Tashoomaa Qadiidaatiin
Uumamaan namni tuqama fedhu hin jiru. Akkuma kana ammoo kan mirga namaatti darbus ni jira. Ummata Itoophiyaa ummati tuqama hinfeene. Garu ammoo mirga isa birooti hincee’ne ta’uusaatiin seenaa keessatti kan danuu iyyaafatameedha.
Seenaa ummata Itoophiyaa keessatti kan baldhinaan eeramu tuqama jibuusaa qofa miti. Mirgasaa sarbame deebifachuuf qixa tokkoon walatoomsee ka’uufi socho’uunsaa dhimma hindagatamne tokko.
Muuxannoon bara dheeraa ummatichaa akka calaqqisuttis gaafa waltumsee tokkummaan dhaabate mirgasaa kabachifachuu malee diinasaatiif barumsa bara baraa kennee gaggeessa.
Ammaan tana tokkummaafi walitti birmannaa ummatoota Itoophiyaa kana kan hinhubanne yoo kaa osoo beekuu tuffiidhaan kan socho’u yoo jiraate Wayyaanneedha.
Wayyaaneenis guyyaa raayyaa keenya bakka inni biyyi nagayaa jedhee boqonnaarra jirutti rukutee kaasee eenyummaa ummatoota keenyaa hubachuunsaa hinmamamu.
Oromoon yoo mammaaku ”Harree halaakaa dhute halaaksisaa fe’atu” jedha. Akkasuma Wayyaanneen isa quuqaafi maal dhabdiin ummata naannoo Amaaraafi Affaar daangaasaa cabse akkuma dhufasaatti deebisuuf Itoophiyaanonni har’as akkuma kaleessaa tokkummaa diinasaarratti qabu haaromsee ka’eera.
Kaabaa kibbatti, bahaa lixatti, magaalaa Baadiyaa, hojjetaa mootummaatii kaasee hanga qonnaan bulaatti, amantiifi sanyummaadhaa, dhiiraa dubartii jedhee osoo addaan wal hinqoodin ummanni keenya waamicha nageenyaa biyyisaanii goote fudhachuudhaan tokkummaan ka’uu mul’iseera.
Akka fakkeenyaatti tibbana Finfinneetti wayita dargaggoonni waamicha kana fudhachuudhaan garasitti imaluuf qophaa’an maanguddoo ummrii 79 miseensa raayyaa duraanii kan turan Irreessaa Ayyanaachawu Wandiyoo haasofsiseen ture.
Maanguddoon kun jiraataa kutaa magaalaa Eekkaa aanaa tokkootti. Bara 1974 waraan Shaabiyaafi TPLF wajjin daangaa Ertiraatti godhamen miilisaanii lameen irraa cituudhaan miilaa “Artifishaalaa”fi uleedhaan deggaramii deemu.
Guyyaa kana maaltu asiti isin fide jechuun gaaffii Gaazexaan Bariisaa dhiheesseefiif yoo deebisan, akkuma argitu qaama koo kanan gate daangaa biyya kiyyaa eeguuf jedhettin. Ilmi kiyyaafi obboleess quxisun kiyya ammoo nagenyuma biyyaa kanaaf achumatti kitimaa’aniiru.
Firoonni koo kanneen hafanis hedduunsaanii xiiqii kan bahuuf garasitti qajeelaa jiru. Anis waamicha mootummaan godhe kana dhagaheen dargaggoota Fininneetii garasitti duuluuf qophaa’an gageessuuf asitti argameera.
Akkuma “Daangaan yoo nagayyaa qabaate giddugallis nagayya argata” jedhamu nuti Finfinnee keessa nagaanaafi tasgabiidhaan jiraachuu kan dandenyu yoo biyyi teenya nagaa taate qofa.
Dargaggoonni keenya akkuma abbootii keenyaa daangaa biyyasaanii kabachiisuun dirqama seenaan darbe itti keene ta’uu beekudhaan gurmuu tokko hoo!!! Jedhanii garasitti deemuuf qophaa’un isaanii nagamachisera. Itoophiyaanis akkuma kaleessaa ijooleesheetiin kabajamtee diinashee ni mooti jedhu.
Ummata kenyaa kanneen Wayyaaneedhaan miidhamaa jiran dhiigasaa dhangala’e deebisuuf gara adda waraanaatti duuluuf carraa argachuu baadhus dargaggoota duulaaf ka’an kanneeniif hamilee kennuuf argamuu kiyyatti gammadeera jedhan.
Wayyaanneen durumaa kaastee oduu kijibaa afufuudhaan ummata Tigraafi ijooleesaa abidda waraanaatti naquudhaan kan beekamtuudha kan jedhan manguddoon kun, ammas oduu dharaa bittinsuudhaan bakka hingayinitti, gaye jechuudhaan ummata nageenyaan taa’u sodaa keessa galchaa waan jirtuufdhageeffatinaa jedhaniiru.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013