (UN), Baayyinni ummta addunyaa Amajjii 2022 ALG ykn ji’oota afur booda biliyoona 7.95 ni dhaqqaba.

Dubatti deebi’amee statistiksiin yoo ilaalamu bara 1804 ALG baay’inni ummata addunyaa biliyoona tokko dhaqqabe. Bara 1927tti, waggaa dhibba tokko booda biliyoona lama gahe. Bara 1960tti  biliyoona sadii dhaqqabe. Waggoota 60 keessatti biliyoon sadeet dhaqqabuuf deema. Hagam saffisaan dabalaa akka dufe ragaa kanarraa hubachuun ni danda’ama. 

Bara 1927 irraa jalqabaee osoo ilaalamee waggaa dhibba osoo hin guutin baayyinni ummata addunyaa dacha afuriin dabaluusaa mirkaneeffanna. Ammas akka ragaan tokko tokko mulisanitti baayyiinni ummata addunyaa dhibbantaa tokkoo oliin dabalaa deemaa jira. Haalli Kun immoo addunyaa garmalee yaaddessaa jira.

Baayyinni ummata biyya keenyaatis  kan addunyaatiin alaa miti. Tarii halli safisa daballiisaa kan caaluudha;  yeroo ammaa waggaatti dhibbantaa 2.5nii oliin guddataa jira.  

Lakkoofsa ummataa bara 1976tti yeroo jalqabaaf adeemsisamaeen lakkoofsi ummataa Xoobbiyaa  toora miliyoon 42 tti shalagamee ture; lakkoobsichi hanqinaalee tokko tokko qabaatus.   Adeemsa waggaa 50 hinguunnetti  dacha afurii oliin guddate. Kun jireenyarratti, uumamarratti dhiibbaa maal fida? Ittin dhufa.

Baayyina ummataatiin Chaayinaan sdarkaa tokkoffaarra jirti; addunyaarraa. Guddina dinagdeetiin sadarkaa lammaffaa qabatteetti.yeroo gabaabaatti tokkoffaa Ameerikaarraa ni fudhatti jedhamee yaadama.  Hindiifi Ameerikaan 2fa fi 3fa ta’anii ittaanu. Biyyoonni kunniin baay’ina ummataa qofa osoo hintaane lafa bal’aas ni qabu. Baayyina ummatasaanii carraa guddinaa taasifatanii itti fayyadamaa jiru. Qabeenyaasaanii qusachaa kan biyyoota hiyyeeyyii saamaa jiru.

Gara ardii Afrikaatti yoo deebi’amu Naajeeriyaan ummata miliyoona 204.14 qabaachuun  sadarkaa tokkoffaarra jirti.  Xobbiyaan sadarkaa sadaffaarra turte 2fatti eddii ‘guddattee’ waggooti muraasti lakkaawamaniiru. Sadarakaa kana Ijibtiirraa fudhatte. Yeroo ammaa akkuma Addunyaattu sadarkaa 14fa irratti argamti, Xoobbiyaan. Baayyina ummataa kana wajjin guddini dinagdee akkamiitu dhufe kan jedhu qo’annoo barbaada.

Baay’inni ummataa, dhiibbaan inni fidu lafa ummanni irra qubateenis ni madaalama. Afaan Ingiliziitiin “ population density” isa jedhamu sanaadha.  Tarii afaan Oromootiin yeroof ‘qubiinsa ummataa’ jedhee haa fudhadhu. Qubiinsa ummataa jechuun ummanni meeqa lafa kiiloomeetr iskuweeri (km2) irra akka qabuate kan reeshoo baasudha. Baay’ina ummatta biyya tokkoo ykn naannawa tokkoo bal’ina lafaa ummanni sun irra qubateef hiruudhaan safarama.  

Kanaan gaafa safaramu hagam lafti namatti akka bal’attuufi dhiphattu ilaalama malee akkasumatti lakkoofsa ummataa qabatanii namni baay’ate ykn xiqqaate jechuun hindanda’amu. Dhugaan jiru garuu reeshoon kun yeroo yeroon lafti namatti dhiphachaa deemuu agarsiisa.

Sababiinsaa lafti biyyi tokko birmadummaan qabatte bal’achaa hin deemu; yoo biyyooti walitti makaman ykn tokko daangaa biyya biraa cabsee ofitti make malee. Ummanni garuu akkuma harmaan olitti ilaalle maayikroo sakandiidhaan dabalaa jira. Dhalli namaa walhoraa jira. Faallaa kanaan du’atu jira. Uumamti waan hundaa walmadaalessuuf yaalti. Garuu kan du’urra kan dhalatu garmalee waan baayyatuuf dachiin dhala namaa humnaa ol baachuuf dirqamaa jirti.

