Dachaasaa Roorrootiin
Mee ganni akkami? Jidduu kana waan cime fakkaata. Finfinnee teenya gaarren Inxooxxoo, Ekkaa, Furiifi Hococarraan hurrii itti mareera. ‘Hococarraan duumessaa’ee fooliin gootaa urgaa’ee’ jedhu yoo sirban.
Duumessa waliin qorrisaa garmalee cimee niitii nama haammachiisa. Kan niitii hin qabnee boraatiii qaba. Warri dur hammeenya qorraa yoo dubbatan “qurcii nama hammachiisa” jedhu. Kun amma aadmaleefi seeramalee ta’eera.
Gaareen Inxooxxoo, Ekkaa, Furii, Hococa, Ererii, Barakiifi kkf naannawa Finfinneeti ykn dhiheenya Finfinnee- qe’ee warra Gullallee, Galaan, Abbichuufi Ekkaa- biyya Tufaa Munaa, Jimaa Jaatanii, Guutoo Wasarbii, Waaree Gololee, Abeebee Tufaatti ,Tufaa Araddoo, Moojoo Boxoraa argamu.
Mee maqaaleen kunniin maal ibsu? Hiika qabuu? Dhaamsi dabarsan jiraa? Haala kanaan ofii keessan ykn nama biraa gaafattanii beektuu? Yaadi koo kan har’aa moggaasa maqaa wajjin walqabata.
Saayinsiiraayiin haa jalqabu. Saayinsiin mogaasa maqaa qoratu akka jiru quba qabduu jedheen yaada. Yoo qabaachuu baattanis ittiinan wal isin barsiisa. Saayinsiin kun sooshoo- onomaastiik ‘Socio-onomastic’ jedhamuun beekama.
Qo’annaa saayinsii xinqooqaa keessa jira. Xinqooqa qooqaa keessatti ‘sociolinguistic’ keessatti ramadama. Dhiibbaa duudhaan hawaasaa jechuunis aadaan, safuun,… ittifayyadama qooqaarratti qabu xiinxala. Saayinsii dhiibbaa hawaasti qooqarratti qabu kan sakattauudha. Saayinsiin kun bara toora 1970 (ALG) irraa eegalee guddachaa dhufe.
Saayinsiin kun maqaa akkaataa itti moggaafamu, maaliif akka moggaafamu, maaliin akka walqabatu qoratee iccitii maqaa waliin walqabatee jiru ibsa. Saayinsiin kana bu’uura godhatanii maqaa Oromootiin mogaafaman osoo qoratanii waan hedduu, seenaa guddaa irraa barachuun ni danda’a.
Oromoon waan hedduu barreeffamaan osoo hintaane afoolaan qaba. Gaafa maqaa namaa baasu, maqaa lafaa moggaasu, gaarren waamu, laggeen maqaa dhahu wantoota maalummaasaa wajjin walqabataniin akka walitti hidhu beekamaadha. Kanaaf seenaa Oromoo keessatti maqaa qorachuu jechuun yaadama ummata sanaa, falaasama jiru, duudhaawwan tolchaman barachuu jechuudha.
Biyya kanatti qo’annoon gama kanaan hagam akka gaggeeffame ragaa qabaachuu baadhullee dhimmi kun xiyyeeffannaa qo’attoota seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo keessatti iddoo gahaa qabaachuu mala. Maaliif yoo jedhame maqaa duuba wanti hedduun waan jiraniif.
Moggaasti maqaan aadaa ummatichaa wajjin walqabatee moggaafamuu hedduun jiru. Naannoo Gaambeellaatti maqaan namaa aadaa ummatichaa wajjin walitti hidhata guddaa qaba. Maqaan ilma angafaa maatii hunda keessatti walfakkaata jedhama. Kan ilma itti aanee dhalatus haaluma tartiibaan maqaa ittin waamamu ummatichi tolfatee lafaa akka qabuudha; ummatichi.
Kanaaf maqaan ilma angafaa maatii hunda keessatti yoo walfakkaata maaliif jedhamee hingaafatamu. Aadaa ummatichi qabuudha. Aadaa adeemsa baraa keessa uummateedha.
