Waan hindagatamne akka hinirraanfanne

Qalbiin namaa bakka tokko hinjiru, bakka adda addaatti facaeera. Bara kana, akka dhuunfattis ta’ee akka biyyaatti, wanti yaadan hedduudha.

Yaadni namaa heddun kaaba jira, gartokkeen kibbaa, kuun baha, gariin lixa. Bakka hundaa jiruufi jireenyatu jira. Sochii dhala namaatu argama. Dhalli namaa uumamaan waan hedduun walitti bu’a. Ofiisaatiif sammuusaa wajjin wal’aansoo walqaba; jiruufi jireenya injifachuuf.

Uumama gara fedhasaatti fidee itti fayyadamuuf. Nama waliinii walitti bu’a, gareefi gareetu waldhaba, waliin araarama. Kun hunduu adeemsa jiruufi jireenyaa kallattii hundaan dhala namaa marsee jiruudha.

Bakka fedellee jiraatu-Afrikaas ta’e Awurooppaa, Isiyaas ta’e Ameerikaa-waantonni dhala namaa yaachisan hedduudha. Isaan keessaa inni tokko nagaadha. Walitti bu’iinsa jiruufi jireenyaa keessatti gutumaan guututti dhabamsiisuun rakkisaa ta’ullee dhalli namaa nagaafi nageenya qabaachuu barbaada.

Yoo biyyi nagaa taate namdhuunfaan maatiin, ollaan nagaa ta’a. Nagahaan bahee nagahaan gala. Yaadoo keessaa bahee waan qabu waliin qooddatee jiraata. Dhiibbaa uumamaafi natolchee ofirraa dhiiba.

Kan biraa fayyaadha. Hawaasa fayyaa qabeessa qabaachuun qabeenya hunda caala. Hawaasni fayya qabeessi ni omisha, ni hojjata, iyyummaa keessaa bahuuf tattaafata. Kanaaf, akkuma nagaafi tasgabbiidhaaf xiyyeeffannaan kennamu fayyaa ummataa eeguuf mootummaan biyya kamuu imaammataafi tarsiimoo fayyaa hawaasaa ittiin eegu baafatee hojjata. Biyyi keenyas akka biyyaatti addunyaan ala waan hinjirreef dhimmoonni kunniin kan xiyyeeffannaan itti kennamuu qabuudha.

Dhimmi fayyaa hawaasaa keessattuu kan dhukkuba koronaa vaayirasii (KOVID-19) wajjin walqabate har’as ajandaa fayyaa isa guddicha ta’ee ittifufeera. Hawaasni addunyaa yaaddoo balaa KOVIID-19 keessaa hinbaane.

Marsaan ykn danbaliin duraa dhala namaa garmalee dachiirraa haxaa’ee darbeera. Marsaan lammataa keessatti-talaalliin dhukkuba kana ittisan biyyoota adda addaa keessatti tolchamanii hojiirra oolanillee, hubannoon namaa kan duraarra dabalaa dhufullee, beekumsin saayintiistonni vaayirasii kanarratti qaban dabalullee- miidhaan geessise salphaa miti.

Dambalii lammataa keessatti biyyooni Awurooppaa fi Iiisiyaa hedduun keessattuu biyyi hindii garmalee rukutamteetti. Biyyoonni afrikaas qabana qabaatanillee amma tokko miidhamaniiru.

Biyya keenyattis yeroo damablii kovid-19 isa lammaffaa hanga sireen ciisichaa hospiitaalota tajaajila fayyaa KOVIID-19 kennanii dhiphatanitti, hanga oksiijiiniin walhanqatutti rakkoon uumameera’ Kana malees lubbuun namoota hedduus darbeera.

Dhugaa jiru duubatti deebinee yoo ilaalle dhuguma KOVIID-19 addunyaa tana karaa adda addaatiin garmalee miidhee jira. Kanammoo namatu dubbata; lakkoofsatu mirkaneessa. Eddii dhukkubni koronaa addunyaarratti dhagahamee waggaa tokkoofi ji’a torba ta’eera.

Yeroo kana keessaatti addunyaarratti maaltu uumame? Lubbuu namaatii? Dinagdeedhaan? Siyaasaan? Jireenya hawwaassummaatiin? Namni miliyoon 200 ta’u dhukkuba kanaan qabameera. Karaa adda addaa miidhaa hammaanis irra gaheera.