 Haala qubiinsa ummataa kanaan, addunyaarratti biyya qubannaa ummataatiin tokkooffaa hanga sadaffaa jiran Maka’u (21,055/km2), Monako (19,150/km2), Siingaapoor (8,109/km) kan jedhamaniidha. ‘Hong-kong’ namoota 6,667 km2 qabaachuun sadarkaa 4fa irratti argamti.

 Biyyoonni guguddoon lafa babal’aa qaban walitti siqiinsi ummataa haga kanaa miti. Fakeenyaaf Chaayinaan qubannaanshii namoota 146/km2 yoo qabaattuu Hindiin ammoo namoota 412/km2 qabdi.  Hinditu irra walittisiqiinsa ummataa guddaa qaba. Ameerikaan nama 35/km2, Kanaadaan namoota 4/km2, Ruusiyaan nama 8/km2 qabu. Kun kan mul’isu biyyoonni addunyaarratti baay’ina ummataatiin sdarkaa jalqabaarratti argaman qubannaan ummataattiin fooyyannia qabaachuusaaniiti.  

Ardiin Afrikaa ummanni qabdu ummata addunyaarraa % 17. Qubannaan ummataa 45/km2 akka ta’uudha.  Biyyi Mooriishiyees sadarkaa tokkoffaarratti argamti; 627/ km2. Ummanni garmalee walitti sissiqee jiraata jechuudha. Ruwaandaa, 525/km2, Koomoros 467/km2, Naayijeeriyaan kan baayyina ummataatiin sadarkkaa jalqabaarra jirtu qubannaanshii 226/km2dha. Xoobbiyaan sadarkaa lammaffaarratti jirtu 115/km2, ta’a (ragaan kun baayyina ummataa olitti eerameen waljala taruu ni mala, yeroon adda adda waan ta’uuf)  Ijipt gara nama 103/km2.

 Qubannaan kun yoo akkasumatti ilaalamu waan salphaa fakkaata. Garuu namni hagam akka walitti siqee jiraatu mul’isa. Fakkeenyaaf bal’ina lafaa Xoobbiyaa ummataa jiruuf haa qoodnu. Yoo heerregnisaa hojjatame heektaara 100 tokkorraa namni 115 qubatee akka jiru hubanna.  Qoodni nama tokkoo heektaara tokkoo gadi ta’uu muli’sa. Kanarraa baay’inni ummataa dhiibbaa maal akka qabu hubachuun nama hinrakkisu.

Baayyinni ummataa duromina ykn hiyyoomina kana ta’u haalaa  guddina dinagdee biyyaa wajjin kan walqabatuudha. Biyya dinagdeen hinbadhaadhin, omishtiifi omishtummaan hinguddatiiniti ummanni garmalee baay’achuu jechuun rakkoo hawaas dinagdee guddaa kan uumuudha.

Kanaaf, addunnyaan biyyoonni baay’ina ummataa karoora maatiitti fayyadamuun akka gadi buusaan kan lallabaa ooltu.

Gama biraatiin biyyoota dinagdeen guddatan keessatti baayyinni ummataa gara faayidaa dinagdeetti jijjirun ittifayyadamu. Ummanni baay’een qabeenya ykn galii fooyya’aa qabu horachuun naanna’ee dinagdee biyyattii akka utubu gargaara. Ummatich ni omisha; walitti gurgura, walirra bita, waliif qooda. Hindiiniifi Chaayinaan baayyina ummataa qaban gara carraa guddinaatti jijjiruuf kan ifaajaniif kanaafi. Addunyaarratti facaasanii akka hojjatan kan godhaniif bu’aa irra argachuufi.

Kanas ta’ee sana baay’inni ummataa qabeenya uumamaa addunyaarratti dhibbaa hammaataa geessisaa jira. Ragaan tokko akka eerutti addunyaarratti waggaa tokko keessatti albudni gara garaa toonii biliyoona 90 ykn kuntaalli biliyoona 900 ta’u lafa keessaa baha. Hala kanaan dachiin kun hanga yoomiitti nama qananiistee jiraachisuu dandeessi? Gaaffii saayintiistotaa isa guddaadha. Mee itti yaadaa!

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You