Maqaan amantaa nama sanaa ibsuu hedduudha. Akkuma waliigalaatti murteessuu sirrii ta’uu baatulle maqaan hordfaa musliimaa hedduun ni beekamu. Gaaf nama tokkoon ‘Mahaammad’ ykn ‘Ayishaa’ jedhan namni sun hordafaa amantii Islaamaa akka ta’e namatti agarsiisa. Asumaan maqaan walfakkaataa addunyaa kanarratti namni hedduun ittiin moggaafame ‘Mahaammad’ kan jedhuudha.
Ragaawwan tokko tokko akka mul’isanitti namoonni addunyaarratti maqaa kanaan moggaafaman miliyoon 150tti shalagamu. Baay’inna ummata Xoobiyaatii caalu jechuudha. Maaliif dhiirri hagana baay’atu maqaa kanaan waamama? Saayinsiin sooshoo-onomaastik jedhu kana barabbaree qoratee hiika itti kenna. Gaafiif deebii kenna.
Akkuma beektan moggaasti maqaa kan kennamu namaaf qofa miti. Dachiin, tulluun, lagni, gaarren, haroowwan… maqaa ittiin moggaafaman qabu. Maqaa gaarren Finfinnee marsanii jiran irranatti kaaseen ture. Maqaan kun akkanumatti kan moggaafamee miti. Duubasaa maaltu jira jedhanii yoo qoratan waan dhokate hedduu namatti mul’isa.
Yoo “Gaara Ekkaa” jedhamu warri hiika itti dhaban ni jiraatu. Warri beeku ammoo maqaa gosoota Oromoo Tuulamaa keessaa tokkoon akka moggaafame? Gosti kun eessa akka jiraate? Maal akka hojjate? Qacceen gosa kanaa eessa akka geesse diriirsee himu danda’a.
Gaarri Furii, Barak kanuma ibsu. Ani Inxooxxoo jechuun maala akka ta’e hinbeeku. Kan qorate maqaan kun maaliin akka walqabate himuu danda’a. Kana malees moggaasti idoo kan akka Laaftoo, Jamoo, Aqaaqii, Gullallee, Ekkaa, Boolee… jedhan magaalaa Finfinnee keessa jiru. Maqaalee kanneen duuka bu’ee namni qo’annoofi qorannoo adeemsise maalummaafi abbummaa amma qaamoleen adda addaa irratti walgaarreffatan kana sirriitti hubata.
Kan biraa itti haa dabalu. Ristii namaati barbaade naan hinjedhinaatii maqaaleee dachii naannolee ollaa Oromiyaa jiran tokko tokko maaliif akkanatti moggaafame jettanii gaafachuun keessan hinoolu.
Goojjam keessa laftiifi gaarrewwan maqaa Oromootiin moggaafaman danuun ni jiru. Eenyutu dachii kanaa maqaa kanaan moggaase? Maaliif moggaase? Ummata Amaaraatu maqaa kanaan akka waamaman taasisee? Walloo keessa dabee hanga Tigiraayitti maqaa lafa ykn gaara maqaa Oromootiin waamamu nama quunnama.
Qorannoon maqaa kanaan hiikaafi seenaa, aadaa maqaalee kana wajjiniin walqabatan ibsa. Haaluma walfakkaatuun maqaan “Dabra zayiti, Naazireet? Hagara-hiwoot, Giyoon, Asaba-Tafarii jedhan kan magaaloti Oromiyaa hedduun bara dur ittiin waamaman ni jiru.
Maqaaleen kunniin bara dhihoo as tartiibaan Bishooftuu, Adaamaa, Ambo, Waliso, Ciroo jedhamanii mogaafamaniiru. Saayinsiin sooshoo-onomaastik jedhu kun kanallee ni qorata. Dhalootaaf deebii kenna. Kanaaf wanti kun sirriitti qoratamee ummataaf ita ta’uu qaba.
Sila waa’ee moggaasa maqaa namaa kaaseen ture. Yeroo hunda moggaasa maqaa dhalataa Oromoo wajjin walqabatee wanta qalbiitti na dhufutu jira. Tartiibni maqaa Oromoo sirna biyya kana keessa ture mul’isa ykn agarsiisa yaada jedhun qaba. Maquma koorraa yoon ka’e maqaa Amaaraati.