Namni miliyoona 180 ta’ummoo dhukkubuma kanaan qabamee carraa dandamachuu argateera. Kan carraa kana dhabee addunyaa kanarraa du’aan godaane ammoo miliyoon afurii ol gaheera. Namni miliyoon afur waggaa tokko keessatti addunyaarraa du’aan dhabamuu jechuun hiika maal qaba? mee shalagaa?

Guaruu akka biyyaattis ta’ee akka addunyaatti ulfaatadha. Maatiin namoota dhukkuba kanaan qabamanis ta’ee du’aan boqotan miidhaan dinagee, hawaasummaa, xinsammuu akkamii keessa akka turan yaadachuun of eggannoo gara fuulduraatti taasisnuufillee dhaamsa gaarii dabarsa.

Balaa KOVIID-19 geessisne biyyaan adda baasennee yoo ilaalles wanti hubatnu hedduutu jiru. Biyyaan yoo ilaalame kan akka biyya Ameerikaa miidhame hin jiru. Lammii kuma 600 ol du’aa dhabdee jirti. Osoo qabeenyiifi beekumsi vaayirasii kana kan ittisu ta’ee Ameerikaan addunyaa kanarratti waan hundaan badhaatuu taate hanga kan hin hubamtu.

Namooti hanga kana baayyatan lubbuusaanii hin dhaban. Biyyattiin hagam lammiishiitiif akka quuqamtu waan beekamuuf qabeenya qabdu hundumaa itti firfirsitee du’a namoota kanaa ni dhaabdi turte. Garuu dubbiin qabeenya osoo hin taane of eeggannoofi, xiyyeeffannaa dhukkubichaaf kennamuudha.

Biyyi Ardii Ameerikaa Kibbaa Biraaziil lammii hedduu du’aan dhabuudhanv addunyaarra sadarkaa lammaffaarratti argamti. Hanga torbee kanaatti lubbuun namoot kuma 560tti siqu koronaadhaan galaafatameera.

Biyyi kun biyya diinagdeensaanii saffisaan guddachaa jiru keessaa tokko taatullee, dhukkuba kana haal barbaachisuun lammiisheerraa ittisuu hin dandeenye. Wanti biyyasanatti muuxannoo fokkataan mul’ate hoogansi biyyattii pirezidaantii biyyattiirraa eegalee dhibicha tuffachuufi utaalloodhaan adda baasuu dhabuudha.

Kunimoo gatii guddaa isaan kaffalchiiseera. Gama biraatiin of eeggannoo hagam barbaachisaa akka ta’e irraa baratama. Yeroo hunda muxannoo gaarii qofarraa osoo hentaane muuxannoo fokkataa irraa waa barachuun akka danda’amu taateen biyya Biraaziil nama barsiisa.

Kanaaf, akka biyyaatti hoggantoota irraa eegalmee ammas dhimmi KOVIID-19 rakkoo fayyaa, dinagdee, hawasummaa, xiinsammuufi siyaasaa ta’uunsaa hubatamee ittisa isaarratti waliin hojjechuun barbaachisaa akka ta’e jala muramee beekamuu qaba.

Dhukkuba kanaan miidhamuudhan Hindiin Sadeessoodha. Hanga ammaatti reenfa namooto kuma 425 olii awwaalteetti ykn gubdeetti, akka aadaasaaniitti. Biyyattiin kun irra caala dambalii KOVID-19 marsaa lammaffaadhaan rukutamte.

Chaayinaan biyyi vaayirasiin kun itti jalqaba mul’ate tarkaanfii imaammataafi tarsiimoo fudhatteen osoo talalliin hin argamin dura dhukkuba kana too’achuu dandeessee jirti. Osoo akka baayina ummataatii biyya kamiyyuu caala addunyaa kanarratti kan hubamu Chaayinaa turte. Garuu ofirraa ittistee lammiishii baraarteetti. Hindiin ammo humna kana horachuu hin dandeenye.

Guddatus xiqqaatus biyyi KOVIID-19 hingahin hinjiru. Akkuma qaama addunyaatti dhukkubni kun biyya keenya dabalatee biyyoota Afriikaas daawwateera. Humna biyyootaa kanaa ilaalee Waaqayyo harka irra qabe fakkaataa, biyyoonni Afrikaa garmalee hinhubamne.