Abbaan koos maqaa Amaaraatiin moggaafame. Akaakayyuu koorraa eegalee maqaa Oromooti. Maqaan ijoollee kiyyaa hunduu Oromoodha. Kan waaqayyo eebbisee ilmoo godhates ijoolleesaa Maqaa Oromoo moggaase. Kanaaf ijoollee ijoollee koorraa yoonan ka’e tartiibni maqaa keenyaa afaan ittiin moggaafame Oromoo- Oromoo- Amaara- Amaara- Oromoo… ta’ee ittifufa.
Kun maal jechuudha? Umurii namoota kanaa, sirnoota biyya kana keessa turaniifi jiran waliin walqabsiisanii yoo ilaalan dhimmichi ifa ta’a. Uffata ofii gatanii kan ergisaa kaayyachuu… kan ergisaa sun sirrii akka hintaane gaafa hubatan kan ofii, kan ummaafi dhalootaa sanatti deebi’uu agarsiisa. Mishaa.
Ergisaan- ergisaadhuma. Nama hinmiidhagsu, gubbaa miidhagsullee keessi qullaa ta’uusaa dagachuun hinbarbaachisu. Kanaaf dhaloonni ammaa Oromoon dura maaliif of gatee amma deebi’ee of barbaadaafi of ijaaraa jira jedhanii gaafachuu qabu. Dhimmi Oromummaa wajjin walqabachuusaa dagachuunis hinbarbaachisu.
Moggaasa maqaa wajjin walqabatee waan natti mul’achaafi dagaagaa jiru tokko haa dabalu. Biyya kana keessatti maqaa biizinasii dhiisii maqaa ilmoo ofii Afaan Oromootiin moggaasuun akka qaanititti akka ilaalmuufi akka ummatichi irraa of-qoollifatu ta’aa akka ture ni beekama.
Maqaan biizinasii Afaan Oromoo qabaatan kan bara sirna nugusaa, Darguu yoo jiraatan haala ajaa’iba ta’een kan moggaafaman ta’uu malu. Amma amma garuu kaanpaaniiwwan guguddoon, baankiiwwan bebbeekamoon, indistiriiwwan jajjaboon, waarshaaleen maqaa qaban Afaan Oromootiin moggaafamaa jiru.
Maqaaleen warri keenya kan jaarraa hedduu dura jiraatanii sirna miidhagaa sirna dimokraasii- Sirna Gadaa – tolchan amma bal’inaan addabaabaayii biizinasiitti bahaa jiru. Dhaabbileen daldalaa maqaa Odaa, Gadaa, Siinqee, Oromiyaa, Meelba, Walaabu.. jedhamanii moggaafaman hedduudha.
Kanaan alas kan maqaalee Oromoo kan biraatiin waamaman yeroo keessa baay’achaa dhufaniiru. Kun mataasaatiin yoo qoratame waan mul’isu agarsiisa. Oromummaan kun gara itti deemu ‘malkita’ kenna. Ofitti deebi’anii kan ofiitiin boonuu, kan ofiitiin bashannanuu, sanyii baddee ta’uurraa of baraaruu.
Akkuma walii galaatti ani waanuman argeefi taajjaben dhiheesse. Keessa keessa dhaamsin dabarfachuu barbaade akka jiru na hubattu jedheen yaada. Hayyoonni keenya keessumaa kan afaanii dhimma kanaaf osoo xiyyeeffaannaa kennanii qo’anoo irratti adeemsisanii seenaan dhokatte, aaadaan bade, dhuudhaan irraanfatamte, safuun dagatmte ifatti bahuu jedheen yaada. Kunimmoo dhaloota dhufuuf daawitii ittiin of ilaalan, kompaasii kallattii fuulduraa itti mul’isu argatu.
Qo’annoon moggaasa maqaa waa hedduu agarsiisa. Dhiibbaa jijjirama siyaasaa, fullee jijiirama hawaasummaa, adeemsa giloobaalaayizeeshinii, hacuucaafi hacuuccaa, adeemsa madaqsuu (assimilession), kufaa ka’iitii hawaasa tokko kkf keessatti hubatama. Kallattii gara fuulduraallee agarsiisa.
Torban gaarii!
Bariissaa Adoolessa 24/2013