Ta’us lubbuun namaa dhabame, namoonni balaa dhukkuba kanaatiin gaaga’aman, kan miidhaan adda addaa irra gahe salphaa miti. Biyyuma keenya iyyeetii tana akka fakeenyaatti yoo fudhanne nama kuma afur ol awwaalteetti. Kun kan ragaadhaan bira gahameedha.

Namoonni kuma dhibbaan lakkaawaman dhukkuba kanaan qabamanii dandamataniiru. Kan ragaan hin dhaqqabin ammo meeqa ta’a laata? Waluma haa gaafaannu? Sanas ta’e kana bal’aan dhukkuba kanaa biyya keenyas dhahee jira jedhanii fudhachuun of eeggannoo taasisu jabeessa. Yoo xiqqeessanii ilaalan of eeggannoon taasisamus lafaa waan dhufuuf balaa caaluuf saxilamuun akka jiru yaaduun barbaachisaadha.

Of eeggannoo KOVIID-19 ittisuu wajjin walqabatee wantooti sirratuu qabu ni jira akka ilaalcha kootiitti. Kanamoo ogeessitonni fayyaa irra deddeebi’anii dubbachaa jiru. Hawaasti keenya kan baadiyyaa dhibeen koronaa jedhamu kun jiraachuusaattiyyuu waan amanan hin fakkaatu. Sababa adda addaatiin badiyyaa keessa nan deema. Dhukkuba kana ilaalchisee yaadni namni kennu ammallee of dagannaa guddaan jiraachuusaa mul’isa.

Dhukkubicha dhukkuba magaalaa keessaqofa jiru taasisanii ilaaluun ykn yoo nama qabe kan haala salphaan dandamatan taasisanii fudhatu. Kanaaf ofeegannoon jiru laafaadha jechuurra hinjiru jechuutu caala.

Magaalaatti hubanoon waldarbullee of eegganoonn taasisamu waluma fakkaata. Geejiba keessatti namni maaskii godhachuu dhiiseera. Walirraa fagaachuun hafee walitti siqaa kan jedhame fakkaata bakkawwan tokko tokkotti. Walgahiileen qamoleen addaaddaa, mootummaa dabalatee , gaggeessan kan pirotokolii biyyattii eeggatee miti. Kunimmoo weerarri dhukuba kanaa akka marsaa sadaffaarrti biyyattii hinliqimsine sodaatama.

Biyyi teenya iyyeettiidha. Qoricha farra KOVID-19 kana haala barbaadamaan bittee ummataaf dhiheessuuf humna hinqabdu. Kan nu baasu of eeggannoo qofa. Laafiinsi of eeggannoo kun itti cimuu qaba. kanaaf hawaasti marti, maatirraa eegalee gahee irraa eegamu bahuu qaba.

Dambalii marsaa sadaffaan addunyaa rukutuu jalqabeera. Marsaa jalqabaafi lammffaarratti akkuma namoota hedduu galaafate marsaa sadaffaarrattis balaa caalu akka hin geessisne addunyaan sodaachaa jirti.

Ragaan tatamsa’inaafi ajeechaa lubbuu namaa Ji’a Adoolessaa kana keessa addunyaarratti dabalaa jira. Kanaaf Ameerikaafi Faransaayi dabalatee biyyoon guddatan akeekkachiisa dabarsaa jiru. Talaallii lammiisaanii waliin gahuuf hanga humnaan deemutti jiru. Nutimmoo talallii humnaan dhiisii fedhiidhaan walqaqqabsiisuu dhadhabne malli nu baasu of eeggannoo qofa.

Kanaaf qalbii keenya wanta adda addaatti qoodame walitti qabannee of-eeggannoo cimsuun barbaachisaadha. Carraan dhukkubaa kanaan qabamuufi dhiisu nama dhuunfaa harka jirti. Bakka hundatti of eeggannoon sadarkaa jalqabaarratti eerama. Waan dagatamuu hin qabne irraanfannee balaaf of saaxiluu hinqabnu. Ofis maatii keenyas haa eegnu.

Torban gaarii!

BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013

Recommended For You